TVOMT:Oduulee-Ijoo Dubbii – Gaafif Deebiilee keessummootaa

Aside

Oromoo united, Free Oromia , by Kedir Martu ( Irreechaa Bishoftuu 2012)

Aside

Hidhaa fi reebichaan guddoo miidhamee baatii darbe keessa mana hidhaa Wayyaanee irraa kan lakkifame Artist Kadir Martuu ayaana irreessa 2012 irratti argamuun Oromo United jedhchuu fi walleelee warraaqsaa kaanis wallisuun Qeerroo f dhaamsa dabarse.Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa! hidhaan nurraa hafa!

Civil resistance is a way to fight for rights, freedom and justice.

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 12 Onkoloolessa 2012) Civil resistance is a way for ordinary youth to fight for their rights, freedom and justice without using violence.

People engaged in civil resistance use diverse tactics, such as strikes, boycotts, mass demonstrations and other actions, to cause wide-ranging social, political and economic change.

Around the world, civil resistance has been called by different names—nonviolent struggle, direct action, people power, political defiance, and civic mobilization—but regardless of which term is used, the fundamental dynamics of civil resistance remain essentially the same.

OSG Australia Appeal for Urgent Action

Aside


October, 10th 2012

To: Office of the United Nations High Commissioner for Human Rights (OHCHR),
Palais Wilson, 52 rue des Pquis
CH-1201 Geneva, Switzerland

Oromia Support Group Australia (OSGA) expresses its deep concern, and appeal to your office for your urgent intervention in relation to the arbitrary arrest of Oromo civilians on 30th September 2012, by Ethiopian armed forces, during celebration of Irrechaa Festival Thanks Giving Day – in Oromia region.
So far, OSGA has confirmed that Fifty two (52) civilians were unjustly imprisoned because the government authorities charged them with wearing unapproved clothing, including the wrong colour of clothes.
The names of the 52 detainees are:

OSG Australia Appeal for Urgent Action October 9 2012.pdf

SBO Onkoloolessa 10,2012

Aside

WBOn Sochii Jabeessaa Jira Sababa Jechuun Waraanni Wayyaanee Ummata Jeeqaa Jira.

Aside

Onkoloolessa 09,2012 Anfilloo

Gabaasaa irra deddeebii yeroodhaa yerootti baatiin Fulbaanaa kun erga seenee Godina Qellem,Ona Anfilloo keessatti humana ABO tu jira jechuun waraana heddumminaan naannoo san qubachiisuun ummata naannoo doorsisuu fi hidhuu itti fufee jira. Akka gabaasaa Qeerroo Anfilloo irraa har’a Fulbaana 09,2012  addeessuutti wal duraa duubaan sodaa mootummaan achirra qabu irratti walgahii gaafa Fulbaana 1 irraa hanga Fulbaana 4,2012 itti walgahii mata dureelee armaa gadii irratti gaggeefachuu isaanii beekame

1.  Dhaabni ABO  humna waraana guddaan Wallagga dhihaa keessatti haala addaan waan of ijaaree sosso’aa jiruuf ummanni waan kana quba qabaatee ABO gargaaruuf tattafatu yoo argame akka farra mishoomaa ta’eetti fudhanna.

2.  Barataa Yuuniversity irraa boqonnaaf gale xumura wal gayii kanaa booda qorannaa fi maal akka isaan yeroo boqonnaa isaanitti hojjechaa turan maatii isaanii bira deemuudhaan qorachaa turantu jira;

3.  Itti dabalata fedha uummataa kan hin taane dursa lafti keessan xaa’oo argatee hin qotamu taanan abbaa qabeenyaatiif kennama kan jedhu uummata irratti beeksisa banatanii turan, kana irratti hunda’ee gaafa Fulbaana 8 uummata gandoota Anfilloo yeroo tokkichatti walitti qabanii dirqaman xaa’oo fudhachuu qabdu, kana irraa kan hafe lafti isin qabdan kan abbaa qabeenyaati jedhanii guyyaa kana  dhimma nageenyaa poolisii Isiraa’el Fayisaatiin doorsisi uummata irratti banamaa ooluu isaa gabaasaan Qeerroo addeessee jira.

4.   Lammiileen Anyuwaak fi waraanni ABO waliin ta’uudhaan daandii Sudaaniitiin Garjeeda,Gidaamii,Asoosaa fi daandii Anfilloo, keessattuu daandii ganda Yattiitiin Oromiyaa seenaa jiru jedhuun waraana yeroodhaa yerootti utuu uummanni hin argin halkan halkan gadi guuraa jiraachuu isaa Qeerroon gabaasee jira.

Kanneen jedhu irratti xiyyeefatanii walgahii isaanii xumuratanii jiru.Kun kanas ta’ee ummanni diddaa isaa itti fufee hanga ammaatti bulchiisa mootummaa Wayyaanee didaa jiraachuun gabaafame.

 

Hojjettooti Mootummaa Wayyaanee 14 Diddaa Wayyaanee Modhisuun Ifatti Hojii Dhiisan.

Aside

Onkoloolessa 09,2012 Dambi Doolloo

Kan biroon hojjetootni mootummaadhaa bara kanatti namni 14 hojii gadi dhiisanii akka deeman gabaasaan Anfilloo addeessa. Isaan hojjetoota kana keessaa:

1.Amaaree Taammituu-Hojjetaa Dirree Misoomaa Anfilloo

2.Mohammad Ibrahim-Barsiisaa qophaayinaa Anfilloo

3.Nuuree Mohammad-itti gaafatamaa waajjira OPDO Anfilloo irraa kan ta’an maqaa isaanii kanneen hafan kaan guutummaatti hojii mootummaa Wayyaanee fedhii isaaniin gadhiisanii jiraachuun beekame.

Gabaasa Ayyaana Irreecha Bara 2012

Aside

Gabaasa Ayyaana Irreecha Bara 2012
A. Seensa
Ayyaanni Irreechaa kan bara kanaa yeroo ummanni Oromoo mirga isaa deeffachuuf falmaa maayyii irratti argamutti waan kabajameef haamilee fi xiiqii guddaadhaan ayyaaneffatame. Ayyaanni irreechaa Fulbaana 30, 2012 Sadarkaa Oromiyaatti Hora Harsadiitti wayita kabajamee ooletti ilmaan Oromoo, keessayyuu qeerroon haamilee fi xiiqii muulatee hin beekneen golee Oromiyaa mara irraa walitti dhufudhaan jala-bultii irraa eegalee magaalaa Bishooftuu sirbaa fi dhiichisaan dirrisiisaa turan. Sochii kanaanis deeggartoota fi jaallattoota QBO hunda mirqaansisaa oolan; diina immoo mataa gadi cabsanii dachii itti golgoleessan.
Ayyaanni baranaa dargaggoon/Qeerroon/ Oromoo Bilisummaa saba isaa fi Walabummaa Oromiyaa deebifachuuf hangam qophii akka tae kan agarsiise ture. Hoggansa humna kana qindeessee Bilisummaa fi Walabummaa dhugoomsuuf oolchu daranuu jabeessuun immoo dhimma yeroon itti hin liqeeffamnee taha.

Gabaasa Ayyaana Irreecha Bara 2012.pdf

Godina Wallagga dhihaa aanaa Ayiraa keessatti dabballoota Wayyaanee fi dargaggoota Oromoo jidduutti rakkoon uumame.

Aside

Onkoloolessa 08,2012

Godina Wallagga lixaa aanaa Ayiraa keessatti wal dhabinsi dabballoota Wayyaanee fi milishoota gandaa jabinaan itti fufee jira.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti diddaa qeerroodhaa itti qabsiifamaa ture dura dhaabbachuuf ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa kan ture ammas daran jabeessuun dargaggoota Oromoo doorsisaa jiran.Dabballootni Wayyaanee

1. Isheetuu Damissee

2. Fiqiruu Admaasuu

3. Darajjee Tashoomee

4. Nigusee Tasammaa

5. Badhaasaa Mokonnon

Jedhaman ilmaan Oromoo naannoo kanaa keessumaa dargaggoota meesha Wayyaanee mormitanii sirnicha balaaleffattaniittu waajjira bulchinsaatti fincila gaggeessitanii jirtu jechuun ilmaan Oromoo doorsisaa jiru.Haala kanaan dargaggoo Daanieel Taaffasaa kan jedhamu yeroodhaa gara yerootti hidhaan rakkisaa jiru.Dargaggootni naannoo kanaa mootummaan Wayyaanee shira kamuu xaxxu nuyi gaaffii mirgaa kaasuun dirqii dha.QBO galmaan gahuuf gaaffii mirgaa gaafachuu irraa haalli kamuu duuba akka isaan hin deebisne ibsatanii jiran.

Wal gahiin KG OPDO wal dhabdee fi walii galtee malee xumurame.Yeroo dheeraaf KG OPDO kan tures Juuneddiin Saaddoo aangoo irraa arii’ame.

Aside

Onkoloolessa 7,2012 Finfinnee

Wal gahiin koree gidduu galeessaa OPDO magaala Adaamaa keessatti guyyaa afuriif deemsifame wal dhabdee fi wal diiggaan xumurame.Yeroo ammaa kana keessatti mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo caasaa kam keessaa illee amantamummaa irraa kan dhabe Miseensotni OPDO ABO waliin hojjechaa jirtu,Yaadaa fi Hojiin ABO waliin jirtu jechuun namoota amantamummaa irraa qaban gara aangootti baasuu fi aangoo irraa buusuun wal dhabdee fi wal mormii irra turanii jiran.Koree gidduu galeessaa OPDO keessattis yeroo dheeraa kan hojjetes Juuneddiin Saaddoo hojii irraa ariiuun kanneen biroo gara hojii raawwachiistuu KG OPDOtti fidanii jiran.Isaanis

1. Abarraa Haayiluu itti gaafatamaa miidiyaa Oromiyaa irraa buee gara Koree gidduu galeessaatti

2. Nuuree Qamar itti gaafatamaa Harargee irraa gara Hojii raawwachiistuu KG OPDOtti

3. Solomoon Kuchuu Itti gaafatamaa kaaba shawaa irraa gara KG OPDOtti

4. Abdulqaadir Mohaammed itti gaafatamaa Arsii irraa gara KG OPDOtti

Kan dhufan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee namoota irraa amantamummaa qabdu duwwaa waliinis marii dhoksaa gaggeessaa kan jiru yoommuu tahu kanneen amantamummaan isaanii irraa hanqate irratti murtii siyaasaa fi seeraa murteessuuf olii fi gadi kaachaa jiraachuun saaxilamee jira.Mootummaan Wayyaanee shira meeqa xaxus QBO hanga galmaan gahutti qabsoon jabinaan akka itti fufu miseensotni qeerroo murtii dhumaa dabarfatanii jiru.