Adoolessa 13,2012 Jimma
Godina Jimmaa magaalaa Jimmaa, Aanaa Aggaaroo,Sokorruu, fi Geeraatti uummanni Oromoo Amantaa Musilimaa hordofaa jiru shiraa Amantii motummaan Wayyaanee xaxaa jiruu balaaleffaachaa jiraachuun ibsame,
Mootummaan Wayyaanee seera amantii ummata irratti tumuun Oromoon mirga amantii qabaatee amantii fedhe hordofuun mirga isaa ta’ee osoo jiruu Seeraa ofuumaa tumaanii ifumaa cabsaniin Oromoota amantaa fedhe hordofaa yeroo dheeraa jiraataa dhufe irratti seeraa fi akkaataa amantii nutti himuu irraan mootummaan amantii keenyaa diigaa fi mirga amantii keenyaa nu jalaa cabee jira. Maqaa mankararsaa fi ummanni musilimaa Jahadistii labsutti jira,jechuun jechotaa hiikaa isaa hin beekne nurraa kaa’ee itti nu balaaleffachaa jira waan ta’eef jechoota Oromoon hikkaa isaa hin beekneen biyya oromaa irraa harkfatee nagaa Oromoo fi mirga amantaa keenyaa akka nu hin dorkanne balaaleffanna jedhuun ummanni godina Jimmaa Aanaa Aggaaroo Adoolessa 12,2012 iyyatan.
Blog Archives
Five police officers killed in a continued tension between the Gidda Ayanaa militias and the federal police
Aside
July 12, 2012 Finfinnee (Qeerroo)
News from the Gidda Ayana area confirmed the death of 5 federal police officers in a continued confrontation between the Gidda Ayana militias, who were long complaining about the harassment of the police on bogus suspicion of complicit with OLF (Oromo Liberation Front) activities in the area and disarmament program.
The federal police unit was sent to the area after the authorities showed dissatisfaction with the local police weapons search team. But when the team reached an area called Dirree Guddaa Baqoo, the local law enforcement militias asked why they come and the importance of repeated harassment of the people for ideal weapons. In an apparent disagreement and gun battle that broke out, which lasted for nearly 3 hours, 5 federal police were killed.
After the shocking incident, it is reported that the authoritarian government of Ethiopia has deployed large number of another Federal Police unit and members of the regular army to the take control the over boiling popular discontent in the district.
In a similar news three cabinet members of the ruling Oromo Peoples Democratic Organisation (OPDO) of Hebantu District was reported to have joining the opposition resistance movement in the area, after the federal police tried to arrest them on suspicion of supporting and feeding the OLF special unit, inability to stabilise the revolting population of Hebantu District and complicit with the OLF actions in the area. These officers are:
1. Takale Bayisa: Vice governor of the Hebantu District
2. Lammi Jabaa: Security head of the District
3. Ifaa Abarra: Head of the District public relations and communications department
In a separate popular resistance In Anfillo District, the long time stronghold of the Oromo resistance movement; the local residents and Qeerroo activists have rescued three well respected and known community members from the prison of the Woyane government in Yattii area with a concerted pressure and strict deadline demands to the local officials. Residents have said, the Oromo people should take stand in any other place when the government cadres just imprison anyone they don’t like because of his/her identity as a responsible Oromo and commitment for his/her Oromummaa and his/her people.
Bulchitooti Gandaa Namni Lama Warraaqsa Deemaa Jiru Keessaa Qooda Qabdu Sababaa Jedhuun Hidhaman.
Aside
Adoolessa 12,2012
Godina Wallagga bahaa aanaa Giddaa Ganda Gandaa naannoo Dirree Guddaa Baqoo keessatti Adoolessa 11,2012 waraanni Federaala Wayyaanee dura taa’aa ganda kanaa Obbo Gabayyoo Gammadaa fi Barreessaa gandaa Obbo Amsaaluu Amanuu jedhaman uummata meeshaa waraanaa dhoksaan qabu osoo beektanii gandoota keessa dhoksitanii jirtu,about ganda ofii bulchitan keessa jira.Dargaggoonni Oromoo maqaa Qeerroon qindaayanii mootummaa irratti ka’anii waan jiraniif gargaarsa kennaa jiru kanaaf ifiifuu isin yakkamtoota jechuun jieenya isaanii fi maatii isaanii irraa qabanii mana hidhaatti dabaranii jiru.
Yeroo ammaa kana aanaa Giddaa keessatti ummannii fi poolisi Federaala Wayyaanee hudhanii waan walqabaa jiraniif jecha,milishootiin gandaa ummmata irra goranii dhukaasa waraana Wayyaaneetti banuun naannichi hanga yeroo ammaatti jeequmsa keessa galee jiraachuu qeerroon naannicha irraa gabaasa.
FDG Itti Fufee Wallagga Anaa Aniflloo Irraa Sabboonti 13 Hidhaman
Aside
Adoolessa 12,2012 Dambi Doolloo
Diddaan Uummata Qellem,Anfilloo, ganda yatti-Koonqii jabaatee itti fufee jira. Yeroo dhiyoo barattootaan sochiin eegalee jiru manabarumsa sadarkaa 1ffaatti hamma amma mootummaa Wayyaanee raasuudhaan karaa Sudaan ABO tu dhufee sababaa jedhuun waraana isaa gara sanatti fe’aa akka jiru Qeerroon Anfilloo irraa gabaasa.
Haaluma kana waliin namoota sochii ABO fi fincila diddaa gabarummaa qindeessitu sababaa jedhuun gaafa Adoolessa 09,2012 sabbboontota 13 mana hidhaatti guuree jira
1.Obbo Baatii Xilahuun
2.Qote Bulaa Gaaromaa Hambis
3.Barsiisaa Ijjiguu Froomsaa
4.Obbo Gechee Araggaa
5.Moosisaa Abdiisaa
6.Barsiistuu Tsaahaayi Abiyoot
7.Bulaa Taarikuu
8.Saamu’eel Lammaa
9.Hiikkaa Abdallaa
10.Siraaj Boginoo
11.Booboo Iddoosaa
12.Geetahuun Shifarraa
13.Giiftii Suraafel
Warren jedhaman kun maqaa ABOtiin yakkamanii mana hidhaatti guuramaa akka jiran gabaasaan isaa addeessa. Akka gabaasaan kun nu gahetti uummanni naannichaa nyaata tokko malee akka jirutti guyyaa lamaa asitti hojii isaa dhiisee karaa cufee halkan kana xiqqaa guddaa ,dhiira dhalaa,jaarsa jaartii utuu hin jedhin hunduu karaa irratti bobba’ee diddaa isaa muldhisaa akka jiru gabaafama. Kana malees dhaadannoo fi sirbi goototaa barattootaan itti fufee akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.
Adoolessaa 10,2012 Qondaalota Tikaa Wayyanee Ol-aanoo Irratti Tarkaanfiin Fudhatame.
Aside
Adoolessa 11,2012 Laqamte
Humna tikaa Wayyaanee Godina Bahaa Wallaagga irraa sochoo’uu fi itti gafatamummaa Olaanaa kan qabuu namni maqaan Shaallaamaa jedhamuu fi Itti gaafatamaan Poolisii Godinaa kan ta’ee Geetachoo Gammadaa kan jedhamuu Humni addaa ABO Onaa Giddaa Ayyanaa keessaa riphee nu lolaa jira jechuun, guyyaa kaleessaa Poolisonnii Federalaa fi milishotaa gandaa gidduutti walitti dhukaasaa banameef humna waraanaa gara Onaa Gidddaatti milishotaa gandaa qabuu fi meesha sakkata’uuf utuu deemaa jiranii daandii gara Giddaa geessuu bakkaa Magaalaa xiqqaa Jaangiraa jedhamutti yeroo dhiyaataan humni addaa isaanumti barbaacha deeman kan godinicha keessaa sochoo’uu tarkaanfii diinaa irraatti fudhateen. konkolaachiisaan isaanii akka malee miidhamee shufeera dabalatee jarri madaa’uun gabaafame.
Yeroo ammaa kanaa mootummaan abbaa irree humni Addaa Onaa Giddaa galeee jira baasuu qabduu jechuun qonaan bultootaa doorsisuus, Qonaan bultoonnii humnii hidhatee socho’aa jiruu isinuma, kanaa malee humna addaatti hidhatee socho’uu nuti hin arginee, ufumaa keessanii wal irraattii waraanaa banaa jirtuu nun hojii keenyaa nu hin dhorkiinaa jechuun of irraa deebisaa jiru,araddaalee qonnaan bultootaa irratti bobba’uun walgahii waamuu yaalan illee ummanni diddaa guutuun dura dhaabbatee fashalchiisee jira. Kana malees sababa lolli cimaan milishotaa fi poolisaa fedraalaa gidduutti kaleessaa ta’een yeroo ammaa kanaa milishonnii gandaa namoonnii 32 humnaa polisaa Federaalan qabanii hidhamuuf barbaadamaa jiru, keessaattuu namoonni 12 addatti barbaadama jirachuun gabaafame.
Kanamuma waliin Adooleessaa 10,2012 Onaa Giddaa Ayyaanaa gandaa Dirree Guddaa Baqoo jedhamuttii Dura ta’aan gandaa namni maqaan Gabayyoo Gammadaa jedhamuu fi Manageriin gandaa namnii Hamsaaluu Amanuu jedhamaan poolisoota Feederaalaan shakkamanii doorsifamaa jiraachuu fi humna addaa fi milishoota gandaa mootummaatti qawwee galagalfatan adamsuu irratti nu gargaaruu diddan sababaa jedhuun doorsisi cimaan irra gahee jira.
Finfinnee Keessatti Hogganooti TPLF Gurgudoon Walgahii Ifii Yaaman Irratti Salphatan
Aside
Adoolessa 11,2012 Gabaasa Qeeroo Finfinnee
Adoolessa 9- 10,2012 Qondaalonni Wayyaanee miseensota isaa waliin barsiisota diddaaf shakkaman walitti waamuudhaan wal gayii mata duree gamaggama hojii bara 2004 fi Haaromsa bara itti aanuu godhachuudhaan adeemsisaa turan irratti milkomina dhabu irraan kan ke’e ammoos Wal gayiin kun torbee tokkoof akka gaggeeffamu ta’ee jira. Wal gayiin kun bakki inni itti gaggeeffamaa jiru Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qoophaayinaa;-Kaffitanyaa 12, Kookab Atsibaa fi Biran Guzoo bakka jedhamutti yeroo ta’u
Qondaalotiin Wayyaanee bebbeekamoo jedhaman warri walgai kana gaggeessan keessaa:-
1.Gebrahiwot Hagos-qondaala olaanaa kutaa magaalaa Yakkaa fi hogganaa dhimma nageenya naannoo;
2.Zelaalem Tesfaa-Hoogganaa dhimma ispoortii fi dargaggoota magaalaa Yakkaa;
3.Birhaanuu Damee-hoogganaa Aadaa fi Tuurizimii kutaa magaala yakkaa fi dabbalee Wayyaanee olaanaa akka ta’an beekame.
Yaanni Qoondaalota Wayyaanee kanaas inni bu’uura ta’e barsiisota diddaan irraa mul’atuu fi kanneen dhalootaan Oromoo ta’an hidhatan ABO waliin qabu sababa jedhuun gamaagamanii hojii irraa arihuu sababaa jedhu akka ta’e ifatti beekamee jira. Adoolessa 10 walgahii godhan irratti gaaffiin barsiisota irraa ka’es waayee mirga dhala namaa fi qaalawina jireenyaa irratti akkasumas sabboonummaan namaa biyya Ethiopia keessatti yakka akka ta’ee waan jiruuf mootummaan imaamata isaa kana hamma bara meeqaatti itti fufuuf deema kan jedhu ture. Garuu deebiin isaa hamma ammaatti hin jiru,kanaaf sirni bulchiinsa amma biyyi ittiin bulamaa jirtu nuuf haa jijjiiramu,jehuudhaan gaaffii yaada kaasuun ummanni galmatti walitti qabame hundi iyya garmaleetiin galma walgayiin sun itti gaggeeffamaa ture jeeqanii ergamtoota mootummaa Wayyaanee kana yeellasiisan, kunis Qoondaalota kana hedduu aarsuudhan miseensota isaa waliin mooricha keessa kan jiru marti jechoota sansakaa fi kabaja barsiisotaa dhiibu, salphisu dubbachuu fi arrabsuudhaan ofi irroo fi olaantummaa qaban muldhisaa akka turan beekame.
Haala kanaan barsiisoonni sabni martuu sirboota siyaasaa sirbuudhaan,kaan immoo yeroo walgayii sanatti rafuudhaan, sagalee adda addaa moobayila irraa dhageessisuudhaan, kaan immoo kitaabolee fi gaazexaa dubbisuu itti jabeessudhaan wal gayiin Wayyaanotaa kun akka feshelatu godhanii jiru. Walgayiin kun hamma furmaanni tokko argamutti torbee dhufus itti fufuu qaba jedhamaa jira.
Qonnaan Bultooti Oromoo Walagahii Dabballoota Wayyaanee Lagatan
Aside
Adoolessa 11,2012 Gabaasa Qeerroo
Godina Wallaggaa bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Heebantuu keessatti tutni waraana mootummaa wayyaanee sakatta’a meeshaaf ilmaan Oromootti bobba’e mislishoota gandaan waliin waliti bu’uu irraan poolisi feederaalaa namni 5 galafatamuu irraan qaana’uu kan ka’e mootummaan Wayyaanee qotee bultoota Oromoo wal gahii akka bahan ajaja baastu uummatni wal gahii lagate.Qotee bulaan Oromoo yeroon isaa yeroo qonnaati,Nuyi hojii keenya malee olola diiinaa hin dandeenyu,Meeshaa waraanaas hin qabnu,Wal gahiin isin waamtanis bu’aa hoomaa hin qabu jechuun wal gahii guutummaan hafaa jiran.Mootummaan Wayyaanees waraana ishii bobbaasuun uummata dirqiin yaasuu yaalus uummatni didee diddaa isaa cimsuu irra jira.Haala kanaan guyyaa har’aa furmaata dhabuu irraa kan ka’es wal gahii hin baatan taanaan lafti keessan isin irraa fudhatama jechuun doorsisuu irratti argamti.
Wallagga Onaa Giddaa Ayyaanattii Humna Pooliisii Federaalaa fi Milishotaa Gandaa Gidduttii Dhukaasii Banameen Poolisi Wayyaanee 5 Dhabaman
Aside
Adoolessa 10,2012 Gabaasa Qeerroo Giddaa
Ummata meeshaa hikkachiisuu fi sababaa humna addaa WBO sakatta’uu jechuun waraanni Wayyaanee Adooleessaa 7,2012 Sakkata’insaaf Onaa Giddaa bobba’ee ture, haaluma kanaan polisonni fi waraanni Wayyyanee bobbaafaman uummataa sakkataa’aa turanii meeshaa waraanaa kan jedhamu homaa dhabuun akka meeshaan hin jirre gara Federaalatti gabaasan. Mootummaan Federaalaa utuu uummaannii meeshaa waranaa hidhatee nu lolaa jiruu beekaa irraa hiikuu dhistaan jechuun, amantaa irraa dhabee, poolisii federalaa humna guddaa kan nama Assaaffaa Gennetii jedhamuun hogganamu kan sirnichaaf sakkatta’insaaf si’a 2ffaaf bobbaase, Sana boodaa Onaa Giddaa Ayyaanaa bakkaa Dirree Guddaa Baqoo jedhamutti milishonni gandaa isiin eenyuu taatanii ummata naannoo irra deddeebitanii sakattaatuu?! Roorroo irratti roorruu nutti fidaa jirtu jechuun dhukaasaa Poolisoota Federaalaa irraatti banan, sana boodaa milshotaa gandaa fi Poolisaa Federalaa Wayyaanee waliin walitti dhukaasnii sa’ati 3:00 oliif polisotaa Federalaa irraa nama 5 battalatti ajjeefaman isaan keessaa namni tokko dhalootaan Gumuzii dha. kan dhalotaan Guumuz ta’an namonni 5 ajjefamani, tokko ammo haalaan madaa’e.
Haalli kun kanaan osoo hin dhaabbatiin guyyaa har’aa mootummaan Wayyaanee humna waraanaa fi poolisoota Federaalaa naannoo sanitti hedduminaan guuruun milishoota gandaa san barbaacha waan bobba’ee jiruuf ummanni diddaa isaa muldhisaa jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa. Hordoffiin gabaasa guutuu gama fuula duraa dhiheessina
Barataan Dhalootaan Tigraay Ta’e Tokko Mooraa University Jimmaa Keessaatti Gamoo Irraa if Darbatee Caccabe.
Aside
Adoolessa 10,2012 Jimma
Universiy Jimmaa keessatti Adoolessa 08,2012 irraa kaasee ibsaan doormii barattoota irraa dhaamuun dukkanni dhuunfatee jira,barattooti galgala waan ittiin qayabatanis ta’e ifa argatan waan hin jirreef moorichi cal jedhee jira. Tikii fi humni poolisa Wayyaanee barattooti Oromoo fincila diddaa gabrummaa kaasuufi sababa jedhuun mooricha keessaa fi alatti eegumsa jabeessanii jiru, gariin ammo mooraa keessa uffata sibiilii uffatanii barattoota keessa garmaamu.
Haala kanaan Adoolessa 09,2012 galgala barataan dhalootaan Tigree ta’e Dajanee Habtuu muummee Medicine kan baratu ibsaan dhaamee dukkanni mooricha dhuunfachuu irraan halkan gamoo mana barnootaa san irraa of darbee guututtu qaami isaa hunkutaayee caccabuun Hosptala galee jiraachuu qeerroo ngabaasa.
Barataan Oromoo Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo qabxii olaanaa qabu tika mootummaa Wayyaaneen ajjeefame!
Aside
Adoolessa 10,2012
Mootummaan Wayyaanee yuunivarsiitiilee keessatti barattoota Oromoo baratan hidhaa fi ajjeesaa turuun ishee ni yaadatama.Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo Keessatti Barataan Oromoo Addisuu Akililuu Socilal Science muummee seenaatti qabxii olaanaa 3.8 kan qabu tika mootummaa Wayyaaneen ajjeefamuu qeerroon gabaasa.Barataan kun yeroo adda addaatti jabinaa fi sabboonummaa qabu irraa kan ka’e ergamtooti Wayyaanee qormaata adda addaa jala isa galchaa kan turan yeroo ta’u Adoolessa 09,2012 humna tika Wayyaaneen ajjeefamee kan darbame yoommuu tahu, barattooti Oromoo kaan ajjeefamuu barataa kanaatti aaruun gaaffii mootummaa saniif kan dhiheessan keessaa akkamitti akka du’e haa qoratamu yoommuu jedhamu yuunivarsiitiin Walaayittaa Sooddoo dhiphachuun barattoota Oromoo tasgabbeessuuf oliif gadi fiigaa jira.Barattootni Oromoo yuunivarsiitii kanaa barataa Oromoo dandeettii isaa fi sabboonummaa isaa irraa jibbiinsa qabaachuun mootummaan Wayyaanee kan ajjeese itti gaafatamummaa haa fudhatu jechaa kan jiran yoommuu tahu haala kana doorsisaan callisiisuuf jecha waraanni Wayyaanee mooraa yuunivarsiitii keessa seenuun barattoota Oromoo jeeqaa jira.Kan barataa kana ajjeesee fi qaami tikaa Wayyaanee gaafatama kana fudhachuu akka qabuu fi ajjeefamuun ilmaan Oromoo ammo Oromoo mara kan kakaasu malee diddaa gabrummaa irraa duubatti kan nu deebisu miti jedhchuun barattooti Oromoo beeksisanii jiru