Diddaa barattooti Yuuniversitii Haromaayaa kaasaniin wal qabatee guyyaa har’aa sirni abbaa hirree mootummaa Wayyaanee baraa gara baraatti barattoota mala adda addaan fixuu aadeffate har’as caalmaatti jabeeffatee itti fufee jira. Haala kanaa har’a 31/1/014 dallaa university Haromayyaa keessatti nyaata barattootaa keessatti summii lubbuu dabarsaa makuun barattootni nyaata kana nyaatan kumaatamni miidhaan guddaa irra gahuun kan mana yaalaa seenan yoo tahu, kanneen maqaan isaanii adda hin baane lakkoofsi isaanii tilmaamaan ja’a tahan lubbuun akka darbee jiruus dhagahamaa jira. Barattootni mana yaalaa galan illee lubbuu darbuu irraa akka hin baraaramne dhagahamaa jira. Kanneen maqaan isaanii adda hin bahiinii fi haala gabaasa kanaa jala jalaan kan gabaafnu tahuu gamanumaa Qeerroon hubachiifna.
Blog Archives
SBO Gurraandhala 02 Bara 2014 Qophii yaadannoo dhumaatii Oromoo Hawaasa Oromoo Nairobii Keenyaan geggeeffamee fi Odeeffannoolee biroo caqasaa
Aside
Oromo Voice Radio broadcast on February 1, 2014
Aside
The Ever-increasing Crime of TPLF/EPRDF Brutal regime.
Aside
By Getinet Dinkayehu
The continuous arrests, detention, torture and disappearance of people in Oromia should indeed be a cause for concern to every Oromo people living in the country and abroad. The past 22 years have been the most painful period in Oromia. A week hardly passes without someone being picked up and detained by the TPLF security agents for one unexplained reason or another. The Last couple of weeks I have received a lot of messages from Oromo nationalists residing in western parts of Oromia through my emails, which I preferred not to mention their names here because of their security. Here is the message I received from one friend in “Afaan Oromo” and I wanted to put it in English as follows; “I am in deep tensions and annoyed because of the case associated with my family. My father was a respected businessman in our local area. Now about two weeks are passed since my father left his home and his whereabouts still unknown. Following his disappearance the TPLF Trojan horse better known as OPDO imprisoned one of my family members and coercing to reveal where my father is. What I knows about my father is, after he openly started criticizing the evil doings of the TPLF led Ethiopian regime and the Puppet OPDOs on different public meetings; he was continually harassed and even received several death threats including the family. He was arrested at different times suspected of OLF member without due legal process and without family visitations, tortured and interrogated at gunpoint to reveal the agents he was working with for OLF. The reason why he was mainly targeted as criminal and went to jail at different times is not because he was a criminal or have done anything wrong against anybody, but only because he protested that why his oromo brothers and sisters were cold-bloodedly killed by TPLF securities without any reasons and because he protested against the widespread injustices being committed by the regime agents in Oromia. When my father was in woyanes secret detention center, the inhuman treatments he experienced at the hand of the torturers were horrible and even some part of his face was disfigured because of the massive tortures”.
Walaloo
Aside
RAB,Simbirtuu fi Seife Nebelbal Eegala Gurraandhala 2014
Aside
GOOTUMMAA QOFAATU BILISUMMAA,,,,Kutaa 3ffaa
Aside
SEENAA Y.G (2005)
Qabsoon Oromoo gaggeeffamaa jiru, waan ykn rakkoo keessa keenyatti nu mudatee jiruun madaalamee, lakkii Qabsoon keenya duubatti harkifame ykn waa tokkollee hin hojjanne, jennee kan goolabnu yoo ta’e, dogoggora keessa jirra. Waan nu mudataa jiru hundi isaa, kan addunyaan keessa dabartee fi rakkoo qabsoo keessatti isaan mudate ykn dogoggora keessa dabran irraa baratanii, adeemsa isaanii gama hundaa sirreeffatanii injifannoo goonfachuu isaanii wayita ilaallu, dhugumayyuu haalli keessa keenyatti umame, waan sirraa’uu ykn hiikamuu hin dandeenyedha jennee, madaallii Qabsoo keenya isa dhumaa taasisu akka hin dandeenye hubachuun rakkisaa hin ta’u. Haqi tokko garuu waan irraa barannee jirru hedduu ta’ee, sirreeffachuuf yeroo fudhachuun isaa hanqina jennee fudhachuu dandeenya. Keessattu yeroo amma keessa jirru kanatti.
Jaallannus jibbinuus yeroon keessa jirru ykn waggootiin 3n ykn 5n dhufan nuuf murteessaadha. Qaawwaa hundaa duchachuun murteessaadha. Adeemsa keenya ariifchiisuu fi galii keenya dhiheeffachuu irratti halkanii fi guyyaa hojjachuun akka nu irra jiru gadi fageessine waliif dhaamu qabna. Waggootiin kaa’e kun, diinaaf yeroo lubbuutii. Humni nu dura dhaabbatuu hundumtuu yeroo itti siyaasa isaa itti xumuratu ta’a. Faallaa kanaa, gaaffiin Ummatoota cunqurfamoo kan ol ba’ee itti mul’atu ta’a jedheen amana. Raagutti kaatee? Hin jedhiinaa. garuu. Kun haqadha. Kun jabiina keenya irratti hundaa’a. Humna taanee ba’uu dhabuun keenya irraa kaanee murteessuuf nu rakkisus, Amala Siyaasa warra Gabroonfattootaa yoo ilaalle garuu, wayyaaneen kana irra deemu hin danda’u. Kan isa dhiibu yoo dhibellee, rakkoon keessa isaanii isaan salphisaa deemuun waan hin oolle. Hattun yeroo waa hattu waliif galtee, yeroo waan hatan itti hirmaatan wal ajjeesuu jedhama. Wayyaaneenis adeemsa kana keessa jirti. Carraa kanatti OROMOON waan qabu hundaan fayyadamee Biyya isaa irratti ol aantummaa isaa kabachiisuun murteessaadha.
Wallee Haarawaa Artist Shukurii Jamaaliin “OROMIYAA”
Aside
“ABO” Ibsaa Karaa Walabummaa Dhugaa. Artist qabsaawa Kadir Said
Aside
Mootummaan Wayyaanee Seeraa Mirga Barattootaa Ugguru Baase.
Aside
Gabaasa Amajjii 30,2014 Jimmaa
Gaafa Amajjii 28/2014 Mootummaan EPRDF fi Ministerri Barnootaa EPRDF seera haaraa baasan irratti baratoota dhaabbilee barmotaa olaanoo kanneen akka Yuunivarsiitii, Kolleejjii, manneen barmotaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina irraa baratan irraatti seeraa haaraa mirga baratoota biyyaatti sarbu dabarsee jira, seera kanas karaa dabballootaa fi bakka bu’oota mooraa dhaabbiilee barmoota keessatti maxxansuun baratootni dubbiisani jireenya sodaa keessaa of galchuun sodaachaa akka jiraatanif ta’e jedhee mootummaan abbaa irree kun mirgaa baratoota sarbaa jira.
Qabxii ijoo seerrii imammata barmootaa wayyanotaa waliin wal qabatu kun mirgootaa amantaa, aadaa, eenyummaa fi kabaja namummaa kan sarbudha. keessattu Mooraa dhaabbilee barmotaa caqafaman keessaatti ;
1. Uffata Aadaa uffaachuun dhorkaadha, Uffatee kan argame seeraan adabama jedha.
2. Uffataa amantaa calaqiisiisuu fi kan shammarraan hordoftotni amantaa Muslima mataatti maratanii fi golgatanii deemaan dhorkaadha, kanaan booda dhaabuu qabu jedha,
3.Baratootni Mooraa dhaabbiilee barmootaa akka Yuunivarsiitii fi
Koolleejjii keessaatti lama ol ta’anii waliin deemuun, taa’uun,dhaabbachuun, dhorkadha, kana godhee kan argamee seeraatti dhiyaate adabama jedha.
4.kitaabolee barnotaan alatti asoosamota fi barruuwwaan garaagaraa mooraa barnotaa keessa galchuun dubbisuu fi dubbisiisuun dhorkaadha jedhuu fi kkf kan of irraa qabu seeraa dorsisan guutamee fi mirga baratoota guyyaa adii sarbaa jiru fuula ja’a kan qabu dhabbiilee barmota biyyaatti Yuunivarsiitota garaagaraa keessaatti maxxaansuun mirga baratoota sarba jiru.
Barruun seeran alaa kan mirga barattoota sarbaa jiru ibsuu kun Yuunivarsiitotaa Oromiyaa kanneen akka Yuunivarsiitii Jimmaa, Amboo, Wallaaggaa, Mattuu, Adaamaa, HaraMaayyaa, Dirree Dawwaa, Bulee Horaa, Maddaa Walaabuu keessaatti maxxanfamuu bira ga’ame jira. hallii kun mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa, Mattuu, Amboo fi Wallaaggaa keessaatti baratoota dheekkamsiisuu irraa darbee Mooraa Yuunivasitii Jimmaa moora arfan keessatti Gootootni sabboontotni qeerroo baratoota Oromoo seeraa mirga dhala nama sarbuu wayyaaneen maxxansuu kana buqqisaanii ciruun, kanaan boodaa akka feedhii keenyaatti hiriyootaa keenyaa waliin 10, fi isaa oliin wal duukaa sochoona, tokkummaa keenyaa caalaatti jabeeffaannee mirga keenya sarbamaa jiru ni kabachiifanna jechuun Qeerroon baratootni Oromoo seeraa dabaa Wayyaanonni waan qabanii
gadhiisan dhabuun baasaan kana balaaleffatan.