Itti Hin Baacu Gamni

Aside

(Qeerroo, 12 Guraandhala 2013) Humni ummata bal’aa guddaa fi ulfaataa, kan akka galaanaa nama nyaatu ta’uu kanneen hubatanii beekan, bulchitooti qaroo fi hayyuu sagalee ummataaf kabaja kennuu akka qaban maanguddoonni Oromoo dhaamsa karaa wallee dabarsan.

Hayyuu fi waayyuu Oromoo kan ta’an Maammoo Gadaa wallee warraaqsaa gidduu kana ummataaf gad-dhiisanb keessatti gamni sagalee ummataaf kabajaa kenna malee itti hin baacu jechuun kanneen imaammata abbaa irrummaan masakamaniif  akeekachiisa dabarsanii jiru.

 

 

Uummanni Godina Wallaggaa aanaa Anfilloo Ganda Yattii Diddaa Kaasaniin Sabboontoti Oromoo Sadii Hidhamana

Aside

Gurraandhala 12,2013 Anfilloo
Gabaasaa godina Qellem Ona Anfilloo ganda Yattii irraa addeessuun kaleessa Guraandhala 11 uummanni walgayii Wayyaaneen waamtu dhiyeessitu irratti ilaalcha ABO fudhattanii kaayyoo fi imaamata mootummaa Wayyaanee feshelleessuuf gufuu qabsoo misoomaa jedhuun uummata irratti komee qabdu dhiyeessuun uummannis dararamuu fi dhiphachuu irraa faayidaa maalii nuuf gootaan jedhuun walgayii wayyaanota feshelleessanii galan. Kana irratti sammuu uummata keenyaa kan jijjiiraa jiru, ABO waliin hidhata uumuudhaan diina keenya jedhanii yakkuudhaan namoota sadii mana hidhaatti reebama akka jirantu gabaasaan qeerroo addeessa.Namoonni kunis:

1.Fissahaa Aseffaa

2.Kaachoo Ligdii

3.Mallasee Asinaaqee kan jedhaman mana hidhaa galchanii garmalee reebaa akka jiran gabaasaan addeessa.

Kanneen hafan kaanis akeekachiisaa fi doorsisa Wayyaanotaa jala akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

MATAA NU MARAA JIRUU !!! Kutaa 2ffaa

Aside

Barruu QeerrooY.G(2005)

Yaadachiisa:-

Barruun mata duree “Mataa nu maraa jiru ”miidhama keenya bara baraan himachaa jiraachuuf jecha sirnoota durii irraa kaasee kan dubbatu miti. Kutaa sadiin kan xumuramuudha.. Mataa nu maraa jiruun, keessa keenyaan akkamiin akka mataa nu maraa jiran, saboota biroo keessaan akkamiin mataa akka nu maran fi wayyaaneen deemsa keenya sodaachuu irraa mataa nu maruuf kan arreedaa jirtu keessatti argattu. akeeki barruu kanaa waa sadii irratti xiyyeeffata

MATAA NU MARAA JIRUU !!!!!!!!!!!!!!!!!! (kutaa 2ffaa).docx

Shamarran Oromoo Qooda Qabsoo Bahuuf Lixa Shawaa Keessatti Ijaaramuu Isaanii Beeksisan

Aside

Gurraandhala 11,2012 Amboo 

QBO galmaan gahuuf shamarran Oromoo irraa qoodni jabaan eegama jechuun shamarran Godina Shawaa lixaa magaala Jalduu marii gaggeessuun maadheen of ijaaran.

Qabsoo Bilisummaa Oromoo galmaan geessisuuf qoodni shamarran Oromoo gochaa turan guddaa dha.Galma gahumsa QBO keessattis gahee guddaa taphatu.Shamarran Oromoo Godina Shawaa lixaa magaala Jalduu keessaas QBO galmaan geessisuuf maadheen of ijaaruun gahee oromummaa bahuuf murteessanii jiran.Shamarran kunneen wayita mootummaan Wayyaanee keessi isaa nyaatamee fi tokkummaan Oromoo daran jabaachaa diinotni

Oromoos ifaan saaxilamaa dhufanitti ilmaan Oromoo harka wal qabachuun kauu qaba qabxii jedhu irratti marii jabaa gaggeessanii jiran.Shamarran oromoo 10 fi dargaggoo 2 tahuun walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii gaggeessan Maadhee Lalistuu lakkoofsa 1 fi Lakkoofsa 2 jalatti of hiriirsuun gumaata barbaachisu gochuuf waadaa seenanii jiran.Qabsoo kamuu keessatti qoodni shamarranii qooda dargaggootaa gad akka hin taane hibachuun shamarran oromoo hidhannoo fi kutannaan QBOtti akka makamanis dhaammachuun ibsa ejjennoo armaan gadii baasanii jiran.
1. Qabsoo Bilisummaa keessatti qooda keenya haala kam keessattuu ni baana
2. Hojii hojjetamu gamaggamaa fi madaalaa shamarran oromoo guutuu biyyattii ni dhaqqabsiisna
3. Ilmaan oromoo QBO galmaan gahuuf akeekkatan waliin tahuun ilmaan Oromoo waadaa tiksuun bilisa ni baasna
4. Hidhamtootni siyaasaa akka hiikaman waamicha dabarfanna
5. Dirqama dhaabaa kennamu ni baana
6. Gocha farrummaa wayyaaneen shamarran irratti yuunivarsiitiilee keessatti waraana bobbaasuun taasisu ni mormina Kanneen jedhan ibsa ejjennoo lafa kaawwachuun galmaan gahuufis irbuu seenanii jiran.Shamarran marii kana irratti argaman gammachuu fi haamileen kan itti dhagaame tahuu ibsachuun marii isaanii tokkummaan goolabanii jiran.

Barsiisoti Oromoo Diddaa Qeerroo Qindeessitu Sababa Jechuun Yakkaman.

Aside

Gurraandhala 11,013 Dambi Doolloo

Mootummaan Wayyaanee sabboontotaa fi qabsaawota ilmaan Oromoo yeroo irraa yerootti sababoota ABO deggertu FDG qindeessitu jechuun hidhuu fi biyyaa ariuu caalaatti ammo qabeenya saamuu aadaa godhatee jira. Haala kanaan godina Wallaggaa aanaa Qeellam mana barumsaa qophaayina Qeellem keessaa barsiisaa beekamaa fi ummata naannoo biratti kabajaa qabu Akliiluu Hordofaa Gurraandhala 2,2013 irraa kaasee ukkaamsee bakka buutee isaa dhabamsiisee ture.Yeroo ammaa kana garuu akka mana hidhaa Dhiddeessaa keessatti haalaan miidhamee fi dararamee akka argamu gabaasi qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.

Kana malees naannoo aanaa Innaangoo irraa barsiisota lama Maaster Fisahaa Qalbeessaa fi Caalii Hordofaa jedhaman mana hidhaa Gimbiitti akka geessee jiru qeerroon gabaasa.

Ummanni Oromoo fi hojjettooti Oromoo maqaa fincila Qeerroo qindeessitu jedhamuun hidhamaa fi dorsifamaa akka jiran beekamaa dha.

SBO Guraandhala 10 bara 2013

Aside

Ummanni Magaalaa Finfinnee Kaardii Filannoo Fudhachuu Diduun Wayyaanee Yaaddesse.

Aside

Gurraandhala 10,2013 Finfinnee

Mootummaan abbaa irree Wayyaaneen uummataImpaayera biyyattii keessaa bifoota adda addaan yeroo goyyomsee karoora isaa fiixa baafachuuf tattafatu argamee jira. Yeroo ammaa kanas  rakkoon dinagdee,hawaasummaa fi siyaasaa karoora waggaa shanii keessatti furama jechuun “Transformation” maqaa jedhuun daldalaa turuu fi itti jiraachuun isaa waan ifa.Mootummaan wayyaanee karoora waggaa shanii kana keessatti hojjetamuun rakkoon uummataa furama jedhe keessatti rakkoon daran jabaate malee takkaa himaas hin hiri’isne.Qaala’insi jireenyaa biyyattii keessatti hammaachuun sukkaarrii fi Zayitni gabaa irraa dhabamuun uummatni rakkoo keessa daran kan bu’e erga mootummaan Wayyaanee uummataaf waadaa galeeti.Dargaggootni biyyattii keessatti hojii dhabdummaan rakkatan daran bay’achaa dhufuun hojii dhabdummaadhaan Biyyattiin sadarkaa olaannaatti kan mul’attes erga Wayyaaneen waadaa kana seeneeti.Rakkoon geejibaa biyyattii keessatti furamuun uummatni rakkoo geejibaa gatii madaalawaan akka argatus waadaa wayyaaneen TV fi raadiyoo isaan uummata gowwoomsuuf waadaa seene ture.

Yeroo ammaa kana garuu biyyattii keessatti keessumaa Magaala Finfinnee keessatti rakkoon geejibaa daran jabaachaa dhufuun uummatni gaaffii mirgaa gaafachaa jira.Uummatni gara hojiitti deemuu fi gara manaatti deebi’uuf baasii duraa irratti dabalataan kaffaluu irraan darbee konkolaataa ittiin deemu argachuuf yeroo dheeraa gubuun rakkamaa jira.Wayita qaala’insi jireenyaa biyyattii keessatti uummata muddaa jirutti uummatni biyyattii hirriba malee fi boqonnaa malee hojjechuu wayita qabu rakkoo geejibaan jireenya isaa dhiibuu dadhabee jira.Gaaffiin uummatni gaafachaa jirus wayyaanee waan yaaddesseef wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti humna waraanaa uummata keessa bobbaasuun gaaffii mirgaa dura dhaabbachaa jira.Uummatni magaala Finfinnees mormii isaa jabeessuun kaardii filannoo didaa jira.Wayyaaneenis mana irra deemuun duula ‘’Kaardii fudhaa!’’ itti jirti.

 

 

Diddaan Yuunversitii Aksum Jabaatee Itti Fufuu Irraan Barattoota 10 Hidhaman

Aside

Gurraandala 10,2013 Aksuum

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattoota Yuunivarsiitii Aksum itti fufuudhaan mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buuse.Mootummaan Wayyaanee qulqullummaa barnootaa mirkansa olola jedhuun olii fi gadi fiigaa turuu fi uummata gowwoomsaa turuun isaa ni yaadatama.Garuu Wayyaaneen faallaadhaan barattoota yuunivarsiitii qulqullummaa barnootaa fi sirna fayyadaminsa baajataa gaafatan isin shororkeessitoota jechuun hidhaa fi arii’aa jira.Yeroo ammaa kanas Yuunivarsiitii Aksuma keessatti wayyaaneen barattoota waraana hedduumminaan bobbaasuun doorsisaa jira.Keessumaa bakka doormii isaaniitti basaastota baajata guddaa itti ramaduun barattoota Oromoo maqaa miseensota ABO jedhuun yakkuun mana hidhaatti guuruuf akeekkatee socho’aa jira.Diddaa wal fakkaataa dura dhaabbachuuf Wayyaaneen waraana hedduumminaan bobbaasuun diddaa barattoota Yuunivarsiitii Finfinnee,Jimmaa fi kanneen biroo dura dhaabbachuu yaalus diddaan daran jabaachaa jira.

Yeroo ammaa kana Yuuniversitii kana keessatti gaaffiwwan mirgaa gaafatan irratti hundaa’uudhaan qabeenyaa mooraa kanaa fi konkoltaa hojjettootaa kan caccabsitaniittu FDG adda durummaan qindeessitaniittu jechuun barattoota 10 yakka sobaan murtii jallaa irratti kennamuu isaa qeerroon erga gabaasee bubbulee jira. Qabeenya mooraa sanii keessaa garuu ta’e jedhee konkolaataa kan caccabse nama dhalootaan Tigree ta’e e is maqaan isaa Fissaha G/Meskel kan jedhamuu dha, Garuu yakki kun gara barattoota kanaatti deebi’uudhaan dabaan  himannaan irratti banamee jiraachuu qeerroon gabaasa.Haala kanaan barattooti maqaan isaanii armaa gadii mana hidhaa Wayyaanee keessa akka jiran beekame.

1.Iyyaayyuu Awwaqaa—barataa heerregaa—waggaa 3ffaa

2.Mulugeetaa Marraa—barataa computer science–waggaa2ffaa

3.Asraat Taarraaqanyi–barataa computer science–waggaa2ffaa

4.Itsaggaanat Warquu–barataa history(seenaa)– waggaa 3ffaa

5.Ashenafi Wandimu—barataa Saayikiloojii wagga 2ffaa 

6.Yaared Taarraqanyi –barataa–Accounting–waggaa2ffaa

7.Aklilu Xilaahun— barataa–Accounting–waggaa2ffaa

8.Wandasan Haile–barataa–Engineering–waggaa 2ffaa

9.Daariyoos Salamoon–barataa–Accounting–waggaa 3ffaa

Ta’uu beekamee jira. Diddaan Qeerroo bilisummaa Oromoo Oromiyaa guutuu keessatti yeroo irraa yeroon bakkoota adda addaatti dhuka’uun Wayyaanee akka rifaasisee jiru ifatti waan beekamu ta’uun ragaalee finciloota ta’aniiti.

 

IBSA BARATOTAA OROMOO YUUNIVARSIITOOTA JIMMAA, MATTUU FI MIIZAAN TEEPPII.

Aside

Oromiya

Bakka bu’otiin  Qeerroo Baratootaa Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa, Mattuu fi Miizaan Teeppii barachaa jiraan Guraandhala 9/2013 Magaalaa Jimmaatti  walittii dhufuun sochii warraaqsaa Bilisummaa fi Dimookiraasii dhugaaf sabboontotni Oromoo biyyaa keessaa fi siyyaa ambaatti gaaggeessaa jiraan daran cimsuuf marii bal’aa gaggeeafatani Ibsaa ejjeennoo qabxii 10 of jalaa qabuu Ummataa Oromoo hundaaf dabaarsan.

IBSA QEERROO BARATOTAA OROMOO YUUNIVARSIITOTA JIMMAA

Naannoo Benishaangul Gumuz aanaa Toongoo keessaa WBO waliin hidhata qabdu jechuun Oromoonni hidhamaa jiru.

Aside

Gurraandhala 08,2013 Asoosaa

Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti bittaa umurii isaa dheereffachuuf tooftaan itti fayyadamu keessaa uummata biyyattii hidhaa,doorsisaa fi ajjeechaa fayyadamuun yommuu tau naannoo Beenishaangul gumuz aanaa addaa Toongoo keessatti yeroo ammaa Wayyaaneen uummata hidhuu fi doorsisuu keessatti argama.

Bulchaan Godina kanaa Obbo Ahmed Naasir mootummaa Wayyaanee waliin harka walitti hidhachuun uummata nagaa mana hidhaatti guursisaa jira.Keessumaa ilmaan Oromoo hojii mootummaan ramadamanii naannoo kanaa jireenya isaanii gaggeessaa jiran waraana bilsummaa Oromoo nyaachistanii obaastu maqaa jedhuun mana hidhaatti guuramaa jiran.Namootni nagaan 9 mana hidhaa Wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu isaan keessaa
1. Darajjee Tarrafaa Hojjetaa mootummaa
2. Hasan Suleeyman hojjetaa mootummaa
3. Amsaaluu Dalasaa daldalaa
4. Efreem dargaggoo
Keessatti argamu.Yeroon ammaa yeroo uummatni biyyattii mirga isaa falmachuuf kae tahuu hubachuun mootummaan wayyaanee mana hidhaatti guuraa jira.Mootummaan Wayyaanee keessi isaa bullaaee wayita jirutti uummatni gamtaan loluun itti gaafatama yeroodha jechuun qeerroon dhaammatee jira.