Aside

Jiruu Warraaqxota Oromoo eeggatu

Ibsaa Guutama irraa* | Guraandhala 2014

Jiruun warraqxota Oromoo eeggatu in jalqabaa bilisummaa Oromiyaati. Hanga yoonaa qaccee nafxanyaaf akka addaatt haa ta’u ifaatt yoo xinnaate waggoota shantamaaf fedha ofii ifsuu yaalaa turani. Oromoon mala akka ta’an hubatamuu kadhataa bahani. Garuu kanneen fedhi dhuunfaa jaamse hin dhaggeeffatan yk waan jedhamin qofa dhaggeeffatu. Dhaggeeffachu dhabuu qofa utuu hin ta’in si’ana qabsaawota Oromoo jiruu saanii muummicha irraa maqsuuf duula afaanii ballaa gaggeessutt ka’aniru. Haleellaan saanii afaanii waldhahaa fi hunde hin qabnee akeeka Oromoon dirrirfatan irratt dhiibbaa hin qabne. Kan isaan maraachaa jiru ol ka’a dhaloota haaraa Oromoo giidoo caalaa, dammaqina malbulchaa wayyaa fi qaroo, bilisummaa Oromiyaaf murannoo fi dudhama yoo hin caalle akka angafoota saa qabuuti. Waggaa dhibbaa oliif koloneeffatoon meeshaa qunnamtii dhuunfachuun ummati akka iyyaatii hin arganne tolchaa jiraatan. Si’ana garuu hamma saatt hunduu fulaa teeknoloojiitt gad baasuu argateera. Kanaaf raawwannaan bara doorsisootaa fagoo miti. Guutummaa isaa dubbisuuf http://www.Gadaa.com

Raadiyoo Sagalee Oromoo fi Simbirtuu. Gurraandhala 5,2014

Aside

“ABO Kallacha Qabsoo Wabii Jireenyaa” Walaloo

Aside

Mormii Ispoonsera Biiraa Baddallee Irratti Kaasaniin Wal Qabatee Barattooti Oromoo Yuuniversitii Mattuu 13 Oromummaan Yakkamuun Barnoota Irraa Arhihaman.

Aside

Gabaasa Qeerroo Mattuu Gurraandhala 5,2014

FightMootummaan Abba Irree TPLF/EPRDF/ Engineerota Baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu balleessa tookko malee barmoota irraa ari’e.
Gabaasi Qeerroo yYuuniversitii  Mattuu Guraandhala 4,2014 akka beeksisutti  mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF akkuma amala isa baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu Mummee barmoota Engineering waggaa 1ffaa hanga waggaa 3ffaa barachaa jiranifi kan baratootni mummee garaagara keessatti argaman baratoota 11 barmoota idilee isaanii irraa Waggaa tokkoo hanga waggaa sadii barnoota irraa yeroo adabu, barata tokko immoo guutummaatti barmoota irraa arii’uun,Baratoota lamaa immoo akeekkachiisa dhumaa itti kennuun ilmaan Oromoo abdii biyya fi gaachana uummataa ta’an kun badii tokko malee barmoota irraa arii’amaniiru.

Mootummaan Wayyaanee beeksisa baaseen barattooti Oromoo kun akka mooraa Yuuniversitii Mattuu gadhiisan ibsa baasuun isaa beekamee jira.

Haala kanaan baratootaa Waggaa tokkooffa hanga waggaa 3ffaa badii isanii malee barmoota irraa arii’ataman:

  1. Barataa Dachaasaa Gammadaaa civili Engineering waggaa 2ffaa Waggaa lamaaf barnotaa irra adabame. bakki dhalotaa godina wallaggaa Bahaa.
  2. Barataa Biqilaa Lammii Civil Engineering waggaa 1ffaa waggaa tokkof barnota irra adabame, bakki dhalootaa godina wallaagga bahaa
  3. Barataa Shifarraa Guddisaa Mechanical Engineering waggaa 2ffaa
    waggaa tokkoof barnotaa irraa adabame; bakki dhalootaa godina shawaa lixaa.
  4. Barataa Takkaa Asaffaa Mechanical Engineering waggaa 2ffaa wagga tokkoof barnota irraa kan adabame; bakki dhalootaa godina Shawaa
    lixaa.
  5. Barataa Iyaasuu Qannoo Mechanical Engineering waggaa 2ffaa wagga tokkoof barnoota irraa
    kan adabame; bakki dhalootaa godina wallaagga lixaa.
  6. Barataa Gammaachis Badhaasaa mummee Herreegaa waggaa 3ffaa wagga tokkoof barnota irra adabame; bakki dhalootaa godina wallagga lixaa .
  7. Barataa Jarraa Gemmuu barataa Civil Engineering waggaa 2ffaa, Guutummaatti barnootaa isa irraa kan arii’atame, bakki dhaloota Godina shawaa Lixaa.
  8. Barataa Badhaasaa Dhufeera Electrical Engineering waggaa 2ffaa, waggaa tokkoof barnota isaa irra kan adabame, bakki dhalota godina wallagga bahaa.
  9. Barataa Kaasahuun Mammuyyee Mechanical Engineering waggaa 3ffaa;waggaa tokkoof barnoota isa irraa kan adabame, bakki dhalotaa godina Iluu Abbaa Booraa.
  10. Barataa Geetaa Nugusee Electrical Engineering waggaa 2ffaa, wagga tokkoof barnoota isa irraa adabame.
  11. Barataa Abduul Karim Abdullahi Electrical Engineering waggaa 2ffaa, waggaa tokkoof barnota isa irra adabame jira.
  12. Barataa Namoomsaa Electrical Engineering waggaa 2ffaa,
    akeekkachisa dhumaa itti kennuun kan doorsifamaa jiru, bakki dhalotaa godina wallaagga bahaa.
  13. Barataa Bilisummaa Mul’ifnaa barataa fayyaa(HO) waggaa 2ffaa, akeekkachisaa dhumaa itti kennuun dorsifama kan jiru, bakki dhalotaa godina Shawaa Lixaa.

Baratootni Oromoo armaan olitti maqaan isaani caqafame kun balleessa tokko malee ta’ee jedhamee mootummaan abbaa irree ofiin arrabsoo maqaa balleessi jechoota dhiiga nama danfisanitti fayyadamuun baatii Amajjii 2014  keessa baratoota Oromoo arrabsuun ni yaadatama,Baddalleen Biiraas mooticha Habshaa kan faarsu ispoonsera wallisaa Habshaaf taasise. Wayita kanatti baratootni Oromoo jecha maqaa xureessii fi Ispoonsera biiraa Baddallee mormuun  hiriira nagaa bahan,gaaffii mirgaas bulchiinsa mooraa Yuuniversitichaa gaafatan kun dhageettii dhabuun loltooti Wayyaanee meeshaa waraanaan guutaman mooraa seenuun barattoota reebuu fi hidhuu itti fufee ture.Haala kanaan wal qabatee barattooti Oromoo 13 badiin tokko malee barnoota irraa arihamuu gabaafame.

Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyii Keessatti Ogeessii Fayyaa Miseensa Wayyaanee Akka Tahu Dirqiisiifame Tokko Tikoota TPLFn Dhaaname.

Aside

Gurraandhala 5,2014 Amboo

Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti Ogeessii Fayyaa Alamuu Digaafee jedhamu miseensumma Wayyaanee waan dideef dabbalotaan reebichaan ulfata irra ga’ee du’aaf jireenya gidduutti argama.
Gabaasaa: Ammajjii 29/2014 Godina Lixaa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti hojjetaan wajjira fayyaa tokko talaalii Pooliyoo daa’immaniif gargarsaa biyya alaatiin dhufee kennuuf akka badiyaatti bobba’etti dabbaalota mootummaa Wayyaaneetiin reebamee yeroo ammaa du’aaf jireenya gidduutti argama.

Odeessi bubulee nu qaqabee akka addeessuutti ogeessi fayyaa maqaan isaa Alamuu Digaafee jedhamu Oromummaan yakkamee dabbalotaa mootummaatiin akka malee reebame, cuupheedhaan mataa isaa irra waraaname yeroo amma kana du’aaf jenyaa gidduutti argama. ogeessi fayyaan kun buufata fayyaa aanaa Midaa Qanyii magaalaa Ballaammii keessaa kan hojjetu ogessaa fayyaa ykn nurse ta’ee utuu hojjetu, itti gaafatamtotni wajjira OPDO aanaa Midaa Qanyii yeroo baay’eemiseensa keenya ta’ii jechuun rakkisaa kan turan ta’ee utuu jiru,ogeessii kun dandeetii fi gahumsa ogummaa waan qabuuf hogganaan Wajjiraa Fayyaa Aanaa Midaa Qanyii kan maqaan isaa Asfawuu Girmaa jedhamuu wajjira fayyaatti waamee miseensa maaliif ta’uu diddee amma argitaa jedhee itti dhaadachuun ni yaadatama.

Ogeessii kun dhalli nama hojiin madaalama malee hangan ogeessaa ta’ee jirutti dabbaalumma keetiin na hin madaaltu jedhee of irraa ittisaa utuu jiru talaalliin Pooliyoo daa’immaniif gargarasa biyya alaatiin dhufe kennamaa utuu jiruu ogeessii kun talaallii kana baadiyaatti bahee akka kennuf dirqamee utuu tajajila kana irraa jiru waan miseensa OPDO guutuu didee fi Ilma Oromoo waan ta’ee qofaaf dabbalonnii wayyaanee kun duukaa deemuun lafa inni tajajila kenna jirutti tarkaanfii diinummaa kana irraatti fudhatan. kana biratti yeroo amma kana ogeessii kun dirmannaa seeraa fi yaala gahaa dhabuun rakkoo keessaa jirachuun ibsate jira.
 

SBO Gurraandhala 05 Bara 2014

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Gurraandhala 02 2014, Baandii Tokkummaa Ilaachisee Gabaasa Qaba

Aside

Oromo Voice Radio broadcast to Oromia on Feb 3, 204

Aside

KAN JALQABA TOLE DHUMNISAA NI TOLA!

Aside

Waan Wareegama hin qabne hin bareedu. Kan Jalqaba tole dhumni isaa tola. Konsartii HOODAA magaala Finfinnee keessatti qophaa’e ilaalchisuun barreeffam Jaal Hariiroo Jorgoo‏

KAN JALQABA TOLE DHUMNISAA NI TOLA!

Postera Konsertii A5tBara Hayile sillaasee keessa baandii muuziqaa Oromoo isa jalqabaa kan ta’e baandii Afran Qalloo diiguun miseensota baandichaa hidhaan, toorchiin, ajjeechaafii godaansaan facaasuu kan jalqaban mootummootiin cololeeffattoota Habashaa, bara darguu keessas gootota aartistoota Oromoo kanneen akka Musxafaa Harawwee fi  Dabalaafaa haala suukaneessaa ta’een galaafateera.

Bara wayyaanee keessas itti fufee aartistoota Oromoo leelloo kanneen akka Eeebbisaa Addunyaa, Yooseef Gammachuu fi Usmaayyoo Muusaafaa lubbuu yemmuu qisaasan kaanis guraarsuun biyyaa baasaniiru.

Gaaga’amni aartistoota keenya irra ga’aa jiru cimee itti fufus hidhaafii ajjeechaan ejjennoo isaan bilisummaa uummata isaaniifi walabummaa biyya isaaniitiif qaban geeddarsiisuu hin dandeenye.

Mootummaan Wayyaanee akkuma Tigraayii kaatee Oromiyaa weerarteen tarkaanfii gurguddoo isheen fudhachaa turte keessaa inni duraa dameelee wal-qunnamtii hawaasaa kan ta’an madden odeeffannoofii dadammaqinsaa dhaamsuufii dabamsiisuu ture. Haaluma kanaan gaazexaalee, barruulee, kitaabbanifi tiyaatiroota dura dhaabbate. Baandiilee muuziqaa kanneen akka Baandii Caffee Gadaa, Baandii Saglan Booranaa, Baandii Gadaa, Baandii Bilisummaafi k.k.f akkasumas waldaalee  wal qunnamtiifii wal-gargaarsaa Oromoo kanneen akka Waldaa Meeccaafi Tuulamaa dhabamsiifte. Miidiyaan naannoo Oromiyaas otoo hin dhaabbatiin turee akka bara lakkaa’u taasisuushee caalaa kunoo har’as madda hololashee godhattee meeshaa hidhaa gabrummaashee ittiin nurratti jabeeffattu godhatteetti.

Shiraafi ukkaamsaa wayyaanotaaf kan harka hin laanne aartistoonni Oromoo ammo biyya keessaafi biyya alaan bifa qindaayeefi dhuunfaanis fincila diddaa gabrummaa finiinsuun sagalee uummata isaanii dhageessisuufii guddina Afaan Oromoof carraaquu hifatanii hin beekan. Kanaafis ragaa kan nuuf ta’u ta’ee guddaa gaafa Amajjii 26 dhalatedha. Kunis haala rakkisaa kana keessatti aartistoonni Oromoo urjiilee ta’an biyya keessa jiran kanneen akka Zarihuun Wadaajoo, Kadir Martuu, Girmaa Turunaa, Addisuu Karrayyuu, Mohaammad Jaalalaa, Shukrii Jamaal, Jaafar Yusuuf Jireenyaa Raagaafi Yaaneet Dinquufaa wal ta’uun baandii Tokkummaa jedhamu tokkummaan dhaabanii hojii jalqabaniiru.

Baandichi aartistoota jaalatamoofi muuxannoo kuufataniin guutamuusaa caalaa Injineroota, barsiisota yuunveristiifi kan biros ogeessota hogbarruu fiilmiifi diraamaalee ofkeessatti ammateera. Hundaa’uun baandii kanaa dhukkubbii mataa kan itti ta’e mootummaan wayyaaneefi ilmaan nafxanyootaa baandicha dadhabsiisuuf gamanumaa tarkaanfii ciccimaa kan isaanitti fakkaate hundaa fudhachaa jiru.

Kunis baandicha haayyama dhorkachuu irraa jalqabee galma qabeenya uummata keenyaa ta’e kirayiillee dhorkuu, poosterootaafi baaneroota beeksisaaf magaalota Finfinneefi magaalota naannawa Finfinnee akka Sabbataa, Buraayyuu, Lag- Xaafoo, Sulultaa, Aqaaqii-Qaallittiifi Galaan faatti rabsanii akka hin maxxanfamne dhorkaniiru. Ijoollota poosteroota kana maxxansanis kutaa magaalaa gara garaa keessatti kan hidhan yoota’u keessaafuu milishoota wayyaanee wajjiin Ona Birbirsa Gooroo isa har’a jarri Piyaassaa je’an keessatti walitti bu’insi guddoon uumamee hamma qaamota ol-aanoo wayyaaneetti ga’ee milishoota bira kunnaan hidhattoota meeshaa waraanaa hidhatan itti bobbaasaniiru.

Hunda caalammoo kutaa magaalaa Kolfee Qeraaniyoo keessatti hojjettoota baandichaa kan ta’an Sorsaa Lammiifii barsiisaa Ifaa Gammachuu otoo konkolaataan naanna’anii guyyaafii bakka konsartichaa beeksisaa jiranii konkolaataa isaanii dhaabsisuun hojichi akka hin gaggeeffamne jara lamaan kana shofeera isaanii dabalatee meeshaa ittiin hojjetan moontaarboo, maayikii, sound miikseriifi konkolaataa isaanii to’annoo jala oolchaniiru.

Gochaan poolisoota wayyaanotaa kan isaan aarse poolisoonni dhalootaan Oromoo ta’an kutaa magaalichaa keessa jiran wayyaanota wajjiin walitti bu’uun “maaliif yoo afaan biraatiin Magaalaa Finfinnee keessatti beeksisan to’annaa hin gootan?”, jedhanii komii isaanii ibsanii hamma qawwee walitti luqqifachuutti ga’anii jiru. Haalli kun tasa hammaatee lolli ka’uuf jennaan komaanderri wayyaanee ol-aanaa H/maariyam jedhamu waamamee hidhaarraa akka gad lakkifaman gochuun dubbicha tasgabbeessuuf yaalaniiru.

Kanaan kan hin dhaabbanne wayyaanonniifi leellistoonni ilmaan nafxanyaa boorumtii konsartichi gaggeeffamu galgala mana isaatti deemuun weellisaa Shukrii Jamaal irratti yaalii ajjeechaa irratti raawwatan illee hiriyyoota isaatti bilbilee dargaggoonni konkolaataa lamaan dhaqanii lubbuusaa oolchuu danda’aniiru.

Walumaa galatti sakaallaaffii danqaa kana hunda keessa hulluuquun Baandiin Tokkummaa, Sambbataa guddaa konsartiisaa isa jalqabaa konsartii Hodaa jedhamu uummataaf dhiheessuu danda’eera.

Poostariin akka hin maxxanfamne dhorkamus, konkolaataan akka hin beeksifamne dura dhaabbatanis uummanni interneetiin dhaga’e walii daddabarsuun hamma yaadameetii ol konsarticha irratti hirmaateera.

Keessaafuu barattoonni yuunvarsiitiilee magaalaa Finfinnee keessatti argaman hedduun xiiqiin itti dhaga’amuun baandicha cinaa dhaabbachuun kan konsarticha milkeessan yoota’u uummanni konsarticha irratti hirmaate erga waldaan Maccaafi Tuulamaa mootummaa wayyaaneen diigamee booda carraan akkasii kan saba Oromoo walitti fidu konsartiin argamee hin beeku jechuun wal hammatee yeroo boowu argameera.

Konsartichi itti fufunsa akka qabaatus koree qopheessituutti imaanaa kennataniiru. Ofiif ammo akka baandicha cinaa dhaabbatani waadaa galaniiru.

Konsartichi gama hundaanuu dhugumaan akkuma maqaasaa konsartii hodaa ta’ee kan dabre yoota’u, uummanni jaalalaafi deeggarsasaa bifa gara-garaan agarsiisaa tureera. Kunis,abbaan qabeenyaa sabboonaan Oromoo tokko suuraa Janaraal Taaddasaa Birruufi Neelsan Maandeellaa kan yeroo Maandeellaan Oromiyaa dhufee Janaraalticha Oromoorraa leenjii waraanaa fudhate waliin ka’an caal baasiif dhihaatee qarshii kuma 15’niin bituun baandichaaf gargaarsa godheera.

Nutis gama keenyaan baandichi jabaatee daran godinootaafi aanota Oromiyaa dhaqqabuun uummata keenya dheebuu baasuu qaba jechaa uummanni Oromoo kan keessaafi alaas hundi dirmannaa barbaachisaa ta’e haa goonuufii jenna.

Akkasumas gara fuula duraa sochii baandichaas karaa agabaastota keenyaa hordofnee isiniif galaalchuuf irbuu galla.

Abbaan sosso’u ambi sosso’a! akkuma jedhan ufumaa jabbannee yoo sossoone malee guddina Afaan Oromoo wayyaanota irraa eeguun Titiisarraa damma eeguudha! Waanta’eef, ciminni calaqqisaa jiru kun daran jabaatee lafa haaqabatu jenna! Biddeena nama quubsu, eelee irratti beeku! Kan jalqaba tole, dhumnisaa nitolaan warra keenyaas kanuma!

 

Injifannoo Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Hariiroo Jorgootiin,

Qeerroo Oromiyaa Finfinnee irraa

Diddaan Barattootaa Yuuniversitii Haromaya Itti Fufee Gaga’amni Barattootaa Daran Jabaate. Diddaan Gara Biraas Gara Yuuniversiti Hawaasaatti Cahe

Aside

Gabaasa Qeerroo Haromaya, Gurraandhala 03,2014

Barattoota OromooNyaanni summiin makamee barattootaa kenname barattoota hedduu lubbuu darbaa fi dhibee gurguddaaf kan saaxile irra taree barattoota hedduu barnoota isaanii irraas akka har’iman taasisaa jira.Barattoonni lakkoofsi isaanii hedduu ta’anii fi galmee isaanii Qeerroon qindeessaa jira,hanga ammaatti karaa mootummaa ifa hin ta’iin lubbuun isaanii darbee fi kanneen dhukkubsachuun mana yaalaa galan kumaatama.Irra guddaan barattootaa hama yeroo ammaatti illee yaala gahaa hin argatiin mana yaalaa ciisanii akka jirantu mul’ata.kanumaan dhimmi kun gaaffii gurguddaa barattoota keessatti kaasees mootummaa Wayyaanee biratti gaaffii biroo tahuun ergama ABO qabu jechuun barattoota hedduun humna poolisa Federaalaan dallaa gad-dhiisanii akka bahan taasifamaa jiru.

Haala kanaan barattooti hedduus magaalaa keessatti rakkataa akka jiran gabaasi qeerroo Haromaya addeessa. Kanneen heddumminaan miidhamanii mana yaalaa jiranii fi kanneen arihaman keessaa sochii dargaggoota Oromoo ta’uun beekama.

Gaaffiin FDG barattooti kaasan kun  har’a itti fufuun gara university Hawaasaatti tarkaanfatee gaaffii gurguddaa kaasaa jira. Kanneen gaaffii kana kaasan barattoonni Oromoo hedduus humna poolisa Federaalaan adamsamaa akka jiranii fi dallaan Yuniversitichaas humna waraana adda addaan marfamee eeggamaa akka jirudha.barattoonni dallaa lameeniis dallaa kanneen hafan maraaf iyyannoo nu qaqqabaas iyyachaa jiru.

Gabaasi dabalataa gama fuula dura itti fufa.