Raadiyoolee Simbirtuu fi Seife Nebelbal Bitootessa 20,2014

Aside

Kibba Lixa Shawaa M/B Haruu Culullee Keessatti Gaaffii Mirgaa Barattooti Oromoo Kaasan Gara Aanaatti Babaldhate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amboo Bitootessa 21,2014 

Diddaan sirna mootummaa Wayyaanee gaafa Bitootessaa 18/2014 godina kibba lixaa Shawaa Aanaa Sadan Sooddootti FDG qabsiifameen ummannii fi loltooti mootummaa Wayyaanee walitti bu’aa jiraachuun beekame.

Goototni baratootni Oromoo M/B Harbuu Culullee sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina gochaa abbaa irrummaa sirna bulchiinsa EPRDF Wayyaanee yeroo irraa gara yerootti gaafa baasee ilmaan Oromoo barnoota irraa arii’atu, balleessa malee qabee mana hidhatti darbatuu fi mirgaa uummata Oromoo ukkamsee jiraachuu barbaadu balaaleffachuun hiriira mormii mootummaa Wayyaanee irratti gaggeessan.

Sababi guddaan hiriira mormii kana kaases mootummaan abbaa irree Wayyaanee fi ergamtuun Wayyaanee OPDO’n barataa sabboonaa Oromoo Barataa Gabbisaa Tammiruu barataa kutaa 12ffaa kan baratuun ati kayyoo ABO tu si keessa jira kayyoo diinaa baattee barachuu hin dandeessu jechuun M/B irra arii’atamuun FDG kana qabsiisee jiraachuun beekame.

Gootootni baratootni Oromoo M/B Harbuu Culullee gochaa diinummaa Wayyaanee balaaleffaachuun hanga barataan Oromoo balleessaa malee arii’amee kun barnootatti deebi’utti barnoota hin barannu jechuun hiriira mormii gochaa diinummaa sirna Wayyaanee balaaleffachuun gaggeessuun, dhaadannoo ilmaan Oromoo hidhuun, ajjeesuun, barnoota irraa arii’achuun nurraa dhaabbachuu qaba jedhuufi kannee mirgii dhala namaa fi dimookiraasii kabajamuu qaba jedhu dhageesisuun hiriirichaa magaalaa Harbuu Culullee keessa nanna’uun sagalee isanii dhageesifata.

Sabaaba kanaan walqabatee M/b Harbuu Culullee Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina keessatti sirni baruuf barsiisuu dhaabbatee jiraachuun
gabaafamera. Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sochii kanatti haalan rifachuun soochii warraaqsaa FDG baratootaa kana duuban keessa jirtu jechuun barsiisota mana barumsicha qorannoo fi doorsiisan dararamaa jiraachuu maddeen keenya kibba lixa shawaa irraa gabaasa jiru, sochii FDG kanas ukkaamsuuf humna waraanaa fi poolisaa guddaa magalittii irra qubsiisuun jiruuf jireenya uummataa hunkuraa jira.

Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Bifa Adda Ta’een Qindaayee Itti Fufe.

Aside

 Bitootessaa 20/2014 Adeemsi FDG fi falmii mirga abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf sochiin Warraaqsaa dargaggoota Oromoo ”Qeerroo Bilisummaa Oromoo” Gareen hoggansa Dhihaa Oromiyaa” Qeerroo gootootni baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaatiin gagggeeffamaa jiru yeroo irra gara yerootti jabachaa jiraachuun ibsamera. Goototni Qeerroo baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa aadaa, seenaa fi gootummaa gootota qabsoo bilisummaa Oromoof wareegamanii tiksuu fi galmaan ga’uuf kan akeekkatan yoo ta’uu, tokkummaa uummataa isanii jabeessuu fi haalaan qabasoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf kan onnate yoo ta’u, yeroo amma kanatti, walleelee warraqsaa kallattii Oromiyaa hunda irra tamsaasuun qabsoo bilisummaa Oromootti xummura gochuuf uummata Oromoo hundaa abbaa irree irratti dammaqsuuf kan socho’aa jiru ta’uu hubachiisa.

Bifuma kanaan goototni dargaggootni Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti walleelee warraaqsaa kan Shukurii ”Miniliik nuf diinaa” , Hirphaa Gaanfurree ”Ka’ii Qeerroo Lammii koo”, Hacaaluu Hundeessaa”Suma Abdiin koo yaa Qeerransoo koo”,Hayiluu Kitaabaa ”Qeerroo Lolii” fi Adinaan Mohaamed ”baala adaamii …”jechuun walleelee warraaqsaa haalan qabsoof na kakkasanii fi nama onnachiisaaniin balaaleffaanna sirna nafxanyaa kaleessa fi nyafxanyaa har’a bifa haaraan mirga uummata Oromoo sarbaa jiru balaaleffatan.
Walleelee Warraaqsaa qabsiifamee jiruunis Qeerroon bilisummaa Oromoo, WBO fi ABO halduree tokko malee dargaggoota Oromootiin farfamuun uummataa Oromoo garaa raasuun qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun, garbummaa bara dhibbeetti xummura gochuuf kan jiran ta’uun gabaafamera.
Kana Malees Bitootessa 15/2017 goototni dargaggootni sabboontotni baratootni Oromoo gumii guddinaa fi dagaagina seenaa, aadaa fi Afaan Oromoo keessatti hirmachuun qophii baay’ee ajaa’ibsiisa ta’ee mini Stadium mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti
qopheeffachuun walleelee warraqsaan barnoota guddaa wal barsiisan, eenyummaa Oromoos ifatti mul’isuun faarfatan. Gumiin Guddinaa fi Dagaagina Seenaa ,Aadaa fi Afaan Oromoo akkuma maqaa isa haala jajjabeessa irratti argama. Ilmaan Oromoo sabboontotni eenyummaa fi Oromummaan boonaan illee gumicha keessatti qooda guddaa fudhachuun seenaa, aadaa, fi Afaan isani guddisuu, walbarsiisuu fi tokkummaa Oromoo jabeessuu irratti argamu.

Kibba Afriikaa Keessatti Hiriirro Mormii Guddaan Hawaasa Oromoo fi Ogaadeniin Gaggeefame.

Aside

photo (32)Gaafa Bitootessa 18,2014 ummanni Oromoo fi Ogaadeen kibba Afriikaa jiraatan walgahii mootummoonni Afriikaa 54 guyyaa hundeeffama Pan-African Prliament kabajachuuf torbaan lamaaf Afirikaa kibbaa magaalaa Johannesburg bakka Midrand  jedhamutti yeroo gaggeefatan hawaasi Oromoo fi Ogaadeen tokkummaan ta’uun miidhaa mootummaan Wayyaanee fi abbaa irree EPRDF uumattoota Ithiopia irraan gahaa jiru balaaleffachuun sagalee mormii jabaa dhageessisuun gabaafame.

Haala kanaan manni dhaabbataan African Parliament jedhamu salgalee mormii uumanni dhageessise kana dhagahuun waan barbaachisu maraan gaaffiin cunqurfamtootaa akka dhagahamu akka taasisaniif gaaffiin dhihaatee jira.

Walga

hii Pan Africa kana irratti mootummaa Ethiopia bakka bu’ee kan argamu muummicha ministeera H/Mariyam Dassalenyii fi ministeera haajaa alaa akkasumas nama biro tokko ture. Haala kanaan H/Mariyam Dassaleny walgahii kana irratti kan argamuuf ture guutummaatti haquun walgahii kana irraa osoo hin hirmaatiin hanqachuu gabaasi achi irraa nu gahe addeessa.

photo (33)

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bitootessa 18, 2014 Finfinnee ,Oromiyaa

Aside

Obboo Juneedin Saaddoo Waan gochaa tureef maal jedha laata?

Aside

OMN Qophiilee Bitootessa 19, 2014

Aside

Oromo Voice Radio Broadcast on March 19, 2014

Aside

Konsartiin HARA HARAMAAYAA wallistoota bebbeekamoo fi Jaallatamoo kanneen qabatee gama Haramaayaa qajeele. Aartii fi aadaa, siyaasaa fi dinagdee Oromoo guddisuuf qooda olaanaa taphata.

Aside

Konsartii Hara Haramaayaa

Godina Gujii mana barumsaa Shaakkisoo keessatti diddaan mootummaa Wayyaanee irratti jabaatee itti fufe.Wayyaaneenis diddaa dura dhaabbachuuf kaan rasaasaan rukkutaa kaan Jumlaan mana hidhaatti guuraa jirti.

Aside

Gabaasa Qeerroo Gujii Bitootessa 19,2014
Qeerroo OromiyaaDhiibbaan mootummaa Wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahu jabaachaa kan dhufe tahus diddaan Uummataa fi Ilmaan Oromoo Godina Gujii aanaa Shaakkisoo mana barumsaa Shaakkisoo sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa keessatti jabaatee itti fufe. Mootummaan wayyaanee gaaffii Uummataa fi barattoota Oromoo saaminsi warqee haa dhaabbatu, Ilmaan oromoo qabeenya isaanii irraa fayyadamtoota haa tahan malee miidhamtoota tahuu hin qaban kan jedhu dura dhaabbachuuf wayyaaneen barattootaa fi Uummata rasaasaan tume. Ilmaan Oromo rasaasa mootummaa wayyaaneen rukkutamanis

1. Dargaggoo Bezzaabbish Gurmeessaa
2. Dargaggoo Dastaa Waaree
Barattootni baay’inaan shantamaa ol tahan mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu, kanneen keessaa
1.Barataa Caarii Caanaa
2. Barataa Ahmed Waariyoo
3. Barataa Booruu Duubee
4. Barataa Nageessoo Geedoo
5. Barataa Geetachoo Damissee
6. Barataa Wandimmuu Areerii
7. Barataa Gammachiis Biluu
8. Barataa Jamaal Aagaa
9. Barataa Bayyanaa Jaarsoo
10. Barattuu Falmattuu Galgaloo
11. Barataa Balii Caaccuu
12. Barataa Bunoo Shaggoolaa
13. Barataa Shaambal Galchuu
14. Barataa Kiflee Areerii
15. Barataa Waaree Kottollaa
16. Barataa Badhaadhaa Jamaal
17. Barataa Kiflee Jiisoo
18. Barataa Hoteessaa Sooree
19. Barattuu Caaltuu Birbirsaa
20. Barataa Guyyoo Bakkalchaa
21. Barataa Tamasgeen Addunyaa
22. Barataa Sanyii Dinqaa
23. Barataa Bakkalchaa Oddoo
Keessatti argamu. Mootumman wayyaanee diddaa gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuuf duula hidhaa Jumlaan gaggeessitus diddaa jabaatee itti fufuun mootummaa wayyaanee dhiphina keessa seensisee jira. Mootummaa wayyaanee butute harka wal qabannee dhuma itti haa goonuun dhaamsa qeerroo Godina Gujiiti.