Qeerroo Bilisummaa Yuuniversitii Jimmaa/Irreecha Caamsaa 2013

Aside

Eeboo sana boonna!! WBOn boonana!! Jedha Qeerroon

Diddaan barattoota Yuunivarsiitii Arbaminc jabaate.Waraqaaleen dhaadannoos hedduumminaan maxxanfaman

Aside

Caamsaa 21,213 Arbaminc

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Arbamic Damee Caamoo daran jabaachaa deemuun mooraan yuunivarsiitii kanaa waraanaan tikfamaa jira.Mootummaan Wayyaanee diddaa barattootaan eegalame waraanaan marsuun dhaabuuf yaalii gochaa kan jiru daran jabaachuun yuunivarsiitii Arbaminc dame Abbayyaa fi main campus keessatti babalachuun garboomfataa hirriba dhorkee jira.ilmaan oromoo mooraa caamoo keessaa harka 90 kan tahan yoommuu tahu wayyaaneen xiyyeeffannoo damee kana keessatti kennuun dhiibbaa garaa garaa gaggeessaa jira.Ilmaan Oromoo shira wayyaaneef kan hin jilbeeffanne gamtaan gaaffii mirgaa baajatni barnootaaf bahe waraanaaf hin ooliin jiechuun diddaa balaa gaggeessaa jiru.Haaluma kanaan wal qabachuun waraqaaleen dhaadannoo garaa garaa loogoo qeerroo qabu doormii,mana kitaabaa fi kaaffee irratti maxxanfamee jira.Waraqaaleen dhaadannoo kunneen

1. Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha.Kanaaf hundeen buqqisna

2. Qeerroon qeerransa!

3. Oromoon sodaataa hin qabu,Oromoo Kai!

4. ABO gaachana keenya

Kanneen jedhan bakkeewwan hedduutti maxxanfamuun mootummaa wayyaanee rifaatii keessa buusanii jiran.Mootummaan wayyaanees basaastotaa fi waraanaan dura dhaabbachuuf tirtiraa jira.

Barattootni Oromoo 4 koollejjii barsiisota Jimmaa keessaa sababa Oromummaa duwwaan barnoota irraa arii’aman

Aside

Caamsaa 21,2013 Jimmaa

Barattootni Oromoo yeroodhaa gara yerootti mana hidhaatti ukaamsamuu irraan darbuun dhaabbiilee barnootaa keessaa sababa oromummaan kan ariiaman daran jabaachaa dhufuun Koollejjii barsiisota Jimmaa keessatti barattootni oromoo isin ilaalcha ABO qabdu,duubeen keessan ABO fi qeerroodha jedhamuun badii tokko malee barnoota irraa ariiamanii jiran.Barattootni Oromoo

1. Barataa Gammachuu Duuressaa barataa Ingiliffaa waggaa 3ffaa

2. Barataa Zarihun Baashaa barataa fiiziksii waggaa 3ffaa

3. Barataa Aliyyii Ibraahim barataa spoortii waggaa 1ffaa

4. Barataa Muusaa barataa seenaa waggaa 2ffaa

Yoommuu tahan yakka tokko malee barnoota isaanii irraa mootummaa wayyaaneen dhorkamuun akka ariiaman taasifamee jira.Wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa ilmaan Oromoo irratti jabeessaa kan dhufe yoommuu tahu shira mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuuf barattootni koollejjii barsiisota Jimmaa barsiisota isaanii waliin gamtaan gaaffii mirgaa kanneen dhimma barattootaa kana gaafatan doorsifamuu irratti argamu.Mootummaan wayyaanee haala kamuu keessatti uummata oromoof gaarii yaadaa kan hin jirre hubachiisuun ilmaan oromoo marti mirga keessaniif kaaa jechuun barattootni koollejjii barsiisota Jimmaa waamicha dabarsanii jiru.

Diddaa Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Kaasaniin Qondaaloti Wayyaanee Wal Jeeqaa Jiraachuun Gabaafame.

Aside

Caamsaa 19,2013 Jimmaa

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan baratoota Oromoo jabbachaa deemuun ilmaan Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa Ambaa jiran hedduu of duukaa hiriirsisaa kan jiruu fi Ilmaan Oromoo miseensotaa OPDO gariin ergama diinaa nu gahe jechuun caasaa diinaa ganuun gara Qeerrootti baqachaa jiraachuun bakka bu’oonni Qeerroo naannichaa ibsu.

Guyyaa gaafa Caamsaa 17/2013 dabbaalotaa fi miseensotaa OPDO walga’ii maqaa qoraannoo jedhuun mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa gamoo maqaa Taddasaa Birruun Ijoolleen Oromoo waamaan keessaatti gaggeeffaatan irraattii gaggeessaa kan turan yeroo ta’uu, walga’ii kana irraattis fabbaalloonni ABO biyya nurraa fudhachuun kunoo dargaggoota Oromoo nurraatti sirbisiisaa jiru, yeroo isaan hanga kanaa deemaan isiin maal egduu? yeroo waraqaaleen warraaqsaa qeerroo hangii kun maxxanfamuu hojiin keessaan maalii? maaliif akkaa dirqamaa keessaan ba’uu hin dandeenyee nuf hin gallee, jechuun qorannoo erga mataa wal dhukkubsanii boodaa, murtee itti aanuu kana murteeffaatan, innis caasaa ijaarsaa isaanii jijjiruu, hoggantotaa duraanii angoo irraa kaasuu, hanga rakkoo keessaa isanii furataniitti Baratootaa Oromoo fi sabootaa biroo gidduutti wal dhabdee qindeessuun walittii buusuun baratootaa Oromoo qabanii hidhuu, Sochii warraqsaa Qeerroo danquu, fi shirootaa garaagaraa qindeessuun qabsoo Qeerroo baratootaa Oromoo dadhabsiisuu kan jedhuu murteessaan.

Murtee lukkeelee dinaa kanaa ilaalchisuun Qeerroon irraatti dammaquun miseensotaa isaa fi Saboontotaa Oromoof dargaggotaa Oromoo fi U/Oromoo hundaaf ibsaa itti aanu kana dabarsee jiraachuu gaggeessitootiin Qeerroo bilisummaa ibsanii jiru.
Ibsaa Ejjeennoo Qeerroo Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa:

  1. Kayyoon keenyaa Bilisummaa Sabaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu, dimokiraasii dhugaa mirkaneessuu, mirgaa dhala namaa kabachiisuu, Nagaa fi nageenyaa sabootaa ollaa keenyatti bifa hin buuneen FDG jabeessuun abbootii irree Oromiyaa fi Ummataa Oromoo keessaa baasuu sabaa fi sab-lamootaa irraa jibbinsaa tokkoolee kan hin qabnee ta’ee, utuu jiruu kaayyoon keenyaa sirnaa abbaa irree saggoo uummata keenyaatti ba’ee dararaa fi gidiraa barabaran Ummata Oromoo irraan ga’uun Ummataa Oromoo sababa ilaalcha siyaasaan mana hidhatti guuruun ukkamsee hidhuun dararuu fi kan ajjeeessee, kan biyyaa irraa arii’ee, kaan lafaa fi qee’ee irraa buqqisuun halagaa dhaalchiisaa jiruu duraa dhaabbaachuun mirga keenyaa falmachuu ta’uu halagaas ta’ee firaa jabeessinee hubachiifna.
  2. Sabootaa fi murnotaa xixiqqoo Mootummaa wayyaanee jala fiiguun uummata Oromoottii duluu barbadanii fi kannee kaayyoo fi ergama mootummaa abbaa irree baatanii fiigaa jiran yeroon akeekaa Wayyaanee irraa yoo kan of hin dhabnee ta’ee tarkaanfii barbaachiisuu fudhachuuf kan duubattii hin jennee ta’uu ni hubachiifna.
  3.  Sabootnii rakkoo fakkataa Uumataa Oromoo kan qabdaanii fi kanneen mirga keessaan kabachiifachuuf Wayyaanee irraatti FDG gaggeessaa jirtaan ni jajjabeessina.
  4. Tokkummaa keenyaa fi tokkummaa uummataa keenyaa tiksuun qabsoo FDG egallee jirruu jabeessinee kan itti fufnuu ta’uu keenyaa ni beeksifna. Ummataa Oromoo fi dargagootaa Oromoo dhaabbilee barnotaa Olaanoo biyyaatti garaagaraa keessaa jirtaan hundaan akka Qabsoo FDG Sochiin dargaggotaa Biyyaaleessaa Oromiyaa Qeerroon Bilisummaa gaggeessaa jiruuttii dirmannaa lammuummaa gootaaniif dhaammanna jiechuun ibsa gabaaba dabarsatan.

Injifannoon U/Oromoof!.

SBO Caamsaa 19 Bara 2013

Aside

Poolisoonni Naannoo Oromiyaa 5 Diddaa Barattoota Oromoo Duubaan Jirtu Jechuun Qorataman.

Aside

Caamsaa 18,2013 Jimmaa

Barattooti Oromoo Kolleejjii fi Yuniversitii Jimmaa keessa jiran Caamsaa 12,2013 ayyaana Irreecha Arfaasaa irratti diddaa jabaa dhageessisaniin mootummaan Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa seenuun ni yaadatama. Walleelee warraaqsaan dhaamsa diiddaa isaa kan dabarfataa turan barattooti Oromoo dabalataan barruu warraaqsaa manneen barnootaa fi magaalaa keessatti baldhinaan facaasaa turan.

Haala kana irraa ka’uun mootummaan Wayyaanee Caamsaa 15,2013 irraa kaasee poolisoota naannoo Oromiyaa dhalootaan Oromoo ta’an nama 5 sochii barnootaa kana dhaabuu waan hin dandeenyeef jecha isin ergama addaa waan qabdu sababa jedhuun waajira poolisaatti qormaata jala galuun isaanii qeerroon gabaasa. Haalli kun ilmaan Oromoo mootummicha keessaa hojjetan garii waan mufachiisee jiruuf gaaffiin mirgaa Qeerroon jalqabe gara qaama mootummichaatti baldhinaan ce’uuf akka jiru muldhisa.

Maqaa fi itti baha qormaata poolisoota Oromoo irra gahaa jiru gama fuula duraatti qeerroon ni gabaasa.

OSA’s Appeal Letter to the UN Secretary General Ban Ki-moon about the Conflict in Eastern Oromia, E thiopia

Aside

OSA_QNewsletter_April2013P.O Box 32391, Fridley, MN 55432
http://www.oromosudies.org

May 16, 2013

His Excellency Mr. Ban Ki-moon, Secretary-General
Office of the Secretary General of United Nations
885 Second Avenue
New York, NY 10017, USA

RE: OSA’s Appeal Letter to the UN Secretary General Ban Ki-moon about the Conflict in Eastern Oromia, Ethiopia

Your Excellency Ki-moon:

I am writing on behalf of the Oromo Studies Association (OSA), a scholarly organization established by Oromo and non-Oromo scholars to promote studies on and relevant to the Oromo and other people of Ethiopia and the Horn of Africa. The Oromo, the largest ethno-national group in the Horn of Africa, constitute 40% of the Ethiopian population. The coalition of the ruling party which has dominated Ethiopian political landscape since 1991 is controlled by the Tigrayan People’s Liberation Front (TPLF). The TPLF, which fears Oromo numerical strength in any free and fair election, has systematically destroyed all independent Oromo organizations in Ethiopia. The TPLF even destroyed the Oromo Relief Association, a non-profit organization that assisted the people who were affected by draught and famine. Read More:-

OSA_letter_to_UN_Secretary_General_on_the_Confilict_in_Eastern_Oromia_May_2013.pdf
OSA_letter_to_UN_Secretary_General_on_the_Confilict_in_Eastern_Oromia_May_2013.docx

Diddaan Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Mootummaa Wayyaanee Yaaddoo Keessaa Galche.

Aside

Caamsaa 16,2013 Jimmaa

OromiaALutaContinua2011FDGCaamsaa 15,2013 Mootummaan Wayyaanee diddaa barattooti Oromoo itti fufan sodaa fi yaaddoo irraa ka’uun baratootaa Oromoo qabee dorsiisuun hidhuu fi hordoffii ittifufee jira.
Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campus irraa department Sportii Waggaa Lammaaf barataan Lama kan maqaan isaanii

1ffaa barataa Eebbisaa Dhaabaa fi
2fffaa barataa Asafffaa Ababaa

Kannee jedhaman Poolisotaa Wayyaaneen mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa nanna’uun eganiin qabamanii halkaan tokkoo guutuu hidhamanii ergaa doorsiiamanii boodaa gamtaan barattoota Oromoo dargaggoonni hidhaman kun hatattamaan hiikamuu qabuu, hidhamuu baratootaa keenyaaf bulchiinsii mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa itti gaaffatamaadhaa jechuun waraqaa aasxaa Qeerroo qabuun  barreessuun baratootaa Oromoof raabse.Sodaa Sochii baratootaa Oromoo kana irraa ka’uun baratootaa hidhamanii jiraan lamaan ID isaanii irraa fudhuudhaan seeratti ni dhiyaattu jechuun gadi lakkifamanii jiru.
Sabboontotnii Qeerroo dargaggootaa Oromoo Oromoon yeroo hidhamuu dhaabbaannee hin ilaalluu wal irraattii duunaa jechuun waadaa isaanii jajjabeeffaachuun, balleessaa tokkoo malee poolisaa fi dabbaalleen doorsifamuun nurraa dhaabbaachuu qaba jechuun ifaan ifaattii dabbalootaa fi poolisotaa Wayyaaneetti himanii jiraachuu gabaasi Qeerro addeessa.

 

Diddaan barattootaa Yuunivarsiitii Arbamic mooraa Caamoo jabaate

Aside

Caamsaa 16,2013 Arba Minc

Diddaan barattootaa mootummaa garboomfataa Wayyaanee irratti jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Arbaminc mooraa Caamoo keessatti barattootni hiriira jabaa bahuun mootummaa Wayyaanee balaaleffatan.Mootummaan garboomfataa wayyaanee baajata dhimma barnootaaf kaawame irraa looguun dhimma waraanaaf tolchuun bittaa umrii isaa dheereffachuu irraan darbee nyaata summaaaa fi qulqullina hin qabne dhiyeessuun barattoota fixuuf wayita jirutti irratti dhaqqabamuun diddaan kun taasifamee jira.

Mootummaan garboomfataa wayyaanee gaaffii mirgaa barattootni gaafatan dura dhaabbachuuf federaala hedduumminaan bobbaasuun aara ija gubu itti gadhiisuun barattoota miidhaa fi reebaa kan oole yoommuu tahu diddaan kun daran jabaachuun mooraan Caamoo mooraa waraanaa tahee jira.Mootummaan wayyaanees gamtaan barattootni gaaffii mirgaa kaasuu isaaniitti hedduu kan rifate yoommuu tahu yeroo ammaa basaastota barattoota keessaa

1. Barataa Amsaaluu Taakkalaa

2. Geetachoo Moosisaa

Jedhaman qabachuun barattoota adamsuutti duulee jira.Barattootni kunneen diddaa barattootaa dura dhaabbachuuf tattaaffii diina waliin gootan irraa hin dhaabbattan taanaan tarkaanfiin hojii keessan madaalu akka isin eeggatu beekaa jechuun qeerroon yuunivarsiiti Arbaminc gabaasee jira.

SBO Caamsaa 15 Bara 2013

Aside