Gurraandhala 1,2013 Finfinnee
Mootummaa Wayyaanee aangoo irraa darbuuf tokkummaan sabaa fi sablammii biyyattii keessaa murteessaa dha.Diina waloo waliin loluu irratti kan xiyyeeffate Qeerroo fi dargaggootni sidaamaa dhaadannoolee garaa garaa magaala Hawaasaa fi aanolee Godina Sidaamaa garaa garaa keessatti maxxansuun isaa ni yaadatama.Mootummaan wayyaanees gocha kanaan kan baarage ilmaan oromoo fi sidaamaa mana hidhaatti guuraa turuun isaa ni yaadatama.Haala kanaanis Godina Sidaamaa aanaa Harbegoonaa keessaa namoota Jumlaan mana hidhaatti guuraa kan ture yoommuu tahu yeroo ammaa kanas murtii dabaa murteessee jira.Ilmaan oromoo fi Sidaamaa yeroo ammaa daba mootummaa wayyaaneen adabbiin hidhaa jia 6 itti murtaaee jira.Isaanis
| Lakk | Maqaa | Sadarkaa Barnootaa | Lammummaa |
| 1 | Taammiraat Shawulaa | Managment B.A degree | Sidaamaa |
| 2 | Buurkaa Bushee | ICT Bsc degree | Sidaamaa |
| 3 | Haroo Harqaa | Nursing Diploma | Sidaamaa |
| 4 | Kabbadaaa Tuunnoo | Human Resource BA degree | Sidaamaa |
| 5 | Waaxee Daabessaa | Accountant BA degree | Sidaamaa |
| 6 | Gobaanaa Godaanaa | Clinical Nursing Diploma | Oromo |
| 7 | Baqqalaa Yukkuraa | Law 1st degree | Sidaamaa |
| 8 | Muliyyee Muuddee | Accontant BA degree | Sidaamaa |
| 9 | Didhaa Dheeressaa | Nursing Diploma | Oromo |
Yoommuu tahan yeroo ammaa kanas mana hidhaa mootummaa wayyaanee Godina kanaa aanaa daallee magaala Yirgaalem mana hidhaa mootummaa wayyaanee magaala kanaa keessatti argamu.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa daangaa hin qabne nurraan gahus qabsoon keenya daran jabaattee itti fufti jechuun dargaggoon Sidaamaa fi qeerroon ibsanii jiran.