Miidhaan Ummata Oromoo Irra Gahaa Jiru Kan Yoomii Irra Waan Hammaateef Oromiyaa Keessatti Gaaffii Mirgaa Wal Irraa Hin Citne Kaasaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Adoolessa 08,2013

Adoolleessaa 8,2013 Sirnii EPRDF fi TPLF Saamichaa qabeenyaa fi qoodinsaa aangootiin Oromoo moggaattii baasuun angoo maleessaa taasisee biyyaatti akka fedhiiisanitti aangoo waliif qooduun umrii bittaa abbaa irrummaa dheereeffachuuf kutaatee kan ka’ee ta’uu torbeewwaa darban kanaa keessaa ifatti beeksifatee jira.

Sirni Wayyaanee TPLF fi EPRDF akkumaa duraan meeshaa micraphone
godhatee dhaaba jalee isaa kan taatee fi kan maqaa uummataa Oromoon daldaluun bu’aa uummataa Oromoo gama dinagdee, Siyaasaa, fi hawaasummaa dabarsitee gurguruun Oromoon akka cabee garbummaa jala turuu gochaa jirtuun yeroo irraa gara yerootti mirga sabaa mitii mirgaa dhaabaa ishee OPDO’ illee kabachiisuun hafee yeroo TPLF fi EPRDF aangoo waliif qooduu afaan cuqqallatanii taa’anii ilaaluu qofa akka furmaatatti fudhachuun OPDO’n jarmiyaa Siyaasaa dadhabduu, Ummataa Oromoo kan bakkaa hin buunee fi dantaa saba Oromoof kan hin dhaabbanne  akkasumas mayibaasii  EPRDF fi TPLF ta’uu isaanii ifaan ifatti mirkaneessee jira.

Wayyaaneen sammichaa qabeenyaa Oromiyaa cimsachuuf magaalaawwaan Nannawwaa Finfinneetti argamaan kanneen akkaa Sandaafaa Bakkee, Lagaa Xaafoo Lagaa Daadhii, Duukaam, Galaan, Sabbataa, Burraayyuu, Holotaa, fi Suulultaa bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee jala galchuuf seeraa mataa ofii itti tolfachuun bulchiinsaa Federaalaa jala galchuun qabeenyaa Magaalotaa kana irraa argamuu sammaachuuf qophii dursaa xummuruun kan itti deemaa jirtuu ta’uun mirkaneeffaame jira. hallii kun uummataa Oromoo magaalaawwaan kanneen keessaa jiraan akka malee arsuun gaffii caaluutti seensisaa jiraachuun gabaafamee jira,
Ammaa gaffiin guddaan sammuu dargaggotaa, Barsiisota, Baratootaa, hojjetootaa, poolisotaa, dafqaan bultotaa, qonnaan bultootaa fi uummata Oromoo cufaa Oromummaan isaatti dhagaa’amuu keessaatti kanneen caalaatti uummamaa jiru:
1. Ummaannii Oromoo Aangoo biyyaattii EPRDF fi TPLF dabaree waliif qoodaa jiraan keessaa maliif moggeeffaame?, mee akka Oromiyaatti Ministeerotaa meeqatu uummataa Oromoo miliyoonaa 40’ol bakkaa bu’ee
jiraa?
2. Magaalaan Guddoo Oromiyaa kami? Mootummaan Federaalaa Wayyaanotaa Magaalaa Finfinneef maqaa beekamtii dhorkatee Addis Abaabaa jechuun maqaa Finfinnee jedhamuu golgee jiraataa? maqaan Finfinnee jedhuu fi
Addis Abaabaa jedhuu hiikaa walii waan hin taaneef kun atattamaan Maqaan Addis Abaabaa jedhuu hafee Finfinneettii soroorfamuu qaba gaffii jedhuu sammuu keessaa nu bulchee jira. .
3. Wayyaaneen Seeraa ishee keessaatti Magaalaan Finfinnee teessoon Oromiyaa keessaatti waan argamtuu fi dachee Oromiyaa irratti waan argamtuuf Uummaannii Oromoo Magaalaa Finfinnee irraa faayidaa Addaa( special Interest) argachuu qabaa jedha. Faayidaa Aaddaa (Special Interest) jechuun maal maalfaa of keessaa qaba? wantii lafaa kaa’amee jiraa? moo gowwomsaadhaaf jedhamee? faayidaa hanga ammaa Oromoon gama qooddannaa aangoo bulchiinsaa, dinaagdee fi siyaasaa Oromoon Finfinnee irraa argachaa jiruu ni jiraa? gaaffiiwwaan jedhaan sammuu uummataa keessaatti uummamee uummaannii dammaqee jira.

4. Magaalotaa Nannoo Finfinnee isaa Wayyaaneen bulchiinsaa Ofii jalaa galchuuf seeraa irraatti tolfachaa jirtuu irraatti uummaannii Oromoo yeroon itti dammaqee mormii cimaan duraa dhaabbaachuuf qophaa’aa ta’uu ibsachaa jira.

5. Guuttuummaattii Ummaannii Oromoo magaalaa Finfinnee fi magaalotaa nannaawwaa Finfinnee keessaa jiraachaa jiraan bittaa sirnaa garbummaa ija baasaa dhufee fi bulchiinsaa fakkeessituu kan ofiif iyyuu angoo hin qabnee jalee Wayyaanee OPDO’f hin bitamnu yeroon Ummatni Oromoo waliitti dirmannuu fi gamtaan abbotii irree TPLF fi EPRDF irraatti qabsoo FDG gaggeesinuu amma jechuun dhaamsaa dabarfata.

Miseensotiin ABO Biyya Ameerikaa fi Kanaadaa Jiraatan ABO Jabeessuuf Ejjennoo Cimaa Fudhatan

Aside

abo

KORRI GAMTAA MISEENSOTA ABO KUTAALEE  AMERIKAA FI KANAADAA ADOOLESSA 04- 05, 2013 TI MAGAALAALEE LAKKUU  MINISOOTAATTI  KEESSATTI GEGGEEFAMAA TURE  MILKIII FI INJIFANNOON XUMURAME.

Nuti miseensotni ABO kutaa Kanaadaa fi Amerikaa  walitti dhufnee kora gamtaa  bakka tokkotti geggeeffanne  kora kana irratti ibsa hoggana  ABO irraa  haala yeroo dhimmoota QBO, haala jaarmiyaa fi siyaasaa ,haala sochii WBO, haala sochii Qeerroo biyya keessaa fi haala yeroo ammaa QBO keessa jiru akkasumas dhimmoota hawaasa keenya biyya keessatti diinaan iraarfamaa jiru irratti ibsi bala`aa fi ifaa ta`e  hogganoota keenyarraa  nuuf kenname irratti hundoofnee  gaaffii fi deebii erga  geggeeffanneen  duuba  haalaa fi akkaataa  gara fuula duraatti Qabsoo hidhannoo jabeessinee itti fufuu qabnuu fi  WBO jabeessuuf I  cimsuu, Dhaaba keenya ABO  fi jaarmiyaa keenya biyya keessaa fi alaan  jabeessuu fi  ijaaruu irratti  marii bal`aa geggeeffachuun Korri  gamtaa ibsa ejjennoo   armaan gadii  baafachuun milkii fi injifannoon xumuranne:

  1. Sirna bittaa mootummaa Itoophiyaa/wayyaanee   ofirraa kaasuuf   filmaanni tokkichaan jiru Qabsoo hidhannoo cimsinee itti fufuu ta`uu  korri kun sagalee tokkoon murteeffanne.
  2. WBO bifaa fi sadarkaan  ijaarree  cimiisuun  murteessaa fi fardii ta`uu isaa  korri kun erga mariyateen  booda waan barbaachisu hundaan  bira dhaabbachuun hanga QBO  ABO durfamtu bilisummaan fiixa baatutti waan  dandeenyu maraan  bira ni dhaabbanna.
  3.  Jaarmiyaa keenya jabeessuu fi cimsuuf  sadarkaa QBO amma irra  jiru irraa gara fuula duraatti tarkaanfachiisuuf murannoo fi kutannoon  hojjechuun qabsoo fiixaan baasuuf murteeffanneerra.
  4.  Sochii qeerroon Oromoo biyya keessatti geggeessaa jiru dinqisiifataa barattootni, Barsiisotni, Qotee bulaan, Daldalaan, hojjetaan  Oromoo , Hayyootnii fi beektotni, Shammaranii fi Dargaggoon  Oromoo Sirna  gabroofataa Mootumma wayyaanee ofirraa  fonqolchitee Biyya keerratti abbaa  biyyummaa  keetii mirkaneeffachuuf gamtaa fi gurmuun kaatee QBO tti akka dirmattuu fi Sochii Qeeroo  waliin akka  hiriirtu waamchi lammummaa isiniif dhaamna.
  5.  Ilmaan Oromoo kanneen Mootummaa Gabroofataa waliin  hojjetaa jjrtan, Humna Poolisaa, Humna waraanaa fi hojii addaa addaa keessa  hojjetaa jirtan, Haalli yeroo ammaa  mootummaan Itiyoophiyaa/Wayyaanee  unmmata Oromoorratti  hidhaa fi ajjeechaa  daangaa hin qabne  geggeessaa jiru kan  saba keenya Hundeen dhabamsiisuuf  saganteeffatee  hoijjetaa  jiru ta`uu hubattanii QBOtti makamuun ga`ee   keessan akka baatan dhaamsa lammummaa fi Oromummaa isiniif dabarisna.
  6.  Shira Mootummaan wayyaanee ummata Oromoo fi  saboota qubsumaan ollaa Oromiyaa   jiran walitti buusuun  tasgabbiin akka  hin  uumamne godhaa jirtu itti dammaqxani  wal dhabbii  fedhe kamiyyuu akkuma aadaatti sirna  ilaa fi ilaameen akka  hiikamuu fi ollummaa gaarii fi nagaan akka waliin  jiraattan  jabeessinee isiniif dhaamna.
  7.  Dhumaatii Ilmaan Oromoo Godina baha Oromiyaa  naannoolee adda addaa qubatani jiran irratti duula shanyii duguuggii  humna addaa mootummaan Wayyaanee  bobbaaseen raawwatamaa jiru  jabeesinee   balaaleffanna. Llubbuu ummata keenya galaafatamee fi qabeenyaa saamame  maraaf  kan  itti gaafatamuu fi yakkamu mootummaa Itoophiyaa/wayyaanee ta`uu isaa  jabeesinee hubachiisna.
  8.  Maqaa Investment  fi gurgurtaa  lafaa/dachiitiin  Qotee bulaa Oromoo  qa’ee isaarraa  buqqisuun akka hatattamaan dhaabbatu Jabeessinee  gaafanna.
  9. Ilmaan Oromoo kanneen gidiraa mootummaa Wayyaanee dheessuun biyyoota adda addaatti baqatanii  jiran irratti roorroo raawwatamaa jiru ni balaaleffanna. Mootummoon itti baqataniis akka mirga baqattummaa isaanii kabajan gaafanna.
  10. Gochaa diinummaa  Mootummaan Itiiyoophiyaa/wayyaanee  ummata Oromoo irratti  gaggeessaa   jirtu  sadarkaa  duguuggii shanyiitti kan  tilmaamamu jannee waan amannuuf  Mootummootaa fi  hawaasni addunyaa  falmaa ummatni  keenya  mirga isaatiif geggeessaa jiran bira akka dhaabbattan sagalee tokkoon waamicha goona.
  11. Biyyootni fi sabootni  ollaa Oromiyaa martinu Sabni Oromoo saba nagaa barbaadu fi mirga namuu kan hin tuxyne tahuu hubatanii, akka qabsoo/sochii mootummaa nama nyaataa kana irratti gochaa jiru bira dhaabbatan waamicha goona.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Kora Gamtaa  Miseensota ABO Kutaa Kanaadaa fi Amerikaa.

Adoolessa 2013.

TPLF AND His Terrorist deportment

Aside

By Firehiwot Guluma Tezera | July 7, 2013

Firehiwot Guluma Tezera Firehiwot Guluma According to many Ethiopia Medias and FBI has foiled an attempt by the Ethiopian government to assassinate anti weyane or TPLF. Please note here I said the Ethiopian government since there seems to be no thin line between the TPLF party and the government. Why I am not surprised? I am not surprised because for the TPLF violence is sanctioned by the party leaders as a legitimate tool to achieve political, economic and military dominance. In Ethiopia they are known for carrying weapons conspicuously, brandishing them at will and revealing in their thuggish behavior. They are the kind that administers summary judgment on street corners, bars and clubs. How was TPLF Chairman, the recently departed Ethiopian Prime Minister Meles Zenawi able to achieve this goal in Ethiopia? The simple truth is by using violence to silence, intimidate, and eliminate his and the party’s actual or perceived enemies using any means necessary. You do not need to be a Sherlock Holmes to detect this pungent smell of gun powder around most Woyanes. Mengistu Hailemariam prepared the perfect ground for TPLF to flourish. He has already disarmed the population, delegitimized the family system and used the lowest denominators to be in charge of the Kebeles. TPLF inherited a demoralized, confused and tired population to mold in its own image. Read more :-darticle.docx

IYYAA IYYA DABARSAA!!!Kabajamtoota Lammii Oromoo Maraaf

Aside

Kabajamtoota Lammii Oromoo Maraaf

Barreessaa dhugaa baasa!Guddina Afaan Oromoo ilaalchisee Oromiyaa keessatti wanti hojjetamaa jiru gaariidha. Kana jechuun ammoo waan nurraa eegamu mara hojjenne jechuu miti. Hojmannee guddaatu isa baraterraa eegamaa jira. Guddina biyyattii kanaaf gumaachi keenya murteessaadha. Dhaloota ol adeemaa ka’aa jiran kana gorsuuf jajjabeessuun ammoo isa guddaadha. Haaluma kanaan dhaamsa guddaa Xalayaan kun baattu dubbisaati…isinillee ergaa kana nama beektan kamiifuu dabarsaa jechuuf iyyaa iyya dabarsaa isiniin jedhuu barbaade…
Ulfaadhaa, horaa bulaa
Beekan Gulummaa Irranaati

Yunivarsiitii Finfinneerraa barataadha!

IYYAA IYYA DABARSAA!!!.pdf

YOUNG OROMO AUTHORS IN OROMIYA.pdf

BEEKAN Guluma CV.pdf

Halkan ABO Magaalaa Oslo Norway,Adoolessa 7,2013

Aside

WBO koo maaloo ree….. Qabsooftuu Artist Ilfinesh Qannoo

Miccuu Baayyeen Qaba Lixa Biiftuu Irraa/ Qabsaawaa Artist Hayiluu Kitaabaa

SBO Adoolessa 7 bara 2013

Aside

Haati Keenya Takka(Tokko) Maaltu Addaan Nu Baasee??????????/Artist Dr Ali Birra’s Golden Jubilee Celebration

Aside

Harki harka hin nyaatu diina ofii malee…

Nutu if xinneesse eenyutu nu caalee??

A Successfull Fudraising Effort to Support OLA/WBO/ Oslo Norway

Aside

Qeerroon Bilisummaa Yuunivarsiitii Jimmaa, Mattuu fi Wallaaggaa Irraa Eebbifaman Ibsa Ejjetnoo Beeksifatan

Aside

logo-qeerroo-oromiyaa3

Adooleessaa 2/20013 Eebbifamtootni Baratootni Oromoo miseensotni Qeerroo Bilisummaa Yuunivarsiitii Jimmaa, Mattuu fi Wallaaggaa Maadhee garaa garaa keessaatti ijaaramuun bifaa garaa garaan diddaa sirnaa wayyaaneef qabanii fi FDG keessaatti ga’ee ol aanaa baa’aa turan eebbifamuu isaaniif gammaachuu isanitti dhagaa’amee ibsachaa haala walfakkaatuun maadhee garaagaraa irraa walitti dhufuun bifa itti sochii warraaqsaa FDG fi bilisummaan uummataa Oromoo itti saffisuu danda’uu irraatti marii bal’aa erga gaggeessaanii boodaa ibsaa ejjeennoo qabxii 6 armaan gadii dabarfachuun sagantaa marii isaanii bakkotaa sadan irraa iyyuu milkiin xummuratan.

Ibsa Ejjeennoo Qeerroo Ebbifamtoota Baratootaa Oromoo
1. Nuti Baratoototnii Oromoo hacuuccaa fi gadii qaba uummataa keenyaa Oromoo fi Oromiyaa irraatti yeroo irraa gara yerootti gita bittootaa moototaa abbaa irreen gaggeeffaamaa jiru balaaleffaachuun mirgaa uummataa keenyaa ogummaa fi dandeetii qabnutti fayyaadamnee uummataa keenyaa bifa qiinda’een gurmeessinee haalduree tokkoo malee qabsoo diddaa garbummaa qindeessuu irraatti kan fuulleeffaanuu ta’uu murteeffane.
2. Nuti ebbifamtootni Oromoo kaayyoo keenyaa buddenaa fi faayidaa yeroon hin jijjirru, kayyoon keenyaa gama qabsoo Oromoo bifa
danda’amuu jabeessuu fi tokkuummaa uummataa keenyaa tiksuu irraatti kan xiyyeeffaatu ta’uu ni hubachiifna.
3. Biyyaa Mootummaa abbaa irree Ethiopia keessaatti baratanii hojii qabachuu fi jiruuf jireenyaa gaggeeffaachuun hin danda’amuu, kanaaf baratootni Oromoo bara baraan dhaabbilee barnotaa Olaanoo garaagaraa irraa eebbifamaa turan ragaa guddaadha, kanaafuu nutis kaayyoo fi akeekaa mootummaa abbaa irree kana fi hojii dhabdummaa dhabamsiisuuf baratootaa fi dargaggotaa Oromoo humna baratee hojiidhabdee ta’ee cabee ulee rakkinaan reebamaa jiruu walitti qindeessuun mirga keenyaa fi uummataa keenyaa kabachiisuuf kutannoo fi muraannoon kan hojjennuu ta’uu ni hubachiifna.
4. Kaayyoo fi akeeka qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan ga’uuf dirqama dhalotaa bahuuf murtoo gochuu keenyaa ni ibsina.
5. Hidhaa, ajjeechaa, hojii dhabdummaa, fi dararaan Wayyaanotaa kaayyoo keenyaa irraatti akka cichoomina qabannuu nu godha malee duubatti kan nu hin deebifnee ta’uu ni hubachiifna.
6. Ilmaan Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa ambaa jirtaan hundii wal dhagahuu fi wal dhaggeeffaachuun waanjoo garbummaa jalaa bahuuf harka wal qabannee haa kaanuu jechuun ibsa ejjeennoo qabxii jahaa of keessaa qabu dabarfachuun waadaa isaanii irraa deebi’uun haroomsatan.
Injifannoon U/Oromoof!.
Gadaan Gadaa Bilisummaati.
Ebbifamtotaa Qeerroo Bilisummaa Yuuniversitii Jimmaa,Mattuu fi Wallaggaa irraa.

 

Raadiyoo Sagalee Dargaggoota Oromoo Waxabajji, 30, 2013

Aside