Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Fulbaana 12, Bara 2014/ Seenaa Jeneraal Huseen Bunee fi Qophiilee Adda Addaa

Aside

Qophii sagalee Qeerroo guyyaa Fulbaana 12 Bara 2014 sagantaan Afaan  Oromoo har’aa sagataalee:-

  1.  Oduu Oromiyaa keessaa,
  2. Ibsa Qeerroo Bilisummaa filannoo bara 2015 ilaalchisee bahe,
  3. Oduu gaddaa du’a Aadde Faaxumaa Galmoo
  4. Seenaa guutuu Jeneraal Huseen Bunee Kutaa 1ffaa hammateera.

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal

Aside

Qophii Simbirtuu:-   http://vimeo.com/105852772

Breaking News:-Kutaa Magaalaa Finfinnee Naannoo Nifaas Siilkii Laaftoo M/B Caamsaa 20 Jedhamuutti Sabaaf Sab-lammooti Kumaan Lakkaawam Gaaffii Mirgaa Kaasan

Aside

diddaa9 Fulbaana 10,2014 Gabaasa Qeerroo Finfinnee – FDG gootota dargaggoota Oromoon qabsiifamee jabaachuun guuyyaa har’aa Magalaa Finfinnee keessatti sabaa fi sablammoota cunqurfamoo biyyatti irraa dirmannaa argachuun jabaachuun itti fufe.

Mootummaan Wayyaanee FDG’n muddama keessa seenuun maqaa walga’ii jedhuun hojjeettoota guyyaa kanneen dhaagaa koobiliistoonii buusuun rakkatanii jiratanii fi hojjeetoota mootummaa Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Finfinnee Niigaas Siilkii Laaftoo M/B Caamsaa 20 jedhamuutti uummata kuma 12,000 olitti lakkaa’aaman waliitti qabuun olola afaan faajjeessaa ugaggeessuuftti gaggeessuun too na deeggartanii fi miseensaa koo taatan malee jiraachuu him dandeessaan jechuun uummata shororkeessaa Kan jirtu irratti Uummaatni waldammaqsuun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii qabsiisuun mootummaa wayyaanee irratti FDG qabsiisaan hanga. gaaffiin mirgaa gaaffachaa jirru deebii quubsaa argatutti FDG itti fufa jechuun sagalee guddaan dhaadannoo mirgii keenya nuufhaa kabajamuu , Walga’iin wayyaanee nuu hin ilaallatu,humnan dirqamnee walga’ii wayyaanee hin teenyuu jechuun wayyaanee irratti fincilan.

Hiriira mormii guddaa guyyaa har’aa kutaa magaalaa Finfinneettigaggeeffama jiri jana keessatti harki guddaan FDG uummata Oromoo hojii guyyaa koobiliistoonii hojechuun of jiraachisaa jiran ta’uu madden keenya Sochii kana keessatti argama nuuf ibsan. uummatni FDG kana keessatti argaman gaaffii mirga Abbaa biyyummaa fi gaaffii waa’ee master planii Finfinnee fi uummatni Oromoo Magaalaa Finfinnee irraa fayyidaa addaa argachuu qaba jechuun gaafatan.

Hogganootni wayyaanee akkuma amala isaanii walga’ii kana gaggeessa jiran miseensota ABOtu as keessaa jira jechuun ilmaan Oromoo doorsisuuf yaalaniis fincilli jabatee itti fufe. mootummaan Wayyaanee maqaa durgoo ga’aa argattu jechuun uummata waliitti qabee itti ololaa jiruu durgoo tokko illee dhorkachuun uummatni hojii guyyaan of jiraachisu beelaaf saaxilamee jiraachuu maddee keenya nuuf ibsan.

Walumaagalatti fincilichii sabaa fi sablamoota heedduu Kan hirmachisee yoo ta’uu mootummaan wayyaanee haalaan sodaa guddaa keessa galuun humna waranaa fi pooliisii federalaa uummatatti gadhisuun hidhaa, reebichii fi doorsiifni itti fufee jira gara galgalaa kana uummatni akka humnaan bittinneeffame madden keenya nuuf gabaasaa jiru. sagaalee diddaa uummataa kallattiin waraabbamee fi kanneen FDG kana keessatti argaman waliin gaaffii fi deebii gaggeessine caqasa.

ቄሮ የኦሮሞ ወጣቶች፡ ለነፃነት፡ ንቅናቄ፡ ድምፅ፡ የሳምንቱ ዜና:- September 10, 2014

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, September 10, 2014

Aside

Wallagga,Najjoo Keessa Sochiin Diddaa Uummata Dabalaa Dhufe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Wallagga Najjoo,Fulbaana 10/2014

Akkuma dura gabaasaa jirrutti lixa Oromiyaa Wallagga aana Najjoo keessatti fincilli kan itti fufaa jiruudha, odeessa ganama nu qaqqabe irraan halkan edaa magaalaa Naqamtee keessatti uummanni sakattaamaa buleera,namni daandii gubbaatti qabamee waan qabuu fi baatee deemu hunda sakattaaamuudhaan waraanni wayyaanee uummata goolaa jiraachuutu dhagayama. Ammas akka odeeffannoon nu qaqqabaa jirutti magaalaa Najjoo keessatti akkuma naannolee biroo sakattauudhaaf humni waraanaa gara sanatti ergamee jiru uummatatti bobbahee jira, kaayyoon isaanii uummata keessa humni WBO galee kan jiruu fi akkasuma sochiin uummata gidduutti gaggeeffamu haal

isaan sodaachisa jiru waan taeef jiraataan magaalaa Najjoo naannolee dabalatee sakattaamuu qaba kan jedhu humni waraanaa achirratti ramadamee kan jiru yoo tahu uummanni aanichaa humna waraana wayyaanee kana dura dhaabbachuun diddaa isaa mulisaa kan jiru tahuutu gabaasni Qeerroo addeessa. Akkasuma kan mootummicha yaaddessu naannolee adda addaa irratti tarkaanfiin fudhatamaa kan jiru kan akka shawaa lixaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jiruudha, jaleewwan mootummaa wayyaanee kan uummata hiraarsuu fi diinaaf saaxiluu irratti argamanii jiran irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira, kunis mootummaa wayyaaneetti yaaddoo guddaa taee kan jirudha, toohachuu kan hin dandeenye,mootummaan wayyaanee waraana isaa humnatti fayadamuudhaan uummata keessa bobbaasee kan jiruudha, gocha isaa irrattis uummanni Oromoo balaalefachuudhaan waraqaa garagaraa fi sochii qabsoo kan agarsiisa jiraniidha, sochiin uummataa fi barataa aanaa Najjoo keessa jiru yeroo ammaa mootummicha kan yaaddessaa jiru tahuu isaa gabaasni Qeerroo nu gahaa jira.

SBO Fulbaana 10 Bara 2014 Oduu – Barruu Jiituu Lammii fi Gaaffii fi deebii Art.Kadir Sa’id kutaa 2ffaa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Raadiyoo Oromoo fi Sagalee Seife Nebelbal Fulbaana 8,2014

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Fulbaana 8,2014

Aside

FDG Aanaa Manasibuu Magaalaa Mandii fi Aanaa Najjoo Keessaa Itti Fufe,Humni Waraana Wayyaanee Dachaadhaan Lixa Oromiyaa Qubate‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Magaalaa Najjoo Irraa Fulbaana 8,2014

diddaa9FDG Lixa Oromiyaa Aanaa Mana Sibuu Magaalaa Mandii fi aanaa Najjoo keessatti ka’e, waraanni wayyaanee iddootti hin hafne buqqa’ee lixa oromiyaa irra qubate,sabboonti barattootni oromoo lixa oromiyaa yuuniversitii irraa baratan walgayii yuuniversitii Naqamtee fi Gimbii irratti teessifamaa turan mufannaa fi aarii guddaadhan walgayii qondaalonni Wayyaanee guyyoota 15f gaggeessaa turan xumuranii galan,battaluma gara qe’eetti galaniin uummata kaasuudhaan FDG uummata waliin itti fufan. Akkuma duraan gabaasaa turre gaaffin mirgaa hedduun barattootaan ka’ee ture,qondaalonni Wayyaanee kuni gaaffii barattootaa deebisuuf ofitti amanamummaa waan dhabaniif, sodaa abba biddeenaa isaanii TPLF waan sodaataniif gaaffiin barattoota hedduun deebii argachuu qabu dubbii dadhabbinaa ta’ee hafe,mirgi barataa eegamuu qaba jedhanii walgayii irratti kan odeessaa turan gaaffiin kun utuu hin deebii’in mirga kamtu hojii irra oole kan jedhuun barataan yeroma xumura walgayii irrattiyyuu yaadaa fi ka’umsa fincilaa karoorsee gara qe’eetti gale, Guyyoota lama dura waraqaan dhaadannoo gaaffii mirgaa mootummaan wayyyaanee gaafatamaa ture ilaalchisee deebiin dhabamnaan gandaa fi aanaa Manasibuu keessa tamsaasuudhaan halkan tokkichatti uummata kaasanii jiru, kun Fulbaana 6 fi 7 akka tahe odeessi kan ibsu,waraqaan aanaa Manasibu magaalaa Mandii keessatti faca’ee bule barattootaan:

  1.  Mootummaan wayyaanee gaaffii uummataa deebisuu irraa tarkaanfii ajjechaa fi hidhaa itti fufuu waan karoorseef yaaa uummata Oromoo kaanee mirga keenya haa falminu
  2. Tokko-shaneedhaan qote bulaan keenyaa hin hidhamin, kun diinaaf saaxilamuu waan ta’eef tokko shaneen wayyaanee ganda keesatti diriirfatte kuni ammaa kaasee diigamuu qaba,
  3. Mirgi barataa ni eegama jedhamee kan dubbatame soba,gaaffiin haqaa gaafatamee jiru waan deebii nu dhorkaniif mirgi hin jiru mootummaan wayyaanee sobduudha,
  4. Barataan gaaffii saba isaa bakka bu’ee gaafate maalif mana hidhaa keessatti dararama, hidhamaan keenya haa gadhiifamu,ta’uu baannan qabsoon keenya uummata keenya dabalatee itti fufa,
  5. Diinni utuu nun seenin, utuu nurratti hin jabaatin,tokkummadhaan kaanee lollaa ka’I yaa Oromoo,
  6. Oromiyaan bilisoomuun qabsoo uummata isheetiin waan ta’eef uummanni oromoo dammaqee diina waliin fincila itti fufuu qaba,
  7. Fincila booda gara hiree murteeffannaatti dhufna qote bulaan,daldalaan,barsiisaan hojjetaan garagaraa diina dura dhaabbachuuf haa kaanu,
  8. Seenaa ABO kan hin beekne mootummaan wayyaanee amma irraa kaasee dhaabuu qaba,
  9. Maqaa shororkeessuumaan dhaaba keenya ABO yakkuun haa dhaabbatu,
  10. Mirgi shamarranii fi hoj-dhabdootaa haa eegamuu
  11. Oromiyaan ni bilisoomti,
  12. Muktaar Kadir Oromoo bakka bu’uu hin danda’u, Oromoof kan dhaabbatan,dhiiga Oromummaa kan qaban haa filaman,

Kan jedhuun guyyoota lama dura magaalaa Mandii keessa barattootni walgayii irraa galan barruu bittimsanii turan,sochii fi kaka’umsi uummataa aanaa Manasibuu irratti ta’e gara magaalaa Najjootti cehuudhaan kaleessaa fi har’a jechuun Fulbaana 7 fi 8 sochiin jabaatee waan dhufeef humni waraana wayyanee federaala irraa Fulbaana 6 irraa kaasee halkan halkan gara sanatti guuramaa jiru,naannoo san kan qubatee jiru hanga har’aattis kan baayyinni isaa dabalaa dhufe  halkan kaleessa Fulbaana 7 irraa kaasee aanaa Mandii,Najjoo fi naannoo isaa halkan sa’a 3:00 booda namni deemuu akka hin dandeenye ta’ee,namni daandii irra socho’u sa’a sadii booda humna waraana wayyaaneen qabamee reebamuu fi hidhamuu kan irratti raawwataa jiru tahuu isaa fi hawaasni jiraattootni lixa oromiyaa akka walii galaatti mootummaa wayyaanee mufachuudhaan fincila gaggeessuu irratti akka hiriiraa jiran gabaasni Qeerroo Mandii irraa addeessa.