Noble Park woman secures over $50,000 in crowd-funding to help save an African language

Aside

Toltu Tufa has managed to raise over $50,000 to enable the printing of children's books to keep an African language alive. Pictures Angie Basdekis Source: News Limited

Toltu Tufa has managed to raise over $50,000 to enable the printing of children’s books to keep an African language alive. Pictures Angie Basdekis Source: News Limited

December 15, 203, Australia (Herald Sun) — A CROWD-FUNDING campaign launched from Noble Park to save an African language ended yesterday with more than $50,000 in the bank.

Called simply Afaan, which means ‘language’ in Oromo, the month-long campaign to raise $20,000 on pozible.com was the brainchild of Noble Park resident Toltu Tufa.

The 27-year-old, who works in clinical governance at the Royal Women’s Hospital at Carlton, will use the money to print 12,000 children’s books in the Oromo language, which was banned in parts of East Africa until 1991.

Ms Tufa said the penalty for speaking the language was 10 years in prison, which an Oromo refugee now living in Noble Park had served.

She said genocide cut the Oromo population in half to about 5 million in the late 1800s and for much of last century they faced imprisonment, rape and torture. They now number about 40 million and the language is the fourth most spoken in ­Africa.

Following a three-month tour of nine cities around the world, Ms Tufa launched the campaign a month ago.

It was picked up by Oromo communities in 15 cities including Cairo and ­Washington.

“I knew that there would be interest but I didn’t anticipate 15 cities would create their own event,” she said.

After leaving Africa because they couldn’t speak their own language, Ms Tufa said the expatriate community now wanted to preserve it as part of their heritage.

“You can imagine what would happen if English was banned. What would you do? What would you say? What would you read? Where would you work?” she said.

Details: afaan.com.au

Source: Herald Sun

Gatiin Dhiiga Goototaa Bilisummaa Biyyaati!

Aside

KUTAA 1ffaa

Jiituu Lammii- Unbarsiitii Finfinnee

“….Nuti duunus du’uu baannus akeekni keenya ilmaan ilmaan keenyaatiin galma gaha…!”H/Maariyam Gammadaa 1968

Aadaa Oromoo keessatti sanyiin ooda. Sanyiin akkatti faca’u qaba. Yeroo faca’u qaba. Lafa isaaf ta’utu jira. Akeeka faca’uuf qaba. Margee akka calla gaarii kennu kunuunsa gaafata. Qonnaan bulaa gaariin kana hunnda beeka. Lafa sanyichi jaalatu filatee qotee – bulleessee, dikee ittigatee -xaa’omsee facaasa. Simbirri hamtuun akka hinfunaanne, bineensi balaafamaan akka hinballeesine halkanii guyyaa eega. Biqilaan gosa biraa keessa makamee itticobee akka hinquucarsine irraa cira. Keessaa bubuqqisa. Yeroo gahu eegee walitti qaba. Calleessee galfata. Antuunniif daanawoon akka hinyaanne kuusaa keessattis eegumsa tolcha. Hagamuu rakkatullee sanyiirraa hinyaatu. Qooqa bulee bara dhufuuf facaasa. Dhalootaaf sanyii dabarsa. Warri sanyii nyaate warra oodaati. Oyiruutu lafa baha. Maatiitu beela’a. Maatiin beela’e gaadidduudhaba. Ormaaf ergama. Qe’ee isaanii ormatu dhaala. Ijoolleen warra sanyii nyaatee gurmuu hinqaban. Abbaa argetu waldhaansoof kajeela – humna ittilaallata. Ulfina hinqaban. Fokkuun warra sanyii nyaatee himamee hindhumu.

Firoottan koo, maniin dubbii kiyyaa waa’ee sanyii midhaanii miti. Sanyii sanyii caalu kan hundi keenya ittirakkachaa jirrutu dubbii kanaan wal fakkeenya qabaayyan akka kanaan dubbachuu barbaade malee. Saba mirga abbaa biyyummaa gonfachiisuuf; akkasumas biyyi biyya ta’ee birmadummaan akka jiraatu sammuu dhalootaa keessa sanyii sirrii facaasuu gaafata. Warri akkaataa kanaan jabaatee dhaloota ijaarrate har’a saba bilisa, biyya birmaduu qaba. Nuun kanatu nu hanqate. Kanaaf biyya dhabnee gaaga’amne. Dhaloota sanyii sirrii harkaa hinqabne beela qoonqoo otoo hintaane beela namoomaatu ajjeesa. Namummaa beela’nii du’uu caala wanti qaanii ta’u hinjiru. Akka kanaan dhaloota maalummaa saba isaafi egeree biyyaa isaa hubatee horachuu baannaan gaaga’ama sabaatu umrii dheerata.

Kanaaf sanyii kana akkuma akka isaatti facaafnee dhalootaaf guduunfuu qabna. Kana gochuuf ammoo ofuma keenyaafuu sanyii dhugaa harkaa qabaachuu keenya mirkaneeffachuutu dursa. Kana gochuu hanqannee sanyiin kun harka dhalootaatti waakkii taanaan nutu warra sanyii nyaate ta’e. Salphinichis kanuma keenya. Dhugaa dubbachuuf har’a hundi keenya sanyii kana wal qixa harkaa hinqabnu. Gariin keenya sanyii kana nyaannee salphinatti hafnee namaaf ergamaa jirra ta’a. Gariin keenya ammoo sanyii kana ol-kaayaa balleessinee nu harkaa badeera ta’a. Yookanimmoo hantuunniif daanawoon nu harkatti fixeera ta’a. Gariin kenyaammoo lafa hintaanerra facaafnee, ykn. kunuunsa dhoowwannee sanyiin gosa biraa nu harkaa dhaale ta’a. tariimmoo sibmirroon diinaa funaantee, bineensi hamaan balleessee sanyii malee hafneerra ta’a. Kun hunduu badiidha. Bu’aan isaa dhalootatti waan hiixatan dhabanii, lafti ofii sanyii ormaa magarsee ilmaan ofii yoo ormi ittiroorrisu arguu ta’e.

Karaa biraatiin, Warri sanyii dhufaa darbaan diroo lakkaayee isaan qaqqaberratti cichanii bineensa hamaafi shimbirroo diinaa irraa faccisanii, gatii jabaan, waldhaansoo guddaan dhaloottatti diroo dabarsaa jiran yaadachuu qabna. Hunda caalammoo sanyii kana wal harkaa fuunee dhalootatti dabarsuun sabatti- abdii, biyyatti- ulfina horuuf sammuu dhalootaa keessa sanyii kana facaasuu, isa faca’e kunuunfachuun hojii keenya ta’uu qaba. Kanaaf, faana warri sanyii kana nuun gahe keessa darbe akeekkachuufi dhaamsa sagalee isaanii kuusaa seenaa keessaa barbaadanii qalbeeffachuun hojii kanatti human hora.

Kanaaf jecha akkaataatti dhaloonni baroota keessatti walfuree, seena wal harkaa fuudhee sanyii kan nuuf dabarse hubachuuf taateewaan tokko tokko gumbii seenaa keessaa fuunee akka waliin yaadannun hawwee – turtii gaarii.

1966, Arsii –Dheeraa.

Barri kun bara Waldaan Walgargaarsa Maccaafi Tuulamaa golee Oromiyaa hunda keessatti karra diinni cufe saaquun Oromoo wal agarsiisuuf sochii jabaa ittijalqabe ture. Guyyaaan armaan olii kunimmoo guyyaa saba wal yaadachiisee miirri tokkummaafi abbaa biyyummaa ittihaarome, Oromoof guyyaa addaa ture. Oromoon, guyyicha haala kanaan dura argameefi dhagahamee hinbeekamneen uggura diinaa cabsee kumaatamaan gaaddisa tokko jalatti bakka kanatti wal gahe. “….burqituun walitti yaatee galaana taati. Akkuma kana dhalli namaas [Oromoonis] wal gahee biyyaafi saba guddaa ta’a!” jedhan namguddoo beekamoon tokko haala uumamaa jiru qalbiin erga xiinxalanii booda saba kana gargar ittisuun diinatti qormaata jabaa akka ta’uu danda’u tilmaamaa. Tilmaamni isaanii otoo xinnoo hinturree human nafxannyootaa akkuma dur ittifakkaatee saba guddaa kana walirraa ittisuuf ergametti baallee kolfaa kaayee har’uun dhugoomuu jalqabe. Sanyichi yeroo isaaf malutti bakka isaaf ta’utti faca’era. Amma wanti ittaanu sanyii kana simbirroon diinaa akka hinfunaanne jabaatanii eeggachuu ture. Kanaaf ammo warri sanyicha facaasan hanga mil’uu ijaallee otoo hindagatanii “…ani kan garaa koo garaatti deeffadheera! Kana booda waan fiddan fidaa…!” jechuun Sanyii dabarsanii bineensatti kennuurra lubbuu ofii kennuu akka filatan dhugoomsan. Sana booda sagaleefi raawwiin lammii garaa ciibsu qe’ee Oromoo keessaa burquu eegale. “ …hojiin nuti jalqabne hanga bofa garaa seeneeti. Gadis harkifamu, keessattis dhiifamu summii isaa facaaseera waan ta’eef bu’an isaa tokkuma. Nuti duunus du’uu baannus akeekni keenya ilmaan ilmaan keenyaatiin galma gaha…” jechuun sanyiin facaasan dhaloota keessatti biqilee Oromoof furmaata, diinaafimmoo summii bara baraa akka ta’u raagan.

Gama biraatiin diinni bardheeraaf akka waan aangoon Waaqirraa isaan qofaaf kennametti himachaa ture dacheen ittiin sochootee abidda kana ofirraa dhaamsuuf wixxisuu jalqabe. /Ittifufa/

Kutaa ittaanu keessatti lamaanuu wal bira qabnee ilaalla.

Horaa Bulaa!

Sagaleen Bilisummaa Oromoo(SBO)n Sochii Qeerroo Waggaa Tokkoo Gabaase.

Aside

Sabboontotii fi Dargaggooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Boqochuu Hayyuu Nelson Madellaa fi Jaal Taddasaa Birruuf Yaadannoo Taasisan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuni Jimmaa Muddee 14,2013

Muddee 14/2013 Sabboontotni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa boqochuu Gooticha Afrikaa Nelson Mandellaa sababeeffachuun goototaa Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irraatti wareegamanii fi Nelson Mandellaaf  yaadannoo guddaa taasisan.
Sabboontotni  Qeerroo dargaggootni Oromoo qophii gumiin guddinaa fi dagaginaa seenaa, aadaa fi afaan Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa dirree xiqqicha (mini stedum) keessatti qophaawe irratti argamuun galgala sa’aa 6:00 wb  irraa eegaluun dhungoo diimaa magariisa diimaa qabsiifachuun yaadannoo gootichaa Afirikaa Nelson Mandellaaf wayita taasisanitti, dugda duuba bilisummaa Afrikaa kibbaa hayyoonni Oromoo harka guddaa keessaa qabaachuu waliif ibsuun hayyoota Oromoo Goototaa akka Taaddasaa Birruu nama Nelson Mandella leenjisee barsiisee sadarkaa kana irraan ga’ee fi nama qabsoo bilisummaa Oromoo bu’uressuu keessaatti isa jalqabaa ta’uu isaa waliif kaasuun Qeerroon sabboontotni Oromoo Taddasaa Birruu fi gootota  Oromoo warraa akka Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii, Maammoo Mazammir, Eleemoo Qilxuu, Waaqoo Guutuu, Abishee Garbaa, Agarii Tulluu, Kol. Aleemuu Qixxeessaa, Aboomaa mitikkuu, Guddina Tumsaa, Laggasaa Wagii fi Suuraa Gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegaman hedduu slide show irraa gochuun Agarsiifni ajaa’ibsiisa ta’ee mooraa Yuunivarsitii Jimmaa dirree xiqqicha mooraa main Campus keessaatti argamuutti agarsiisuun seenaa goototni Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo fi dimookiraasii dhugaaf utuu falmanii irratti wareegaman Qeerroo baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaan barsiifame.

Qeerroon dargaggoonni  Oromoo goototni Oromoo seenaa midhagaa akkasii kan addunyaan kunoo ragaa ba’aa jiru qabu, nutoo seenaan keenya maal fakkataa ? maal hojjechaa jirraa? essaa olmaan keenya? Ittigaafatama seenaa jalaa jabannee kaayyoo gootawwaan keenyaa galmaan ga’uuf haa qabsofnu, tokkummaa uummataa keenyaa haa jajjabeessinu, gantuu fi hamatuu of keessaa haa balleessinu, jechuun dhaamsa jajjabeessa ilmaan Oromoo labata har’aa hundaaf dabarsan.

Guyyuma kana Gumiin Gudinaa fi Dagagina Aadaa, Seenaa fi Afaan Oromoo (GDASAO)’n Yuunivarsiitii Jimmaa seeraa fuudhaa fi heeruma aadaa kan Godina Arsii bifa diraamaatiin qopheesse agarsiise baay’ee kan nama hawwatuu fi akkam miidhaga ta’ee agarsiisuun ilmaan Oromoo aadaa keenya, Afaan keenyaa, seenaa keenya fi biyyaa keenyaa kabachiifachuuf jabanne ni hojjenna jechuun dhaamsaa waliif dabarsani jiru. Agarsiifni sirboota aadaa Oromoo godinalee Oromiyaa cufa irraa dabaree dabaree agarsiifame eenyummaa Oromummaa fi wallee warraqsaan kan gutamedha.
Addatti sirbonnii warraaqsaa kan ergaa bilisummaa labsan kanneen akka kaasseta Haacaluu Hundeessaa, Adinal Mohaamed, Ebbiisaa Addunyaa, Hayiluu kitaabaa, Hirphaa Ganfuree, fi kkf dabaree tooraa galuun sabboontotaa baratootaa Oromoo fi barsiisota Oromoo qophii kana irraatti argaman ittin jajjabeessuun, barsiisuun, Oromummaa leellisuu fi faarsuun jabeessanii itti fufuun wal barsiisan.
Motummaan Faashistii Wayyaanee haala kana irraa Yaaddoo guddaa keessaa galuun basaastotaa isa humna ol bobbaasuun saganticha jeeqee hambisuuf yaaliin godhame tokkummaa Qeerroo baratoota Oromoo
yuunivarsiitii Jimmaa fi gootummaa sabbontotaa Oromootiin fashala’uu danda’e jira.

SBO Mudde 15 Bara 2013

Aside

Raadiyoo Seife Nebelbalii fi Simbirtuu Muddee 12,2013

Aside

GOOTNI NI DHALATA,NI DU`A! SEENAAN ISAA BARABARAAN NI JIRAATA!

Aside

barruu

Falimisiisiin

DIINNI KEE WAAN DANDA`UU HUNDAAN SI DHABAMSIISUUF SIRRATTI HOJJETA.WAAN QABDU HUNDUMAA SI SAAMA. QEE FI QABEENYA, JIRUU FI JIREENYA KEE HUNDUMAA HANGA MANAA FI MAATII KEE HUNDUMAA SIRRAA FUDHATA.QOORQALBII KEE FI HAMILEE KEE TUQEE AKEEKAA FI KAAYYOO KEERRAA SI DHAABUU FI SI JILBEEFFACHIISUUF WAAN GODHUU QABU HUNDAAN SITTI DUULA. GARUU, WAAN TOKKO GODHUU HIN DANDA`U.AKEEKAA FI KAAYYOO KEE SI KEESSAA FUDHATUU FI IRRAA SI DHAABUU HIN DANDA`U. DUUTEES AKEEKAA FI KAAYYOO KEEF!

Hunda dura kabajamtoota MABO nagaan ulfinaa fi kabjaa jaallummaa  bakka jirtanitti isin haa dhaqqabu.Jaalan baga jiraattan! Dhalli namaa Addunyaa kana irratti yeroo sadii maqaan isaa ol kaafamee lallabama ykn ittiin beekama. GOOTNI DHILATA,NI DU`A! SEENAAN ISAA BARABARAAN NI JIRAATA!

TVOMT: Kurfii Gurmuu Dargaggoota Raaba Oromiyaa ti fii Gaafif Deebii Keessummaa Keeynaa daawwadhaa

Aside

December 08, 2013 Radio Afuura Biyyaa

Aside

Raadiyo Sagalee Oromoo(Oromo Voice Radio)

Aside