SBO Onkololeessa 7 Bara 2012

Aside

Oromiyaa:Diddaa Hawaasa Musiliimaa

Aside

Mootummaa Wayyaaneef kaardiin Keelloo kenname; diidaan hawaasa Musiliimaas itti fufe!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 06 Onkoloolessa 2012)Onkoloolessa 05/2012 hordoftootni amantaa Musliimaa naannoo Masgiida Anuwaaritti salaataaf imalan dhiibbaa fi roorroo isaanii fi amantii isaanii irra karaa mootummaa wayyaaneetiin gahaa jiru cimsanii balaaleffatan.

Hordoftooti amantii Musiliimaa kitilaan lakkaayaman kunneen diddaa fi mormii kana irrattis dhaadannoolee garaa garaa dhageessisuun waraqaa bifa keelloo qabu baachuun akeekkachiisa duraa mootummaaf kennanii jiru.

Hordoftootni amantaa Musliimaa kunneen dhaadannoowwan dhageessisaa oolan keessaa

1. Sagaleen keenya haa dhaga’amu

2. ETVn sobduu fi hattuu dha

3. Hidhamtootni haal duree tokko malee haa hiikaman

4. Filannoon dirqamaan hin jiru

5. Guyyaa dilbataa filannoon sobaa hin jiru

6. Amantii keenya irratti ni duuna

7. Nuyi shororkeessitoota miti

8. Gaaffii mirgaaf deebiin haa deebi’u

9. Rabbi malee waan sodaannu hin qabnu

10. Ya rabbi nu dhaqqabi kanneen jedhan sagalee fi barreeffamootaan qabachuun dhageessisaa fi dubbisiisaa oolan.

Waraanni mootummaa wayyaanee gaaffii mirgaa hordoftoota amantaa musliimaa dura dhaabbachuuf bobba’e abdii kutuun dhaabbatee ilaaluuf dirqamee jira.

Guyyaa dheengaddaa Onkoloolessa 04/2012 mootummaan wayyaanee konkolaattota naannoo Masgiida Anuwaar bira darban meeshaa waraanaa dhoksitanii baattu jechuun sakattaan rakkisaa ture. Mootummaan wayyaanee walumaa galatti diddaa sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaan itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf gaaffii mirgaaf deebii dhiisee hidhaa jirus hanga mirgi namummaa fi dimokiraasii biyyattii keessatti mirkanaa’utti qeerroon gaaffii mirgaa sabawwan cunqurfamoo kamuu cinaa dhaabbachuun wareegama kamuu baasuuf qophii tahuu isaa ibsata.

Biyya Itoophiyaa jedhamtu keessatti mirgi namummaa fi Dimokiraasii guyyaan itti kabajame takkaa hin turre.Mootummaan wayyaanee mirgi sabaa fi sab-lammootaa fi mirgi amantiilee kabajamee jira jechuun yeroodhaa yerootti olola oofu.

Keessumaa Raadiyoo fi Televisionii siyaasa isaanii ittiin gaggeessuuf tolfateen mirgi namummaa kabajamee jira,Uummatnis jaallatee misooma irra jira jechuun yeroodhaa yerootti olola.

Gaaffiin mirgaa biyyattii keessatti yakka tahee yeroo dheeraaf turuun har’as itti jira.Hawaasni musliimaas gaaffii mirgaa mootummaan dhimma amantii keessa seenuu hin qabu jedhu yeroo dheeraaf gaafachaa turus deebiin argame hidhaa,ajjeechaa fi doorsisa ture.

Hawaasni musliimaas doorsisa,hidhaa fi ajjeechaa akkasumas dhiibbaa mana barnootaa Awaaliyaa irratti dhufeen haamilee otuu hin kutatiin karaa hundaan diddaa fi mormii isaanii daran jabeessanii jiru.

Humna Poolisa Federaalaa fi Oromiyaa Jidduu Walitti Bu’iins Ture Itti Fufee P.Oromiyaa Irraa 3 Hidhaman.

Aside

Onkoloolessa 06,2012 Naqamte

Gondina Wallaggaa keessatti poolisoota federaalaa fi Oromiyaa jidduutti walitti bu’iinsi ture jabaatee itti fufee Onkoloolessa 05,2012 ona Diddaa Ayyaanaa keessatti poolisoota federaala fi kan naannoo Oromiyaa  jidduutti dhukaasi banameen walitti bu’iinsi cimaan umamee oole,haala kanaan FDG deemaa jiru keessaa qooda qabdu,ummata naannoo baabsitanii gaaffii akka kakaasan gootaniittu,poolisoonni naannoo Oromiyaa irra guddaan keessan ABOf hojjettu sababa jedhuun kanneen feederaala irraa heddumminaan naannicha dhaqan magaala goolaa olanii jiru. Haala kanaan wal qabatee P.naannoo Oromiyaa irraa namoonni sadii hiikkachiifamanii mana hidhaatti geeffamuu fi kanneen hafan ammoo hin hiikkanu isin eenyuun taatanii biyya abbaa keenyaa irratti nu abboomtu jechuun diddaa isaanii hanga ammaa itti fufanii jiraachuun gabaafame.

Hanga ammaatti kanneen hidhaman keessa maqaan:-

1, Poolisii Asaaffaa Gammaachuu,

2, Poolisii Gammaachiis Waaqwayyaa,fi

3, Poolisii Ergoo Goobanaa

Kanneen jedhaman keessatti argamu

Seife Nebelbal Radio Program, Interviews Elfinesh Qannoo

Aside

Ethiopia: Apprehension and Detention of Oromo Nationals on Irrecha Festivals Celebration

Aside

HRLHA  URGENT ACTION

           October 5, 2012

The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) is highly concerned about the safety and wellbeing of hundreds of Oromo Nationals who were arrested by the Ethiopian Security forces on the annual Irrecha Festival (Oromo Traditional Thanksgiving) Holiday in central Oromia Regional State in Ethiopia.

According to the information obtained by HRLHA through its correspondents in central Ethiopian, over two hundred Oromo nationals, almost all of whom were the youth, were arrested in a surprise crackdown by armed government forces around the end of the Irrecha Holiday ceremony at Hora (Lake) Arsadi in the Central Oromia City of Bishoftu/Dabra-Zayit on the 30th of September 2012, and taken away to Maikelawi Investigation prison and to unknown destinations. The allegations were that the holiday celebrants chanted some kinds of political slogans along with Irrecha Festival songs.

HRLHA’s  informants from Western and Southern Showa also  reported that many Oromos who were on traveling to attend the Irrecha Festival Celebration at Bishoftu were pulled out their Buses on September 29, 2012  by the Security forces in towns of Guder, Ambo, Ginchi, Shashemene, Sebata, Dukem and other towns and taken to unknown destinations.

The very ambiguous question, as it has been the case in Ethiopia’s political environment in the past fifteen to twenty years, is as to why political opinions and expressions, if any, become a crime in a country that claims to be democratic. It is very unfortunate that the Oromos and other nations and nationalities in Ethiopia are not able to see signs of democratic political changes even following the change of top political leadership. Among the hundreds of arrestees and detainees, the whereabouts of whom were not yet known, the HRLHA correspondents have been able to get the names and some other relevant information of the following: HRLHA UA Irrecha 2012

Haala Bakka Irreecha Bishooftuu

Aside

This slideshow requires JavaScript.

Hidhamtooti Oromoo Haala Rakkisaa Keessatti Ayyaana Irreechaa Kabajachuun Gabaafame.

Aside

Gaafa Fulbaanaa 30/2012 Hidhamtoonnii Oromoo Mana Hidhaa Qalliittii Zoonii garaagaraa keessaa jiraanii fi Mana Hidhaa Aqaaqii Keessaattii Argaman Ayyaana Irreechaa Kabajatan,Kabajaa Ayyaana Irreechaa kanaan wal qabatee namoonnii hedduun loltoota Waayyaanee hidhamtotaa egaa jiraniin dorsifamaan, Keessaattuu warra sirnaa Ayyaanichaa irraattii adda durummaan dubbatanii fi akka kabajaataniif haala mijjeessaaniin mootummaan Waayyaanee isiin akka hidhamtoonnii cabsanii badaaniif haalaa mijeessaa jirtu jechuun dorsisaa jiraachuun gabaafame, Haalumaa wal fakkaatuun hidhamtonnii Oromoo mana hidhaa Ziiwwaayitti hidhamanii jiraan guyyuma Irreechaa kanaa Ayyaanaa irreechaa wayita kabajatan mirgi akkasii isiniif hin kennaamne jechuun poolisonnii sirnicha hidhamtotaa doorsisuu irra darbanii dararaa akka jiran beekame. Haata’uu malee cichoominaa fi dura dhaabbaannaa hidhamtotaatiin kabajachuu danda’aniru.

Haala kana keessatti hidhamtoonni dhaamsa dhaammatan keessatti yaa ilmaan Oromoo jabaadha,hidhaa fi ajjeechaan qabsoo irraa nu hin deebisu,tokkummaa keessan cimsaa yoo jabaanne ni bilisoomna. fi kkf dhaamsa dhaammachuu isaanii gabaasi achi irraa dhufe addeessa.

FDG Barattooti Oromoo Miidaa Qeenyii Kaasaniin Wal Qabatee Oromoonni Hidhaman

Aside

Onkololeessaa 2/2012 Godina Lixaa Shawaa Aanaa Midaa Qanyii keessatti diddaa barattooti Oromoo gandoota gara garaa keessatti kaasaniin wal qabatee nammoonni nagaa sadii maqaa ABOn shakkamanii hdihamuu gabaasi qeerroo naannoo sanii nu gahe addeessa.Kanneen keessaa.

1. Barataa Hundaa’ol Dhugaasaa

2. Batataa Bantii Dalasaa

3. Barsiisaa Xuurii Bantii

Badii tokkoon malee waajjiraa Poolisaa Aanaa Midaa Qanyiittii hidhamanii akka jiran gabaasi addeessa. Naannoo kanatti ilmaan Oromoo yeroo gara garaa hidhamuun isaanii beekamaa dha, barata Hundaa’ol Dhugaasaa ammaan dura duraa mana Hidhaa Godina Lixaa Shawaattii hidhamee dararamaa kan ture, fi yeroo amma kana yoo
Miseensaa OPDO taatee malee hin barattu jechuun barnotaa irraa dhorkamee kan jiru, ta’uun beekamadha.

Godina Wallagga bahaa keessatti wal dhabdeen Poolisii Federaalaa fi Poolisii Oromiyaa gidduutti uumame.

Aside

Onkoloolessa 5,2012

Godina Wallagga bahaa aanaa Giddaa keessatti diddaan ilmaan Oromoo itti fufuun wal dhabdeen Poolisoota federaalaa ummata dararuuf bobba’anii fi Poolisoota Oromiyaa gidduutti uumame.Poolisootni Federaalaa naannoo kanatti bobba’an Poolisii Oromiyaa fi Bulchinsa gandaa kan tahan wayita walitti bu’insi ilmaan Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz bu’insi turetti isintu meeshaa waraanaa Oromootaaf kenne jechuun qorannoon rakkisaa jiran.Qorannoo kanaanis Poolisiin Oromiyaa gurra hin kenninu jechuun wal dhabdeen uumamee jira.Haala kanaanis Poolisootni Federaalaa Komaander Asaffaa Gannatii kutaa qorannoo yakkaa kan tahe Tika mootummaa Wayyaanee naannoo kanaa Shallamaa jedhamu waliin qorannoon rakkisaa jiran.Miseensotni Poolisii Oromiyaas kanaaf bakka hin kenninu jechuun diddaa mul’isaa akka jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.