Hardha Illee Waayee Keenya Akkas Jedhu.

Aside

Ebla 3,2014  Yuuniversitii Jimmaa Irraa

Amma illee akkuma kaleessaa jechoota dadhabaa fi jibbiinsa sanyii balfattummaa irraa kan ka’een ilmaan Habashaa xiqqeenyaa fi balfattummaa uumata Oromoo irratti olola daangaa hin qabne gaggeessaa jiru. Dabtarooti Habashaa bara doofummaan kan barreessanii olitti har’as beektota warri jedhaman ummata Oromoo xiqqeessuu fi akka saba seenaa hin qabneetti jechoota arrabaafii balfii qabuun waa hedduu jechaa jiru.

Yeroo ammaa kanattis barruun “ Hinquu” jedhamu biyya Itoopiyaa keessatti dhaabbiilee barnoota ol-aanoo biyyattii hunda irra raabsamuun Library Yuuniversitootaa fi manneen barnootaa keessatti tamsaasamaa jira.Barruun kun kan chaappaan irratti rukutame yeroo ta’u kan guutummaatti saba Oromoo akka sabaattis ta’e akka biyyaatti mirgaa fi eenyummaa isaa xiqqeessuun maxxanfame.

Yuuniversitii Jimmaa Social Library keessaa hogganis Qeerroo godina dhihaa waan argee fi dubbise akka dhaametti barruu kanatti maxxanee jiru qalbiin dubbisuun ilmaan Oromoo irraa eegama.

 

Oromo Voice Radio Broadcast on April 2, 2014

Aside

ቄሮ -የኦሮሞ ወጣቶች ለነፃነት ንቅናቄ ድምጵ/ Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Ebla 1,2014 Afaan Amaariffaa

Aside

TOKKUMMAAN DHAADANNOO FI HAWWIIN HIN DHUGOOMU ! kutaa 2ffaa

Aside

SEENAA Y.G(2005) kutaa 2ffaa.

barruuYaada koo har’aa , yk kutaa 2ffaa, qabxiilee lama, kan kutaa 1ffaa keessatti itti fayyadameenin eegala. “Tokkummaan nu barbaachisu maal irratti ? Tokkummaa nuuti barbaannu,tokkummaa maaliitii ? Tokkummaa Bara Abbaa Biyyaa turreeti ? Tokkummaa Bara Gadaan tureetii ? Tokkummaa Dhiigaatii ? Tokkummaa Siyaasaatii ? Tokkummaa Ummataati ? Tokkummaa Dhaabbilee Siyaasaatii ? Tokkummaa Sabummaatii ? Tokkummaa yaadaatii ? Tokkummaa ejjannoo Siyaasaatii ? Tokkummaa Qabsootii ? Tokkummaa Ilaalchaatii? ? Tokkummaa jireenya hawaasummaatii ? Tokkummaa Amantii fi Gandummaa dhiifnee waliin jiraannudhaa ? Tokkummaa maalii barbaanna ? Tokkummaa Bilisummaa dura Qabsoo keenyaaf barbaachisu moo, kan Bilisummaan boodaati ?,,,,,,,,,,,”(kutaa 1ffaa keessaa ka fudhatame)

Egaa tokkummaan nuuti barbaannu kana hundaa kan hammatu ykn garii isaa fudhatee isa kaan dhiisu, ykn amma kan nu barbaachisu tokkummaa isa kanadha ! jennee yaada mataa keenyaa tarrisuu dandeenya ta’a. mee tokkummaa nuuti hawwinu kana waliin, Lammiilee keenya addunyaa kana keessa hanga jiraatanitti, Amallis, beekumsis, qalbiinis, jabinnis , laafinnis kkf horachuun isaanii waan hin hafne. Kan Umamaa amala gara garaa badhaafamees akkasuma. Namoota armaan gadii (kutaa 1ffaa keessaa kan fudhe) yaada, ilaalcha, fedhii fi amala adda addaa qaban kunniin, akka hawaasaatti Tokko taasifna yoo jenne ni ta’aa ? bara falmaa diddaa gabrummaa gaggeessinu kana keessa kana hundaa Ummta keessatti tasgabbeessuu dandeenyaa ? yoo ni yaalla jennee ni milkoofnaa ? namoota amala adda addaa qaban kana ammoo, gara Qabsootti galchaatii xiinxalaa . Mooraa qabsoo keessatti maal uumu?? Tokkummaa hawwiinun ala, kakuu lafeen gootawwanii naa haa waraanuu san ni dhugeessuu ? Tokummaa wareegama barbaadu nu goonfachiisuu ? haalli kun nu hin mudannee ? miidhaa maalii nu irraan ga’e ? irra deebi’ukootti hin nuffinaati irra deebi’aa dubbisaa xiinxalaa.

TOKKUMMAAN DHAADANNOO FI HAWWIIN HIN DHUGOOMU !!!! kutaa 2ffaa.docx

Walaloo “Dhaamsa koo”

Aside

Firehiwot Guluma Tezera irraa

Firehiywot GulummaaLammikoo gurra naaf ergisi

Obsaan callisaan na caqasi

Sumaaf jedheetani dhagahi

Dirqama lamummaa kee bahi

Ani kunoo bahuuf kutadhee

Ka’e zinnarakoo hidhadhee

Na hin qabinaa

Na hin dhoowwinaa

Hidhadhe ani qawweekoo

Deebisuuf lafa abba koo

Hin dhiisu ani waan koo

Har’aa kaasee soda maaliiti

Kan bitamnu hanga yoomiiti

Dacheen tun kan eenyuuti

Kan irrati wal bitu sanyii ormaati

Gumaa jaallanii eenyu kan baase

Mee naaf himaa hunduu ni callisee

Nutiif jedhanii wareegamanii

Lafee isaanii danqarsanii

Har’aa tanaan nu gahanii

Nu hundinuu ni callisnee

Hanga duriituu hanqannee

Dubbachuudhaa dadhabnee, burjoojofnee, dhamaanee,

Guutummaa Walaloon Kanaaf:-  walalo.docx

SBO Ebla 02 Bara 2014 – Ibsa ABO Oduulee fi qophii biroo qabnu faana bu’aa

Aside

Hiriyaa malee michanii – Geggeessaa malee galan.

Aside

barruuJiituu Lammii irraa

Dur dur, ilmoolee qeerransaafi re’eetu walitti michi jedhama. Guyyaa guuyyaa waliin taphataa oolanii galgala gara gara warra isaaniiti galu. Gaaf kaanittiin qeerransi “…har’a eessa oolte….?” Jettee ilmoo ishee gaafannaan, ilmoonis eenyu waliin akka oolte tokkoo lamaan itti himti. Gaafa kana haati hedduu aartee “…kana booda yoo isaan argite toftaan ittisiqii qabii nyaadhu…!” jettee gorsiti. Akkuma kana edaa haatii re’ees mucaan ishii eenyu waliin akka ooltu waan barteef, “… ilaa yaa mucaa koo, diinni hamaan sanyii keenya lafarra fixaa jiru warra kanaa, lamuu fuullee jara sanaatti hinbayiin.…” jechuun jabeessitee akeekkachiifte.

Gaaf kaanittiin ilmoon qeerransaa barii kaatee, fuulleetti baatee, “…yaa ijoollee kaleessaa…. Koottaa nitaphannaa…” jettee sagalee jabaadhaan waamte. Ilmaan re’ees dursanii dubbii jiru waan baraniif, “… isa haatee sii malte… keenyas haati nuu malteettii… nagaatti… nagaattii…!!” jedhaniin jedhama. Warri wal dhagahu, warri mala waliif himu akkasiin badiirra wal oolfata. Gara dubbii koottan darba.  Hiriyaa malee michanii

OLF Statement on the latest violent clash between Borana and Guji Oromo

Aside

abo

Using Bloodshed to perpetuate their Rule- a Standing Policy of Ethiopia’s Rulers.
OLF Statement on the violent clash going on in southern Oromia

Since the violent formation of the Ethiopian empire three generations ago, Oromia and Oromo have been in constant conflict, instability, poverty and ignorance. The violence is applied either directly by the regime or through agents instigating conflict between neighbouring peoples or even tribes. Oromia and Oromo, who happen to be the main base of this empire, have borne the brunt of this violence.
Oromo suffered shocking extermination and mutilation, including severing of males’ limbs and females’ breasts, for resisting the imperial conquest. They were disfranchised of their land and dehumanized by reducing them to serfs and distrusting them, along with their dispossessed lands, to serve the victor militia forming the “neft’egna” (arms-bearer’s) system. Conflict was instigated with all the neighbours projecting Oromo as threats so that they would never think of resisting any more. Thus Oromo has to pay sacrifice in lives and property simply because of the possibility of being a threat in the future.
The current Tigray People’s Liberation Front (TPLF) regime, that usurped the power in 1991, is a good mirror of the successive regimes of Ethiopia in executing this policy. Under the pretext of development it evicted tens of thousands of Oromo from their ancestral land to sell to rich companies and enrich themselves. It dismissed hundreds of Oromo youth from higher education institutes and put them in jail under flimsy excuses for constant torture, to deprive Oromo of native intellectuals. Countless Oromo have disappeared; tens of thousands have fled their country.
The regime has intensified conflict-instigation between neighbouring peoples and Oromo by arming elements from the other side and presenting itself as a mediator. The case of such elements from Somali, Gumuz, Geede’o, Burji and Afar, with the neighbouring Oromo is a vivid example. They even applied the same policy between Oromo’s own tribes. The latest of such a case is the conflict that is going on between Boran and Guji Oromo tribes in the South.
This conflict, that has been instigated by agents of the regime and is going on for days, has claimed about one hundred lives and considerable property. It is obvious that the regime can stop this immediately has it not been a party to it. There is no better evidence than this for the relation of enmity between this regime and the Oromo people.
The OLF expresses its deepest grief at this conflict and holds responsible and condemns the TPLF regime for instigating and perpetuating it. The OLF calls the Oromo elders, intellectuals and youth to be aware of this enemy schemes to weaken the Oromo unity and discharge their national traditional duty by intervening to immediately stop this conflict and reconcile those involved.
Vicroty to the Oromo people!
Oromoo Liberation Front
March 31, 2014

Read More:- 

Ibsa ABO- Walitti Bu’insa Booran-Gujii irratti- Bitootessa 31, 2014.pdf

OLF Press Release on Boren-Guji Clash- March 31, 2014 – English.pdf

OLF Press Release on Boren-Guji Clash- March 31, 2014 – Amharic.pdf

Oromo Voice Radio Broadcast on March 29, 2014

Aside

SBO Bitootessa 30 Bara 2014 – Oduu fi qophiilee keenya kan Dhageenyee fi Dubbifne irraa dabalatee waan gara garaa qabnaa nu caqasaa

Aside