Yuunivarsiittii Hawaasaatti barattootni Civil Engineering waggaa shanaffaa sagalee diddaa dhageessisaa jiran

Aside

Muddee27,2013

Diddaan barattootaa Impaayera Itoophiyaa keessaa mootummaa wayyaanee irratti jabaachaa kan dhufe barattootni Yuunivarsiitii Hawaasaa Civil Engineering waggaa 5ffaa baratan sagalee diddaa dhageessisan. Mootummaan wayyaanee imaammata barnootaa jijjiiruun barattootni keessumaa barattootni Oromoo wayita eebbifamanitti hojii dhabdummaan rakkisuu irraan darbee humna waraanaa isaa gabbifachuuf itti deemu barattootni gamtaan dura dhaabbatanii jiran. Muummee barnootaa Civil Engineering tahe Civil and Urban Engineering tahuu qaba kan jedhan jala deemtotni mootummaa wayyaanee qacarrii barattootaa irratti dhiibbaa uumuuf tahuu hubachuun barattootni diddaa dhageessisanii jiran. Yuunivarsiitii Arbaamincii fi Haramaayaa keessattis diddaa wal fakkaataan dhalachuun mootummaa wayyaanee fi imaammata ishee barattootni gamtaan fashalsuu irratti argamu.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee magaala Aliiboo keessaa diddaa uumameen mootummaan wayyaanee jiraattotaa magaalaa fi hojjettoota mootummaa mana hidhaatti ukkaamse

Aside

Muddee 27,2013

Godina Horroo Guduruu aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti diddaa dargaggootaa dhalateen Mootummaan wayyaanee fi jala deemtotni mootummaa wayyaanee jiraattota magaala Aliiboo isintu qindeesse maqaa jedhuun mana hidhaatti Ukkaamse. Mootummaan wayyaanee yeroo hedduuf ilmaan Oromoo magaala Aliiboo keessaa funaanuun mana hidhaatti ukkaamsaa kan ture yoommuu tahu yeroo ammaa kanas duuba keessan ABOtu jira, Isin mootummaa warren falmudha jechuun mana hidhaatti ukkaamsuun darara irraan gahaa jira. Mootummaan wayyaanees yeroo ammaa kana shakkii keessa isaatti uumamaa dhufe irraa xiyyeeffannoon hojjettoota aanaa kanaa mana hidhaatti ukkaamsee jira. Ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsaman keessaa

1. Obbo Takkaa Galataa Afayaaii aanaa Jaardagaa Jaartee
2. Obbo Fiqaaduu Namarraa Jiraataa magaala Aliiboo
3. Obbu Duushee Namarraa Jiraataa Ganda Akkayyuu
4. Obbo Nagarii Goobanaa Dura taaaa Boordii Filannoo Aanaa
5. Obbo Rattaa Taaddasaa Jiraataa Magaala Aliiboo
6. Obbo Mootummaa Filee Hojjetaa dargaggoo fi Ispoortii aanaa Jaardagaa Jaartee

Keessatti argamu. Mootumman wayyaanee shira kamuu dalagus qabsoon hanga bilisummaa duuba akka hin deebine qeerroon aanaa Jaartee addeessee jira.

Diddaa Uummatni Oromoo Godina Gujii saaminsa warqee dura dhaabbataniin wal qabatee hojjettootni 3000 ol tahan hojii dhaabuun shira wayyaanee fashalsan

Aside

Muddee 26,2013

Diddaan mootummaa wayyaanee irratti gaggeeffamu daran jabaachaa dhufe. Godina Gujii Oomisha Warqee Adoolaatti ilmaan Oromoo saaminsa qabeenyaa fi lafa Oromiyaa dura dhaabbachuun saaminsa mootummaan wayyaanee gaggeessaa jirtu dura dhaabbachuu irratti argamu. Haala kanaanis hojjettootni baasa warqee irratti bobbaan diddaa kanaan wal qabachuun 3000 ol tahan hojii kan dhaaban yoommuu tahu mootummaan wayyaanee hojiitti hin deebitan taanaan miindaan jiaa isinii hin kaffalamu jechuun doorsisa jabaa gaggeessaa jira. Diddaa kana dura dhaabbachuufis wayyaaneen Ilmaan Oromoo isintu kana qindeessa jechuun doorsisa jabaa gaggeessaa jira. Sabboonaan Oromoo Dambii Qumbii jedhamus darara mootummaa wayyaanee kana keessatti argama. Mootummaan wayyaanee shira kamuu gaggeessus qabeenya keenya hin laannu jechuun Uummatni Oromoo diina dura dhaabbachuu irratti argama.

SBO Mudde 25 Bara 2013

Aside

Gumii Aadaa fi Afaan Oromoo /GAAO/ University Finfinnee Diiguuf Mootummaan Wayyaanee Shira Xaxaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Muddee 25,2013 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee diigumsa waldaalee maqaa Oromoon ijaaraman irratti aadeffate har’as qaanii tokko malee itti fufee jira.Haala kanaan Gumii Aadaa fi Afaan Oromoo /GAAO/ University Finfinnee keessatti hundeeffamee waggoota dheeraaf ture shira Wayyaaneen diiggamuuf tattaaffiin godhamaa jira.Kuniis sodaa gumii kana irraa qabaniin Koree gumii kanaa yeroo yeroon waamuun gumii kana diiguun gumii saboota kaanii waliin walitti maknee gumii biyyooleessaa/national/ tokko dhaabuun barbaachisaadha,kun garaagarummaa babal’isaa jira malee tokkummaa guddisaa waan hin jirreef diigamuu qaba jechuun doorsisaa jiraachuun beekame.

Koreen gumii kanaa yaada mootummaan isiniin jedhu kana fudhattanii miseensotaa fi deeggartoota amansiisuun dhimma kana irratti hojjechuu qabdu jechuun halkanii guyyaa doorsisuun jiru.doorsisinni ykn shirri kun karaa nama Dr. W/Amanu’eel jedhamu irraan tika Wayyaaneen wal qabatee gaggeeffamaa jira.kun akkanaan haa deemu malee koreen gumii kanaas ta’ee miseensonnii fi deeggartoonni kun yoomuu gonkumaa akka hin ta’iiniifii fi tattaaffii bifa hundaa deemsisuun gumii kana akka dagaagasan hubachiisanii jiru.

 

 

Oromo at Federation Square, Melbourne, with artist Ilfinash Qannoo

Aside

Barattootni godina Harargee aanaa Gooroo Guutuu kutaa 11 fi 12 baratan hojii qabsoo irratti ummataaf barruu facaasan.

Aside

Muddee 25,2013 Dirree Daawaa

OromiaALutaContinua2011FDGGabaasaa Qeerroo godina Harargee aanaa Gooroo Guutuu irraa Muddee 21 addeessuun mana barumsaa qophaayinaa kutaa 11 fi 12 kanneen baratan guyyaa boqonnaa isaanii har’a Muddee 21 uummata keessa deemuun barsiisaa fi leenjii siyaasaa kennuu irratti argamanii jiru,hanga gandaatti gadi bu’uudhaan yeroo isaanii kennanii shira wayyaanee dura dhaabbachuuf uummata aanichaa kakaasaa jiraachuu isaanii Qeerroon gabaasaa jira,kunis bakka san qofa osoo hin taanee bakka hundaatti xiyyeeffatanii akka ka’an,akkasuma qaama qabsoo irratti argamu cina dhaabbachuuf,ABOf deeggersaa fi hundee isaa jabeessuun waliin hiriiruu,qote bulaa gara qabsootti dabaluu irratti kan hundaa’een fedha isaaniitii barattootni barruu gamaggamaa Qeerroo irar fudhachuun hojii kana irratti bobbahanii akka jiran gabaasaan Qeerroo aanaa Gooroo addeessa. Kaayyooo keenyas jedhu hanga jiraattoota aanaatii gandaa fi hawaasatti uummata keenya miseensaa keenya ABOtti guuchisuu fi qabsoo irratti qaama tokkoon,yaada tokkoo fi waan qabuun akka ka’uuf hojii keenya itti fufna jedhu.gabaasaan isaanii torbee fi waan hojjetan guduunfuun akka yeroodhaan dhaammataniin booda gabaasaa waliin dhiyeessaa deemna.

Gaaffii Dabalinsa Mindaan wal Qabatee Ka’e Irraatti Hojjettooti Hidhaa Laga Abbayyaa 31 Hojii Irraa Arihaman.

Aside

Muddee 25,2013 Finfinnee
Gaaffii dabalinsa miindaan wal qabatee finiinaa ture ittuma fufuun hojjettootni hidha abbayyaa gaaffii kana itti fufinsaan gaafachuu irraa isin duuba falmattoota bilisummaa jira jechuun Wayyaaneen hojjettoota 31 hojii irraa ariite

Bittinnaa’uu keessa mootummaa tasgabbeessuuf wayyaaneen shira shirte keessaa wayyaaneen projektii hidha abbayyaa eegaluu dha. Maqaa hidha kanaanis duula saaminsaa gaggeessaa turte. Hojjettootni hidha kanaa garuu rakkina jireenyaa guddaa keessatti argamuu isaanii irraa dabalinsa miindaa gaafachaa turan. Hojjettootni 5000 ol tahanis gaaffii mirgaa kana finiinsaa turan. Gaaffiin mirgaa kun osoo gaafatamaa jiruus rakkoowwan fayyaa qulqullina irraa mudateen hojjettootni 200 ol tahan rakkoo fayyaaf saaxilaman. Rakkoowwan kana dura dhaabbachuufis gaaffii dabalinsa miindaa ittuma fufan. Mootummaan wayyaanee garuu hojjettoota gaaffiiwwan mirgaa kana akka gaafatan kan kakaasu isini, isin duuba falmattoota bilisummaatu jira jechuun hojjettoota 31 hojii irraa ariitee jirti. Hojjettoota kanneen keessaa
1. Daanyee Garramuu
2. Biraanuu Kiflee
3. Lammii Saamu’eel
4. Tasammaa Dalasaa
Keessatti argamu. Hojjettootni kunneen arii’amuu irraa daran diddaan jabaachuun hojjettootni hidha abbayyaa diddaatti seenuun wayyaanee dhiphina jabaa keessa naqanii jiran.

“OF ILAALLEE” GAAFFII OF GAAFACHUUN , ULAAGAA NAMUMMAATI !

Aside

Y.G(2005) | Mudde 21, 2013

barruuGootummaan Maandeellaa sadarkaa Addunyaattu dorgomaa akka hin qabne, du’a isaan booda huabachuu kiyyatti ofittan gadda. Akkuma koo kana, Maadibaan nama akkasii turee ? jedhee kan of gaafachuu eegalee fi hubannoo kanaa qabaachuu dhabuu isaatti kan of gaafatu hedduu natti fakkaata. Maandeellaan Umurii isaa guutu of kennee murannoon waan inni raawwaten, eenyummaa isaa mirkaneessee jira. Namni na argaa na argaa hin beekne kun, Addunyaa keessa lo’ee seenaa amma kana hojjachuu isaa fi Addunyaa guutuun isatti amanuu isaa , du’a isaan wal-qabatee amma dubbatameef kana, lubbuun wayita jiru, kan dubbatame natti hin fakkaatu.(hanqinni jala bu’uu keenyaa akkuma jirutti ta’ee) Waan maraafuu Maandeellaa irraa kan barachuu barbaadu yoo jiraate, jalqaba adeemsa isaa waliin of madaaluu, itti aansee, adeemsi Bilisummaa maal akka fakkaattu fi barbaaddu ilaalanii  of qopheessuudha.

Maandeellaan Injifannoo sadarkaa addunyaatti nama boonsu kana gonfachu kan adanda’e, keessa ofiii ilaalee fi adeemsa diinaa ilaalee, dhaadannoo “Bilisummaan daandii dheeraa akka qabdu fi Appaartaayidi dhabamsiisuuf yeroo dheeraa akka gaafatu (Bilisummaan boodallee akka irratti hojjatamu qabu)”akeekkatee fi murteeffatee,  daandii dheeraa kana hunda  irra imaluuf ammoo, cichoomiina hin daddaaqamne akka isa barbaachisu of amansiisee kaanis amansiisee tarkaanfachuu isaati jedheen amana. Adeemsa jireenya Maandeellaa kana irraa kan baratamu kan biro, yoo ati humna qabaatte, addunyaan fuula sitti guurte hundi akka si waliin dhaabbattuudha. Kana malees ejjaannoo hin daddaaqamne qabaannaan, kan har’a dantaa isaaf jedhee sirraa galagalu hundi gaaftokko sitti galagalee akka si hammatuudha. Kana hundaaf bu’urri,KAAYYOO ofii yoo nutti qorree irraa dheessinee, yoo nutti ho’e itti fiigne odoo hin taane, yeroo qorraas, ho’aas waliin dhaabbannee irratti hojjachuu qofa. ODAAn bargaagee boonee kan dhaabbatu , hidda yk hundee isaatti abdateetu. Qabsoon Ummata tokkos hundeen isaa nama tokko irraa akka eegalu Seenaa Maandeellaa fi waa’eellan isaa yeroo rakkoos, gammachuus wal irraa hin dheessine irraa barachuun dansaadha.

Namoonni dhuunfaatti adeemsa isaanii ilaalanii of sirreessan, bu’aa argatan irraa ka’anii waloon wal ilaaluu yk gamaagamuun barbaachiisaa ta’u irratti hojjatu.adeemsi kun kaleessa irraa baratanii hegaree isaanii warra tolchuu badadaniif murteessaadha. Namni mana isaattis ta’e bakka maraattu, “of-ilaalii yk daawwiti”n of ilaalee , qaama isaa, uffannaa isaa/ishee, rifeensa isaa kkf tottolfatee Ummatatti asi ba’a. kun hundi maaliif akka ta’ee wal hin gaafannu. Namni isa ilaalu har’a akkam bareedda ? ykn uffannaan kee akkam namatti tola ? yennaa jedhamu gammachuu keessa keenyaa waliif haa dhiifnu. Gammachuun sun hundi of-ilaaliin dursinee of ilaallee dansaa ta’uu keenyatti amanuu keenya irraati. Garuu yeroo hundaa irra keenya ilaallee gaaffii of gaafannee, deebii sirreessii hatattamaa  akkuma ofii laannu, keessa keenya daawwitiin nu mul’isuu hin dandeenye gaafannee, deebii ofii ni laannaa ? isa jedhu ilaaluun barbaachiisaadha,

Maandeellaan Injifannoo addunyaa booji’e kanaaf kan ga’e, waan hundaa hojiin irra aanna, gaaffii keenyas gaaffii Ummataa ta’u hojiin argisiifne diina amansiifna jedhee halkanii fi guyyaa hojjachuun ta’uu miidiyaan guyyuu mul’isaa jira.Gootummaa Maandeellaa kanaaf bu’urri ammo Taaddasaan faa’aa keessa jiru. kana jechuun waanuma of harkaa qabnu gannee barbaachaa jirra jechuudha. Kanaafan of keessa ilaaluun dansaadha kanan jedheef. Seenaa Taaddasaa Maandeellaa qarutti ni dhaadanna taanaan, Taaddasaa faarsuu qofaa odoo hin taane, Taaddasaa taanee argamuu keenyatu alaa nu galcha. Addunyaa irratti kan arginu ilmi gootaa, goota abbaa isaa caalu ta’ee Biyya boonsuu argina. Keenyawoo ? kan seenaa faarsu moo, kan seenaa hojjatu taane dabruu qabna ? Nuuti seenaa Taaddasaa jennee faarsina. Dhalooti itti aanu seenaa abbootii isaa faarsu dhabee, seenaa akaakilee isaa faarsa jechuudhaa ?miidiyaaleen qooqa Oromoon tamsa’anis ta’e kaaniin tamsa’an, waan isaan gurra ummataaf ga’an akka dhaga’amuuf qofaa odoo hin taane, kan har’a jiru akka of ilaalee seenaa yeroo isaa akka hojjatuufi.

Of ilaaluun , bakka jiran hubachuudha. Yoo qalbii Ummata ofiif quuqamu qabaanne, Tokkon tokkoo keenya. dirqama sabummaa eenyullee kan itti nu hin dhiibiin garuu raawwachuu qabnu of harkaa qabna. Ammuma daawwitiin of ilaallee irra keenya namaaf tottolchinu , keessa keenyas odoo tottolfannee, Oromoo ta’u keenya qofaan, Waan sabbummaa keenyaaf raawwachuu qabnu lakkoofsa hin qabu. Hundeen isaa keessa ofii ilaalanii socha’uudha. Namni dhimma Ummataa yaadu , dantaa dhuunfaa ykn gaaffii dhunfaa kaasee, qabsoo keessaa ba’ee hin taa’u , yk akka maandeellaa odoo taane jedhee gaaffii of irratti hin kaasu . maaliif jennaan, Maandeellaan, Bilisummaan adeemsa waan ta’eef hanga waggaa 95 guute boqatutti irratti  hojjatee akka hin xumuramne waan beekuuf dhalootallee bakka buusuun akka irra jiru itti amanee tarkaanfataa waan turee fi bu’aa ba’ii isa mudatu maraa keessa yoo dabre qofaa BILISUMMAA harkaan qabachuu akka danda’utti amana waan tureef. kana of keessaa dhabuun ammoo yaadi fi fedhiin keenya hundi habuujuu ta’uu huabchuu qabna.

Bilisummaa caalaa Wanni nama gammachiisu maali ? gabrummaan akka namatti hadhaawu nu caalaa ragaa kan ba’u jira natti hin fakkaatu. Gabrummaan namatti hadhaawu dubbachuu ykn ragaa ta’uu keenya seenaa taasifannee dubbanna taanaan kun qaaniidha. Ammuma kana , gabrummaan nu miidhee jennee addunyaa irratti wayita iyyinu , keessa isaanitti, “maal jarri kun Ummata gootaati ofiin jechaa hin jirtu ?” jechaa gaaffii keenya fudhataniima akka irra taa’aan hubachuu hafnaa laata? asis qabnu achi, addunyaa humnatti amantee, wal balleessuuf meeshaa waraanaa kilo-meetira 2000 ol furgaafamu wal irratti hidhaa jirtu keessatti , yoo beeksifachuuf ta’e malee , sirna jiru irratti dhiibbaa umanii fala tokko nuu fidu jechuun fagoo nu tarkaanfachiisu.

Akka Maandeellaa of kennu . jirenya guutu qabsaa’uu , of ilaalii keessa ofii qabaachuu,daadii dheeraa keessa gufulee hedduun jiraatanis keessa baana jedhanii amanuu , waan lubbuu nama kumaantamaa barbaadu halkan tokkotti xumurama jedhanii yaadu dhiisuu, Bilisummaan booda kan jiru fi Anga’oota addunyaa irraa ykn wayyaanee akka ta’an ta’utti of tilmaamuu dhiisuu , yoo hojjanne qofaa waan yaannu akka argannutti amanuu, Qabsoo jechuun gama maraa kan ilaallatu ta’uutti amanuu, dhaaba irraa qofaa eegne eessallee akka hin geenye kkf qalbifachuun hegaree keenya tolcha. haqa tokkon barru kutaa 1ffaa kana xumura.

Keessa ANC , (Afriikaa kibbaa) warri beekan hedduutu jira. ANCn Maandeellaan hiikamuun bayyaannate, yeroo Angootti dhihaatu, humni isaa hangam akka ture kan beeku waa hedduu barata. Caasaan isaa hangam akka turee fi ammamtu cichee waliin ture ? isa jedhu kan dhaga’e keenya kana ilaalee abdii hin kutatu. ANCn meeshaa of harkaa hin qabu. Garuu cichoomina hin daddaaqamne qaba ture. Ummati ANC irratti waan hundaa gatee osoo taa’ee , waan har’a keessa jiran hin argan. ANCnis, Namoonni isaa dhumaa jiraachuu irraa waan jiru Ummatatti ceesisuu irratti murteeffate ture. Dhuma irratti Faranjoota warra gabroonfattootaa miti, ANC iyyuu caalaatti kan dammaqsee Fincila Ummataati jedhan. Miseensoonni ANC Ummata keessatti waan raajii hojjachaa jiran , Bilisummaa booda kan kaadhimamaniidha.warra gubbaa jiran dabalatee jechuudha.ANCn dikitaatara waan ta’eef Angoo gadhiisuu didee ? ega dikitaatara ta’ee ,warri dikitatarummaan qeeqan maaf Maandeellaaf kabajaa ammanaa kennaniif ?

Haala kanaan yoo of ilaalle maal keessa jirra ? bara 2013 waliin, kutaa 2ffaa keessatti ilaalla. BARRI 2014 BARA MURANNOO ISINIIF HAA TA’U !!!!

Galatoomaa !!!!!!!!!!!

Waa’ee Bu’ura Miidiyaa Madda Walaabuu dhageessanii?

Aside