Oduu Ammee:-Mootummaan Wayyaanee Olola Guyyaa Boruu Eegaluuf Jecha Magaalaa Amboo Hoomaa Waraanaan Marse.

Aside

Hagayya 19,2014 Amboo

Wayyaaneen EPRDF guyyaa boruu walgahii ittiin uumata Oromoo afaan fajjeessuu kan marraa jalqabaa bifa ofii tolfateen as bahuuf deema.

barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo irraa boqonnaaf maatii bira utuu jirani, walga’iin afaan faajjiin kun qophaa’ee barattootni dirqamaan akka hirmaatan Wayyaaneen karoora dabarsite FDG gootota barattota Oromoo duraittin dhaabbachuuf jecha shira dinni Oromoo cabsee bituuf qopheesse ta’uu hubachuun goototni barattootni barattootni Oromoo shira Wayyanee dura dhaabbachuuf kutannoodhaan gara walga’ichatti aanotaa Oromiyaa irraa konkolatan guurama jiru
Sochii barattoota kana danquuf Mootummaan Wayyaanee hoomaa waraanaa daangaa irraa gara Oromiyaatti keessattuu gara Yuunibarsiitiiwwaan Oromiyaa kanneen akka Amboo,Jimmaa, Mattuu, Wallaggaa. Harammayyaa, Adamaa, Massage Walaabuu, Bulee Horaa kanneen jedhaman irra humna waranaa wayyaanee guddaan qubsiifamee uummata magalota kanneen irra jiran goolaa jira. Barattootni hedduun maqaa walga’ii kanaan wamamanii ukkanfamanii eessaa buuteen isaa illeen dhabamaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Haala kanaan guyyaa har’aa magaalaa Amboo hoomaa waraan marfamtee akka jirtuu fi sodaan FDG nutti ka’a jedhu irraa barattoota warra walitti qaban uumatatti muldhisuu didanii waraanaan qabanii akka jiran gabaasi qeerroo addeessa.

 

Faana Barattoota Yuuniversitii Irraa Boqonnaaf Galanii Hordofuun Mootummaan Wayyaanee Wallagga Keessaa Barattoota Dirqisiisuun Mattuu fi Naqamtetti Guuraa Jira.

Aside

thumbnail.aspxFaana barattoota Oromoo Yuuniversitii irraa boqonnaaf maatiitti galanii hordofuun Mootummaan Wayyaanee barattoota Wallagga Bahaa keessatti dirqisiisuun Mattuu fi Naqamtetti Guuraa jira.

FDG Oromiyaa keessatti barattoota Oromoon qabsiifame dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee waan hin godhin hin jiru,ilmaan Oromoo hidhuun,ajjeessuun,barumsa irraa ariyuun,qabeenyaa saamuun gonkumayyuu qabsoo Oromoo fi sochii diddaa gocha isaanii balaaleffachuun dura dhaabbachuu dhabamsiisu fi laamshessuu hin dandeenye. Yeroo ammaa akkuma beekamu qaamni sochii barattoota ilmaan Oromoon gaggeeffamu martiyyuu ABO tu qindeessa sababa jedhuun barattoota goolaa jira, sodaan mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa keessattii yeroo gannaa kana barattootaaf walgayi qopheessee jiraachuun isaa gama hundaan kan dhaamaamaa jiruudha,walgayiin barattoota Yuuniversitii fi Koollejjii irraa galaniif qophaayee kanatti hedduu gaabbii keessa seenanii jiraachuutu ifatti bahee jra.

Dursanii waan qindeeffatan akka qabanii fi walgayiin Hagayya gaafa 18,2014tti qopheeffame kan barattoota ilman Oromoo hunduu gara Hagayya 21,2014tti darbee jiraachuu gabaafamee jira. Kunis barattootni bakka adda addaatti wal jala dabarsuudhaan walgayiin kun akka gaggeeffamu ta’ee jira,guyyaa har’aa  Hagayya 19/2014 barattootni Wallagga Bahaa irra jiran gara Mattuutti konkolaataa Wayyaaneetiin guuramaa jiru ganama irraa kaasee. Kanneen biroos akkasuma yoo tahu sababni jijjiiramuu guyyaa walgayii kanaa maalif kan jedhuuf kanneen caasaa mootummaa keessaa dhoksaa baasanii jiran bakka barattootni walgayiin kun itti gaggeeffamutti barattoota dhalootaan saba biraa garuu Oromiyaa keessatti guddatan kan afaan beekan akka basaastummaatti qindeeffatanii waan gorfatanii fi leenjifatantu jira jedhu,kunis dursanii bakka dhoksaa dhoksaa garagaraatti waamanii leenjiin kennameefii jira,akka haaratti garuu guyyaama wal gayiin kun itti waamamee bakka itti waamamanitti barattoota waliin afeeramu ykns argamu, argamuun isaanii kun yknis dursanii waan iccitawaa ta’een gorfamuu isaanii kuni gaaffii barattootni qabatani ka’an,sochii barattootni Oromoo godhanii fi walii galatti FDGf haalota dursanii agarsiifaman dura dhaabbachuuf kan mijeeffamaniidha jedhu. Kunis dabarsanii barattoota kennuudha,doorsisi kennama jiru hanga ganaatti deemanii walgayii kana irratti hin hirmattan taanan mooraatti deebitanii barachuuf mirga hin qabdani isin keenya miti,kanaaf argamuun dirqama jechuun doorsisaa fi dirqisiisa itti jiru.

Qeerroon Bilisummaa gama isaan barattooti Oromoo hamma dandayametti walgahii kana irratti hirmaachuu irraa akka of qusatanii fi kanneen dirqisiifamuun dhaqan ammoo guutummaatti diddaa isaanii akka dhageessifatan dhaamsa dabarsee jira.

 

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, August 18, 2014

Aside

Generation fearless of death and detention destroys mountains

Aside

By Firehiwot Guluma Tezera August 18, 2014

Firehiwot Guluma Tezera

There is an Ethiopian saying “she lost what she has under her armpit while reaching for the upper shelf”. While this selfish individual tries to get hold of another, what she already has will be scattered. Lately in Habesha camp fear has spread and uneasiness has increased.

Soothing, warning, rebuking and some others were tried. Unfortunately they try to tell us that the source of their problem is the national struggle of the Oromo people. In reality the aim and goal of the struggle of the Oromo people is to get rid of authoritarian rulers and thus to achieve the right to self determination for the Oromo people based on international regulations and laws is fair. The importance of the struggle is not only for the Oromo people but for all the people of the empire who are suffering under the colonial rule. So the Oromo people trust in united struggle of oppressed people. It will and has been wedging joint struggle with forces with similar aim. In other ways Oromo people demonstrate peace in its cultural and administrational structure and supports fair unity. It helps the weak and stand for the oppressed. A good demonstration is the exemplary unity the different ethnic groups living in today’s Oromiya exhibit despite the numerous attempts by anti Oromo groups to create a rift between them.

Generation fearless of death and detention destroys mountain1.docx

ቄሮ -የኦሮሞ ወጣቶች ለነፃነት ንቅናቄ ድምጵ/ SQB Afaan Amaariffaa Hagayya 18 Bara 2014‏

Aside

Odeessa Qeerroo:- Sochiin diddaa gabrummaa Oromiyaa keessaa jabaate itti fufuun Wayyaanee raafam keessa galche;

Aside

Hagayyaa 17,2014 Odeessa Qeerroo Bilisummaa

QeerrooSochiin Dargaggoota,Barattoota Oromoo fi waliigalattii uummaatni Oromoo mirga abbaa Biyyummaa isaa kabachiifachuuf abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO irratti gaggeessa jiru daran jabaachuun mootummaa Wayyaanee raafama ulfaata keessa galchee jira.

Sochiin Qeerroo, barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoon qabsiifame kana danquuf wayyaaneen shiroota garaagaraa xaxaa kan turete yeroo ta’u uummata walitti qabuun sochii kana ABOtu gaggeessa, balaaleffadhaa jedhee godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa deemuun uummaata humna waraanaatiin walitti qabee hiriira baasuuf yaalii godheen uummaata irraa diddaa guddaan isa mudachuun ni yaadatama. Keessattuu shirri Wayyaanee kun Godinaalee dhiha Oromiyaa keessatti mormii guddaa itti kaase.

Uummaanni Oromoos ergaa gaaffii mirgaa gaaffachuu fi qabeenyaa keenya hin saamiina, dhala keenya dhukaastanii hin ajjeesinaa, mirga keenya nu sarbiina, lafa keenya irraa nu hin buqqisinaa, seeraan ala nu hin hidhiinaa, ijoollee keenya barnoota irraa hin arii’ina, mirga dimookiraasii fi namommaa nu hin sarbiina jechuun ABOdha, shororkeessadha, nama jechisiisa ta’ee ,dhibbaan dhibbatti ABO’n sirrii fi dhugaaf kan nuuf falmu ta’uu hubannee jirra jechuun uummaanni dubbatee Wayyaanee qaaneesse jira.

Haala kanaan Wayyaaneen walga’ii uummataa sadarkaa aanaa fi gandaatti godinaalee dhiha Oromiyaa Godina Lixa Shawaa, Godina Horroo Guduruu Wallagaa, Godina Bahaa Wallaggaa, Godina Lixa Wallaggaa , Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraatti haala walfakkatuun uummanni walga’ii Wayyaanee balaaleffachaa jiras. Jaalalli uummaatni Oromoo ABOf godinoota kana keessatti qabu ammaas ABO jechuun uummata Oromoo jechuudha jechuun. Utuu hin jaalatiin dhugaan qabatamaan lafa jiruu uummaatni hundi akka miseensa fi deeggaraa ABO ta’uu ta’ee jira. Sochiin Qeerroo Oromiyaa jabaate itti fufuun Wayyaanee raafam keessa galche

“Cidha Walabummaa” Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoon/Hagayya 17,2014

Aside

Uummatni Oromoo Qabsoo Uummata Kuurdish irraa maal barata?

Aside

Abbaan Iyyatu; Ollaan Birmata!

barruuBiyyootiin hara daangaasaanii seera mootummootii idil addunyaan kabajsiifatanii alaabaa isaanii dhaabbatanii qaama mootummoota gamtoomanii taan hundi tokkollee boca hara ilaallu kanaan kan dhalate hin jiru.

Hundumtuu wareegamaa qaqqaaliifi gatii guddaan itti bahee, kan eenyummaasaa mirkaneeffatedha. Biyyi tolaan kadhaatiin walaboome hin jiru.

Lafa kanarratti ilmi namaa seenaa hedduu keessa dabreera. Gabroomuun akka jiru bilisoomuunis ni jira. Biyyittii hara qaroomaafi dinagdeen addunyaa keenya dursaa jirtu United States of America irraa jalqabee, irra jireessi biyyootii addunyaa kanaa, hadhaa gabrummaa kan dhandhamanii dabranidha.

Dhugaan afaan qaban funyaaniin dubbata akkuma jedhan, gabrummaan hangamillee jabaatu kan jalatti hafu garuu gonkuma hin jiraatu!

Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle Saba gugddaa akka Oromoo, Gidduu gala Eeshiyaa kan tae, saba Kurdish jedhamuun beekamu, uummata Miiliyoona 30 tii ol taetu jira.

Sabni kun akkuma saba kamiiyyuu uummata aadaafi afaan ofii qabudha.

Haatauyyuu malee babalina amantaa wajjiin wal qabatee qabiyyeen lafa Kurdootaa kun biyyoota olla isaaniitiin liqimfamaa dhufe.

Lafti Kurdootaa karaa Bahaa kan ture, godinni Rajihilaat jedhamu, Iraanotaan nyaatamee, kunoo hara qaama Iraan Kaabaa taee argama.

Lafti Kurdootaa karaa Kaabaa kana ture godina Baakuur jedhamu ammo Turkootaan saamamee, hara qaama Kibba Baha Turk taee argama.

Lafti Kurdootaa karaa dhihaa kana ture godinni Rojaavaa jedhamu Sooriyaatiin fudhatamee, kunoo hara qaama Sooriyaa Kaabaa taee argama.

Akkasumas lati Kurdootaa karaa Kibbaa kan ture Baasuur jedhamuun kan beekamu, kunoo hara qaama Iraaqa Kaabaa taee argama.

Uummatni Oromoo Qabsoo saba Kuurdish irraa maal Barata.docx

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, August 16, 2014

Aside

SBO Hagayya 17 Bara 2014 Oduu – Gaaffii fi deebii J.Gammachuu Fayyeeraa – Ibsoota Ejjennoo fi Yaada hirmaattota Kora Gamtaa Miseensota ABO Kaaba Amerikaa

Aside