Mooraa Yuunivarsiitii Arbamincitti wal dorgommii kubbaa miilaa qophaa’e irratti Qeerroon Wayyaanee cinqe.Wayyaaneenis mooraa fi magaala waraanaan tiksuu dirqame.

Aside

Gurraandhala 17,2013 ArbaMinc

Dorgommii kubbaa miilaa Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti qophaae irratti mootummaan Wayyaanee uummata hunda waraanaan tiksaa jira.Yeroodhaa gara yerootti mootummaan Wayyaanee mirga Dimokiraasii gaggeessaa jiru fakkeessuuf TV fi Raadiyoodhaan itti fayydamu qeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc mormuun walleewwaan warraaqsaa sirbuun Wayyaanee sodaan liqimsiisanii jiran.

Barattootni Oromoo gara Mooraa Yuunivarsiitii Arbaminc Damee Abbayyaa dorgommii kanaaf deeman barattoota oromootti dabalamuun gootota Oromoo faarfachaa oolanii jiran.Mootummaan Wayyaanees gocha kanaan kan baarage waraana federaalaa kumaatamaan yuunivarsiitii fi magaala keessa ramaduun uummata tiksaa jira.Keessumaa alaabaa ABO dorgommii kubbaa miilaa Afrikaa Kibaatti balaaliie irratti murannoo ilmaan Oromoo qaban soda guddaa qabaachuun federaala kumaatamaan naannoo kanatti bobbaasuu odeeffatni waraana mootummaa keessaa bahes saaxilee jira.Qeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc walleewwan warraaqsaa wal irraa hin dheessinu Gurbaa,Goota Oromoo ko maaloo fi kanneen biroo mooraa keessa naannauun sirbaa oolanii jiran.

Barruuleen Warraaqsaa Magaalaa Mattuu Keessatti Bal’inaan Faca’uu fi Maxxanfamuu Irraan Dabballoonnii fi Hidhattoonni Wayyaanee Goolaman

Aside

Gurraandhala 17,2013 Mattuu

Godina Iluu Abba Booraa magaalaa Mattuu keessatti Guraandhala gaafa 15 Qeerroon uummata walin barruulee warraaqsaa baldhinaan magaalaa keessa facaasuun hidhattootaa fi ergamtoota Wayyaanee hedduu bakka qaban dhabuun garaa gubataa akka jiran Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Waraqaan kunis halkan keessaa Saa 10tti magaalaa keessatti bakkoota adda addaatti kan maxxanfamee fi bittinfame yeroo tau Barruun bittifaman kunis bifa dhaadannootiin uummata kan kakaasuu fi fedhaa uummataa kan ibsu dha.Keessattu hidhattoota Wayyaanee kan garaa gubee ibsa maalummaa ABO gahaatti ibsee gochaa hammeenyaa dhaabata ergamaa mootummaa TPLF tahuun kan wagga 21 f tajaajile OPDOn ummata irratti raawwate kan ibsu tauu isaati.

Kana malees barattooti Oromoo Yuunversity Mattuu dame Gambeelaa irraa walitti buiinsa Wayyaaneen uumeen baqatanii magaalaa Mattuu gala jiran karaa adda addaa adamfamanii badii tokkoon malee akka qabamaa jiran qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Shira Dabballoonni Wayyaanee Xaxaniin Barattooti Oromoo Yuunversity Mattuu Damee Gambeelaa 200 Ol Mooraa Gadhiisan

Aside

Gabaasi Qeerroo Guraandhala 17,2013 magaalaa Gambeelaa irraa akka akka addeessutti Yeroo ammaa kanas Wayyaaneen tokkummaa barattootni qaban gargar diiguuf shira hojjetu jabeessaa Yuunivarsiitii Mattuu Damee Gambeellaa keessatti barattoota 200 ol tahan barachaa jiran uummata Gambeellaa Anyuwaakii fi Nuweer waliin walitti buusuun barattootni uummata Nyuweerii fi Anyuwaakiin akka bineensaa akka adamsaman taasisee jira.Barattootni mooraa Gambeellaa kana keessaa baratan Yuunivarsiitii kana keessaa baqachuun yeroo ammaa Kaampii Chaayinaan duraan ijaare keessatti riphanii kan argaman yoommuu tahu rakkoo uumamaa jiru kana irratti Wayyaaneen use ilaalaa jira.

Kana malees Tikoonni Mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa kana magaalaa kana keessatti barattootaa fi ummata bifa isaanii fi sanyiin adda qooduun ummata Oromoo irrati akka kakkaan taasisaa jiraachuun barattooti Oromoo hedduun akka reebamanii jiranii fi amma illee magaalaa keessa akka adamfamaa jiran Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Diddaa Qeerroo Godina Shawaa Lixaa. Gudar

Aside

“Yaa Oromoo wal irraa hin dheessin adaraa”

Gurraandhala 15,2013 Tamsaasa Raadiyoo Seife Nebelbal

Aside

Utaaltee muka yaabdee, Buutee ilmoo ishee dhabde.

Aside

Nagaan Oromummaa haa dursu;Barruun kun yoo ulaagaa keessan ni guutti taate maaloo website keessan irratti nuuf maxxansaa.
Nagaa Oromummaa waliin!!!

Utaaltee Muka Yaabdee 3.doc

Raadiyoo Simbirtuu Gurraandhala 14,2013

Aside

SBO Guraandhala 13 bara 2013

Aside

RAB. Gabaasa ibsa gamtaa ABO Oslo itti ta’e irratti haasaa Dr Makuria Bulchaan kennee

Aside

Mootummaan Wayyaanee Gumii Waaqeffanaa Haroo Haramaayaa Dhabamsiisuuf Shirri Inni Xaxe Saaxilame.

Aside

Gurraandhala 12,2013 Haromaya

Namni kamuu amantii barbaade amanuu fi barsiisuun Impaayera Itoophiyaa keessatti barreeffamaan uummata gowwoomsuuf kan taae yoommuu tahu mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun uummata nagaa mana hidhaatti guuraa turuun isaa ni yaadama.Mootummaan wayyaanee waanjoo garbummaa uummata irratti jabeessuun dhimma amantii musliimaa keessa seenuun uummata hidhaa turuun isaa ni yaadatama.

Yeroo ammaa kana ammoo Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti miseensota Gumii Waaqeffannaa Haroo Haramaayaa isin miseensota ABOti,Isiniin kan dhaabee fi gaggeessaa jiru ABOti akeekni keessanis akeeka ABOti jechuun doorsisaa kan ture yoommuu tahu guyyaa mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana Gumii Waaqeffannaa kana balleessuuf karoora jabaa irratti baasuu fi Guraandhala 8/2013 dabballootni wayyaanee fi basaasaan Margaa Taammiruu jedhamu irratti argamuun saaxilamee jira.Gumii kana balleessuuf jalqaba uummata irratti kakaasuun irratti akka hojjetan kan karoorftan yoommuu tahu barattoota uummata hubachiisuuf dhoksaan tahe ifaan deeme yakkamaa gochuun hidhuuf akka karoorfatan saaxilamee jira.Mootummaan wayyaanee dhoksaanis tahe ifaan aadaa fi seenaa,amantii fi duudhaa ilmaan oromoo balleessuuf halkanii fi guyyaa hojjechuu ishii hubachuun ilmaan oromoo harka wal qabachuun falma bilisummaatti akka kaanu jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Haramaayaa dhaammatee jira.