SBO Waxabajjii 5 Bara 2013

Aside

Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii Bakka Gaara Leencaa Jedhamu Irraa Ilmaan Oromoo 6 Humnoota Tika Wayyaanee fi Somaaleen Ukkamfaman.

Aside

Waxabajjii 06,2013 Haromaya

Waxabajjii 02/2013 Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbiitti Ilmaan Oromoo 6 humnota mootummaa EPRDF kan bulchiinsa naannoo Somaleetiin butamanii essaa buuteen isaanii dhabamee jira.
Yeroo ammaa kana humnonnii Mootummaa naannoo Somaalee deggarsaa meeshaa waranaa mootummaa Federaalaa Wayyaanee fi bira dhabbaannaa
Wayyaaneetiin uummata Oromoo Harargee bahaa irraatti yeroo irra gara yerootti ifatti waraana gaggeessuun toftaa Wayyaaneen Oromoo dadhabsiisuuf
ta’ee jedhee rawwaachaa jiru ta’uu beekamadha. Ammas irraa deddeebi’uun ilmaan Oromoo nagaa irraatti ajjeechaa fi ukkaamsanii gara dabarsuun seeraan dhalaa Oromoo irraatti ammas jabaatee itti fufee jira. Bifuma kanaan guyyaa kaleessaa Waxabajjii 02/2013 Harargee bahaa Aanaa Qumbii bakkaa gaara Leencaa jedhamuun ilmaan Oromoo nagaan namoonni 6; humnotaa Somaalee mootummaa Wayyaaneen deeggaramanii butamanii ukkafamuun eessaa buuteen isaanii dhabamee jira.

Ilmaan Oromoo ukkaamfamanii fudhamann kunis:

1. Misbaaya Musxafaa dargaggoo gannaa 25.

2. Mohaammed Jaalalaa (AliiAbdoo ) abbaa warraa gannaa 27.

3. Fayisaa(Godruu) dargaggoo gannaa 26

Kanneen jedhaman keessaatti argamu

Haala kana ilaalchisuun dargaggoonni Oromoo gurmuu Qeerroo Bilisummaa Oromoon ijaaramani guutummaa Oromiyaa naannoolee garaagaraa keessaatti ijaaramanii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo fi kabajamuu gaaffii mirgaa abbaa biyyuummaa fi dimokiraasiif qabsoo gaggeessaa jiru, mootummaan abbaa irree ukkaafamuu ijoollee Oromoo fi yakkaa waraanaa Uummataa Oromoo fi Sumaalee gidduutti dhalchee lubbuu Oromoo seeraan ala galafatamaa jiruu fi Godina Wallaaggaa bahaatti yakkaa waraanaa Gumuziin hidhachiisuun Lubbuu ilmaan Oromoo jumlaan galafatamee jiruuf mootummaan Wayyaanee EPRDF yakkaa waraanaa Oromoo irraatti gaggeeffaama jiruf itti gafatamaa ta’uu barruulee bakkoota adda addaatti facaasanii fi gaaffii yuuniversitiilee keessatti kaasaniin ibsataa jiru.

Addatti dargaggoonni Oromoo magaalaa Naqamtee guyyaa ayyaneffannaa Gimboot 20 kan Wayyaanotaa irratti waraqaa fi barruulee maxxansaniin lammii Oromoo baha Oromiyaa keessatti dhumaatii gahaa jiru balaaleffatanii jiru.

SBO Waxabajjii 2 Bara 2013

Aside

Radio Afuura Biyyaa: Gaaffii Rev. Dr. Tasgaraa Hirphoo waliin taasise

Aside

Radio Afuura Biyyaa: Interview with Rev. Dr. Tasgara Hirpo

Rev. Dr. Tasgara is a priest, a scholar, an author and a human rights activist. He is one of few Oromos who dared to write in Afan Oromo when the cost of doing so was bitter. He authored more than 7 books in Afan Oromo. Some of his books have been translated to other languages, including German. This year, at the age of 78, he published two books – namely “Geerarsa Oromoo” and “Kuusaa Maqaa Oromoo.”

As a human right activist, he follows closely the human rights abuses of the Ethiopian regime and exposes its brutality to the international community. In recent years, he had established an organization called the “Human Rights Group of East Africa.”

In this interview, the resourceful Rev. Dr. Tasgara, whose mind is full of living dreams, discusses different issues, including his dreams and his reminiscences. More:- http://www.Gadaa.com

Dulli Duguuginsa Sanyii Jaarraa Tokkoo Oliif Osoo Wal Irraa hin cinne Ummata Oromoo Irratti gaggeeffamaa jira

Aside

Dulli Duguuginsa Sanyii Jaarraa Tokkoo Oliif Osoo Wal Irraa hin cinne Ummata Oromoo Irratti gaggeeffamaa jira.
Duulli Duguungsa Sanyii mootummoota Habashaatiin ummata Oromoo irratti gaggeeffamu tooftaa fi bifti isaa haa geeddaramu malee, jaarraa tokkoo oliif osoo wal irraa hin cinne gaggeeffamaa jira. Akkuma irra deeddeebifamee seenaa keessatti kaafamu Oromoon weerartoota Habashaa osoo ofirraa loluu humna meeshaa hammayyaan caalamee cunqursaa jalatti kufe. Erga gaafa cabee biyyi isaa weeraramee bulchiinsa alagaa jalatti kufee hanga har’aatti tasgabbii argatee hin beeku. Mootummoota humnaan cabsanii isa weeraraniin goochi duguugnsa Sanyii seenaan hin daganne irratti raawwatameera. Loltoota Minilik irraa kaasee hanga hidhattoota Wayyaanee har’aatti. Gochaa gara jabinaan guutame hedduutu Oromoo irratti raawwatame.
Kanneen baroota dheeraa dura raawwataman akkuma seenaatti olkaawwannee wantoota bara mootummaa Wayyaanee kana keessa raawwatamanii fi hanga har’aan tanaatti raawwatamaa jiran haa laallu.
1. Duula Duguuginsa Sanyii godina baha Wallaggaatti bara 2008 irraa kaasee gaggeeffamaa jiru. Caamsaa 17 bara 2008 keessa ture ilmaan Oromoo 400 ol tahan hidhattoota Gumuz mootummaa Wayyaaneetiin leenjii waraanummaa fudhatanii fi hidhachiifaman weerarri irratti gaggeeffamee qe’ee isaanii keessatti kan jumlaan ajjeefaman. Hidhattoonni Gumuz meeshaalee waraanaa AK 47 irraa kaasee hanga meeshaalee gurguddaatti hidhachiifaman godina baha Wallaggaa onoota garaa garaa keessattuu ona Saasiggaatti bobba’uun qe’ee Oromoo weeraran. Ummata meesha maliyyii irratti dhukaasa roobsan. Hidhattoonni deeggarsa guutuu mootummaa Wayyaanee irraa argatan kunniin lola Caamsaa 17 irraa kaasee ummta Oromoo godina baha Wallaggaa irratti bananiin battalumatti lammiilee Oromoo 400 ol tahan galaafatan. Kanneen dhumatan keessatti kan argamanis irra guddaan daa’immanii fi dubartoota. Namoota 400 dhumataniin gamatti, kanneen lakkoofsa guddaa qaban ammoo akka hamaa madaa’an. 12,000 ol ka tahan ammoo qe’ee fi qabeenyaan isaanii gadhiisanii gara magaalaa Naqamteetti godaanan. Qabeenyaa maallaqaan shallaguuf nama rakkisu hidhattoota ummata Oromoo irratti duulchifaman kanneeniin saamame, barbadaa’e. Namoota dhibba afran ajjeefaman keessaa kanneen akka ilma namaatti seera awwaalcha argatanis hin jiran. Hedduun isaanii erga meeshaalee waraanaatiin ajjeefamaniin booda haala nama suukkanneessuun ableen gurra’amanii mormi irraa cirame. Awwaalcha dhoowwatamanii allaattii fi waraabeessi itti bahee nyaate. Oggaa kun hundi raawwatamu mootummaa naannoo kan ofiin jedhu OPDOs tahee biyyan bulchaan jira kan jedhu IHDG afuura hin baafanne. Sababiin isaa ammo tahe jedhanii ummata Oromoo irratti duula banan waan taheef. Akka seera Itoophiyaa maqaaf barraa’eetti meeshaan waraanaa ummata Civil dhaaf hin hayyamamu. Hidhattoonni Gumuz garuu meeshaa waraanaa gurguddaa kan mootummaa qofaan tohatamu hidhatanii ummata Oromoo irratti ajjeechaa Jumlaa raawwatan. Hunda caalaa kan nama raaju ammoo lammiileen Oromoo ajjeechaa Jumlaa kanaan dhumachuu, madaa’uu, qabeenyaan jalaa saamamuu fi barbadaa’uun, akkasumas qe’ee isaaniirraa buqqifamanii godaanuun itti xiqqaatee lola kana isintu kakaase jedhamanii manneen hidhaatti guuraman. Mootummaan Wayyaanee hammeenya naannichatti raawwatu kan hanga har’aatti addaan hin kunne. Bara 2010, bara 2011 fi 2012 keessattiillee duulli wal fakkaataan ilmaan Oromoo irratti gaggeeffameera. Tuttuqaan ummata Oromoo naannichaa irratti gaggeeffamu hanga har’aatti itti fufee jira. 2. Weerara hidhattota Somaalii Kibba Oromoo magaalaa Mooyyaalee. Mootummaan Wayyaanee duula isaa itti fufuun, Waxabajjii 27 bara 2012 keessa Kibba Oromiyaa godina Booranaatti magaalaa Mooyyaaleetti hidhattoota Somaalii bobbaasuun ummata Oromoo irratti weerara bansiise. Kanneen maqaaf Poolisoota naannoo Oromiyaa jedhaman dabalatee namoonni 50 ol duula hidhattoota Somaalii mootummaa Wayyaaneetiin deeggaramaniin ajjeefaman. Kanneen dhibbootaan lakkaawaman madaa’anii, kumootaan kan lakkaawaman ammoo qe’ee fi qabeenya isaanii gatanii akka godaanan taassifaman. Dhaabbileen dhuunfaa fi kan mootummaa tarkaanfii kanaan barbadaa’an. Hanga hidhattoonni Somaalii biyya weeraranii, lubbuu lammiilee galaafatanii fi qabeenyaa barbadeessan mootummaan Wayyaanee akka waan quba hin qabneetti taa’ee ilaale. Akkuma aadeffate boodarra isintu lola qabsiise kan jedhuun lammiilee Oromootti garagalee mana hidhaatti naqe. Hidhattoonni isaa osoo hin hafiin maaliif ummata waliin dhaabbattanii Somaalota loltan kan jedhuun manneen hidhaatti guure. Kana Malees mootummaan Wayyaanee Kibba Oromiyaatti Gosoota Garrii, Gabraa, Ajuuranaa fi Oromoota Booranaa walirratti kakaasuun dhumaatii lubbuu guddaa naannicha dhaqqabsiiseera. Qabeenyaan ummataa maallaqa guddaan shallagamu yeroo garaa garaatti saamameera, barbadaa’eera. Duulli gosoota xixxiqaa hidhachiisanii Oromoo irratti duulchisuu kun ammallee naannichatti bal’inaan itti fufee jiraachuun beekamaadha. 3. Duula baha Oromiyaatti gosoota Somaalii mootummaa Wayyaanee TPLFn hidhachiifamaniin Oromoo irratti gaggeeffamaa jiruu fi lubbuu lammiilee Oromoo 37 ol galaafate.
Mootummaan Wayyaanee irra deddeebi’uun baha Oromiyaa keessatti Somaalota abjuu bara dheeraa kan lafa Oromoo dhaaluu qaban
hidhachiisee ummata Oromoo irratti duulchisaa jiraate. Kanaanis lubbuun namaa bade, qabeenyaan barbadaa’e kan salphaatti ilaalamu miti. Baha Oromiyaa onoota akka Mi’eessoo, Jaarsoo fi Anniyyaa faa keessatti milishoota Somaalii mootummaa Wayyaanee TPLFn hidhachiifamaniin lolli guddaan ummata Oromoo irratti banamee jira. Duula qindaa’aa kan mootummaa Wayyaaneen karoorfamee erga barri 2013 seenee hanga ammaatti osoo walirraa hin cinne baatileef baha Oromiyaatti ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru kanaan lammiileen Oromoo 37 ajjeefamaniiru. Kanneen dhibbootaan lakkaawaman ammo ni madeeffaman. Akkumas 20,000 kan tahan qe’ee fi qabeenyaa isaanii gatanii godaananiiru. Akkasumas beeladoonni manaa 700 ol tahan ummata Oromoo irraa saamamaniiru. Lolli gaggeeffamu kun maqaa walitti bu’iinsa daangaa jedhuun humnoota badii mootummaa Wayyaaneetiin kan qindeeffame oggaa tahu, loltoonni Wayyaanees hidhattoota Somaalii duubaan goranii ummata Oromoo lolaa akka jiran ragaaleen qabatamaan ni jiru. Tarkaanfiin faashistummaa mootummaa Wayyaanee kunis duula duguuginsa Sanyii irraa adda baafamee kan ilaalamu miti.
4. Duula Amaarota maqaa “Liyyuu Poolisi” jedhuun ijaaramaniin Oromoota Karrayyuu irratti baname. Godina baha Shawaa naaannawaa Karrayyuu keessatti lolli bifa qindaaween Oromoota Karrayyuu irratti gaggeeffamaa jirus qaama duguuginsa sanyii ummata Oromoo irratti gaggeeffamuuti. Naannoo kanatti mootummaan Wayyaanee maqaa “Liyyuu Poolis” jedhuun
dhalattoota saba Amaaraa qofa irraa kan ijaaraman daangaa Oromiyaa fi Amaaraa gidduu qubsiise ture. Ragaaleen bahan akka mirkaneessanitti naannoo kanatti bara Minilik irraa kaasee hanga har’aatti lolli addaa hin cinne gaggeeffamaa jira. Qaamni “Liyyuu Poolis” kun ammo Waldaa Dargaggoota Ona Minjir jechuun waraana biraa ijaaree duula bal’aan kan Oromoo lafarraa buqqisuu adeemsisaa jira. Naannoo kanatti mooraan leenjii bal’aa fi guddaa tahe banamee dargaggoonni Amaaraa leenjii waraanummaa itti fudhataa jiru. Bishaan jallisii mootummaan naannoo Oromiyaa jedhamu saniin tolfame ummata irraa ittisanii, waraanni irra qubsiifamee daldala horii, akkasumas oomisha kuduraa fi muduraa irratti bobba’anii jiraachuu gabaasaaleen ni addeessu. Waraanni naannicha qubates baatii baatiidhaan ummata kiloomeetira 20 ol dhiibaa jira. Maqaaf mootummaa naannoo Oromiyaa kan ofiin jedhu OPDO poolisoota naannoo Oromiyaa bakkichatti geessuun qubattoonni Amaaraa kanneen laficha irraa akka buqqan gochuuf yaalus lola irratti banuun poolisoota naannoo Oromiyaa irraa lama ajjeesan. Yeroo irraa gara yerootti dhalattoonni Amaaraa naannichatti walitti qabanii leenjii waraanummaa kennamaafii jira. Ummata irratti shaakaalaa akka jiranis barameera. Waraanni Amaarota irraa ijaarame naannicha qubsiifame kun lola yeroo garaa garaatti ummata irratti gaggeesseen waggaa tokko keessatti lammiilee Oromoo 76 ajjeesuutu ibsame. Kanneen keessaa 6 dubartoota oggaa tahan, 3 ammoo daa’imman. Loltoonni Amaaraa kanneen bakka lammiileen horii tiksanitti baleen gurra’anii akka ajjeesanitu gabaafame. Namoonni ajjeefaman torbaatamii jahan kanneen ajjeefamamii bosonaa fi karaa itti gataman. Kanneen bkka buuteen isaanii dhabame ammo 10 ol tahu.
Humni dhalattoota Amaaraa irraa ijaarame kun erga leenjii isaa xumurateen booda horii ummataa saamuu irratti akka bobba’e
gabaasaaleen naannicha irraa argaman ni addeessu.
Haaluma kanaan loon, re’eelee fi harroonni kuma dhibbootaan lakkaawaman gandoota akka Dhibeettii, Qararrii, Haroo Qarsaa, fi kanneen biro keessaa humna “Liyyuu Poolisi” jedhamu kanaan ummata Oromoo irraa samaman.
Walumaagalatti duulli gama hundaan ummata OROMOO irratti gaggeeffamaa jiru kun fala hatattamaa barbaada. Gochaan bakkoota hundatti adeemsifamaa jiru kun duula duguuginsa sanyii irraa adda bahee hin laalamu. Sochiin wal fakkaataan godinoota Oromiyaa hunda keessatti adeemaa akka jirus beekamaadha. Kanaaf ilmaan Oromoo waliif dirmachuun duula hammeenyaan guutame kan mootummaa Wayyaaneen qindaa’e kana ofirraa ittisuudha qaba jenna. Dhaabbileen kabajamuu mara dhala namaaf dhaabbatanis duula Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru kana quba qabaatanii akka dirmatan dhaamna.
Injifannoo Ummata Oromoof
M. Seenaa
Caamsaa 30, 2013

The Ethiopian government must stop the discriminatory approach and find a durable solution

Aside

osga

OSGA Statement on ongoing tensions of civilian conflicts in Ethiopia

June 1, 2013 (OSG Australia) Troubled relations between Ethiopias government and the Oromo people constitute a serious obstacle in the countrys path to stability and prosperity. Indeed, the Ethiopian governments recent history has been plagued by ethnic conflict and protracted conflicts with government forces, particularly in Oromia and neighboring regions.

Although it has recently started getting some Oromo media attention, for the past 3 years the ongoing invisible war carried out on Oromo, in the Aniya area, massively affected the local people.

By prompts of the Ethiopian government authorities continuing an irritating war launched by Benishangul-Gumuz armed group on Oromo civilians in East Wollega zone that displaced hundreds from their life now counting its half a decade.

The continuing killings of hundreds of Oromo civilians in Eastern Oromia the heavily armed forces labelled Ogaden Special Police and backed by Ethiopian government invaded the area and continuing killings of hundreds of Oromo innocent civilians.

In 2011-2012 the massacre of hundreds of Oromo people, in MoyaleSouthern Oromia, by the thiopian military forces is evidence that shows the brutality of the government. Read More:-

OSGA Statment – 1st June 2013.pdf

Wallisaa Addisuu Karrayyuu Dabalatee Oromoonni Heedduu Badii Tokkoon Malee Magaalaa Finfinnee Keessaa Hidhaman.

Aside

Caamsaa 31,2013 Fifinnee

BilisummaaJiraattota magaalaa Finfinnee kanneen ta’an Oromooti jireenya nagaa jiraatanii fi sabboonummaa qaban humna ergamtoota Wayyaaneen adamfamaa akka jiranii fi hidhaa hin beekamnetti geeffamaa akka jiran gabaasi Qeerroo Finfinnee addeessa. Hanga ammaatti Oromooti maqaan isaanii argamee fi bakka amma jiraatanii irraa hidhaman keessaa gariin akka armaa gadiiti.

1.Tasfayee Lamuu

Bakka Dhalootaa-Lixa Wallagga

Bakka irraa hidhame Buraayyuu

2.Addisuu karrayyuu(Weellisaa)

Bakka Dhalootaa-Wallagga lixaa

Bakka irraa hidhame-Sabbataa

3.Dassee Lamuu

Bakka dhalootaa-Tullu Boolloo

Bakka Jireenyaa-Alam Ganaa(Miseensuma Mootummaa wayyaanee kan taheedha)

4.Birraa Margaa

Bakka Dhalootaa-Arsii

Bakka irraa qabame -Finfinnee(Duraan nama hidhamee bahe,Dabballee dhaaba ABO kan turaniidha.)

5.Dhaabaa Abdulqadir

Bakka Dhalootaa-Baalee

Bakka irraa qabame-Finfinnee

6.Shaashoo Iddoosaa

Bakka Dhalootaa-Kibba Lixa Shawwaa

Bakka inni jiraataa ture jiru-Buraayyuu

Kannaan hafanis Qeerroon jala bu’ee gabaasa qabu dhiheessa.

Kabaja Ayyaana Wayyaanotaa Caamsaan 20 Oromiyaa Godinoota Adda Addaa Keessatti Duradhabbannaa Uummataan Milkii Dhabe

Aside

Caamsaa 31,2013 Finfinnee

Godina Wallaggaa Naqamte ,Camsaa 20 Ilaalchiisuun Oromiyaa bakkota garaagarattii, Ummaannii mormii sirna abbaa irree Wayyaaneef qabuu bifa garaagaraan
agarsiisuun, diddaa isaa mul’ifachaa jira. Haaluma kanaan Mootummaan Wayyaanee karaa ergamtootaa isaa ayyaanaa Caamsaa 20, Oromiyaa Magaalaa Neqemteetti kabajachuuf akkuma karoorfateen kabajuuf socho’aa jirtutti mormiin bifa garaagaraan isa mudachuun beekame.
Ergamtootni Wayyaanee hoggaantotni OPDO jilli Alamaayyoo Atoomsaa, Abbaa Duulaa Gammadaa fi Asteer Maammootiin hogganamuu Ayyaanaa Caamsaa 20 kabajuuf humnotaa waraanaa Wayyaanee Agaazota of fuulduraa qabuun Magaalaa Neqemtee Seenuun Simannaa Ummataa nama tokkoo illee dhabuun Uummaanni akka farra Oromiyaa ergamaa diinaa ta’uu isaanii hubachuu hanaga Yaa Goobanaa suma nyaata leenyi bosonaa jechuun irratti sirbaa turan.

Jalbultii Ayyaana Wayyaanotaa kana sababeeffaachuun sabboontotni Qeerroon barsiisotaa fi baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Wallaaggaa barruulee warraaqsaa kan gaffii mirgaa hiree murteeffaannaa Uummataa Oromoo of irraa qabuu, Mooraa Yuunivarsiitii Wallaaggaa fi magaalaa Neqemtee keessaatti maxxanfamuu fi uummataa dursanii rabsuun akka uummaanii kabaja guyyaa dhalotaa OPDO kanaafi ayyaana Wayyaanotaa kana irraatti hin argamne taasisee jira.Hala kana irraa diddaan guddaan uummata irraa isaan mudachuun Wayyaanonni salphifamanii jiru. yeroo ammaa kana Magaalaan Neqemtee humna waraana Agaazii wayyaanotaan marfamtee egaamaa jiraachuu fi Mooraa Yuunivarsiitii Wallaggaa fi Magaalaa Neqemteetti Sakkata’insaa cimaatu gaggeeffaama jira.

Godina Iluu Abbaa Booraa bakkotaa garaagaraatti guyyaa ayyaana Wayyaanotaa Caamsaa 20 kana sabbontotni ilmaan Oromoo madhee garaagaraa jalatti ijaaramani jiran waliitti dhufuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo irraatti marii gochaa olanii jiru, Ummaannii Oromoo godinichas ayyaanichaa ilaalchiisuun walgaga’ii karaa lukkeelee Wayyaanee darba ture hin fudhannuu nu hin ilaallatuu jechuun walga’ii Wayyaanotaa lagachuun guyyiichaa gaddaa guddaan dabarsuu sabboontotni Oromoo gabaasu.

Godina Jimmaa  keessatti warraaqsii FDG qeerroon gaggeeffaamaa jiruu fi tokkummaan dargaggotaa baratootaa fi barsiistota Oromoo daran
jabaachuun ilmaan Oromoo diinaa jala fiigan illee ofiitti hawwaachuun mootummaa abbaa irree yaaddoo keessaa galchee jira, godina jImmaatti Sodaa Sochii warraaqsaa Qeerroo ykn Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi sochii ummataa irraa ka’uun Wayyaaneen Camsaa 20 utuu hin kabajatiin olanii jiru. Kana malees baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa miseensonnii OPDO guyyaa ayyaanaa wayyaanotaa fi dhalotaa OPDO’kana ibsa qabxii shan of keessaa qabuu baafachuun guutummaatti miseensuummaa OPDO dhabuun, gara sochii warraaqsaa Qeerroo bilisummaatti makamuu beeksifachuun wayyanotaa garaa kutaanii OPDO immoo dugda kutaanii jiru. Ammas Qeerroon sochii tokkummaa uummataa Oromoo jabeessuun Ilmaan Oromoo gaaddisaa tokkoo jalatti walittii qabuun FDG egalamee jiruu jabeessuun itti fufee jira.

Godina Lixaa Shawaa keessattitti Mootummaan Wayyaanee Caamsaa 20 sababbeeffaachuun , sodaan guutamtee Aanotaa garaagaraa keessaatti poolisotaa ishee bobbaasuun eeggichaa fi sakkata’insa gaggeessuun gabafamee jira. haala kanaan caamsaa 27/2013 magaalaan Amboo humna waraanaa Wayyaaneen egaama kan turtee ta’uun gabaafamee jira, Aanota akka Calliiyaa Geedoo, Midaa Qaanyii, Ijaajjii, Bakkoo, Daannoo, Xiiquur Hinciinii, Gudar, Jalduu, Meettaa Roobii, Giincii, Gindaberat fa’itti uummatuma karaa deemuu wayyaaneen dhaabdee sakkata’aa kan turtee ta’uu odeessii nu qaqqaba jiruu ifaa godhee jira. Ummaannii Oromoos guyyaan kun nuf guyyaa gaddaati malee guyyaa gammaachuu miti, bara dargiin 1ffaa nurraa bu’ee dargiin dargii caaluu dargiin abbaan irree lammafaa biyyaa nurraa fudhatee, ilmaan keenyaa mana barumsaatti miidhuun,kan barnotaa irraa arii’ee, qe’ee irraa qabee nu hidhee, qabeenyaa keenyaa lafaa qee’ee keenyaa irraa nu buqqisee faranjotaatti gurguruun jiruu fi jireenya gadadoo keessaatti nu kuffisee, ilmaan Oromoo kan biyyaa irraa arii’atee,fi bara afaan qawweetiin bitamnee ta’uu seenaan hin dagatuu, jechuun guyyaa kanaa uummaannii hala walfakkatuun gaddaa fi Arii fi jibbinsaa wayyaanee irraa qabuu mul’ifachuuf walga’ii wayyaanotaa gutummaatti lagaachuun mormii Wayyaaneef qaban mul’ifatanii jiraachuu gabaasaan keenyaa bakkotaa garaagaraa nu qaqqaban ibsanii jiru.

Godina Harargee, Haromaayaa keessatti guyyaa Caamsaa 20, diddaa gaaffii mirga lafaa fi eenyummaa ummanni kaaseen wal qabatee ayyaanni Wayyaanotaa akka barbaadanitti kabajamuu hanqachuun milishoota gandaa fi dabballoota OPDO kan garaa gube ta’uu gabaasaan qeerroo naannichaa irraa nu gahe addeessa.

Gabaasaa godinoota gara garaa kaanii akka nu dhaqabeen dabarsina.

 

Seife Nebelbal Radio and Raadiyoo Simbirtuu 30-05-2013

Aside

Ayyaana Wayyaanee Gimbot 20 fashale irratti miseensotni OPDO Qeerroo Bilisummaa cinaa hiriiruun gaaffii mirgaa kaasuun ibsa baasan

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Caamsaa 31,2013

Diddaan barattoota Oromoo miseensota DH.D.U.O tahan Yuunivarsiitiilee keessatti jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti miseensotni DH.D.U.O ibsa gamtaa baasuun dhaabni kun dhaaba garbummaa jala jiru tahuu ibsuun gaaffiilee jajjaboo fi qabxii gurguddaa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa qaban ibsanii jiran.Ibsawwan isaanii keessatti hireen murteeffannaa uummata oromoo kan hin kabajamne tahuu ibsuun gaaffiilee

1. Oromiyaa keessatti mirgi horee murteeffannaa,mirgi namummaa fi Dimokiraasii,Qabeenyi uumamaa fi namtolchee maaliif hin kabajamu?

2. Oromummaan maaliif akka yakkaatti ykn ammo gaaffiin mirgaa oromummaa waliin wal qabatu maaliif yakka tahee lakkaawwamaa?

3. DH.D.U.O barcuma biyyattii keessaa 178 qabatee osoo jiruun aangoon haqa irratti hundaae maaliif akka federaalaatti hiramuu dhabee ilmaan habashaa hundumaa hoogganuu?

4. Barattootni mana barnootaa fi bakkeewwan hojii irraa sababa tokko malee maaliif ABO jedhamanii hidhamuu? Ariiamuu?

Kanneen jedhan gaafatanii jiran.Mootummaan wayyaanees gocha kanaan kan baarage tika Yuunivarsiitiilee keessatti hedduummeessuun keessi keenya burkutaaweera isin maal hojjettu jechuun walii isaanii lolaa jiran.Diddaa wal fakkaataan miseensota OPDO yuunivarsiitii Dirree Dawaan eegalee jira.Dhiibbaan mootummaa wayyaanee kamuu jabaatu Qeerroo cinaa dhaabbachuu miseensotni OPDO ibsatanii jiran.