Anfillo Keessatti “Utuun Dhugaa Qabuu Diinaan Hin Dhaanamu” Jechuun Uummanni Tokkummaan Ka’anii Sabboontota Diina Harkaa Baasan

Aside

Adoolesssa 10,2012 Anfilloo

Diddaan Uummata Godina Qellem,Ona Anfilloo,Ganda Yettii jabaatee itti fufee jiraachuu gabaasaa Qeerroo yeroo darbee keessa ifa ta’ee jira,haalli FDG kun amma illee jabaatee itti fufuu  Qeerroon Anfilloo itti fufee gabaasa. Diddaan Uummataa kunis guyyaan xumura mana barumsaa ganda yatti –koonqii sanatti shakkiidhaan jala deemtotni mootummaa Wayyaanee sabboontota  sadii naannoo san irraa  mana hidhaa buusaniiakka jiran gabaasnee jirra. Namootni hidhaman kun Uummata biratti hedduu jaallatamoo fi kabajamoo akka turan uummanni ragaa baha, garuu mootummaan Wayyaanee  ummata naannoo sanii fi namoota kana hojii ABO qindeessuu fi FDG addatti dargaggoota Oromoon deemaa jiru nurratti qindeessaa kannneen jiran jara kana sababa jedhuun waan yakkeef jecha Uummanni gandicha ykn naannoo san jiraatu barattoota yeroo gannaa qe’eetti galan waliin wal gurmeessuun gaaffii namoonni kun maal akka balleessanii hidhaman? nuti balleessaa irratti argines hin qabnu,sabboonummaa fi Oromummaan ammoo biyya Oromiyaa irratti yakka ta’uu hin qabu, kanaaf  namoota kana yeroo gabaabaa keessatti gadi hin dhiistan taanan jeequmsa halkanii guyyaa, tarkaanfii garagaraa fudhachuutti  eegalla jechuun uummanni diddaa isaa mul’isuun qondaalota Wayyaaneen naannoo fi kanneen aanga’oo ta’anitti ifatti bahanii himachuun guyyaa Adoolessa 7, 2012  sa’a 1:30 irratti mana hidhaatii namoota kana gadi lakkiisiisanii jiru.

Ummanni Oromoo bakka cufaa Oromoota seeraan ala mootummaan Wayyaanee yakkee ykn hidhu mara callisee ilaaluu osoo hin taane gandoota sabboontoti keessatti hidhaman mara irraa Fincila Diddaa Gabrummaa gaggeessuun ilmaan isaa akka hidhaa irraa bilisa baafatuuf ummanni aanaa Yattii fakkeenya guddaa ta’anii jiru.

Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

Oromiyaa Keessatti Diddaan Babal’ate.Hojjettootni Mootummaa Anaa Ejeree 6 Hojii Lakkisuun Diddaa Muldhisan.

Aside

Adoolessa 10,2012 Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa

Mootummmaan Wayyaanee aangootti erga bahee uummatni nagaan hin jiraanne,Hojjettootni mootummaas yeroodhaa gara yerootti maqaa qorannoon
rakkamaa turan har’as itti jiru.Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree
keessatti hojjettootni dararaa mootummaa Wayyaanee fi ergamtoota Wayyaanee
yeroodhaa yerootti baachuu dadhaban hojii gad lakkisuuf dirqaman.Hojjettoonni kanneen kunis :-
1. Obbo Ajjamaa Maracii Waajjira qonnaatti abbaa adeemsa qabeenya
uumamaa aanaa Ejeree
2. Obbo Ittisaa Nagaasaa Hojjetaa Dirree Misooma aanaa
3. Obbo Malaakuu Girmaa Hojjetaa Dirree Misooma aanaa
4. Obbo Abarraa Guddataa Raawwataa hojii inspection
5. Obbo Boggaalee hojjetaa Misooma qonnaa
6. Obbo Dajanee gargaaraa waldhaansa beeyladaa
Yoommuu tahan Wayyaanee maqaa qorannoon rakkisuu irraan darbanii miindaa irraa waan kutaniif hojii gad lakkisanii hojii dhablummaan jiraachuuf dirqaman.

Aanaa Ejeree keessatti jala deemtotni mootummaa Wayyaanee waliin hidhachuun ilmaan Oromoo irratti darara geessisaa kannee turanii fi amma illee itti jiran
1.Girmaa Caakkaa Jiruu itti gaafatamaa waajjira qonnaa(OPDO)
2.Taammiruu Garramuu Zoodee jala deemaa Wayyaanee dhalootaan Guraagee
Kan tahan yoommuu tahu,hojii isaanii Oromoota dararuu fi garbummaa irratti garbummaa dabaluu waan ta’eef jarreen kanaaf ummanni nannoo gochaa isaanii kana irraa akka dhaabbatan akeekachiisa kenneefii jira.

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Ada’aa Bargaa ganda Holonkoomii keessatti

darara jabaa irra geessisuun hojjetaa Fayyisaa Badhaadhaa hojjetaa
waldhaansa beeyladaa kan tahe ati Miseensa ABOti jechuun hojii irraa arii’anii jiran.Hojiin Misoomaa mootummaan Wayyaanee Uummata dhimma siyaasaa akka hin yaadneef bo’oo hojjechiisaa tures Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat keessatti diddaa biqilchuun uummatni hojiin mootummaa Wayyaaneen hojjetamu firii hin qabu jedhe.Qonnaan bulaan aanaa kanaas daballii gatii xaa’oo irratti diddaa qabsiisaa jira.Mootummaan Wayyaanees diddaa uummata keessatti jabaateen kan baarage tikaa fi dabballoota isaa hanga gandaatti gad raabsuuf dirqamee jira.

 

Eebba Barattoota Oromoo University Finfinnee Walqabatee Barruun Warraaqsaa Hedduu Faca’e.Waraanni Wayyaanees Moraa Galee Addatti Barattoota Oromoo Jeeqe.

Aside

Adoolessa 08,2012 Finfinnee 

Haalli sochii kanaa Video fi Suuraan deggeramee hedduminaan waan jiruuf yeroo birootti gabaafna.

Lukkuuleen kunneen barattoota shakkii irraa qaban qabuuf yeroo qophii godhanitti baratootni isaan barbaadan harkaa badanii barbaacha ka’uuf yeroo waliin mari’achaa jiraniidha.

Guyyaan kaleessaa,July 7, 2012 Eebba barattoota yuuniversity mooraa Finfinnee keessatti ta’e irratti qophaayna eebbaa kanaa irraan eegalee hamma galma eebbaa galamutti Qeerroon mooraa University Finfinnee keessa jiranii fi kanneen eebbifaman walitti dhufuun walgahii godhatan. Walgahi isaanii kana irratti Qeerroon mooraa irraa eebbifamanii bahanii fi kannene mooraa keessatti barnoota irratti hafan waadaa qabsoof qaban waliif haaromsuu fi imaanaa qabsaawummaa bakka deeman maratti akka raawwatan gadi jabeessanii walitti dhaamatan.
Kana malee waraqaan waamicha qabsoo “OFIS BILISOOMSI,SABA KEE BILISOOMSI” mataduree jedhuun barruun Qeerroo maxxanee bifa cardiin qophaawuun barruun 1000 ol baratoota Oromoo mooraa guutuu fi maatiiwwan warra eebbifamuuf dhufeef raabsamaa oole. Haalli barruun warraaqsaa itti maxxanfamee fi raabsame kun sodaa ykn shakkii mootummaa Wayyaaneetiin lakkoofsaan xiqqaatee haarafamu malee barattootii fi sabboontoti maatiin barattootaa itti gammadanii yeroo fudhatan haalli kun human tikaa Wayyaanee bira gahuun battalatti mooraa keessa human waraanaa fi tikaa bobbaasuun guutuutti mooraa Finfinnee Poolisaan marsan. Ebbifamtooti fi maatiin eebbifamtootaas karaa bahanii fi galan cufa irratti human poolisaan fi waraana Wayyaaneen cinqamaa fi eegamaa akkasumas doorsifamaa turan.

Baratattoota badan saniif namuma karaa irra deemu qabanii qorannoo irratti raawwachaa jirti, garuu gaaffii isaaniif deebii inni kennaa ture sababa keessanif jiraachuun yaaddoo nutti ta’e mee gammachuu keenya raawwannaa isa kaan bor nu gaafadhaa jechuun deebii kennaafii ture

Raasbsiin barruu warraaqsaa kanaan kan baaragde Wayyaaneen Qeerroon FDG nurratti kaasuuf soda jedhuun barattoota eebbaaf qophaawaa jiran nama 8 battalatti qabdee hidhuun namni lama ammo eebba isaanii dhiisanii mooricha irraa baduun qeerroon University Finfinnee gabaasa.
Warreen hidhamanis sa’aa lamaaf tohannoo jala erga oolanii booda maqaan isaanii galmaayee gadi lakkifaman.
Maqaan barattoota kanaa:
Maqaan isaanii :
1.Ifaa Hundumaa barataa Economics GC
2.Wadaajoo Lammeessaa kompiyuuter saayinsii GC
3.Lalisaa Margaa Business &Management GC
4.Haftaamuu Kebbedee management GC
5.Hillinaa Tasammaa management GC
6.Argahuu Kaliifaa management GC
7.Mohaammad Nuur Business &Management GC
8.Waaqumaa Tuuchoo Business &Management GC
Kanneen qabamuu jalaa gadhiifatanii hanga ammaa bakka jiran hin beekamiin ammo
Abiyoot Nadhii fi
Urgeessaa Nagawoo jedhamu.

Asitti yeroo da’oo qabatanii baratattoota kana barbaadaa jiraniidha, kan isaan cinadhaas qeerroon mormii itti dhiheessaa turan

Walumaa galatti barattooti eebba akka xumurataniin hatattamaan mooraa akka bahanii fi gariin ammo darbatamaa mooricha keessaa akka gadhiisan taasifamee jira.Poolisoonnii fi ummanni alaa dubbatu akka jedhanitti ABO tu magaalaa Finfinnee seene kan jedhuun burjaajii uumaa akka turan dhagahamee jira.
Haalli kun kanaan osoo jiruu humni hin beekamiin poolisoota barattoota Oromoo jeeqaa fi olii fi gadi oofaa turan keessaan namni tokko maqaan isaa Ijjiguu Bariisuu jedhamu ukkamfamee dhahamuun karaa irratti gatamee argame, waraanni Wayyaaneen hanga ammaa mooraa keessa guutee argama jedha gabaasi Qeeroo University Finfinnee

Weekly Seife Nebelbal Radio Program, Jun 6, 2012

Aside

Dambi Dolloo fi Ona Anfilloo Bakka adda addaa Keessatti Alaabaan ABO Balali’ee. Barattoonnis Diddaa Itti Fufan!!

Aside

Adoolessa 07,2012 Gabaasa Qeerroo D.Dolloo
Cufiinsa mana barumsaan wal qabatee guyyaa har’aa Adoolessa 06, 2012 barruulee warraaqsaa fi alaabaan ABO ona Anfilloo Ganda Yattin mooraa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ganda yatti-koonqii jedhamu keessatti Alaabaan ABO fi barruuleen warraaqsaa akka tamsa’ee Qeerroon Anfilloo gabaasa. Akkasuma barattooti alabaa ifatti fannisuu fi barruulee walii raabsuun seenaa jaallan qabsoo irratti dhumanii fi geerarsa adda addaa akkasumas wallee warraaqsaan ABO fi WBO faarsaa turanii jiru. Barruuleen dhibbaatamaan ganda san keessatti faca’e ummata naannichaaf gammachuu guddaa kennee Adoolessa 06,2012 guyyaa guutuu ummanni barattoota waliin dhabbachuun faaruu fi dhadannoo warraaqsaa isaan dhageessisaa oolanitti guddoo gammaduun ummanni illee gooticha Laggasaa Wagii faarsaa turuun gabaasi Qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.
Haalli kun guyyaa guutuu jabaatee itti fufuu irraan dabballooti OPDO humnaa ol itti taanaan Wayyeetti gabaasuun ABO tu dhufe jedhanii waraanni Wayyaanee godina irraa akka fe’amu ta’ee galgala keessaa naannoo sa’a sadii (9:00PM) irratti ganda sana keessatti dirree waraanaa kan fakkeessan ta’eetu jira gabaasaan akka nu gahaa jirutti. Shakkii kanaaf namoota too’annoo jala galchitee jirtu keessaa maqaa nama sadii kan nu gahe akka kanaa gadiiti.
1.Obbo Tarreessaa Ofgaa
2.Barsiisaa Birhaanuu Derejjee
3.Obbo Guutuu Kennasaa
Kanneen jedhaman too’annoo Wayyaanee jala galanii akka jiran gabaasaan addeessa,kunis sababa raabsamuu barruulee fi dhaadannoon mukkeenii fi seensa manicha barumsaa irratti barreefamuun maxxanfameen namoonni kun hidhaa Wayyaanee jala akka galan ta’e, namoonni hidhaman kanneen kana qofa osoo hin taanee heddumminaan akka qabaman gabaafama.
Alaabaan ABO magaalotaa fi nanneen barnootaa naannoo Dambi Dollootti fannifamuu fi bakka hundatti miidhagee balali’uun guyyuu dhaabbataan argamaa kan jiru waan ta’eef haamleen ummataa haalaan mirqaana ta’uu gabaasi Qeerroo addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Kaabinoonni OPDO 3 Mootummaa Wayyaanee Ganuun Qabsoo Ummataatti Makaman.

Aside

Adoolessa 07,2012 Ona Hebantuu
Adooleessaa 5,2012 Godina bahaa Wallaggaa Onaa Heebantuutti Kabinonnii OPDO humna Poolisaa Federaalaan barbaadamaa jirachuun gabaafame.
Kabinoonnii OPDO kun ABO dhoksitanii nyaachisaa jirtuu, Ummataa Tasgabbeessuu hin dandeenyee isiin iyyuu ABO waliin hojjechaa jirtuu jechuun, Mootummaan Wayyaanee Shakkii Guddaa keessaa seenun kaabinota Onaa Heebantuu
1. Lammii Jabaa Itti Gaafatamaa dhimma Nageenyaa Onaa,
2. Ifaa Abarraa Itti gafatama Wajjiraa Beeksisaaf Qunnamtii Onaa,
3. Taakkalee Baayisaa Itti Anaa Bulchiinsaa Onaa Heebantuu
Kanneen jedhaman yeroo Ammaa kanaa ajajni mana Murtii Federaalaa irraa itti bahee humnaa Poolisaa Federaalaan barbaadamaa jiruu, namoonnii kunis yeroo ammaatti adamsa diinaa jalaa miliqanii jiraachuu qeerroo gabaasa.
Kana malees Angaawoonni OPDO Onotaa aKka Giddaa fi Haroo Limmuu ummataa fi Qeerroo FDG gaggeessaa jiran dhaabuu hanqattan kanaaf isinis mootummaa keessa teessanii hojii ABO hojjetaa jirtu jechuun dorsifaamaa jiraachuun gabaafamera, haalaa kanatti rifachuun Miseensonnii OPDO hedduunis akkas taanaan Ummataa keenyaa Oromoo dhiifama gafaannee gara Qabsoo ummatatti deebi’uun furmaata filamataa dha jechuun sabboontota quunamaa akka jiran gaabsi naannicha irraa nu gahe addeessa.

Godina Shawaa Aanaa Midaa Qanyii Diddaan Barattootaa Itti Fufee. Ergamtooti Wayyaanees mana ummataa sakata’an

Aside

Adooleessa 07,2012 Miidaa Qanyii
Godina dhihaa Shawaa Aanaa Midaa Qanyii mana barumsaa Baallaammii Sadrka 2ffaa Fi Qopha’inaa irraa Poolisnnii sirna nama nyaataa Wayyaanee saboontotaa baratootaa Oromoo qabanii hidhuun, dorsisaa jiraachuun gabaafame . FDG Oromiyaa keessatti qabatee jiruun wal qabsiisanii barattoota Oromoo Adoolessa 02,2012 irraa kaasnii barbaaduun hidhuu fi doorsuun itti fufee jiraatu illee,gootonni barattooti Oromoo itti ciccanii FDG gaaggeessaa jiraachuun gabaafame.
Haala kanaan barattooti qabamanii hidhaman keessaa.
1. Barata Bantii Dalasaa, kutaa 10ffaa,
2. Barataa Alamayyoo Addunyaa Barataa kutaa 11ffaa,
3. Barata Yaadeeraa Lammeesaa,
4. Sisaayi Lammeessaa

Kanneen jedhaman humna Polisa Aanaatin qabamanii isiin sochii dargaggoota biyyoolessaa ykn Qeerroo keessatti gurmooftanii ummata mootummaa Wayyaanee irratti kakaaftaniittu sababa jedhuun hidhaa keessatti dorsifamaa jiru.
Kana malees magaaluma Baallammii keessatti nanneen sabboontota Oromoo sakatta’amuun galmee about mana keessan jira,alaabaa Oromoo mana keessan keessaa qabdu jechuun seeraan alatti manni sabboontotaa sakatta’amaa jiraachuun gabaasi Qeerroo Baallamii irraa addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Qabeenyi Investeroota Wayyaanee Kuufami Meeshaa Magaazinni Tokko Guutuu Barbadaaye

Aside

Adoolessa 06,2012 Diddaa Ayyaanaa
Adooleessaa 5,2012 ganama( barii barraaqaa ) Godina Wallaggaa Bahaa Onaa Giddaa Ayyaanaatti Humni hin beekamiin Godina Lixaa Oromiyaa keessaa Socho’aa jiruu Qabeenyaa Dabbalotaa Wayyaanee Ibidaan barbadeesse.
Dabballota Wayyaanee namota maqaan isanii Abajjee Xilaahuu fi Isxeefaanos jedhaman daldaltotaa Midhaan nyaataa fi Zaayitaa kan ta’an kan dhalotaan ilmaan habashaa ta’an, gamtaadhaan magaazanaa tokkichaatti daldalaa kan jiranii fi qaabeenyaa Uummaataa Oromoo saamaa kan jira, mootummaan Wayyaanee carraa daldalaa ilmaan Oromoo dhorkachuun daballotaa kanaaf Onaa Giddaa Ayyaanaa Bakkaa Mandaaraa 11ffaa jedhamuun beekamuutti mana kusaa midhaan nyaataa fi Zayitaa walitti qabuun gara kaabaa nannoo Tigiraayii fi Amaharatti dabarfamee kan gurguramuu kana qabeenyaa isaanii mana kuusaa Midhaanii(magaazaana) midhaan tilmaamaan kuntaalaa 800 ol kan ta’uu kan kuufatee jiruu humni Addaa kun Ibidaan barbaadeessuu gabaasi Qeerroo gahe addeessa.

Godina Harargee Lixaa Keessatti Dargaggoonni Oromoo Ukkamfaman. Diddaan Barattootaas Itti Fufe.‏

Aside

Adoolessa 06,2012 Mi’eessoo
Bara Mootummaan wayyaanee aangootti ba’ee dargaggootni oromoo hidhamaa,reebamaa fi saamamaa turuun ni yaadatama.Mootummaan Wayyaanee shira ilmaan Oromoo irratti dalagu daran jabeessuun Godina Harargee Lixaa Mi’eessootii dargaggoota Oromoo Adam Ibroo fi Abdii jedhaman Adoolessa 05,2012 maqaa miseensota ABO ti jedhuun yakkee bakka buuteen isaanii dhabamanii jiran.Dargaggootni kunneen hojii mataa isaanii hojjechaa kan turan yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti dargaggoota Oromoo gara waraana ABO ergitu jechuun yakkanii bakka buuteen isaanii dhabamee jira.Warri dargaggoota kanneenii bakka buutee ijoollee isaanii dhabanii hedduu cinqamuu irratti argamu.
Karaa gara biraa Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa kiiraamuuttii diddaan baratotaa Oromoo M/b Kiiramuu sadarkaa 2ffaa fi Prepatoorii jabaatee itti fufee,
Adoolessaa 5,2012 Cufinsa Mana Barumsaa Kirraammuu sadarka 2ffaa fi Preparaatorii irraatti gotonnii baratootaa Oromoo sirbotaa gotummaa fi jajjabinaa Qabsoo faarsuun lukkeelee garaa gubaan, sirbootaa Gootitti Oromoo Ilfinesh Qannoo fi Ebbiisaa Adunyaa,fi kan Hangaatuu fi Kumalaan waliin sirban wal harkaa fuudhanii sirbuun maatii baratoota sirna cufinsa M/B kanaa irraatti argaman ittiin bohaarsani diinaa garaa guban.

Qophiin Tumsa Qeerroo milkaa’e; deeggarsi maallaqaas arjoomame

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 5/07/2012) Qophiin Tumsa Qeerroo magaalaa Melbourne keessatti gaggeeffame milkiidhaan xumurame; sabboontonni Oromoos Qeerroo akka tumsan waadaa seenan.

Gabaasaan Qeerroo Melbourne irraa akka odeeffannoo nuuf dabarsetti, sagantaan Tumsa Qeerroo waamicha Qeerroo Bilisummaa irraa dhiyaate irratti hundaa’uun qophaa’e kun diddaa fi falmaan bilisummaa Oromoo kan dhugaa irratti hundaa’ee fi karaa hundaan walqabachaa jiru ta’uu kan agarsiisee dha.

Sagantaa Tumsa Qeerroo yeroo duraaf biyya alaatti ijaarame kana irrattis hawaasti hedduu kan argame yoo ta’u, sagantichis sochiin diddaa fi warraaqsaa  jabaatee akka jiru kan mul’ise ta’uu gabaasaan keenya hubachiisee jira.

Qophii Tumsa Qeerroo kana irrattis sabboontoti Oromoo magaalaa Melobourne fi naannoo ishii jiraatan kan hirmaatan yoo ta’u,sagantaa kana irratti dokumentariin sochii Qeerroo agarsiisu kan dhiyaate yoo ta’u, adeemsa diddaa fi falmaa karaa nagaa Qeerroon adeemsisaa jiru keessatti bu’aalee argaman ilaalchisees ibsi bal’aa kennamee jira.

Keessaayyuu, Qeerroon biyya keessaa miidhaa fi hiraarsaa saba isaanii irrea gahaa jiru hubatanii diddaa isaanii karaa nagaa itti fufuu isaaniitiin dammaqiinsi guddaa akka argame kan ibse barruun dhiyaate kun gama diinaatiinis darggoota Oromoo jilbeeffachiisuuf hidhaa fi hiraarsaa hamaa irraan gahaa akka jiu addeessee jira.

Haata’uutii, Qeerroon duula wayyaaneetiin otuu hin rifanne humnaa fi dandeettii isaanii walitti qindeeffachuun hojii dammaqiinsaa fi warraaqsaa gaggeessaa akka jiran illee ibsa kenname irraa hubachuun danda’amee jira.

Yeroo ilmaan Oromoo diina jalatti gurmaa’anii jiran kanatti dirmannaa gochuu dhiisuun akka diina deeggaruutti ilaalama kan jedhan tumsi Qeerroo, gaaffii fi waamicha Qeerroo biyya keessaa isaaniif dhiyaate irratti hundaa’uun biyya alaatti of ijaaranii akka jiranii fi yeroo kamitti iyyuu dirqama isaanitti kennamu gumaachuuf illee qophii ta’uu isaanii wayituma kana marii godhan irratti beeksisanii jiru.

Gama biraatiin, hojii Qeerroo karaa malchiisu gargaaruuf kan oolu gargaarsi maallaqaa battalumatti kan kenname yoo ta’u, T-shertiin “Tumsa Qeerroo” gurgurtaaf dhiyaatees saganticha irratti gurguramaa akka ture hubatramee jira.

Dhalooti haaraas T-shert kan bitachuun uffatanii Tumsa Qeerroo cina akka hiriiran, dagaaginaa fi guddina aadaa fi seenaa saba Oromoof jabaatanii akka hojjatan  ejjannoo isaanii mul’isanii jiru.

 Bakka bu’ooti waldaa hawaasa Oromoos wayituma kana dhaamsa dabarsan keessatti yeroo ammaa dhimma saba Oromoo caalatti guddisuuf dantaa fi faayidaa saba Oromoo tiksuu fi eeguun barbaachisaaakka ta’e hubachiisanii jiru.

“Oromoon kamuu bakka jirutti dantaa saba Oromoo waloo ta’an eeguu fi kunuunsuu keessatti qooda guddaa qaba,” kan jedhan waldaaleen hawaasa Oromoo, keessattuu, hawaasti Oromoo biyya alaa keessatti argaman ambaasaaddara Oromoo fi Oromiyaa waan ta’aniif gahee isaanii jabinaa fi gahummaan akka bahatan dhaamanii jiru.

Keessayyuu, duula  Wayyaanee ergamtootaa fiu jala deemtota ishii yeroo addaddaa keessatti biyya alaatti bobbaasuun hawaasa Oromoo fi lammiilee biyyattii gowwoomsuu fi afaanfajjessuuf yaaltu dura dhaabbachuu k eessatti hirmaannnaa isaanii dachaa dachaan akka guddisan bakka bu’ooti hawaasa kunneen dhaamanii jiru.

Maanguddooti sagantaa kana irratti argamanis,  dhalooti haaraan diddaa fi falmaa abbootii isaanii dhaalanii qabsoo bifa haaraan finiinsaa jiraachuu isaaniitti akka gammadan ibsanii karaa danda’aniin Qeerroo akka gargaaran waadaa seenanii jiru.