Wallagga Aanaa Bonayyaa Magaalaa Biilloo Keessatti Gootonni Barattooti Oromoo Diddaa Finiinsan.
- Gaaffiin Ummata Oromoo haa deebi’u.
- Finfinneen biyya Oromootaati.
- Oromiyaan haa bilisoomtu.
- Alagaan nu hin bulchuu.
- ABOn nu haabulchu .
- Minilik diina Oromooti!
Haala kanaan loltooti Wayyaanee fi poolisoonni Federaalaa barattoota magaalaa kanaa irratti rasaasa dhukaasuu fi bittimsuu yaalan illee duubatti deebisuu hin dandeenye.
Gabaasi bakkoota kaanis haaluma kana ibsa.Qindoominaan itti fufna!
Dhiigni bilisummaaf dhangala’aa, yaa’aa,
jiru, ibidda tahee diina gubee daaraa
haa godhu, bishaan tahee dheebuu
bilisummaa haa Saba baasu.