A property of ‘The Lord of Land Grabbers’, Mohammed Alamuddin’s Tea plantation was set on fire in Ilu Abba Bora Zone of Oromiya.

Aside

Qeerroo, 09 April 2012; Finfinnee

A series of discontent ignited by victims and Qeerroo Youth Networks against land grabbing in many parts of Oromiya is revealing itself in clear and simple manner; putting a fire on the Properties on the stolen land.  The farmers and the youth can’t face the well armed and fully fledged Woyane army sent out to enforce the strict Land Grabbing law, but it is practically impossible for the army too to guard millions of hectares of Land from the revenge of these angry victims.

That is exactly what is happening in Central, Western and other parts of Oromia. Now the anger turns to the big boss of the looters. The Tea plantation farm set on fire just yesterday on the 7th of April 2012 belongs to Alamuddin, the right hand man of the brutal regime in Ethiopia and a man who amassed billions of money with his countless and monopolized companies including the Laga Dambi Gold mine in Shakiso. He owns only 1.5 billion in 2003 but only after 9 year due to unaccounted and out of touch Gold mine he exploits in Shakiso, Oromiya he jumped to 12.5 billion making him the 1st Richest ‘African man’. This man, who claims to have Ethiopian mother is Saudi nationality have some business in Western Europe just for the sake of painting his looting the picture of real investment. The same man uprooted thousands of Oromo families, polluted the environment and funded the killing machine of the regime that claimed thousands of poor farmers, pastoralist and students. He works in hand and glove with the government and is a complicit in the serious of human right abuse in Ethiopia in general and Oromiya in particular.

On March 2012, the same man was reported by the Reuters, to have bought 5 big state owned properties via his MIDROC Ethiopia corporation, which Qeerroo believes was done in, by and for a corrupt goal. Due to the curse of the business he run which literally controls the in and out of the whole country, he crushed the country and its people to unbearable poverty.  While he is being rocketed to pick of world wealth, with a speed and manner never have been witnessed in a business of that type; millions of Ethiopian dies of starvation.

That is why the Qeerroo Youth group said, this is just the beginning of the big fight with the bad guy.

@Qeerroo

Ilkaan Socha’e Buqqa’uun, Kan Biqile Guddachuun Hin Hafu.

Aside

YAA.GAMMADAA(2005)                                                  Ebala 2012

Wayyaaneen har’a sochiilee Qeerroo Oromoo Biyya keessaa isa raasaa jiru ukkaamsuuf , hammeenya hegaree isaaf hin tollee gaggeessaa jira. Dhalooti har’aa gaaffiin kaasaa jiru , tarii  isa jiruun ykn dhaloota itti aanun, waan Biyya Itoophiyaa jedhamtu kanaaf SODAA ta’e dhalchuun isaa hin hafu.Wayyaaneen Imaammata Ameerikaa Addunyaa ittiin tu’attee jirtu galagalchitee, har’aaf na bulchiinaan jettee ittiin masakamaa jirtu, Ummati hanga wal ga’ee dammaqutti qofa ta’uu kan wallaalan hin fakkaatu. ILKAAN SOCHA’E BUQQA’UUN, (1)

Basaastotni Mootummaa Wayyaanee, Wayyaanumaan reebaman!!‏

Aside

Ebla 09,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Basaastotni Mootummaa Wayyaanee Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti barattoota Oromoo diinatti kennaa turan Waajjira Poolisii Bishooftuutti basaastummaaf yoommuu deeman Mootummaan Wayyaanee amantamummaa dhabuun reebuun salphiste.Sabboontotni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu akka ibsatanitti Jala deemtotni mootummaa Wayyaanee yuunivarsiitii kana keessaatti bara dheeraaf Wayyaanee tajaajilaa turan

  1. Toleeraa Dagafaa fi
  2. Abdoo Amiin barataa waggaa 4ffaa kan tahe

Hojii basaastummaaf waajjiira poolisiitti bobba’anii  isinummaanuu ABOf basaasitu ABOf hojjettu isin irratti barreerra jechuun Poolisooti Wayyeenee qaanessanii reebicha hamaa irraan gahuun beekamee jira.Mootummaan wayyaanee miseensota ishee amantamummaa irraa dhabuun cinqamaa jiraachuunii fi diddaan gaggeeffamaa jiru uummata hundaa biratti fudhatama qabaachuu mootummaan wayyaanee waan amanteef kana gochuuf dirqamtee jirti.

Miseensota waraanaa fi human poolisaa kanneen Oromoo ta’an yeroo ammaa kanatti ABOn isin ijreera ilaachi keessan qajeelaa miti sababa jedhuun gamaagamaa fi doorsisa irra akka jirtu maadheeleen Qeerroo mootummaa keessa jiran gahaatti ibsaa jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Warri Biyyaaf Yaadu Sabboontonni Oromoo Biyya Alaa Qeerroof Gumaacha Maddisiisan.

Aside

Ebala 09,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Qabsaawotii fi Sabboontonni Oromoo roorroo gidiraa gabrummaa jibbanii bifa adda addaan biyya alagaa qubatan,sochii warraaqsa dargaggoota biyyoolessaa kan bilisummaa fi dimokraasii(Qeerroo) n biyya keessatti taasisaa jiru cinaa dhaabbachuuf jecha gumaacha maallaqaa fi yaadaa qeerroof kennan.

Sabbootonni Oromoo kun maqaa Tumsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhuun Ameerikaa kaabaa fi Austraaliyaa akkasumas Auroppaa keessatti wal ijaaruun Qeerroo sochii warraaqsaa irra jiru waliin quunamtii horatanii tinnisa barbaachisu gochaa jiru.

Haala kanaan Addatti Tokkummaan Tumsa Qeerroo bilisummaa biyya Australiyaatti ijaarame gumaacha maalqaa fi degersa adda addaa Qeerroof barbaachisu nuu erguu isaaniitti Qeerroon Oromiyaa keessa jirru guddoo galateeffana jechuun koreen Qeerroo Finfinnee irraa beeksisanii jiru.

Gara fuula duraattis Oromoonni biyya alaa qubatan garaagartummaa fi dhimmoota qabsoof bu’aa hin buufne irratti yeroo dabarsuu dhiisanii waan firii qabeessaa fi gara qabsoo qabatamaa lafa irra jiruutti deebi’uuf tumsa birmannaa qabsoo alaa fi keessaan gochuun karaa akka ta’e qeerroon dhaammata.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Oomishni Baala Shayee Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Aallee ganda Gumaroo Sheik Mohaammed Allaamudiin dhuunfatame ture barbadaa’e!‏

Aside

Ebla 08,2012 Gabaasa Qeerroo Ilu Abbaa Booraa

Godina Iluu abbaa Booraa  aanaa Aallee Ganda  Gumaroo keessatti kan argamu Oomishni Baala shayee Sheik Mohaammed Allaamudiin dhuunfatame Ebla 7,2012 halkan keessaa sa’a 7:00 irraa eegalee barbadaa’ee jira.Oomishni Baala shayee kun hanga sa’a 9:00tti kan barbadaa’e yoommuu tahu  oomishni Heektara 3(sadii) ol daaraa ta’ee jira.Mootummaan Wayyaanee bara 2008 irraa kaasee lafa ilmaan Oromoo irraa fuudhee buna qotee bultootaa buqqisuun kan Sheik Mohaammed Allaamuditti gurgure yoommuu tahu ilmaan Oromoo lafa keenya hin kenninu jedhan ABO jedhamanii itti reebamaa fi itti hidhamaa kan turani dha.Hojjettootni Oromoo baala shayee kana keessaa hojjetanis uummata Oromoo dadammaqsaa jirtu jechuun kan itti qoratamaa turani dha,Diddaa deemsifamaa jiruun wal qabatees oomoshni baala shayee kun barbadaa’ee jira.Mootummaan Wayyaanees uummata Oromootu kana godha jechuun olii fi gadi fiigaa jiraachuun gabaasi naannoo san irraa nu gahe addeessee jira jira.

Alaa fi Keessaan Roorroon Nutti Hammaattus,Injifannee Irra Ni Aanna!!!

Aside

Gabrummaan hammaannaan,Roorroon Oromoo irra bubbuluu irraan Ilmaan Oromoo biyya irratti dhalatanii guddatan gadhiisanii baqachuun dirqii itti ta’e. Biyya baqatanittis roorroon irraa hin hafne reebamuu, ajjeefamuu,hidhamanii guraaramuu,qabeenya samamuu fi dirqiin gudeedamuu akkasumas akka bineensaatti adamfamanii diinatti kennamuun isaan mudachaa jira. Video n kun dhihoo baqattoota Oromoo biyya Yeman gahan irratti hammeenya raawatamaa jiru muldhisa. Oromoon biyyoota Kaaba Ameerikaa,Auroppaa fi Australiyaa jiraattan kanaa fi hammeenya kana caalaa Oromiyaa keessatti ta’aa jiru arguun garaa maaltu isin ciisaa?? Kana irras maal taanaa?

Barattootni Mana barumsaa Culluxxee sadarkaa 2ffaa dhiibbaan Oromummaan gahaa jiru haa dhaabbatu jechuun diddaa itti fufan‏

Aside

Ebla 08,2012 Gulluxxee Gindabarat.

Barattootni Oromoo Godina Shawaa lixaa Aanaa Gindabarat Mana barumsaa
Culluxxee sadarkaa lammaffaa keessaa baratan barattootni oromoo
seeraan ala arii’amuunii fi barsiisotni Oromoo sababa siyaasaan
qorannoo dabaan rakkamuun haa dhaabbatu jechuun diddaa itti
fufan.Mootummaan wayyaanee Barataa Guutuu Soorii jedhamu mana
barnootaa irraa miseensa ABOti jechuun ariitee jirti.Barsiisaa Mana
barumsaa kanaa kan tahan Barsiisaa Innawu Amantee jedhamus yeroodhaa
yerootti hidhaatti deddeebisuun irraan darbanii yeroo ammaa qeerroo
mana barumsaa kana keessatti kan qindeessuu sidha,Siyaasas barsiista
jechuun qorannoo daba hin qabneen rakkisaa jiru.Barsiisaan Innawu
Amantee yeroo darbe keessattis mana hidhaa mootummaa Wayyaanee
Maa’ikelaawwii keessatti rakkamaa kan ture dha.

 

Ibsa Ejjennoo Sabboontota Oromoo yuunivarsiitii Adaamaa‏

Aside

Ebla 08,2012 Adaamaa

Sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Adaamaa diddaa deemsifamaa jiru galmaan gahuu keessatti qooda isaan irraa eegamu adda durummaan bahuuf guyyaa gaafa Ebla 04,2012 walitti dhufuun marii gaggeessanii jiru.Akeekni marii kanaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu galmaan gahuu irratti yoommuu tahu warraaqsa biyyattii keessatti deemsifamaa jiru boqonnaa haaraatti tarkaanfachiisuu irratti akka hojjetan mariin walii galanii jiru.Sabboontotni yuunivarsiitii Adaamaa Qabsoon ABOn durfamee deemsifamaa jiru ilmaan Oromoo maratti haamilee kan guute ibsuun ibsa ejjennoo armaan gadii kana baafatanii jiru.

  1. Akkuma barnoota keenya akeeka goonee barannu qabsoo keenya haalaan akeeka goonee galmaan gahuu irratti ni hojjenna
  2. Diina qabsoo ilmaan Oromoo duubatti harkisanii fi gocha diinaa yeroodhaa yerootti ni saaxilla
  3. Barattoota Oromoo yuunivarsiitiilee fi manneen barnootaa gad aanaa irra jiran ni kakkaasa,ni barsiisna
  4. Qabsoon Oromoo ABOn durfamu hanga galmaan gahu waadaa tiksinee cinaa ni hiriirra
  5. Gahee Oromummaa ni baana
  6. Dhiibbaa ilmaan oromoo fi qabeenya oromoo irra gahu dhaabbannee hin ilaallu kan jedhan turan

Sabboontotni yuunivarsiitii Adaamaa marii isaanii milkiin kan xumuran yoommuu tahu hojii hojjetamu yeroodhaa yerootti gamaggama waliin akka dhiyeessanis walii galanii jiru.

Injifannoon uummata oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

 

Seife Nebelbal Radio, April 6, 2012 – Interview with Dawid Ibssaa, Part I

Aside

Mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo fi Beenishaangul Gumuz Ammos walitti buuste.

Aside

Ebla 7,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamte

Godina wallagga Bahaa Aanaa Eebantuu Ganda Qeelloo Bakka Ba’aa jedhamutti mootummaan Wayyaanee Ilmaan Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz Walitti buusuun dhiigni dhangala’e lubbuun namaas darbaa jira.Mootummaan Wayyaanee Lafa Ilmaan Oromoo naannoolee Birootti qircuuf kan karoorfate dhiiga keenyaan mirkanfanna jechuun uummatni Oromoo naannoo kanaa waan qabaniin walitti lola kana seenuu dirqamanii jiran.Guyyaa har’aa walitti bu’insa uummata Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz gidduutti ta’een Ilmaan Oromoo 2 ajjeefamanii 3 yoommuu madaa’an uummata Beenishaangul Gumuz keessaa 15 ajjeefamanii hedduun madaa’anii jiru.Lubbuu namaa bahaa jiru kanatti mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa akka fudhatu jechuun uummatni ganda qeelloo qeerroof yaada kennanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Haroo Limmuu keessatti Qeerroon Oromoo dabballoota OPDO arii’an.Dabballootni OPDO manneen barnootaa Walisoo Dargee fi Barisoo keessatti isinii ijaarra jechuun uummata gowwoomsuun tasgabbii uumuu yoommuu yaalan Qeerroon naannoo kanaa itti bobba’uun dabballoota kana arii’anii ergamtuun nu hin bittu,OPDOn ergamtuu dha jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiru.