Oromiyaa Bakkoota hedduu keessatti Guyyaan Yaadannoo FDG sadaasni 9 haala ho’aan yaadatamee oole. QBOtiifs gumaatni maallaqaa bakkeewwan adda addaatti taasifame

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Sadaasa 10,2013

Guyyaan yaadannoo FDG sadaasni 9 guutuu Oromiyaa keessatti haala addaan yaadatamee oole. Uummatni Oromoo gamtaan walitti dhufuun ilmaan Oromoo wareegamaniif yaadannoo sammuu erga taasisanii dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun alaabaa qabachuun guyyaa kana yaadatanii oolanii jiran. Guyyaan yaadannoo FDG Yuunivarsiitiilee Oromiyaa keessatti haalaan kan yaadatame yoommuu tahu Yuunivarsiitiiwwan Haramaayaa, Finfinnee, Amboo, Kotobee, Wallaggaa, Jimmaa, Mattuu, Amboo, Arbaminc, Hawaasaa fi kanneen biroo keessatti haala addaan yaadatamee oolee jira. Miseensotni qeerroo fi deeggartootni QBO walitti dhufuun ayyaana kana irratti dhimma QBO irratti marii kan gaggeessan yoommuu tahu gumaata maallaqaa dhimma QBOtiif oolus gumaatanii jiran. Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi gad aanaa keessattis haalaan yaatamuun oolee jira. Qotee bultootni Oromoos guyyaa yaadannoo kana irratti dhimma QBO irratti marii gaggeeffatanii jiran. Koollejjiiwwan dhuunfaa fi mootummaa keessatti barattootni Oromoo baratan, Hojjettootni, daldalaan akkaataa mijateen guyyaa kana yaadatee oolee jira.

Walumaa galatti Oromiyaa Golee Oromiyaa garaa garaa caasaa uummataa keessatti guyyaan yaadannoo FDG haalaan yaadatamee jira.

Radiyo Simbirtuu: Qophii addaa FDG 2013 sababeffachun dhimmota adda-addaa irratti haasawaa HD-ABO Oslotti taasisan.

Aside

SBO Sadaasa 10 Bara 2013

Aside

Ilkaan Socho’e Buqa’uun Hin Oolu!!!

Aside

barruuNama Mammaaksa Abbootii keenyaa qofaa dubbatu odoo hin taane, Nama Mammaaksa bara kana keessaa uumu nu haa taasisu yoon jedhe eebba hin ta’u laata ? “ILKAAN SOCHA’EE, BUQQA’UUN HIN OOLU” Mammaaksi jedhu , carraa Ilkaan socha’ee kana buqqisuuf qabnu lama ta’uu nu akeeka jedheen yaada.(hiikkaa miti) Inni tokko , dhukkubbii ilkaan socha’u uruursaa hanga buqqa’utti eeggachuu, ykn ega socha’ee buqqa’uun isaa hin ooluu maaliifan dhukkubaan rakkadha ? jedhanii of irraa calaasuudha. Filannoon kun Abbaa dhukkuba Ilkaaniin hiraaraa jiru irrati hundaa’a. hiraaraa jiraachuu irra jedhee yoo murate, dhukkubbii yeroo buqqifamu sana dandamatanii of irraa buqqisu, yk hiraara yeroo gabaabduu sana sodaatanii uruursaa jiraatanii , ofis maatiis yaaddeessaa jiraachuudha.

Guutuu barruu kanaa argachuuf:- ILKAAN SOCHA’EE BUQQA’UUN HIN OOLU !!!!!.docx

Brutal dictatorship of Weyane regime.

Aside

Firehiywot GulummaaFirehiwot Guluma 05, Nov, 2013

Brutal dictatorship of Weyane regime.

Since the EPRDF government came to power, neither the Ethiopian people, nor the Oromos in particular, have lived in peace and tranquillity. The last 22 years on power, the regime has boosted itself as a guarantor of the right of nations and nationalities while it brutally imprisoned, tortured and killed those who have demanded for their legitimate right.

TPLF regime is known as Marxist Leninist League of Tigray (MLLT) in early 1970s and as Ethiopian People Revolutionary Democratic Front (EPRDF) since late 1980s. EPRDF is a pseudo multi-ethnic political party under strict control of the regime. It is in reality the TPLF because it is neither a unitary nor a coalition of political parties. It is an instrument of ethnic political organization that totally adopted political program of the TPLF (Berhe, 2005). It is guided by principles of divide and rule system of colonial governance. The regime is known by its fake names like Amhara National Democratic Movement (ANDM), Oromo People Democratic Organization (OPDO), South Ethiopian People`s Democratic Front (SEPDF), and etc in Amhara, Oromia, Southern Ethiopia, and other administrations, respectively. These surrogate ethnic political organizations are nothing but they are simply representatives of the regime in other parts of Ethiopia. These fake organizations are unconstitutionally imposed on peoples of Ethiopia through the rule of gun in violation of sovereign rights of civil people, the rights to organize and elect their own political organizations freely. Thus the regime has institutionalized its brutal governance system with insignificant challenges of opposition political forces to its authority. Absolute dictatorship of the regime is demonstrated by human rights violation and provoking ethnic conflicts.

Read More:-  article.docx

Aside

Godina Lixa Shawaa A anaa Midaa Qanyiitti  Jiraataa Magaalaa B aallammii kan taan   Sabboonaa fi tumsaa n qabsoo Oromoo Obbo Olaansaa Galataa d hibee xiqqoo irraa b ubuleen dhukkubsatani Addunyaa kana irra a boqotan.

Gabaasaa Oduu Gaddaa: Sadaasaa 7/2013 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti Jiraataa Magaalaa Baallammii kan taan Sabboonaan Oromoo Obboo Olaansaa Galataa dhibee xiqqoo irraa bubuleen dhukkubsatani Addunyaa kana irraa boqochuu yeroo dhageenyu gaddi guddaa nutti dhagaamuu maatii isanii fi Firottan obbo Olaansaa Galataaf gaddaa nutti dhagaame ibsina.

Gabaasaa Oduu Gaddaa.docx

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Qophii Sadaasa 07,2013

Aside

Guyyaa FDG Sadaasa 9 Ilaalchiisuun Bakka Bu’ooti Qeerroo Godinoota Adda Addaa Magaala Jimmatti Walitti Dhufanii Dhaamsa/ Ibsa Dabarsan.

Aside

Sadaasa 9,013Gareen gaafatamtoota Qeerroo bilisummaa Oromoo biyya keessaatti sochii warraaqsa FDG gaggeessaa jiru Yaadannoo sadaasa 9 guyyaa FDG sababeeffaachuun walga’ii isaa Sadaasa 6/2013 godina dhiha Oromiyaa keessatti gaggeessuun Uummata Oromoo hundaaf ibsa armaan gadii dabarsee jira.

Addunyaa kana irratti ilmi namaa bara inni tole jedhee roorroo, gadiqabaa, hacuuccaa fi garbummaa fudhatee jiraate hin jiru; Ummaannii Oromoos akkuma uummata addunyaa kamiiyyuu guyyaa inni garbummaa, roorroo, gadi qabaa fi hacuuccaa tole jedhee fudhate hin jiru. Keessattuu gita bittoota abbootii irree afaan qawweetti malee sirna bulchinsa dimookiraasii fi kabajamuu mirga namummaatti warraa hin amanne dura dhaabbachuun falmaa hiriyaa hin qabne uummata gaggeessaa as ga’ee ta’uun seenaan ragaa guddadha. Haala kanaan uummaanni Oromoo mootota abbootii irree Habashootaa kaleessaa irraa qabee hanga mootummaa faashisti fi shororkeessaa Wayyaanee hara’aa jirtuu kanatti falmaa bilisummaa gaggeessaa turee fi itti jiru keessatti injifannoo cucululuqaa galmeessa as ga’edha.

Bara 2005 keessa maqaa filannoo waliin dhahaa fi fakkeessaa Wayyaaneen gaggeesseen walqabatee sagaleen uummata Oromoo ukkanfamee; Oromoo fi Oromiyaa bituuf ilmaan habashaa waldhansoo jabaa Finfinnee irratti gaggeessa turtetti, Oromoon caljedhee hin ilaallee, Dhaabni isaa Abdii fi gaachanni uummataa Oromoo ABO’n mirgi uummata Oromoo fi kan saboota rakkoo fakkaataa Oromoo qabanii haa kabajamu jechuun waamicha FDGf ibsa uummata Oromoof taasise.  Gutummaan ibsa kanaa:- Sadaasa 6.docx Jimma.pdf

Gogiinsa Bishaan Dhugaatin Wal Qabatee Barattootni Yuniversitii Adaamaa Gaaffii Mirgaa Kaasan!

Aside

Sadaasa 07,2013 Adaamaa

Madda gabaasaa Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa irraa,kanaan dura rakkoo bishaan dhugaatii magaalaa Adaamaa keessaa badeen uummanni rakkina hangana hin jedhamne keessa seenee jiraachuun isaa gabaafamee jira. Akka gabaasaa Qeerroo Adaamaa Yuuniversiitii irraa addeessutti barattootni erga dhufanii mooraa seenanii baatii lammaffaa keessa jiru,hanga haraatti bishaan argannee hin jirru,rakkina gama bishaaniitin nu qaqqabee jiru hedduutu jira jedhuun Sadaasa 03/2013 barattoontni mooraa Yuuniversitii Adaamaa keessatti jgaaffii mirgaa kaasanii akka jiran Qeerroon gabaasee jira. Rakkoon kunis rakkoo walii galaa waan taheef baratootni hunduu tokkummaadhaan dhimma gogiinsa kana irratti gaaffiilee mirgaa bu’uura ta’an kaasuudhaan mootummaa Wayyaaneetti mataa dhukkubbii fi yaaddoo itti tahanii akka jiran Qeerroon mooraa Adaamaa Yuuniversitii Adaamaa Addeessa.

Aside

FINCILA DIDDAA GABRUMMAA

Fincila roorroon dhalchu, fincila aadaa gootaa,

Ittisaa roorroo alagaa, tiksaa mirga dhalootaa.

Ni fincilla gurmoofnee, ni didanna gabrummaa,

Cunqursaa dhabamsiisnee, gonfachuuf bilisummaa.

Itti hin lakkifnu diina, saamichaan nu quncisuu,

Lafa keenya gurguree, abbaa biyyaa buqqisuu.

Addunyaattis ni himna, deebisnee deddeebisnee,

Daba diinaa saaxiluuf, dhugaa keenya beeksisnee.

Ijaaramnee falmannee, jilbeenfachiisna diina,

Diddaa keenya cimsinee, sirna gabrummaa diigna.

Daandii dhugaa irra jirraa, bilisummaa gaafannee,

Alagaa jala hin bullu, haqa keenya haalamnee.

Addunyaa dharti mootee, dhugaan yeroof qallattus,

Gaaffiin haqaa dhiibamtee, abbaa humnaaf bal’attus,

Abdii kutnee mohamnee, gabrummaaf hin hoggollu,

Bakka jirruu murannee, mirga keenyaaf haa lollu.

Rakkoo qabsoo obsinee, roorroo alagaa faccisnaa,

Ulfinaa fi bilisummaa ilmaan keenya dhaalchisna.

Mirga keenyaaf finciluun sirrii tahuu hin shakkinuu,

Mootummaa gabroomfataa hanga of irraa darbinuu.

Akka roorroon dhabamee sirni haqaa gad dhaabbatuu,

Amma illee ni fincilla diddaan keenya hin laaffatu ! (2)

Malkaa Caffee

Sadaasa 06, 2013

malkaacaffee@gamil.com