Akkuma gabaasaan tokko, “Like Saddam Hussein or Bashar al-Assad, he filled the country’s top political and economic positions with men from his own Tigaray ethnicity.’ jedhee mirkaneessetti, Malalsaan boroottan darbe waan danda’u hundaan ummata Oromoo lfa irraa fixuuf sagantaa fi tarsimoon keewwate amma illee waan jiruuf Qeerroon oromoo fi saboota cunqurfamoo haala kana hubachuun kutannoo fi murannoo isanaii daran akka jabeeffatanii gara galii isaanii: Bilisummaa, Haqaa fi Dimokiraasuu fiduu irratti jabaatanii akka hojjatan dhaamanii jiru.
Moototi Itoophiyaa aadaa dhufaa darbaa keessatti waan walballeessuu fi walfixuu malee aadaa dimokiraasii, jaalalaa fi kabajaa kaayyoo godhatan akka hin jirre kan yaadachiisan miseensoti Qeerroo, aadaa badaa san keessaa waloodhaan karaa itti bahan kan akeeke waamicha Addi Bilisummaa Oromooirraa kenname garaa guutuun kab fudhatan ta’uu beeksisanii jiru.