Raadiyoo Seife Nebelbal

Aside

Lixa Wallagga Najjoo,Ganda Giddaa Daallee Irratti Ijoollota 8 Irratti Yakka Malee Hidhaan Baatii 6 fi Qarshiin 400 Itti Murteeffame‏

Aside

BilisummaaGabaasa Qeerroo Magaalaa Najjoo Ganda Giddaa Daallee Irraa Hagayya 4/2014 Addeessuun guyyaa har’aa maqaa ABOtiin, farra mootummaa keenyaa,leellistuu ABO fi kanneen uummata keenya kakaasan,ABO faarsan jechuudhaan godina wallagga lixaa aanaa Najjoo ganda Giddaa Daallee jedhamutti sabboontota barattoota oromoo nama 8 irratti hidhaan baatii 6 fi qarshiin 400 itti murteeffame. Barattoota kana yeroodhaa yerootti hordofuudhaan hojii guyyuu isaanii kan mootummaa wayyaaneef dhiyeessaa ture qindeessaa mana barumsaa Giddaa Daallee kan tahe Barsiisaa Waaqgaarii Teessoo kan jedhamu ganda Giddaa Daallee keessa kan jiraatu yoo tahu ijoollotni kuni maqaan isaaniii akka armaan gadiiti:

1.Gaaddisaa Waaggaarii
2.Eebbaa Zarihun
3.Leencoo Fufaa
4.Yohaannis Birraatuu
5.Eebbaa Immiruu
6.Maatiwoos Indaaluu
7.Daanyee Gannatii
8.Toliinaa
Kanneen jedhamaniidha. Har’a itti murteeffamee mana hidhaa seenanii jiru jedha gabaasni Qeerroo magaalaa Najjoo ganda Giddaa Daallee irraa dhiyeessu.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, August 2, 2014

Aside

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Adda Addaa Irraa Qabamanii Hidhaa Ma’ikelaawwii Galan Keessaa 11 Dararaan Jabaa Erga Irratti Raawatameen Booda Gadiifaman.

Aside

Dinne GabrummaaGabaasa Hagayya 03,2014 ilmaan Oromoo balleessaa tokko malee sobaan mana hidhaa Wayyaanee Maa’ikalaawwii keessatti dararamaa turan keessaa barattootni 11 dararaan cimaa erga irraan gahamee booda hidhaa irra gadhiifamaniru.Kanneen kunis:-

  1. Falmataa Bayechaa Barataa Medicine waggaa 5ffa Yuniversiitii Jimmaa
  2. Eebbisaa Dhaabaa barataa sportii waggaa 3ffaa Yuniversiitii Jimmaa
  3. Nimoona Kabbadaa barataa barataa Seeraa waggaa 5ffaa Yuniversiitii Wallaggaa
  4. Mo’ibul Misganuu barataa laboratory waggaa 2ffaa Yuuniversiitii Wallaggaa
  5. Baqqalaa Gonfaa barataa water Engineering waggaa 3ffaa Yuunivarsiiti Wallaggaa
  6. Rattaa Dajjash barataa water engineering wagga waggaa 4ffaa Yuuniversiitii Wallaggaa
  7. Ararsaa Laggasaa barataa water Engineering waaggaa4ffaa Yuuniversiiti Harommayaa
  8. Ashannafii Margaa barataa engineering waggaa 2ffaa Yuuniversiitii Harammayaa
  9. Baraisii Jamaal barataa technica fi Ogummaa Magaalaa Dirree Dawwaa
  10. Abbuu(Guyyoo) Galmaa barataa kutaa 9ffaa Godina Boorana irra qabame umriin isaa wagga 14 kan ta’e..
  11. Alii Sheedoo barataa kutaa 9ffaa kan umriin isaa waggaa 15 ta’a Godina Boorana irra qabame kanneen keessatti argaman ilmaan Oromoo dararaan guddaa erga irrtti raawatameen booda mana hidhaa Ma’ikelaawwii keessaa gadhiifaman.

SBO Hagayya 03 Bara 2014 Oduu – Kora Gamtaa ABO Kaaba Amerikaa ilaalchisee gaaffii fi deebii gabaabaa J.Raggaasaa Oljirraa waliin geggeeffame – Hiriira nagaa fi kabaja waggaa 50ffaa WMT ilaalchisnee gaaffii fi deebii Obbo Abarraa Tafarraa waliin goonee fi qophii biroo

Aside

OMN: Gabaasa Addaa (Hiriira Hawaasa Oromoo Washington DC) Hagayya 1, 2014

Aside

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Qophii Dhuma Adoolessa 2014

Aside

Aside

Qeerroo Edit

Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsoo FDG mootummaa abbaa irree irratti gaggeessaa jiru jabeessuuf  haala yeroo irratti hunadaa’un ibsa qabxii 10 of jalaa qabu dabarse!!

Adoolessa 29,2014

Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhaabbilee barnoota Olaanoo walitti dhufuun haala yeroo irratti marii bal’aa gochuun rakkoo abbootiin irree uummata Oromoo irraan ga’aa jiranii fi turan ibsuun sirna EPRDF/TPLF/OPDO burkutaa’ee kufuuf jiru aangoo irra qaarisuuf qabsoo FDG jabeessuun furmaata ta’uu irratti walii galuun ibsa qabxii 10 baafachuun ilmaan Oromoo hundaaf waamicha gochuun marii haala yeroo irratti gaggeeffatne milkiin xummurachuu keenya ibsina.

Uummanni Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti kabaja namummaa fi abbummaa dhabuun mirga namoomaa fi dimookiraasii mootummaa abbaa irree Wayyaaneen (TPLF/EPRDF/ eega mulqamee waggaa 23faa lakaawwachaa jira. Qe’ee fi lafa isaa irratti itti dhukaafamee guyyaa saafaa ajjeefamaa jira. Qe’ee fi lafa gabbataa akaakilee fi abaabilee keenyaan eegamee as ga’e maqaa investimentii fi liiziin alagaa fi abbootii qabeenyaa aangowoo mootummaa ta’aniin afaan qawween dirqamanaii irraa buqqifamaa jiru. Qabeenyi tajaajila hawaasaaf kennan akka Hospitaalaa, Warshaalee gurguddoo, lafa albuuda qabuu fi kkf irratti gurguramaniiru.

Beektootni fi abbootiin qabeenya Oromoo Oromiyaa irratti Carraa investimentii fi hojii misooma garaagaraa dhorkatamuun biyya irra arii’atamaniiru.  Beektotni hayyootni Oromoo ani Oromoodha mirgi Oromoo kabajamuu qaba, roorroo fi hacuuccaan Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru dhaabbachuu qaba jedhanii waan dubbatan qofaaf hoomaan waraanaa itti bobbaafamee kumootan kanneen lakka’aman rasaasan ajjeefamaniru, kumoota dhibbootan kanneen lakka’aman immoo mana hidhatti guuramuun dararaa ilma namaaf hin malleef saaxilamaniiru, hidhaa keessattis ajjeefamaniiru.  Mirgi barachuu irra kaafamee barattootni Oromoo hedduun barnoota irraa dhorkamaniiru.  Qoqqobbiin siyaasaa uummata Oromoo irra kaa’amee Oromoon akka baa’ina uummata isaa, Qabeenyaa isaa fi bal’ina lafa isaatti qoodannaa  aangoo, dinagdee, hawwaasummaa, Afaanii fi aadaa illee akka carraa hin arganneef ukkamsaan siyaasaa abbaa irree uummata keenya irra kaa’ame jira. Guutummaa ibsa kanaaf:- Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 29 2014

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, July 30, 2014

Aside

Hoogganaa ta’uun uummata ofii ofitti qabuu malee taayitaa qabatanii taa’uu miti

Aside

By Tuujubee Kuussaa

 

July 30, 2014, WASHINGTON, DC (VOA Afaan Oromoo) — Dargaggoo Dararaa Molee konferensii YALI/Young African Leadership Intiative jedhamuu fi kan waggoota afur dura prezidaant Baaraak Obaamaa dhaan labsame irratti argamuuf as Gara Yunited Isteetes dhufe.

Biyya keessatti waggoota shanii fi misooma hawaasummaatti hirmaachuun kan hojjete si’a ta’u yeroo ammaa dhaaba harmee Education for Development Associatin, jedhamuu fi godina Arsii keessatti argamu keessaa qindessaa sagantaa ta’uun hojjeta.

Dhaabi kun dubartoota, ijoollee, dargaggootaa fi namoota qaamni isaanii hir’uu kanneen gandeen baadiyyaa keessa jiran gargaaruu irratti hojjeta.

Dargaggoo Dararaan garee “Youth for Action and Charity” jedhuuf dura taa’aa akkasumas waajjira mootummaa kan hojii fi dhimmootii hawaasummaa keessas hojjetee jira.

As gara Ameerikaa kan dhufe dargaggoota Itiyoopiyaa kuma lama gumii “YALI” irratti hirmaachuuf galmeeffaman gidduu dhaa kudha lama kan filataman yoo ta’u Dararaan tokko. Waa’een hooggantummaa ykn Leadership cimsee kan yaadachiisu daraggoon kun hoogganaa jechuun taayitaa irratti ol ba’anii taa’uu utuu hin taane uummata ofii ofitti qabanii rakkoo isaa hubachuun waliin hojjechuu dhaa jedha.

Source: VOA Afaan Oromoo