Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Qophii Adoolessa 17,2014

Aside

Wallagga,Dambii Dolloo Keessatti Loltooti Wayyaanee Moggaasa Agaaziin Sosso’an Wal Reeban.

Aside

Adoolessa  17,2014 humni waraana Wayyaanee naannoo Dambi Doolloo qubsiifame FDG naannoo sanatti ta’aa jiruun wal qabatee wal dhabbiin jidduu isaaniitti daddaraaraa kan dhufe yeroo ta’u. Tarkaanfiilee uumanni naannoo sanii fudhatuu fi diddaa sirna Wayyaanee argisiisan irraa kan ka’e loltoota goosaan Oromoo hin ta’iin heddumminaan naannoo san qubachiisan.Haala kanaan kan ka’e rakkoon keessatti uumame daran jabaachuu irraan guyyaa har’aa Adoolessa 17,2014 mooraa keessaa wal baasuun reebicha wal irratti raawwataa akka jiran gabaasi Qeerroo naannicha irraa ibsu addeessa.

Haala kanatti kan baarage mootummaan Wayyaanees battalatti araaraf sababa jedhuun lolotoota Federaalaa bakka dhufanii hin beekamne heddumminaan gara Magaalaa Dambi Doollootti galchaa akka jirus gabasi kun hima.

Haalli kun naannoo DD qofa osoo hin taane bakkoota adda addaa waraanni Wayyaanee qubatee jirutti rakkoon fakkaataa akka argamaa jiru dha.

Gama biraan barattooti Oromoo Yuunversitii keessaan boqonnaaf maatii isaanii dubbisuuf gara Dambii Doolloo,Gidaamii  fi  Anfillootti gala jiran buufata konkolaataa irraa eegalanii hamma ganda galaniitti akka sakata’amaa jiran beekame.

OMN: Qophii Addaa (Ob. Daawud Ibsaa, Kutaa 3ffaa), Adoolessa 17,2014

Aside

Mootummaan Wayyaanee shira sabaa fi sablammootaa walitti buusuu mala jireenyaa godhatee itti fufe.

Aside

Adoolessa 17,2014 D.Dawaa

Mootummaan Wayyaanee Impaayera Itoophiyaa keessatti Uummata nagaa walitti buusaa jiraachuu akeeka kan godhatee fi kan ittiin as gahe ammas daran itti fufuun sabaa fi sablammoota biyyattii keessaa sababa daangaadhaan walitti buusaa jira. Godina Harargee lixaa Mi’eessoo ganda Faayoo bakka Bakka Gaara Soofii jedhamutti lafti Kun Sumaalotaaf tahuu qaba jechuudhaan mootummaan wayyaanee Uummata Oromoo fi Sumaalee walitti buusaa jira. Haala kanaanis Ilmaan Oromoo sadii kan lubbuun isaanii bahe yoommuu tahu Sheik Mohaammed Ziyaad Maanguddoon waggaa 70 keessatti argamu. Wayyaaneen sabaa fi sablammoota walitti buusuun umrii isaa dheereffachuuf jedhcha waan tattaafataa ture ammas itti jira, Uummatni Oromoo aadaa nama waliin jiraachuu fi Kabaja Saba kamuufuu jabeeffachuun xiyyeeffannoo mootummaa Wayyaanee irratti akka taasisu dhaamsa dabarfanna.

Barataa Mootii Mootummaa Abdii barreessaan kitaaba “Qaroo Dhiiga Boosse” Humnoota Tikaa Wayyaaneen Ukkaamfame.

Aside

Barataa Mootii Mootummaa AbdiiBarataan Yunversitii Wallaggaa Fincila Diddaa Gabrummaa fi Mormii Master Pilaanii magaalaa Finfinnee Barattootni Oromoo Yunversitii Wallaggaa geggeessan keessaa harka qabda; kanneen qindeessan keessas jirta jedhamuun mootummaa wayyaaneen barnoota isaa irraa kan ari’ame magaalaa Finfinnee keessaa humnoota tikaa wayyaaneen ukkaamfamee bakki buuteen isaa dhabame.

Yunversitii Wallaggaatti barataa Muummee Civil Engineering waggaa 3ffaa kan ta’e barataa Mootii Mootummaa Abdii jedhamu FDG fi mormii master pilaanii magaalaa Finfinnee barattoota Oromoo Yunversitii Wallaggaan geggeeffame keessatti hirmaatteetta; akkasumas kanneen FDG qindeessan keessatti argamta kan jedhuun mootummaan wayyaanee fi ergamtootni isaa dharaan yakkuun barnoota isaatti akka hin deebine murtii ariisaa (dismisal) kan irratti murteessan oggaa ta’u, kunuu isaan gahuu didee, Adoolessa 14,2014 magaalaa Finfinnee naannoo Piyaassaatti guyyaa keessaa sa’aa 12:00 irratti humnootni tikaa sirnichaa ukkaamsanii fudhatuun bakka buutee isaa akka dhabamsiisan beekameera.

Humnootni tikaa sirna wayyaanee barataa Mootii Mootummaa ukkaamsanii fudhatan namoota shan oggaa ta’an, isaan keessaa tokko kana dura magaalaa Ambootti tika wayyaanee kan turee fi yeroo ammaa Adaamaadhaa kan hojjetu nama maqaan isaa Tasfaayee jedhamu ta’uunis barameera.

Barataa Mootii Mootummaa Abdii barreessaa kitaaba “Qaroo Dhiiga Boosse” jedhamuu oggaa ta’u, sabboonummaa Oromummaa nama qabu akka ta’es kanneen isa beekan ibsaniiru.

Mootummaan Wayyaanee akkuma ilmaan Oromoo hedduu ukkaamsee nyaataa turee fi jiru barataa Mootii Mootummaa Abdii irrattis yakka fakkaataa raawwachuun isaa hin oolu kan jedhan hiriyootni isaa, ilmaan Oromoo biyya ambaatti argaman dararaa fi lubbuu ijoollee Oromoo hidhaa keessatti argamanii hambisuuf kanneen mirga dhala namaaf falmanitti iyyachuufii jabeessanii akka itti fufan dhaamsa dabarsaniiru.

OMN: Qophii Addaa (Ob. Daawud Ibsaa, Kutaa 2ffaa) Adoolessa 16, 2014

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, July 16, 2014

Aside

OMN: Gaafifi Deebi Ob. Daawud Ibsaa , Adoolessa 14,2014

Aside

SBO Adoolessa 16 Bara 2014 Oduu fi Qophiilee adda addaa

Aside

Oromoota 60 ta’an Kanneen Wallagga,Magaalaa Najjoo Irraa Hidhaman Irratti Manni Murtii Wayyaanee Ragaa Sobaan Himata Bane.

Aside

Gabaasa Qeerroo magaalaa Najjoo Adoolessa 15,2014

Qeerroo bilisummaaKanaan dura FDG magaalaa Najjoo keessatti gaggeeffameen ilmaan Oromoo magaalaa Najjoo keessatti qabamanii mana hidhaa Wayyaanee EPRDF itti jumlaadhaan guuraamanii hidhamuu fi dararamaa akka turan gabaasuun keenya ni yaadatama. Haaluma kanaan ammos Oromooti 60 adda durummaan qindeessitoota FDG ti jedhamnii yakkamuun hidhamanii reebichi hamaan irraan gahamaa jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.

Oromoota 60 ol ta’an kana keessaa ammo Wallagga Lixaa keessatti akeeka ABO uumata barsiisuun FDG adda durummaan qindeesitaniittu sababa jedhamuun humna tikaa Wayyaaneen yakkamanii mana murtii godinaa kan magaalaa Gimbii irratti himataman. Kanneen keessas namoota 8 filuu dhaan galmee namootaa jalatti tarreessuun ragaa sobaan dhaddachi Wayyaanee yakka jira.

Akkaataa kanaa gadiitiin Wayyaaneen murtoo itti kennuuf jecha Oromoota kana irratti raga sobdoota irratti qopheessuun mana murtiitti dhiyeessaa jiran keessaa wal duraa duubaan:
1.Barsiistuu Yaadanii Malaakuu Garbaa.
Namoota ragaa ishee irratti bahan:-
1.1 Eebbaa Galataa Nagaasaa
1.2 Tamasgeen Gudduu Sadansaa
2.Barsiisaa Booranaa Gidduu
Namoota ragaa irratti bahaa jiran
2.1 Nigaatuu Dheeressaa Dhaabaa
2.2.Poolisii Tafarii Bantii Odu
2.3 Girmaa Saakkataa Hundee
3.Mitikkuu Nagaasaa Cammir-Barataa kutaa 11ffaa
Namoota Ragaa Irratti Bahaa Jiran
3.1 Poolisii Tafarii Bantii Oduu
3.2 Poolisii Iddoosaa Abdiif Eliyaas
4.Gammachiis Israa’el-Barataa
Namoota Ragaa Irratti Bahaa Jiran
4.1 Ifreem Bayyanaa Gammachuu
4.2 Geetachoo Addisuu Caalaa
4.3 Raggaasaa Dhaabaa Galataa
5.Lammeessaa Malaakuu Garbaa-(Shufeera)Obboleessa B/tuu Yaadanii
Malaakuu Garbaati
Namoota Ragaa Irratti Bahaa Jiran
5.1 Tasfaa Taaddasaa Caalaa
6.Taarikuu Ittafaa Galataa-Barataa
Namoota Ragaa Irratti Bahaa Jiran
6.1 Daani’el Aseffaa Birhaanuu
6.2 Jigaayyoo Tokkummaa Qumbii
7.Fiqiruu Tafarraa Dhaabaa-Dafqaan Bulaa
Namoota Ragaa Irratti Bahaa jiran
7.1 Alamaayyoo Negeraa Gobbuu
7.2 Abbabee Hiikaa Atoomsaa
8.Gaaddisaa Bayyanaa Qannoo
Namoota Ragaa Irratti Bahaa Jirabn
8.1 Dessaaleny Dhidhiitaa Waakkannee-Itti gaafatamaa dhimma
nageenyaa aanaa Najjoo Namootni maqaa sochii ABO faarsuu fi hojii dhaabaa hojjetaa jiru akkasuma nama ijaaraa jiru jechuudhaan himata irratti bananii gara mana murtii godinaa magaalaa Gimbii irratti deddeebisaa akka jiran gabaasni Qeerroo har’a nu gahe addeessa.