Dubbayyuu/Quotations

Dubbayyuu Goototaa 15

Hubannaa Leellisaa

Akka Dhahaa Oromootti, baatiin Eblaa ji’a arfaffaa ti. Baatiin kun immoo seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti waan ittiin yaadatamu qaba. Yaadannoon kunis guyyaa irra oolu qaba: EBLA 15: Guyyaa Gootota Oromoo ti. Ebla 15 bara baraan naanna’ee dhufu kanas sababa yaadannuuf gurguddaa lama qabna. Tokkoffaa, guyyaan kun guyyaa faajjii tokkummaa qabsaa’ota bilisummaa Oromooti. Guyyaa kana kan faajjii tokkummaa taasise, wareegama qabsaa’oti bilisummaa Oromoo gamtaafi tokkummaan kaffalaniidha. Qabsaa’oti guyyaa kana wareegaman ajaja diinaa kan amantiin addadda isaan baasuuf akeekkatee ture, tokkummaan didanii wareega hadhooftuu fudhatan; kaayyoo bilisummaa ganama irbuu seenaniifii falmaatti bahaniif amanamtoota ta’anii tokkummaan wareegamuu filatanii, akkuma tokkumaan wareegamanitti boolla tokkotti awwaalamuun tokkummaa qabsoo bilisummaa Oromoof utubaa sibiilaa ta’anii darban.

Lammaffaa, guyyaan kun guyyaa gootota Oromooti. Guyyaa gootota Oromoo kan taasise immoo qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti wareega goototi bilisummaa Oromoo kaffalaniidha. Guyyaa kana kanaaf, gootota keenya kabajamoo, kanneen lubbuu isaanii lamuu hindeebine san bilisummaa saba isaaniif jecha kaffalan ulfinaan yaadanna.Guyyaa goototaa kana yaadachuunis, irbuu keenya haaromsanii, kaayyoo isaan kufaniif san qabannee haga kufnutti akka tarkaanfannu kan deebisnee waadaa ofiif itti seennuudha. Dhaloota keenya haaraa kana eeggatus, waan lama ta’uu mala. Gauyyaa kanatti dhalooti keenya takkatuu kaawoo goototi keenya galmaan ga’uuf fuudhanii otuu qabsaa’aa jiranii itti wareegaman san fuunee bakkaan ga’uudha. Failannoon lammataa, garbummaa jaarraa hedduu dura nu dhaalee namummaa keenya mulqee jiru waliin waltaanee jireenya salphinaa filachuudha.

Dhugaatti, dhalooti of beekan, kanneen mirga isaanii sarbaman humnaan deebifachuun mirga dhalootaa ta’an biratti, garuu, garbummmaa falachuun waan hinyaadamneedha. Dhalooti garbummaa dide immoo kaayyoo bilisummaa galmaan gahuuf ofkennee hojjachuu malee filmaata biraa hinqabu. Kanaaf, akka dhaloota garbummaa didee, falmaa bilisummaatti jiruutti, guyyaa yaadannoo gootota keenyaa kana yeroo kabajannu, waa hunda caala waan qabsoo keenya jabeessuufi fuulduratti tarkaanfachiisu irratti xiyyeeffachuu filatan. Kaayyoon isaanii, dirqama dhalootaa isaan eeggatu bahachuu ta’uu waan amananiif, irbuun isaanii bokkuu qabsoo bilisummaa goototi keenya qabatanii kufan, kaasanii bakkaan gahuuf gootummaan falmaa bilisummaa finiinsuudha.

Dhalooti biyyaafi biyyoo isaa hinfalamne, bifa kamiinuu biyyaafi biyyoo egere bulchu hinqabaatu. Guyyaa gootota qabsoo bilisummaa Oromoo, Ebla 15 kan yaadannus, dubbayyuu gootota keenyaa keessaa kan kaayyoon keenya akka galii isaa hinhanqanne mul’isu waliif dhaammachaa kabajanna; dhaammannoo yaadannoo kan diddaafi falmaa bilisummaan duuba wareegamni akka jiru hubachiisan waliif dabarsina. Dhubayyuun gootota keenya 15n armaan gadiis, dhaammannoo qabsaa’ummaa guyyaa goototaa bara kanaati.

  1. “Mootummaan kun waan kaayyoo keenya balleesse itti fakkaatee ofumaa nu dhiphisa. Yoo kaayyoo keenya ta’e inni akka bofa garaa keessa seenee ti. Yoo garaa alaatti harkisanis ta’e yoo gara keessatti gadi lakkisan firiin isaa tokkichuma. Summiin isaa tamsa’ee jira hoo.”          Obbo Hailamaariyaam Gammadaa
  2. “Dhiigni koo kabajama mirga ummata Oromoof kan dhangala’e waan ta’eef, wareegama gatii hinqabne hintaane. Dhiiga koo  amma dhangala’eefi dhiiga gootota Oromoo garfuulduraattis dhangal’uun ummati Oromoo mirga isaa kabachiisuun waan hinoolleedha. Mootichas ta’ee Ministeeronni isaanii badii an hinhojjanneen na yakkanii, ana irratti murtii du’aa murteessanis shakkii tokko malee yeroo gabaabaa keessatti ummata Itoophiyaa irraa murtii walfakkaataa nifudhatu. Oolee haabulu malee mirgi ummata Oromoo wallaansoofi qabsoo ijoollee isaan kabajamuun isaa hinhafu.” Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir
  3. “Namni yaada qajeelaan sabaafi biyya isaaf yaadu, dhukkubsatuufi quuqamu, namni kamuu jireenya wayyaa’aafi qananii akka jiraatu fedha. Nama yaada qajeelaa qabuuf, lammiin isaa hiyyoomuufi inni sooromuun, lammiin isaa doofomuufi inni qaroomuun hingammachiisu. Haati akkuma mucaan ishii akka ittiin ofgubuuf ibidda itti hinkennine, hiyyummaafi doofummaa lammii isaa kan fedhu hinjiru. Haata’uutii, bekuufi beekuu dhabuun immoo akka nama walcaalchisu dagachuu hinqabnu.Kan barate mirga isaa gaafata; kan barate boodatti hafuun yookaan namoota kaanii gad ta’uun isa quuqa;isa gaabbisiisa. Gatii Bilisummaa, fi hiikkaa mirgaa beekee, kanatu na jalaa hafe; kanatu natti hir’ate jechuu kan danda’u ummata barate qofaadha.”   J.Taaddasaa Birruu
  4. “Kanneen gatii bilisummaan gaafattu keessaa ishii xiqqoo kaffaluu dadhaban, bifa kamiinuu bilisummaa hinargatan; fedhiin bilisummaa isaanii kun kan guutamu yoo ijaaramanii tokkummaan diina isaanii ofirraa buqqisaniidha. Saba ijaaramee roorroo diinaa dide, sirni kamuu cabsuu hindanda’u!” J/Baaroo Tumsaa
  5.  “Namni mirga bilisummaa sarbame, kabajaa namummaa hinqabaatu; jireenya bilisummaas hinqabu. Namni akkanaa kun mirga dhalootaa sarbame kana yoo falmatee deeffachuu baate, mirga isaas yoo tifkachuu dadhabe, bilisummaa argatu illee ittiin jiraachuu hindanda’u.” J/Alamaayyoo Garbaa, 2005
  6.  “Dhibaa fi ballinni gosaa manatti natti hindhuftu, anatu manatti itti dhaqa  malee.”   Abbaa Gadaa Liiban Waataa (1776-1784)
  7. “Namni nageenya isaaf gaachana yookaan mancaa yookaan eeboo bitachuu hinfeene, bilisummaas ta’ee nageenya isaa fedhii isaatiin dabarsee kan kenneedha; diina humnaan qe’eefi biyya isaa sarbe waliin kan walta’eedha. Sabni keenyas bilisummaa isaanii deebisanii goonfachuuf namoota diina waliin walta’anii umurii garbummaa dheeressan of keessaa baasuu qaban; qabsoo bilisummaa isaan eeggatuufis gaachana bitatanii qophaa’uu qaban.” J/ Badhaadhaa Dilgaasaa
  8. “Diinoti keenya ilmaan isaanii akka barumsa ammayyaa baratan jajjabeessu; ilmaan keenya immoo akkatti lafa qotaniifi horii tiksan akka barsiifannu nutti himu. Kun imaammata jallaa, sirna gabroonfataa keessaa bahuudha. Nutis, akka sabaatti barumsa ammayyaa argachuuf mirga guutuu qabna; sirni bittoota Habashaaf qaroomina abbale, yoo bilisummaa dhabuun ta’e malee saba keenyarraa waan hanqifamuuf hinqabu. Dhugaadha, bilisummaan hayyama ittiin waan fedhan mara dalaganii miti; bilisummaan hiree ittiin dhalatan, mirga dhalootaa, kan ittiin biyya ofii keessa loogii tokko malee birmadummaan jiraataniidha.” J/Magarsaa Barii
  9. “Burqaan xixiqqoon walitti yaa’anii laga ta’u. Laggeen baay’een walitti yaa’uun garba guddaa uumu. Dhalli namaas akkuma kanaan walgahee saba ta’ee biyyas ta’a.” Haajii Simbirroo
  10. “Gaammeen waraanatti seenuun, waan sadiif tola; tokkoffaa, Gaammee keenya dirqama egereef qopheessa; lammaffaa, Dooriin keenya bilisummaafi nagaan shaakala taliigaa keessa akka darban godha; sadaffaa, Luboonni bilisummaa, araaraafi nagaan finnaafi birmadummaa biyyaafi sabaaf akka hojjatan gargaara. Biyyi Gaammee hinqabne, sabni Gaammee hingeessifanne hinkabajamu; hinsodaatamus!” Abbaa Gadaa Yaayyaa Fuullallee
  11. “Maddi gootummaa sabaafi biyya gootummaa qaban keessaa dhalachuu qofaa miti; hundeen gootummaa dhaloota kaawoo biyyaafi biyyoof gaachana ta’an magarfachuu danda’uudha. Hunda caalaa immoo, dhaloota egere biyyaafi biyyoo bulchuuf aangoman dursanii geessifachuun, gootota dirqama biyyaafi biyyoo isaanii tifkachuufi eeggachuuf gahooman qabaachuudha. Sabni dhaloota akkanaa geessifates, dhaloota dirqama isaanii beekan; beekaniis gahee isaanii fedhiifi kutannoon bahan waan qabuuf akka gabroomee diinaan roorrifametti hinhafu!” J/Elemoo Qilxuu
  12. “Dargaggooti Oromoo kanneen Oromummaa qaban abdii egeree Oromiyaati. Har’a dargaggooti sabboontoti, kanneen Oromummaaf dhaabbatan, Oromiyaa mara keessatti fincila diddaa gabrummaafi sochii bilisummaa finiinisaa jiran. Sabboontoti keenya kunneenis, waan garbummaa didaniif biyya isaanii keessatti reebamaa, hidhamaafi ajeefamaa jiran. Wareegamni isaan baasan kun garuu, bilisummaa keenyaaf wabiidha. Seenaan dhiiga isaaniin barreessamaa jiru immoo, kanneen egere gaachana Oromiyaa ta’uuf jiran, murnoota hawaasa Oromoo hafaniif fakkeenya gaarii ta’aa jira.” Dr Asaffaa  Jaalataa
  13. “Waan sirraa bade deemtee barbaaddachuun dirqama keeti. Dhaloonni namummaafi bilisummaan jiraatan, kanneen waan isaan jalaa bade deemanii  barbaaddachuutti of kennaniidha. Dhaloonni keenya waan jalaa bade deeffachuuf tarii  daandii fagoo deemuu qabu ta’a; bu’aa bahii hedduu keessa illee darbuuf dirqamu ta’a. Haga jabaatanii barbaaddatanitti immoo waan isaan jalaa bade san deeffachuu hinhanqatan!”              Abbaa Liiban, Dabbasaa Guyyoo
  14. “Yeroo biyyi keenya, kan hiddi hadhuura keenyaa keessatti awwaalame, ibiddaan gubachaa jiraachuu gurraan dhageenye callisnee taa’uu malla. Sun yeroo biyyi keenya gubatee, nullee waliin gubannu daddafnee arguuf boba’aa itti eda’uu keenya ta’a. Kan hubatee ilaaleef gubannaan kun nama tokko callaa balleessuun kan dhaabatuu miti; biyyaafi biyyoo mara kan gubee balleessu malee.”  J/Gaaddisaa Hirphasaa 2005
  15. “Saba keenya qaanii jalaa baasuu qabna; akeeka bilisummaa saba keenyaa bakkaan gahuuf hojjachuu qabna. Sabni hamma kana baay’atu, saba bicuu kanaan garboomee, qabeenyi isaa saamamee, bakka jirutti dararmuun hedduu qaanessaafi saalfachiisaadha.Ummata Oromoo dararaafi gidiraa guyyuu keessa seenee jiru jalaa baasuu waanti caalu tokko illee hinjiraatu. Sabni keenyas ta’ee qabsaa’oti keenya akeeka kana dhugoomsuuf hojjachuutti jabaachuu qaban.” J/Laggasaa Wagii

Ayyaana yaadannoo guyyaa goototaa baranaas akkuma baroota darbanii, garbummaa baannee kabajaa jirra; kanaaf, dhaammannoon gootummaa 15n armaan olii immoo qoricha garbummaa ta’uun kan rafe akka dammaqsu, kan adoode akka warraaqsu, kan jaameimmoo akka ija banu waliin waliif abdachuun keenyas nijiraata. Ayyaanni gootota keenyaas marabbaa gootummaa dhaloota keenyaaf akka dabarsu illee kadhannaa gochuun keenya barbaachisaadha.

Har’a akka Oromootti waan keessa jiran kanneen beekan, haala Oromiyaa kana jijjiiruuf fedhii qabaachuun isaanii mirkana. Haata’uutii, fedhiin isaanii, immoo namoota hunda biratti fudhatamuu dhiisuu mala. Keessaayyuu, dhimma siyaasaa fi waraanaa irratti, yaadaafi ilaalcha addaddaa qabaachuun bakkayyuutti mul’ata. Yaadaafi ilaalcha addaddaa qabaachuun, garuu, hanga hundee garbummaa buqqisuuf fedhii qabaatanitti, qabsoo bilisummaa keessatti gahee isaanii akka bahan kan isaan dhoowwuu miti.

Hunda caalaa, akka sabaatti akka mataa keenya olqabannee diina keenya dura dhaabbannu kanneen of kennenii, daandii bilisummaa nuu saaqan kabajaan yaadachuu immoo waanti nu dhorku tasumaa hinjiru. Gootota keenya dhiiga isaaniin seenaa saba keenyaa haaromsanii barreessan, lafee isaaniin immoo dallaa eenyummaa saba keenyaa deebisanii ijaaran bara baraan yaadachuun duubattis, faandhahii isaanii haahordofnu!; gootummaa isaaniis gamtaan haafaarsinu! Dubbayyuun gootummaa 15n qabsaa’ota keenyaafi maatii qabsaa’ota keenyaa boonsanis bara baraan himamaafi labsamaa jiraachuunis itti fufa!!

5 thoughts on “Dubbayyuu/Quotations

  1. 1) “Freedom is never voluntarily given by the oppressor; it must be demanded by the oppressed.” Martin Luther King, Jr.

    2) “Those who make peaceful revolution imposible will make violent revolution inevitable” John F. Kennedy, 1962

  2. 3) “Any society that would give up little liberty to gain little security will deserve neither and lose both.” Benjamin Franklin

  3. 4) “My definition of a free society is a society where it is safe to be unpopular.”
    Adlai E. Stevenson Jr. (1900 – 1965), Speech in Detroit, 7 Oct. 1952

    5) “Freedom is just Chaos, with better lighting.”
    Alan Dean Foster, “To the Vanishing Point”

    6) “Everything that is really great and inspiring is created by the individual who can labor in freedom.”
    Albert Einstein (1879 – 1955), ‘Out of My Later Years,’ 1950

    7) “The basis of a democratic state is liberty.”
    Aristotle (384 BC – 322 BC), Politics

    8) “Because you are in control of your life. Don’t ever forget that. You are what you are because of the conscious and subconscious choices you have made.”
    Barbara Hall, A Summons to New Orleans, 2000

    9) “Those who would give up essential liberty to purchase a little temporary safety deserve neither liberty nor safety.”
    Benjamin Franklin (1706 – 1790), Historical Review of Pennsylvania, 1759

    10) “If you want to be free, there is but one way; it is to guarantee an equally full measure of liberty to all your neighbors.”
    Carl Schurz (1829 – 1906)

    11) “We hold in our hands, the most precious gift of all: Freedom. The freedom to express our art. Our love. The freedom to be who we want to be. We are not going to give that freedom away and no one shall take it from us!”
    Diane Frolov and Andrew Schneider, Northern Exposure, Cicely, 1992

    12) “Only the educated are free.”
    Epictetus (55 AD – 135 AD), Discourses

    13) “In the truest sense, freedom cannot be bestowed; it must be achieved.”
    Franklin D. Roosevelt (1882 – 1945), Speech, September 22, 1936

    14) “Liberty means responsibility. That is why most men dread it.”
    George Bernard Shaw (1856 – 1950)

    15) “The First Amendment is often inconvenient. But that is besides the point. Inconvenience does not absolve the government of its obligation to tolerate speech.”
    Justice Anthony Kennedy (1936 – )

    16) “Patterning your life around other’s opinions is nothing more than slavery.
    Lawana Blackwell, The Dowry of Miss Lydia Clark, 1999

    17) “While the State exists, there can be no freedom. When there is freedom there will be no State.”
    Lenin (1870 – 1924), “State and Revolution”, 1919

    18) “Liberty is not a means to a higher political end. It is itself the highest political end.”
    Lord Acton, Lecture, February 26, 1877

    19) “Nobody can give you freedom. Nobody can give you equality or justice or anything. If you’re a man, you take it.”
    Malcolm X (1925 – 1965), Malcolm X Speaks, 1965

    20) “You can’t separate peace from freedom because no one can be at peace unless he has his freedom.”
    Malcolm X (1925 – 1965), Malcolm X Speaks, 1965

    21) “It is by the goodness of God that in our country we have those three unspeakably precious things: freedom of speech, freedom of conscience, and the prudence never to practice either of them.”
    Mark Twain (1835 – 1910), Following the Equator (1897)

    22) “Self-reliance is the only road to true freedom, and being one’s own person is its ultimate reward.”
    Patricia Sampson

    23) “To know what you prefer instead of humbly saying Amen to what the world tells you you ought to prefer, is to have kept your soul alive.”
    Robert Louis Stevenson (1850 – 1894)

    24) “People demand freedom of speech as a compensation for the freedom of thought which they seldom use.”
    Soren Kierkegaard (1813 – 1855)

    25) “I would rather be exposed to the inconveniences attending too much liberty than to those attending too small a degree of it.”
    Thomas Jefferson (1743 – 1826), to Archibald Stuart, 1791

    26) “The love of liberty is the love of others; the love of power is the love of ourselves.”
    William Hazlitt (1778 – 1830)

  4. 27) “The secret of happiness is freedom. The secret of freedom is courage.”
    Thucydides quotes (Ancient Greek historians and author, 460-404bc)

    28) “He who is brave is free.”
    Seneca quotes (Roman philosopher, mid-1st century AD)

    29) “Freedom is not worth having if it does not include the freedom to make mistakes.”
    Mahatma Gandhi quotes (Indian Philosopher, internationally esteemed for his doctrine of nonviolent protest, 1869-1948)

    30) “Freedom in general may be defined as the absence of obstacles to the realization of desires”
    Bertrand Russell quotes (English Logician and Philosopher 1872-1970)

    31) “I know but one freedom and that is the freedom of the mind.”
    Antoine de Saint-Exupery quotes (French Pilot, Writer and Author of ‘The Little Prince’, 1900-1944)

    32) “Man is free at the moment he wishes to be.”
    Voltaire quotes (French Philosopher and Writer. One of the greatest of all French authors, 1694-1778)

    33) “While we are free to choose our actions, we are not free to choose the consequences of our actions.”
    Stephen R. Covey quotes

    34) “The only way to deal with an unfree world is to become so absolutely free that your very existence is an act of rebellion.”
    ReadyWriter Albert Camus quotes (French Novelist, Essayist and Playwright, 1957 Nobel Prize for Literature, 1913-1960)

    35) “We are driven by five genetic needs: survival, love and belonging, power, freedom, and fun.”
    William Glasser quotes ( , b.1925)

Leave a comment