Dhaamsa Qeerroo Bilisummaa Yuuniversitii Hawaasaa Irraa

Aside

Haala filannoo kaawonsilii barattootaa fi peresedaantii mooraa yuuniversitii Hawaasaa ilaalchisee haala ittiin xumurame

Tokkicha Sabaa Yuuniversitii Hawaasaa Irraa

Haala filannoo kaawonsilii barattootaa fi peresedaantii mooraa yuuniversitii Hawaasaa ilaalchisee haala ittiin xumurame akka kanaa gadiitti kan isin hubachiisnu taha.

Yunivarsiitileen biyyattii keessan jiran martuu bulchiinsa isaanif federaalli itti haawaamamu malee tokkoon tokkoon yuunivarsiitiwwanii seera fi dambiiwwan ittiin bulmaata mataa isaanii qabu yoon jedhe waanan dogoggore natti hin fakkaatu. Yuunivarsiitiwwan akka hangafaatti biyyattii keessatti maqaa dhahaman keessaa yunivarsiitiin hawwaasaa isa tokko. Yunivarsiitiin kun akkuma yunivarsiitinwwan biroo seera fi dambiiwwan ittiin bulmaata mataa isaa qaba.Seera fi dambiiwwan ittiin bulmaata isaa keessaa isa inni filannoo kaawunsilii barattootaa irratti qabu yoo ilaaluf yaalle; seerri inni barreeffamaan lafa kaa’ate seera baay’ee sirrii fakkaata haata’u malee garuu yeroo hojiitti hiikamu isa mootummaan ADWUI ummata irratti raawwatu irraa gargar foo’uf nama rakkisa. Filannoon kaawunsilii barattootaa mooraa yunivarsitii hawwasaa kampaasiwwan afran irrattuu waggaa waggaadhan namoota 14 filuun gita hojii gara garaa irra kaa’a. Haala filannoo kanaa ilaalchisee seera fi heerri filannichi itti gaggeeffamu haala armaan gadiin ta’a;

1. Namni tokko kaadhimamaa ta’ee gara filannootti seenuu dura qabxiin giddu galeessa isaa 2.7 fi isaa ol ta’uu qaba.

2. Araadawwan garagaraa irraa walaba ta’uu qaba

3.Dhimma barattootaa biratti armaan dura yakka hojjetee himatameera taanan ulaagaa guutuu hin danda’u.

3.Muummee barnoota inni hordofu irraa bifa riferandamiitin mallattoo barattoota kutaa isaa keessaa harka tokko sadaffaan caalmaa argachuu qaba.Egaa ulaagaaleewwan kana akka fakkeenyatti kaasuf jedheeni malee isaan hafanis jiru.Baay’inni nama filamuu nama 14 warri filachuu danda’an barattoota mooricha keessa jiran maraadha warra eebbifamtoota irraan kan hafe. Warri eebbifamtoonni filuus filatmuufis mirga hin qaban, kun immoo armaan dura baay’ina barattoota oromoo warra eebbifaman keessa jiran irratti hundaa’eti.Filannoo baranaa isa waggoota darban irraa adda taasisu yoo jiraate bara kana barattoonni oromoo warri eebbifaman baay’ee hin turre garuu warri bara kana mooraa saayinsii fayyaatti dabalaman baay’ee ture kanaafuu bara kana barattoota eebbifamoo dhoowwanii isa fireshiidhaf carraa filuu laachun isaanii ilmaan oromoof hiree haaraa dhala jedhameet yaadamee ture.Dhimma filannoo kana ilaalchisee qeerroon yunivarsitichaa ilmaan Oromoo wal lolan araarsaa fi dogoggora duraan ture sirreessuu barattootaa hoogansa irratti ga’uumsa qabaniifi sabboonoo ta’an nama sadi muuduf walii galaniit turan. Nama sadi bakka buusun kan barbaachiseef namni tokko nama sadii filuu danda’a waanta’eef nama sadanuu aangessuuf irratti walii galameet ture, haata’u malee garuu xannacha tokkotu foon mara ajeessa akkuma jedhaman ilmaan oromoo keessaa warri waa’een oromummaa isaanif hin galin sagalee keenya qisaasessuuf walii galtee barattootaa diiganii dorgommiif kaadhimamtoota ta’anii dhiyaatan. Qeerroon yunivarsitichaa wanti kun abdii fi tokkummaan ilmaan oromoo hidda lafatti naqatee daraare kana nu jalaa coollogsuu danda’a jechuun ijoolleekana kadhatee baasii isaan duula nafiladhaa gaggeessuf baasan illee sabboontota irraa sassaabun akka isaan dorgomanii sagalee sabbontota ijoollen bakka buufatan kana akka hin hanneef irbuu galchanii turan. Haata’u malee jarreen kun ofiifis filannoo keessaa ba’an kaayyoon ilmaan oromoo akka galma hin geenyef ijoollee hiriyyoota isaanii ta’an akka nama biraa filatan taasisanii jiru. Kun immoo kaayyoo ilmaan oromoo bakka isaan yaadan akka hin geenyef wanta itti yaadamee ta’eedha garuu nutis sadarkaa gaarii qabsiifachuu dadhabnu namoota 14n keessaa akka miseensa ta’anii galaniif nama 3 keessaa Oromoonni 2 dabanii jiru..Inni armaan olii kun shira Dh.d.u.o sabboontota oromoo irratti raawwate yoo ta’u inni alagaan ilmaan oromoo akka hin milkoofnef raawwate immoo wanta imimmaan dhiisee dhiiga nama boossisuudha. Filannicha keessatti barataan oromoo inni tokkoo fi barataan lammii Tigraay tokko harka walqixa argataniit turan .Wanti akkaanaa armaan duras uumameet ture kun wanta haaraa miti yunivarsiitichi kanaafis seera barreeffamaat qaba waanta’eef haala seerichaan furmaata argata ture. Armaan dura yoo namootni hanga sadarkaa 13ffaa jiran qabxii walfakkaataa argatan jara lamaanuu fudhachuun isa itti aanu kuffisan turan , yoo sadarkaa 14ffaa dhaf immoo namoonni lama sagalee walfakkaataa argatan baayinni nama barbaadamuu 14 waanta’eef inni tokko kufuun dirqama kuffisuuf immoo jalqaba ulaagaa jalqaba isaan guutanii gara filannotti dhufan sana wal bira qabanii wal madaalchisu yoo isarrattillee garaagarummaan jiraachuu baate kaawunsiliin barattootaa 14n isaan hojii isaanii gara raawwachuutti deemaa jiraniifi abbootin amantaa warri filannichaas jaarsolee taajjabbii ta’an walii galuun jara lamaanif carraa buusu , yoo kana irratti walii galuu didan immoo jaralamaanifuu carraa buusuf ,yoo kana irrattis walii galuu didan lamaanuu dabarsuun namni 15 kawunsilii barattootaa ta’ee akka hojjetu taasifama. Haata’u malee barana seera barreeffamaan jiruu fi isa armaan duras hijii irra oolaa ture kana dhoksanii barataa isa lammiin Tigree dabarsuun nama lammiin Oromoo ta’e ammoo walii galtee isaanin kuffisan. Bara darbe sababa waliigalteen hin turinif ijoolleen oromoo nama tokko qofa kaawunsilii keessa galfatan kun immoo dhiibbaa guddaa nurratti fidee jira. Yeroo isaan walii galteedhan dhalataa lammii Tigree ta’e dabarsuuf waliigalan barataan Oromoo immoo kuni hojii sirrii miti jechuun waliigaltee isaanii irratti mallatteessuu didee dhiitee ba’e, isaanis inni waliigaltee didee bahe nama tokko waanta’ef harki caalman irratti waliigalee jira jechuun akeeka isaanii galmaan ga’atanii jiru. Filannoo bu’aan isaa kan beekkame guyyaa kaleessaa halkan keessaa sa’aatii 7;00 irratti yeroo sanaa kaasee hanga lafti bari’utti qeerroon marii taasisuun ganama yeroo isaan waajjira saaqqatanii olseenan gaaffii isaa itti fufe, itti gaafatamaan dhimma barattootas gaaffii keessan bifa barreeffamaan dhiyeeffadhaa nun jedhe. Nutis gaaffii keenya bifa barreeffamaan filannichi koree qulqulleessituun irra deebi’amee nuuf haa ilaalamu kan jedhuudha. Yoo isaan nutti murteessanis hanga pirezedaantii yunivarsiitichaa deemnee falmachuuf nuti Qeerroon Bilisummaa Yuuniversitii Hawaasaa jirru walii galteen kaanee hanga dhumaatte deemuun filannoon peresedaantii inni duraa Oromoo akka tahu mirkaneeffannee jirra.

Tokkummaan Humna!

Garbummaan ni kufa!

Qabsoon itti fufa!

SBO Adoolessa 3 Bara 2013

Aside

Waxabajjii 30,2013 Raadiyoo Afuura Biyyaa

Aside

Gaaffii fi Deebii Jaal Abbaa Caalaa Lataa Waliin Taasise.

Eebba barattoota Yuunivarsiitii Mattuu irratti diddaa Qeerroo irraa mudateen Wayyaaneen rifaatii keessa bu’e

Aside

Waxabajjii 30,2013 Mattuu

Mootummaan Wayyaaneetti diddaan barattoota Yuunivarsiitii Mattuu bara guutuu itti jabaachaa kan ture guyyaa eebbaa irratti itti jabaachuun mootummaa Wayyaanee rifaatii guddaa keessa seensise.Yuunivarsiitii Mattuu keessatti barattootni oromoo gurmuun walitti dhufuun sirbawwan gootummaa fi xiiqii diina waliin wal qabanii jiraachuu kan weellisan yoommuu tahu uummatni eebbaaf Yuunivarsiitii Mattuu deeme gootummaa ilmaan isaaniitti hedduu boonuun barattoota waliin makamuun sirbawwan gootummaa sirbanii jiran.Mootummaan wayyaanee gocha kanaan kan baarage waraana hedduumminaan Yuunivarsiitii keessa seensisuun barattootaa fi uummata nagaa doorsisuu irratti argama.Barattootni oromoo gamtaadhaan walitti dhufuun jala bultii eebbaa irratti sirba Eebbisaa Addunyaa EENYUSHEEN DAANGAA OROMOO LIXXU IRRA EJJETTEE MORMA ISHEE HIN KUTTUU jedhu sirbuun bulchinsa Yuunivarsiitii,Waraana wayyaanee fi basaastota rifaatii guddaa keessa buusisanii jiran.Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu taasisu diddaan jabaatee akka itti fufu qeerroon Yuunivarsiitii Mattuu gabaasee jira.

Hojjettootni waarshaa Sukkaara Tandaahoo 500 ol tahan hoji dhaabuun hiriira diddaa sirna EPRDF gaggeessan

Aside

Waxabajjii 29,2013 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee erga aangootti ol bahee guyyaa tokko illee fedhii uummataa eeguuf hojii hojjete hin qabu.Hojiiwwan biyyattii keessatti hojjetaman irraa fayyadamuun bittaa umrii isaa dheereffachuuf duwwaa hojjeta.Haalli kun hammaataa kan deeme Waarshaa Sukkaaraa Tandaahoo keessatti mootummaan Wayyaanee hojjettoota miindaa dhorkachuu irraa hojjettootni gamataan hiriira nagaa taasisan.Hojjettootni waarshaa Tandaahoo keessaa hojjetan haala qilleensaa rakkisaa keessatti hojjechaa osoo jirruu mootummaan wayyaanee miindaa gahaa dhorkachuu fi kanuma ittiin ramadamne illee nu dhorkachuun abbaa irrummaa isaa haala kamuu caalaa kan mulisudha jechuun hojii dhaabuun hiriira mormii taasisaa jiran.Mootummaan Wayyaanee gocha kanaan kutannaa uummataan kan baarage waraana federaalaa baajata hedduu baasuun ramaduun uummata doorsisaa jira.Hojjettootni waarshaa kanaa 500 ol tahan yeroo ammaa hojii dhaabuun mootummaa irratti diddaa jabaa gaggeessaa jiran.

SBO Waxabajjii 30 Bara 2013

Aside

Eebba Barattootaa Irratti Diddaan Qeerroo Yuuniversitii Jimmaa Tohannoo Wayyaanotaan ol Ta’uu Gabaafame

Aside

Waxabajjii28,2013 Jimmaa

OromiaALutaContinua2011FDGGaafa  Waxabajjii 25,2013 Qeerroowwaan Ebbifamtootni baratootni Oromoo  Yuunivarsiitii Jimmaa galgala kana guutummaatti Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Dhuunfachuun Walleewwaan warraaqsaa dhageesisuun.barruulee warraaqsaa Qeerroo bilisummaan maxxanfame facaasuun ykn maxxansuun,alabaa ABO mooralee bakkoota muldhatan itti maxxansuun sagalee warraaqsaa muldhisuu fi  jibbinsaa fi mormii mootummaa Wayyaaneef qabaan ifatti mul’ifatan. Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campus keessaa oliif gadi deddeebii’uun wallee warraaqsaa kanneen akka ” Falaxaa Falaxaa Mukaa hin sofaanii halagaaf hin garboomanii, Siifan Lolaa Ummataa,WBO koo ABO ana irraa hin gortuu dargaggoon Oromoo kaatee boosona hin galtuu, korma Guduruu Oromoon, ABO’n leencuma duruu, Qeerroon qeerraansaa duruu,  dhiroo dhiirrii sii wamaa leencii bosonaa sii wamaa, ya gantuuyaa goobanaa ABO sitti wamaa” jedhuu fi walleelee warraaqsaa kan Eebbisaa Addunyaa, Hirphaa Gaanfurree, Hayiluu kitabaa, Dawuutee Mokonnoo, Kadir Martuu fi kkf wallisuun lallifannaa fi mararfannaa ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoof qaban ibsatan.

Sochii wallee warraaqsaa goototni baratootni Oromoo kanaa dhaabuuf poolisonnii fi humnonnii basaasa humna ol bobbaafamanii dura dhaabbaachuuf yaalaan illee sochiin baratootaa humna ol waan ta’eef tochuu hin dandeenyee fi baratootnis tokkummaa cimaan waan socho’aniif tokkummaan baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa diinaa rifaasisuun duuba kan deebisee ta’uun erameera. goototni baratoota Oromoo kunneen halkan guutuu wallee warraaqsaan dhiichiisaa kan jiran ta’uu ibsamera. sochiin kun kan itti fufuu ta’uu ibsatani jiruu. Sochii wallee waarraaqsaan baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa wayyanee balaaleffaachaa jiran kana sagalee qeerroo Audio fi video’n warabame kan isin qaqqqabsifnu ta’uu ni hubachiifna.

 

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Waxabajjii 27,2013

Aside

 

The Stream – Oromos seek justice in Ethiopia

Aside

SBO Waxabajjii 26 Bara 2013

Aside