SBO Caamsaa 26 Bara 2013

Aside

Impaayera Itoophiyaa Keessatti Hidhaan Jumlaa Bal’inaan Eegale

Aside

Caamsaa 24,2013 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee erga aangootti ol bahee ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsuun bittaa umrii isaa dheereffachaa hara gahe.Yeroo ammaa kanas duula Julmaan mana hidhaatti guuruu itti fufee jira.Ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti ukkaamsaman isin miseensota ABOti jedhamuun dhiibbaan garaa garaa irraan gahaa kan jiru yoommuu tahu,torbaan kana keessa duwwaa ilmaan Oromoo 80 ol mana hidhaatti ukkaamsamanii jiru.Kanneen keessaa

1. Tesfaayee Lamuu

2. Obbo Dassaalee Alamuu dhimma nageenyaa sabbataa ganda 04

3. Obbo Shaasoo Iddoosaa Buraayyuu irraa

4. Obbo Birraa Margaa

5. Addisuu Karrayyuu/Wallisaa/

6. Barataa Leellisaa Gammachuu yuunivarsiitii Arbaminc irraa

Keessatti argamu.Ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsuun mootummaa Wayyaanee daran jabaachaa kan dhufe yoommuu tahu QBO fuuldura tarkaanfachiisa malee duuba akka hin deebisne Qeerroon gamtaan addeessina.

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Caamsaa 24,2013/ Dhimmoota Qeerroo

Aside

SBOn, Sagalee Ummata Oromooti !!!!!!!!!!

Aside

Y,G(2005) | Caamsaa 21, 2013

barruuSeenaa Qabsoo Oromoo keessatti , SBOn bakka ol aanaa qabaachuu isaa kan haalu yoo jiraate, diina kufaatii Ummata Oromoo kan hawwu qofaadha. Seenaan yoomillee seenaadha. Seenaa kana keessatti, warri seenaa hojjatan , seenaa Ummata sanaa keessatti , bara baraaf yaadatamaa fi waamamaa jiraatu. Seenaa Qabsoo Ummata Oromoo keessatti , SBOn , sagalee Ummata Oromoo ta’ee ,mirgaa fi haqa Ummati Oromoo Biyya abbaa isaa irratti qabaachuu qabu Ummaticha barsiisuu irra taree, Sirnoonni dhufaa dabraan miidhaa Ummata Oromoo Irraan ga’an , Addunyaan akka hubattu taasisuu keessatti qooda ol aanaa gumaachuu, ragaa tarrisuun hin barbaachisu.

Seenaa Qabsoo Ummata Oromoo keessatti , Miidiyaalee walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoo irratti dubbachuu eegalan keessaa “sagaleen Bilisummaa Oromoo” isa Angafaa ta’uu seenaan ragaa ba’a. Seenaa Qabsoo Oromoo keessatti , Qabsoon Ilmaan Oromoo bifa gara garaan gaggeeffamaa ture, bifa gurmaa’iinaan akka gaggeeffamu taasisuuf ABOn ijaaramuun haqa. ABOn, Mirga Ummata Oromoo kabachiisuuf ykn Ummati Oromoo Biyya isaa qawween saamame, wareegama kafalee Birmadummaa Oromiyaa kabachiisuuf “waraana Bilisummaa Oromoo” akkuma gadi dhaabe, Ummata Oromoo sochii Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti hirmaachiisuuf, waggaa 25n har’aa Sagalee Bilisummaa Oromoo yk SBO gadi dhaabe.

Sagaleen Bilisummaa Oromoo waggoota 25n dabran keessatti maalfaa hojjate ? jennee akka ragaatti waan hojjate dhiheessuun yeroo gubuu qofa ta’a. garuu Hojiilee seenaan hin daganne hojjachuu isaaf raga gabaabaa kaa’uun ni danda’ama. Innis Ummatichi Qabsoo Sabichaa keessatti qooda inni gumaachaa jiru ilaaluun ga’aadha. SBOn bara dargii wayita eegalu, Ummati Oromoo mana mana isaatti dhoksaan dhaggeeffachaa turuu, eenyu iyyuu jalaa dhokataa miti. Har’as seenaan kun hin jijjiramne.

Qabsoon Ummata Oromoo sirnoota hundaaf yaaddoo akkuma ta’e, SBOnis, mootootii Itoophiyaa hundaaf yaaddoodha. Yaaddoo waan ta’eefis, ummatichi akka hin dhaggeffanneef jedhamee. har’a Doolaara miliyoonaan lakkaa’amu dhangalaasanii, teekinolojii hammayyaan Ukkaamsuuf yaaluun, bu’aa SBOf raga guddaadha.

SBOn, Sagalee Ummata Oromooti !.docx

ABOn Bara Baraan Jiraataa fi Hegeree Oromootaa Ta’uu Dhaloota Abdii Oromiyaatu Mirkaneessa

Aside

MUST WATCH

Qeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc dhimma QBO irratti marii gaggeessuun ibsa ejjennoo lafa kaawatan

Aside

Ibsa Ejjennoo Qeerroo Yuuniversitii Arbaaminc

Dhiibbaa mootummaan Wayyaanee daran Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf Qeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii erga gaggeessanii ibsawwan ejjennoo baasatanii jiran.Dura dhaabbannaa murna ODF jedhee of wixineefis mata duree nuti Sagantaa siyaasaa dhaabaatti malee nama dhuunfaatti miti mata duree jedhuun marii gaggeessanii ibsa ejjennoo armaa gadii baafatan.

Ibsa Ejjennoo

1. Dhaabbileen oromooo maqaa qabsootiin tuqaman hundi bakka tokotti deebiuun qabsoo tokkumman ijaramte finiinsuun isii duraati..

2. Adda baee argame taanaa walceephau dhiisanii marii balaa qopheessuun akka ufceephaan gochuun barbaachisaadha karaa salphaa dogongorarra nama deebisu waan taeef.

3. Walitti dhufeenya dhabaa kanbiyya keessaa,kanbiyyalaa akkasuma sabboontota bosona keesssa jiranii,qote bultoota,barattoota, barsiistotaafi hojjettoota keessajiraniicimsuufi jajjabeessuun fincila diddaagabrummaa yeroo yerotti gaggeessuu.

4. Lukeefi basaastota diinaa irratti yerooyerotti tarkaanfii fudhachuun hojii ishee gufacchiisuu.

5. Hidhamtoota sabboontota karchallee diinaa jala jiran gaafachuun jajjabeessuufi maatii isaaniif gargaarsa barbaachisa tae kamiinuu bira dhaabbachuu; ollaafi namoonni iddo dhiyoo jiran yeroo yerotti akka jajjabeessan hubachiisuu.

6. Bilisumman dhiigafi afan qaweetiin ala dhufu wanta hinjirreef kana beekaniidimokraasiin kan argamu bilisummaa booda tauu beekanii tokkumman qabsoo hidhannoo jajja beessuu, asirratti fakkeenya kaasuu yoo barbaanne mootummaan wayyaaneee ummata ithoopia kan somaletti fitaa ture sirna dimookriisii kan fidu afaan qawwee asuma jararraayuu hubachhuu dandeenya.

7. Miseesota baayifachuufi kan jiran jajjabeessuun mare biyyaa yeroo yerotti biyya keessaafii biyyan alattis haala mijeessuun gaggeessuu, qabsaaota biyya keessajiranis yaadaan bilcheessufi infoormeeshina gaaa akka argatan gochuu.

8. Ummannis taeedhaabni dimokrasii biyya keessajiru hubatee jira waldiiganii maqa dimokraasiitiin biyyatti deebiuun abdii ummanni dhaabarraa qabu laaffisuufi qabsoofi dhiiga ilmaan oromoo bishan itti naquu wantaee; ilmaan oromootii bilisummaa ykn furmata walabumma tauu akka hindandeenye hubachuun barbaachisaadha. Kun ammo qabsoo orommo baayee kanduubatti deebisuudha. Kun oromof qabsaauu osoo hintaa oromorratti qabsaauu waanteef kana dhiisanii tokkummaa ijaaranii qabsoo finiinsuun furmaata guddadha.

9. Biyya kam keessattuu bilisummaan adduunnyaan baatte qaetti namaa fiddu hinjirtu, qabsaa.aan nikufa qabsoon itti fufa.qabsaaaniimulisanii bakka harki qalattettti adduny aa gaafatan malee addunnyaan nuwaaji dhaabadhaa jechuu guutumatti hinjiru. Yoo abbaan ibidda bue firri daaraa namaa bua jedhamii ree oromoon yeroo mammaaku.

10. Dhaaba qabsaauudhiisuun qabsoo ofii dhiiga ofii oromiyaadhaaf,oromoodhaaf gumaachuun qabsoo harka shantamaa gara duraatti oofa ,nuti kan amannu kaayyoo dhaabatti malee dhuunfatti waanhintaaneef,dhabni ummata oromootiif furmaata keenu yoojirate ABOakka tae amannee deemuu qabna kanaafuudimokraasiin kandhufu walqixxxummaan sabaafi sablammootaaa kan dhufu bilisummaa dhiiga qabsootiin dhufte booda tauu hubannee qabsoo teenna finiinsuuu

11. Rakkoon kara hoji dhabdummaatiinjiru kan ilaallatu dhimmasiyaasa akka tae ummata hubachiisuu akka ummanni abbootii dhimmaa faana dhaabbatee sagalee isaaa yeroo yeroo yerotti dhageessisu kakaasuu. Kun ammootuu lafaakaeeti miti kanjedhame sagantaa gandaa gandaarra jalqabee hanga sadarkaa paarlamaa namoonni dhaaba bakka buanii gaggeessa jiran namoota sadrkaa barnootaatiinis taee sadarkaa hawaasaaf waan gaarii yaaduuti dadhaboo taan tauu kan ummanni hundi hubatee. Sababni isaa namni wahaasaaf waangaarii gaafii gaarii gaafachhuu waan hindhiifneef, namtichi gaafa hawaasa fayyaddu gaafate ammo akka ilaacha adda qabuutti waan ilaallamuuf keessa jiraatee gaggeessuu waan hindandeenyeefi.

Injifannoo uummata Oromoof!!

TVOMT:- Oduu Haala Lola baha Oromiyaa irrati raawwatamaa jiruu ti fii rakkoo Barattoota Uni. Jimmaa

Aside

SBO Caamsaa 22 Bara 2013

Aside

Mana barumsaa Geedoo keessatti diddaan jabaachuu irraa kan ka’e barattootni Oromoo 6 Mootummaa Wayyaaneen ukkamfaman

Aside

Caamsaa 21,2013 Geedoo

Gaaffiin mirgaa barattoota Oromoon gaafatamaa dhufe daran jabaachuun Godina Shawaa lixaa aanaa Calliyaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa keessatti jabaachaa dhufuun mootummaan garboomfataa Wayyaanee barattoota Oromoo mana hidhaatti guuruun ukkaamsaa jira.Barattootni Oromoo 6 mana barumsaa kana keessaa isin miseensa ABOti,Gaaffiiwwan barattootni Oromoo gamtaan gaafatan isintu qindeessa jechuun mana hidhaatti ukkaamsamanii jiran.Barattootni Oromoo

1.      Barataa Iyob Mokonnin Barataa kutaa 11ffaa ‘’B’’

2.      Barataa Wandimmuu Diriirsaa Barataa kutaa 12ffaa

3.      Barataa Baacaa Faajjii Barataa kutaa 12ffaa ‘’A’’

4.      Barataa Beekumaa Ajjamaa Barataa kutaa 10ffaa ‘’C’’ dhalootaan Midaaqeny

5.      Barataa Shallamee Giddeelloo Barataa kutaa 12ffaa’’A’’

6.      Barataa Eeebbisaa Fiixumaa Barataa kutaa 9ffaa’’D’’

Kan tahan mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti sababa Oromummaa duwwaan kanneen ukkaamsaman yoommuu tahu barattootni Oromoo gamtaan gaaffiiwwan mirgaa

1.      Manneen barnootaa siyaasa irraa bilisa waan taheef ijaarsi miseensota OPDO haa dhaabbatu

2.      Ilmaan oromoo mana hidhaa keessatti ukkaamsaman haa lakkifaman

3.      Qulqullinni barnootaa ilmaan habashaaf xiyyeeffannoon godhamu nuufis  haa tahu

4.      Doorsisni barattoota Oromoo irraa haa dhaabbatu

Kanneen jedhan yoommuu tahan mootummaan Wayyaanee jala deemtota bobbaasuun ilmaan Oromoo jiraattota dabalatee doorsisaa jira.Jala deemtotni mootummaa wayyaanee magaala Geedoo Inspector Guuttanii fi Hangaasuu Kumalaa jedhaman barattoota mana hidhaatti ukkaamsaa kan jiran yoommuu tahan gocha farrummaa irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eeggatu qeerroon magaala Geedoo gabaasee jira.Ilmaan Oromoo kunneen qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu irra QBOtti makamuun qooda Oromummaa akka bahan waamicha dabarsatanii jiran.

 

 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti diddaan uummataa jabaachuu irraan dargaggoonni Oromoo Wayyaaneen hidhaman

Aside

Caamsaa 21,2013 Coomman

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbay Coomman keessatti mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo hojii dhabdummaan rakkachaa jiran isin miseensota ABOti,Rifeensa keessan kan guddistan ilaalcha ABO qabdu jechuun mana hidhaatti ukkaamsuu eegale.Dargaggootni Oromoo

1. Tashaalee Addunyaa

2. Abbushee Oljirraa

Jedhaman mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti sababa kanaan kan ukkaamsaman yoommuu tahu,uummatni oromoo godina kanaa wal gahii mootummaa wayyaanee lagachuun diddaa jabaa agarsiisaa jira.Haaluma kanaan wal qabachuun diddaan hojjettoota waarshaa sukkaara Fincaaaa keessatti daran jabaachuun gaaffiileen mirgaa hanga deebian hojii hin seennu jechuun hojjettootni diddaa agarsiisaa jiran.Mootummaan wayyaanee bittaa umrii isaa hidhaa fi ajjeechaan akkasumas doorsisaan dheereffachaa kan jiru yoommuu tahu,gaaffiin mirgaa finiinaa jiru hanga akeekni galiin dhaqqabdu akka hin dhaabbanne qeerroon addeessa.