Mootummaan Wayyaanee shira sabaa fi sablammootaa walitti buusuu mala jireenyaa godhatee itti fufe.

Adoolessa 17,2014 D.Dawaa

Mootummaan Wayyaanee Impaayera Itoophiyaa keessatti Uummata nagaa walitti buusaa jiraachuu akeeka kan godhatee fi kan ittiin as gahe ammas daran itti fufuun sabaa fi sablammoota biyyattii keessaa sababa daangaadhaan walitti buusaa jira. Godina Harargee lixaa Mi’eessoo ganda Faayoo bakka Bakka Gaara Soofii jedhamutti lafti Kun Sumaalotaaf tahuu qaba jechuudhaan mootummaan wayyaanee Uummata Oromoo fi Sumaalee walitti buusaa jira. Haala kanaanis Ilmaan Oromoo sadii kan lubbuun isaanii bahe yoommuu tahu Sheik Mohaammed Ziyaad Maanguddoon waggaa 70 keessatti argamu. Wayyaaneen sabaa fi sablammoota walitti buusuun umrii isaa dheereffachuuf jedhcha waan tattaafataa ture ammas itti jira, Uummatni Oromoo aadaa nama waliin jiraachuu fi Kabaja Saba kamuufuu jabeeffachuun xiyyeeffannoo mootummaa Wayyaanee irratti akka taasisu dhaamsa dabarfanna.

1 thought on “Mootummaan Wayyaanee shira sabaa fi sablammootaa walitti buusuu mala jireenyaa godhatee itti fufe.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Mootummaan Wayyaanee Shira Sabaa fi Sablammootaa Walitti Buusuu Mala Jireenyaa Godhatee Itti Fufe |

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s