Konsertii Baandiin Tokkummaa Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Taasise.

Aside

TOKKUMMAAN DHAADANNOO FI HAWWIIN HIN DHUGOOMU ! kutaa 1ffaa

Aside

SEENAA Y.G(2005)

barruuTokkummaa Ilmaan Oromoo bakkayyutti hawwanii fi Tokkummaan addunyaan itti jirtu, hiikkaansaa tokko moo, garaagarummaa qaba laata ? Adeemsa Qabsoo Biyyootaa fi saboota addunyaa keenya irra jiranii, Tokkummaan Qabsoo isaaniif hawwaa turan/jiranii fi nuuti amma bakka marattu akka dhaadannotti itti dhimma ba’aa jirru , tokko moo walii faallaadha ? gaaffii kana kaasuuf kan dirqisiise, Qabsoo Oromoo hudhee kan takaalee jiru, tokkummaa dhabuu keenyadha !! namoonni jedhan heddummaachuu fi hawwii tokkummaaf qaban, bakka hundatti akka dhaadannotti, akka yaadaatti ,akka hawwiitti, wal ga’ii irratti, hiriira irratti, Intarneeta irratti aarii fi gaddaan guutamanii yennaa dubbatanii fi kataban arguu fi dhaga’uu koo irraati. Akka kiyyatti Tokkummaan yaada walii galaa of keessaa qabu Ummata tokkof barbaachisaa ta’us, Qabsoo keenyaaf dhibeen tokkummaa nuuti hawwinu odoo hin taanee, yk Tokkummaa yaada Ilmaan Oromoo keessa jiru odoo hin taane, Tokkummaa yeroo qabsoo nu barbaachisu wallaaluu keenyadhaan jedha. Tokkummaan amma hawwaa jirru, Tokkummaa Bilisummaan booda ittiin jiraannu malee, kan yeroo Qabsoo keenya kanaatti nu barbaachisu miti. Miti kanan jedheef dhugeessuun hedduu ulfaataa ta’uu isaa irraati. Qalbiin haa wal hubannu. Gadi fageessinee haa yaannu. Miira ho’aan odoo hin taanee, miira tasgabbaa’een itti haa yaannu. Kun waan salphaa miti. Waan Ummati tokko irratti wal hubachuu qabudha. Bakka dhibee yk dhibee jiru adda yoo hin baasiin dawaan hin argamu waan ta’eef.

TOKKUMMAAN, HAWWII FI DHAADANNOON HIN DHUGOOMU !!!!!!!!!!.docx

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal

Aside

Oromo Voice Radio broadcast on March 26, 2014

Aside

SBO Bitootessa 26 Bara 2014

Aside

Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti FDG Qeerroo Dargaggoota Oromootiin bifa harawaa fi qindawaan itti fufe.

Aside

Bitootessa 24/2014 Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti FDG Qeerroo Dargaggoota Oromootiin bifa harawaa fi qindawaan itti fufe. Qeerroon baratootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo biyyatii Yuunivarsiitootaa fi koolleejjota garagaraa irraa eebbifaman kanneen baay’inni isaanii 100 ol ta’aniin haala qindoomina qabuun qabsoon hojii dhabdoota baratoota Oromoo sadarkaa barnootaa digirii jalqabaa fi dipilomaa qabaniin egaale jira.

Gootootni Qeerroon dargaggootni Oromoo biyyaa abbaa keenyaa Oromiyaa badhaatuu keessatti hojiidhabdee taanee, jiruuf jireenyaan dararamaa jiraacha jirra, jechuun Wajjiraa bulchiinsaa Godina fi Wajjiraa komishinii Poolisii Godina Lixaa Shawaa fulduraatti walitti qabamuun gaaffii isaanii qindeeffatanii bulchiinsa godina lixa shawaatti yeroo dhiyeeffatanitti hojjetootni ergamtuun sirna Wayyaanee godinichaa bulchaan Godinaa waan hin jirreef yeroo inni jiruttii gaaffii keessan isin irra fuudhamaa malee ofii keenyaa deebisuu hin dandeenyu jechuun deebii sodaan guutame kenaani jiru.

Komishiniin Poolisii Godina Lixaa Shawaas gaaffii keessan kan nuti deebisuu hin dandeenyu bulchaan godinaas hin jiruu jechuun namni gaaffii hojiidhabdoota baratoota Oromoo keessuummeessuu dhibamuun biyyaattiin mootummaa mataa ishee kan hin qabne ta’uu kan mul’isuu ta’uun ifatti saaxilamee jira. Mootummaan Wayyaanee fi ergamtuun Wayyaanee gaaffii dargaggoo Qeerroo Oromoo jalaa lafa seentu dhabdee muddama cimaa keessa seentee jiraachuun hubatame jira. Boodarraan erga deebiin kun baratoota Oromoo barnoota xummuraanii hojii dhabanii jiruuf jireenyaan dararamaa jiran kanaaf kennamee boodaa komishiniin Poolisii godina Lixaa Shawaa fi humnoonni basaasaa wayyaanee baratoota Gaaffii Mirgaa dhiyeeffatan gooluuf poolisoota fi humna waraanaa hidhachiisuun dorsisanii addaan bittineessuuf yaalii godhamee Goototni baratootni Oromoo nuti mirga keenyaa falmachuuf baanee waan ta’eef dorsiisaa, hidhaa, du’aaf illee duubattii kan deebinu hin se’iina, gaaffii kenyaa nurraa fuudhaa nuf deebisaa, yoo kana hin gootaan ta’ee biyyaa gadhiisaa abbaan biyyaa dhufee biyyaa fi nuyi uummata isaa seeraan haa bulchuu jechuun afaan qabachiisaan.
Humna tikaa fi baasaasaa Wayyaanee godin Lixaa Shawaa kan ta’ee kan yeroo hedduu ilmaan Oromoo bakkota garaagaraatti hisiisaa, ajjeesisaa, fi biyyaa irra arii’achaa ture namni maqaan isaa “Leejjisaa Jootee” jedhamuu uummata doorsisuun   walga’ii seeraan alaa walitti qabamtan hundii keessan iyyuu ni hidhamtuu jechuun ergama diinummaa isaa bahuuf yaalii godhullee goototni sabboontotni qeerroo dargaggootni Oromoo mirga keenya kabachiifachuuf gaaffii karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyeeffachaa jirruuf duubatti hin deebinu ati mataan kee seeraatti dhiiyachuu qabda malee nu shororkeessuu hin dandeessuu jechuun dura dhaabbatan. Komishiniin Poolisii Godinichaa baratoota tasgabbeessuuf yaalii godhullee jechootni dabbaloota Wayyaanee akka ergamticha diinaa ”Leejjiisaa Jootee” keessa ba’uu dhiiga kan nama danfisuu ta’uu, baratootni ifatti dubbachuun gaaffiin mirgaa hojiidhabdummaan walqabatee ka’ee kan itti fufuu fi hin dhaabbannee ta’uu hubachiisuun Gaaffii har’a kaasaan kanas lafa bulchiinsii godinichaa jirutti itti fufinsaan fulduratti kan dhiyeeffatan ta’uu murteessuun kan gargar bahan ta’uun ibsamera.

OMN Qophiilee Bitootessa 21, 2014

Aside

The continuing of Human Rights Violation against Oromo people

Aside

Kiyya GonfaaBy Kiyyaa Gonfaa

Over the past 22 years, the TPLF-led and dominated Ethiopian government, has imprisoned tens of thousands of oromo political opposition and citizens, . As the result of the government’s repressive policies, thousands of innocent citizens have been languishing in prisons and secret camps and many have been severely tortured and killed. Others have been abducted and made to disappear. Hundreds have been murdered in broad day-light. Well respected human rights organizations such as Amnesty International, Human Rights Watch, and the US State Department’s own annual reports have documented rampant arrests,tortured and Extra-judicial killings and disappearances (hidden assassinations) and other human rights abuses by TPLF government.today, there are more than 30,000 Oromos jailed and being torturing in Ethiopian prison centers being suspected of Oromo Liberation Front (OLF) members and supporters and Prominent Oromo individuals, civil servants,teachers and students, farmers are being murdered, detained, kidnapped, displaced and harassed for no crime committed.

The TPLF-led regime mainly targets the Oromo people and oromia because of the economic resources and political resistance. Now a days, there is no single independent media in Ethiopia.News papers, websites,bloggs have been closed by the government. In addition oromo Journalists and activists have suffered for the last 22 years under TPLF because of their peaceful struggle for justice of Oromo people in Ethiopia.

Read More:- Oromo.odt

Raadiyoo Sagalee Oromoo Bitootessa 22,2014

Aside

SBO Bitootessa 23 Bara 2014 – Gaaffii fi Art.Adnaan Mohaammad kutaa xumuraa, gabaasa hiriira nagaa hawaasa Oromoo fi Ogaden Kibba Afrikaa fi kan hawaasa Oromoo Ottaa Norway, akkasumas qophiilee odeeffannoo qaban hordofaa

Aside