Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Akaakoo Manabbichuu fi Yuunversitii Finfinnee Keessatti Barattooti Oromoo Unkaa Miseensummaa OPDO Akka Guutan Dirqisiifaman.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Sadaasa 14,2013

Sadaasa 13,2013. Qeerroo godina Addaa Naannoo Finfinnee Aanaa Akaakoo Manabbichu irraa ibsuun,mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Akaakoo Manabbichuu keessatti barattootni dhimma miseensummaa irratti barsiisota isaanii waliin walitti bu’anii kan jedhu maddi gabaasaa kanaa addeessa. Akka gadi fageenya gabasichaatti ilmaan oromoo sabboonummaa qaban kanneen mootummaa wayyaaneef hin jilbeenfanne unka miseensummaa dhaaba OPDO sadaasa 13 guyyaa keessaa sa’a 3:00AM irratti waraqaan kun isaan geenyaan barattootni hunduu daandii miseensa keessan guutuu ilaalchisee barattoota miseensa keessan ta’an qofa barsiifachuu dandeessu jechuudhaa barsiisota isaanii dhimma kana irratti keessumsiisuu dhiisuu irraan walitti bu’iinsi hanga barataa fi barsiisaan wal reebuutti gahee akka jiru gabaasaan isaa addeessa.Barsiisota keessaa deggertootni barattoota kanaa waan jiraniif humnaa fi sodaa tokko malee barattootni waraqaa miseensummaadhaaf wayyaanee biraa dhufe ciruudhaan,isa kaan ammoo ibiddaan gubuudhaan ergamtoota wayyaanee garaa gubanii akka jiran akkasuma barumsi hanga ammaatti nageenyaan itti hin fufin waan jiruuf naannoo mana barumsaa isaanis hidhattoota wayyaaneetiin qabamee akka jiru gabaasaan Qeerroo Aanaa kanaa addeessa. Barattootni kan jedhan ammas nuti miseensummaaf hin jiraannu,wayyaanee miti kan nu jiraachisu dhaaba qabna kan nu hoogganu,kan haqaaf dhaabbate,kan nun ajjeesne,kan nu kunuunsu,ilmaan oromoof kan dhaabbatu,maqaa dhayuu baannu isin kan beektaniidha, kaayyoo dhaabichaa waan beektaniif yaaddoon akkas isin fiigsaa jira,nuti biyyas qabna dhaabas qabna,nuti oromoodhaa habashaa miti kan jedhu barruu adda addaa waraqaa xixiqqaadhaan mooraa keessaa fi alaan facaasanii akka jiranii fi sirba qabsoos waliin sirbuudhaan tikootaa fi hojjettoota wayyaanee garaa gubanii akka jiran gabaasanii jiru.

Kana malees Gabaasu Qeerroo Yuuniversitii Finfinnee kiiloo 6 irraa akka addeessutti guyyaa har’aa Sadaasa 14 mootummaan wayyaanee kabaja yeroo darbe sadaasa 9 barattootan kabajame irratti odeeffannaa dhaga’een dhaabni ABO caasaa isaa yuuniversitiiwwaan jira irraa yuuniversitii Finfinnee keessa bal’ifatee waan jiruuf,barataan oromoo kamiyyuu mooraa kana keessa kan argamu barataa guyyaas haata’u galgala dabalatee miseensummaa keenyaan hoogganamuu qaba kan jedhu xalayaan akka mooraa yuuniversitii kiiloo 6 iccitiidhaan seene gabaasaan isaa addeessa. Akkasuma akka madda gabaasaa kanaatti yuuniversitii jiran hunda irra shakkii guddaan mootummaan wayyaanee irraa qabu barattoota yuuniversitii Finfinnee yoo tahu basaasota garagaraa fageenyaa fi dhiyeenya irraa miindaa ggurguddaadhaan mooraa kana keessatti ramada akka jiru gocha isaan iccitiidhaan gochuuf deeman maddi gabaasaa kanaa addeessa. Dhimma miseensummaa guutuu ilaalchisee ejjeennoon mootummaan wayyaanee lafa kaayatee fi dabarsee jiru yuuniversitii Finfinneetti barataan kamuu hanga nuti biyya bulchaa jirrutti miseensummaa hin guutu yoo tahe barumsa irraa dismiss tahuu danda’a,kun yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu dirqamni akka bahe gabaasaan isaa addeessa.

Roorroo Wayyaanee Sarmuu Diduun Diddaa Dargaggooti Oromoo Godina Jimmaa Dhageessifatan ,Kutaa 2ffaa(Part 2)

Aside

Dargaggoonni Oromoo godina dhihaa fi barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Onkoloolessa 13,2013 Ayyaana Irreechaa sababa godhachuun mootummaa Wayyaanee ummata Oromoo hacuucee bulchaa jiru irratti mormii dhageessisanii turan.Mormiin dargaggoonni Oromoo kaasan Wayyaanee haalaan dhiphisuun barattoota 12 hidhanii turan,kanneen keessaa hidhamuu barattoota Oromoo ilaalchisee  poolisoota Fedraalaa fi naannoo Oromiyaa jidduutti wal dhabbiin sababaa dhalateef jecha barattooti 9 battala gadhiifamanii turan. Kanas ta’u diddaan Qeerroo hanga ammaatti yeroo irraa yeroon kan itti fufe ta’uun ni beekama. Gabaasaa isaa wal jalaa boodaan dhiheessina.

Diddaan Qeerroo Bilisummaa kun kan dargaggoonni Kibba Africa baroota 1990 ta dura diddaa gaggeessuun faaruu fi wallee warraaqsaan roorroo uumata isaanii irra jiru dhageessifachaa qabsoo godhan waliin wal fakkaata.

Wallagga Qeellam Keessatti Guyyaan FDG Sadaaasi 9,2013‏ Kabajame

Aside

Sadaasa 13,2013 D.Doolloo

Yaadannoo Sadaasa 9 FDG yeroo 8ffaa oromiyaa keessatti kabajamaa ture ammas haalota ho’aadhaan bakka adda addaa irratti kabajamaa turuu isaa gabaasota Qeerroo adda addaa irraa kan nu gahaa jiruudha.

Madda gabaasaa Qeerroo Qellem Wallaggaa irraa addeessuun Magaalaa Dimbi Doolloi fi aanaalee godinoota kanneen jalatti argaman ifatti aanaa Anfiilloo,Qeebbee, Daallee Waabaraa,Sayyoo,fi mana barumsa Qellem,Beezii fi Oliiqaa Dingil keessatti haala ho’aadhaan kabajamee akka oole gabaasaan isaa addeessa. Guyyaa kabajaa kana irratti wareegamtootaa qabsoo bilisummaa oromoof lubbuu isaanii dabarsan yaadannoo guddaa gochuudhaan barruulee uummata oromoos yaadachiisuu fi suurawwan adda addaa kaasuudhaan wal yaadachiisuuun kabajanii oolaniiru,dabalataan ammoo huyyaa kana hojiin addaan bakkoota kanneen irratti dalagamanii jiran uummata oromoof waamichi qabsoo tahee jira, mirga ofii falmachuun nama hin yakkisiisu,dhugaadhaafis miidhamuun boruu lammii ofii biratti galata guddaa argachuutu jira jechuudhaan barruu adda addaa raabsanii jiru. Akkasuma abbootii qabeenyaa Oromoo godina kana keessa jiraniif waamichi qabsoo oromoo addaan tahe ejira,gumaatni garagaraa maatiwwan dhuunfaa irraa qabsoo oromoof kan tahee jiruudha,kunis gumaacha qarshii,tajaajila tolaa kan akka geejjibaaf malu konkolaataan Qeerro qabsoo irra jiruuf baasii horii tokko malee yoomiyyuu bakkaa bakkatti sochoosuu dirqama lammuummaa ni baana jedhuun waadaa yeroo seenaniidha,

Guyyaama kana sadaada 9 sababeessuudhaan qooda shamarraniii qabsoo irratti gahee ofii bahuu irratti harmootin sabboonummaa qabanii fi shamarran Oromoo magaalaa Dambi Doolloo Hoteela Abbunash keessatti wal gahuudhaan sa’a gabaabaaf ibsa ejjennoo baafatanii jiru.

-Nuti sharamarran oromoo godina Qellem magaalaa Dambi Doollo keessa jiraannu bilisummaa saba keenyaa fi walabummaa biyya keenyaaf wareegama barbaachisu gochuuf boodatti hin jennu,

-Qabsoo Bilisummaa Oromoo gumaacha tahu deggersa qabsoof waan qabnu irraa baatii baatiidhaan buusi qabnuun ni dhaabbanna.

-Miidhaa uummata keenyaa ilaallee yoomiyyuu hin callisnu hanga mootummaa abbaa hirree mootummaa wayyaanee hiddaan buqqisnutti tokkummaan hiriiruu keenya waadaa seenerra.

-Afaan,Adaa fi Seenaa saba bal’aa saba oromoo babal’isuuf waan barbachisu hunda ni baafna,ni bal’ifanna,jennee murtoo keenyas dabarsina.

Jedhuun maadhee Guddattuu jedhu jalatti of ijaaruudhaan shamarran magaalaa Dambi Doolloo sadaasa 9 kabajuudhaan sodaa fi shakkii tokko malee qabsootti hiriiruu isaanii waliin Gabaasaan Qeerroo G/Qellem addeessa. Waraabbii qabnu akka kuusatti kan of biratti qabnu irraa kan hafe ykn kuusaa CD fi filashiitin kan dhaamnu irraa kan hafe toora interneetaa maagaal kana keessatti waan hin qabneef nu hoofkalchaa dhaammanna jedhu.

Yaadannoo FDG uummata Oromo waggaa kanaa Kuta Iskaandinaaviyaatti sadaasa (Nov) 9 bara 2013

Aside

Yaadannoo FDG uummata Oromo waggaa kanaa Kuta Iskaandinaaviyaatti sadaasa (Nov) 9 bara 2013 magaalaa Oslootti walgahii hawaasaa fi qophii aadaatiin yaadatamee oolee. Keessummaan J/ Daawud Ibsaa HD- ABO fii Hoogganoota adda addaa; kan irratti argaman milkiin xumurammee jirra

SBO Sadaasa 13 Bara 2013

Aside

Aside

Bohaartii Daawwitee Mokonon waliin ; Waayee ulaagaa fi hiikkaa “Jaarsa harrii ” Akkasumas haasaa Artist Hirphaa Gaanfuree waliin taasise.

Qophiin “OROMIA TIYYAA”  Houston Texas Keessatti Gaggeefame.

Yuunivarsiitii Adaamaa damee Asallaa keessatti gaaffiin mirgaa Dargaggoota Oromoon ka’e.

Aside

Sadaasa 12,2013,Adaamaa

OromiaALutaContinua2011FDGYuunivarsiitii Adaamaa Damee Asallaa keessatti barattootni Oromoo gamtaan gaaffii mirgaa kaasan. Mootummaan wayyaanee bara dhufaa darbu ilmaan Oromoo addatti ammo barattoota Oromoo reebaa, hidhaa fi ajjeesaa as gahuun ishee nurraa haa dhaabbatu jechuun diddaa dhageessisaa jiran. Mooraa Yuunivarsiitii kana keessatti barataa Oromoo sababa tokko malee jala deemtotaa fi ilmaan habashaan rukkutameef mooraan Yuunivarsiitii fi mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa fudhatu jechuun sagalee diddaa dhageessisaa jiran. Mootummaan abbaa irree wayyaanee gaaffiiwwan mirgaa gaafataman hidhaa fi doorsisaan dura dhaabbachaa kan ture ammas jabeessuun waraana hedduumminaan galchee doorsisa gaggeessaa jira. Doorsisni qabsoo bilisummaa Oromoo fi gaaffii mirgaa finiinu galma gahumsa hin dhorku jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Adaamaa dame Asallaa addeessee ilmaan Oromoo maraafis waamicha dabarsee jira.

Yaadannoo Ayyaanna FDG Gaafa 9.11.2013 Magaalaa Oslotti Ta’e Irratti Haasaa H/D ABO Obbo Dawud Ibsaa Godhan

Aside

Aside

logo-qeerroo-oromiyaa33.jpg

Sadaasa 9, Guyyaa FDG Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee,Oromiyaa

Gabaasaa Galmee Sabboontota Oromoo Kanneen Bara Tokko Keessatti Hidhaman,Ajjeefamanii fi Bakka Buuteen Isaanii Dhabamee.

( Sadaasa 2012 Irraa Hanga Sadaasa 2013)

Uummatni Oromoo sirna bittaa Wayyaaneef tole jedhee guyyaatti gabrummaa of irratti ilaale hin qabu. Uummanni Oromoo diddaa sirna cunqursaa kanaaf wareegama baroota 21 keessatti baase kan lakkaawamee dhumu miti. Oromiyaa keessatti sabboontota gaaffii mirgaa kaasan yeroo irraa yerootti mootummaa Wayyaaneen adamfamanii mana hidhaa adda addaa keessatti ugguramuun aadaa bulchiinsa EPRDF ta’uun beekama.

Bara tokkoo as Sadaasa9,2012 irraa eegalee hamma Sadaasa 9,2013 waggaa tokko keessatti sabboontotiin Oromoo FDG gaggeessaa jirtu jechuun mana hidhaatti ukkaamfaman lakkoofsaan hedduu ta’anis, gariis ajjeefamanii,gariin ammoo bakka buuteen isaanii dhabame. Walumaa gala Sadaasa 9/2012 irraa hanga sadaasa 9/2013tti FDG hedduun guutuu biyyaatti gaggeeffamaa bahe. Wayyaaneenis darara hidhaa fi ajjeechaa gaggeessaa ture. Bara kana keessa qabsoo bilisummaa Oromoof jechaa kanneen hidhaman, ajjeefaman yaadachuu fi sabni keenya adduunyaa irra jiru mirga qabsaawota kanaa bakka hundatti akka falmuuf jecha Sochiin Dargaggoota Oromoo Biyyoolessaa(Qeerroo Bilisummaa) galmee qabsaawota hidhamanii,ajjeefamanii fi bakka buuteen isaanii dhabamanii yeroo fi bakka irraa hidhaman waliin akka armaa gadiitti gabaasa.

Ilmaan Oromoo Godina shawaa lixaa aanaa Ejeree keessatti gaaffiilee abbaa biyyummaa gaafattan jedhamuun hojii irraa dhorkaman ( sadaasa 11-2012)

1.Obbo Girmaa Araarsaa Gargaaraa Hakiima beeyladaa aanaa Ejeree

2.Obbo Abbabaa Giddiiraa gargaaraa Hakiima beeyladaa aanaa Ejeree

3.Obbo Dhaqqabaa Tafarraa Gargaaraa Hakiima Beeylaa

Godina Iluu abbaa Booraa aanaa aanaa Cooraa keessatti gaaffiilee mirgaa gaafataman ABO waliin tahuun kan qindeessu sidha jechuun Barsiisaa Abbabaa Takkaa mana hidhaatti wayyaaneen ukkaamsitee turte. (Sadaasa 14-2012)

Gaaffiiwwan mirgaa itti fufinsaan Yuunivarsiitii keessatti gaafatamaa tureen wal qabatee ilmaan Oromoo Yuunivarsiitii Madda walaabuu isin jibbinsa mootummaa wayyaanee qabdu jechuun Yuunivarsiitii irraa arii’amanii jiran. (Sadaasa 15-2012)

Gutummaan Ibsaa fi Galmeen Sabboontota Hidhamanii :– Sadaasa 9 Ilaalchisuun Ibsa Qeerroo Bilisummaa fi Galmee Sabboontota Hidhamanii

Sadaasi 9, Yaadatnoon FDG Yuuniversitii Finfinnee fi Ambo Keessatti Bifa Addaan Kabajame.

Aside

Sadaasa 10,2013 Gabaasa QB Finfinnee 

DSC01251Sadaasa 9 Guyyaa Yaadannoo FDG hundeeffamma yeroo 8ffa Oromiyaa bakka adda addaatti kabajame oolera. Madda gabaasaa adda addaa Yuuniversitiiwwan irraa nugahan walitti qabaadhaan kan dhiyaatu yuuniversitii Finfinnee fi Yuuniversitii Amboo irratti guyyaan haraa guyyaa itti barataan Oromoo qabsoodhaaf waamicha waliif godhee jiruudha. Kunis yaadannoo yeroo 8ffaa FDG gaggeeffame mootummaa abbaa irree umurii isaa guutuu uummata biyyattii addatti uummata Oromoo garboomsee jiraachuuf akeekkatee jiru dura dhaabbachuuf buuureffame yoo tahu,kana yaadachuudhaan gabaasota guyyaa haraa Sadaasa 9 kabajamee oole irraa dhiyaatu wal duraa duubaan:

1. Yuuniversitii Finfinnee irratti-yuuniversitii kiiloo4, 5 fi 6 bakka tokkotti walitti dhufuudhaan guyyaa guutuu kabajaa kana irratti kan hirmaataniidha. Hirmaattootni Sadaasa 9 ilaalchisee guyyaa yaadannoo FDG kana irratti argaman barataa,barsiisaa fi hojjetoota garagaraa yuuniversitii keessaa hojjetan nuufis yaadannoodha jedhanii yeroo jalqabaaf kan irratti hirmaatanis kan jiraniidha. Walii galatti guyyaa yaadannoo kana irratti kan argaman namoota hanga 242 kan taaniidha. Guyyaa kana ibsoota.waadaa qabsootti hiriiruu fi mootummaa abba ahirree dura dhaabbachuuf yeroo itti murteeffannaadhaan kanneen irratti argamaniidha.

Gutummaan Gabaasa Yuuniversitii Finfinnee fi Aboo kanatti hidhatee jira:- FDG Sadaasa 9.docx