ቄሮ የኦሮሞ ወጣቶች ለነጻነት ንቅናቄ ወቅታዊ አቋም

Aside

ከሕዝባችን ነጻነት የቀደማ አንዳችም ጉዳይ የለም!

Qeerroo

የትግላችን ጅማሬዉናፊጻሜዉ ፣ መነሻዉና መድረሻዉ ፣ዉጥኑናግቡ – ሁለነገሩ የሕዝባችንን ነጻነትማረጋገጥ ነዉ።ይህ የሕዝባችን ነጻነትሺዎች የተሰዉለት፣ሚሊዮኖች የሚዋደቁለት፣ኣእላፍ የታሰሩላትናየሚሰቃዩለትአሁንም ሚሊዮኖች ለገቢራዊነቱ  የሚሻሙበት  ታላቅ ዓላማ ነዉና ከሕዝባችን የነጻነት አጀንዳ የቀደማ ኣንዳች ጉዳይ የለንም -የሕዝባችን ነጻነትከምንምና ከማንም የላቃብቸኛጉዳያችን   ሆኖ እስከፊጻሜዉ ይቀጥላል።

የኦሮም ሕዝብ ከተወራራሽ ወራሪ ኃይሎች አገዛዝ ተላቆ ብሔራዊ ነጻነቱ ና ሰብዓዊክብሩ እስክረጋገጥድረስ ፤እንድሁም የኦሮሞ ነጻነትና የኦሮሚያ ሉዓላዊነት ዕዉን ሆኖብሔራዊ ሰንደቁ በዓለም ለይ ተገቢዉን ስፍራ እስከሚይዝድረስከተያያዝነዉ የፀረ ባርነት ፊልሚያ መስመር ለኣፍታምእንኳቢሆንየሚያዘናጋንአንዳች ገደድ (concern) አይኖረንም። መታሰራችንመገደላችንመሰደዳችንኣልያም ብረት አንስተንለነጻነት ፊልሚያመዉጣታችንለዚህ ክቡር ሰአብኣዊ ተልዕኮ ነዉና ምንጊዜም በኩራት እናስበዋለን።

የጭቆና መንበሩን የተቆጣጠሩ የዘመኑ ወራሪዎችም ሆኑ የቀድሞ ዐሃዳዊ መንግስት ናፋቂዎች በሕዝቦች የጸረ ባርነት ትግል የተናወጠዉን የአገዛዝ መንበራቸዉን ለማጥበቅ አልያም የፈረሰዉን የዐፄ ዙፋናቸዉን መልሶ ለማጽናት በመሻኮት ላይ ስለመሆናቸዉ በዉል እንረዳለን። ለዚህ ዓላማቸዉ ስኬት ደግሞየሕዝባችንን የነጻነት ጥያቄ ለማደናቀፍኣሊያምከተቻላደግሞ  ለማምከን በገሃድም ሆነ በስዉር  ፣  በተናጠልም ሆነ በጋራ ያልተቋረጠጥረት እያደረጉ እንደሆነለመረዳት የየዕለት እንቅስቃሴያቸዉን ከማጤን ያለፈ ሌላ ተዓማኒ መረጃ መፈለግ ኣያሻም።በመሠረቱ የኦሮም ሕዝብ የነጻነት ትግል ማንም ልገዳደረዉ የማይችል ደረጃ ላይ ስለመሆኑ ከነዚህ ኃይሎች ግንዛቤና ዕይታ የተሰወረ ነዉ ቢሎ ማሰብ ኣይቻልም።  ሆኖም ግንመሠረታዊ አፈጣጠራቸዉም ሆነ የሚከተሉት የድንቁሪና መንገድበተጨማሪ አስተዋይነት የራቀዉ  የትምክህት አስተሳሰባቸዉ ዛሬም ራሳቸዉን ከነባራዊ ዕዉነታ ጋር ኣስታርቀዉ፣የሕዝቦችን መብትና ፍላጎት ተረድተዉኢምፓዬርቷን እያናጣት ላለዉ ሕዝባዊ ጥያቄ ዓለም አቃፋዊ ድንጋጌዎችን በተከተላ ስልጡን አካሄድኣዎንታዊ ምላሽ ለመስጠት ኣላስቻላቸዉም።ስለሆነምአሳፋሪና ወራዳ አካሄዳቸዉን የሙጥኝ ብለዉታል።  ይህን በማድራጋቸው ያተረፉት ነገር ቢኖር የሕዝቦችን ሁለንተናዊ ሕይዋት ማቃወስናኢምፓዬሪቷን መዉጫ ወደማይኖረዉ አደገኛ ቀዉስ ማምራት ብቻ ይሆናል።ቄሮ የኦሮሞ ወጣቶች ለነጻነት ንቅናቄ ወቅታዊ አቋም

Godina Lixa Shaggar keessatti goototni barattootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa Amboo walga’ii afaan fajjeessa mootummaa abbaa irree Wayyaanee irratti iyyannoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa qabxii 11 qabate galfachuun diddaa guddaan walga’ii Wayyaanee dura dhaabbatan.‏

Aside

Onkoloolessa 03,2014 Amboo

diddaa9Godina Lixa Shaggar keessatti goototni barattootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Amboo walga’ii afaan fajjeessa mootummaa abbaa irree Wayyaanee irratti iyyannoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa qabxii 11 qabate galfachuun diddaa guddaan walga’ii wayyaanee dura dhaabbatan.

 Mootummaan Wayyaanee waan qabee gadhiisu dhabuun maqaa Walga’ii jedhuun Dhiphachaa jiru, yeroo amma kana barattoota Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa keessatti  humna poolisiitti fayyadamuun walitti qabuun dirqamaan walga’ii dirqamaa teesisaa utuu jiru barattootni oromoo manneen barnootaa Amboo fi naannoo isheetti argaman kanneen akka:
1ffaa M/B Liiban Maccaa Amboo  sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa fi 10ffaa
2ffaa M/B Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Amboo, keessatti barattootni wayyaaneedhaan dirqamaan  walitti qabamanii teesifaman walga’iin wayyaanee walga’ii uummata keenya garboomsuuf teesifamu waan ta’eef hin fudhannu jechuun mormii itti qabsiisuun Iyyannoo dhiyeeffachuun guyyaa kaleessa walga’iin wayyaanee utuu hin teesifamiin mormii kanaan ugguramee jira,
Haaluma walfakkatuun Barattootni Oromoo sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina barachaa jiran manneen barnootaa kanneen akka:
3ffaa M/B Giincii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa,
4ffaa M/B Dandii Sadarkaa 2ffaa
5ffaa M/B Gudar sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa,
 6ffaa M/B Xuuqur Incinnii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina Dirree Incinnii,
7ffaa M/B Midaa Qanyii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa
8ffaa M/B Jalduu  sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina
9ffaa M/B Geedoo sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa keessatti barattootni Oromoo Walga’iin Wayyaanee nu hin ilaallatu, Wayyaaneen waraana nutti bobbaasee utuu nu ajjeesaa jiruu walga’ii wayyaanee taa’uun bu’aa hin qabu jechuun mormii fi gaaffii mirga abbaa biyyummaa ergamtoota wayyaanee irratti qabsiisuun waan qabdee gadhiiftu dhabuun ergamtootni Wayyaanee wawwachaa jiraachuun ibsame jira.
Barsiisotni hogganootni manneen barnoota kanneenii akka leenjii barattoota kana dabballoota wayyaanee waliin gaggeessaniif dirqisifaman illee nuti gaaffii barattootni nutti kaasaniif/gaafachaa jiraniif/  deebii deebifnuuf hin qabnu waan ta’eef hin hirmaannuu jechuun manneen barnoota akka Gincii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi mana Barumsaa aanaa Dandii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa keessatti mormii waan kaachiisaniif  walga’ii wayyaaneen mannee barnoota sadarkaa 2ffaa  mormii guddaan walga’ii wayyaanee dura dhaabbatan. Ergamtootni dabballeen wayyaanee mormii barattoota kanaan waan qabanii gadhiisan dhabuun dhiphina guddaa keessa seenanii jiraachuu mudachaa  maddeen keenya Godina Lixa shawaa irraa nuuf gabaasa jiru. gabaasaan kun itti fufa!.

Rakkoo Bishaan Dhugaatiin Uummanni Aanaa Bulee Horaa Dararamaa Jira, Uummanni Diddaa Jabeesse‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Godina Booraa aanaa Bulee Horaa Onkoloolessa 03,2014 rakkoo bishaan dhugaatiin kan ka’e uummanni jiraattootni aanaa Bulee Horaa diddaa isaa yeroo itti jabeessee jiruudha. Kan beekamu naannoleen oromiyaa adda addaa rakkoolee bishaan dhugaatiin kan ka’e rakkina guddaa keessa jira yeroo amma, rakkoo kana furuudhaan horiin uummata irraa sassaabamu duudhaa mootummaa wayyaanee irra kan oolu malee rakkoo uummataa kan furu miti.

Akka aanaa Bulee Horaatti uummanni naannoo kana jiraatu martuu bishaan dhugaatii barbaachaaf adeemsa sa’atii 5 deemuudhaan bishaan jaalkaanii tokko qarshii 5niin kan bitee jiraataa jiruudha. Projektiin bishaan dhugaatii aanaa kanaaf akka hojjetamuuf karoorfame baajatni isaa kan ramadame qarshii miliyoona 31 dha. Horiin kun ramadamuun isaa kan uummanni dhagayee jiru waggaa lakkoofsiseera, hanga ammaatti uummanni rakkoon kun guyyuudhaan kan dabalaa deemuudha,mootummaan rakkoo kana furuuf jecha horii kana sassaabee ture amma horiin kun eessa akka deeme namni hubatee jiru tokkollee hin jiru, haaluma kanaan kan ka’e uummanni aanaa kana keessa jiraatu rakkoo kanaan wal qabsiisee mootummaan wayyaanee rakkoo uummanni keessa jiru erga hin furree, uummata irratti guyyaa guyyaadhaan rakkoo kan fe’aa deemu erga ta’e mootummaa kana of irraa buqqisuu qabna jechuudhaan kaleessa Fulbaana 29 irraa eegalee uummanni diddaa jabeessee akka jiru gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.
Rakkoon kun aanaa kana qofa keessa utuu hin taanee naannolee oromiyaa garagaraa keessatti kan mul’achaa jiruudha, mootummaan wayyaanee miidiyaa isaatiin yeroo ammaa guddina biyyaa kan odeessaa jiru, uummata biyyichaa beelaa fi dheebuun dararamaa jiru keessatti guddina misoomaa fi biyyaa ololaa jira, rakkoolee bishaanii, nyaataa fi daandiif jecha horiin uummata irraa guuramu jireenya ilmaan tigrootaa fi biyya isaa kan gabbisaa jiruudha, rakkoo kana keessatti uummanni oromoo of ilaaluu dhiisuun yeroo itti dirqii tahee fi beelaa fi dheebuu keessatti mootummicha rakkoo kanaaf sababa tahee uummata miidhaa jiru irratti ka’uu fi hiriiruun of baasuudha. Fuula duratti rakkoon kana caalu biyyattiitti akka dhufu har’a hubachuutu ta’a, mootummaan wayyaanee ofii furdatee, ofii jiraatee, ofii nyaatee uummata Oromoo beelessuu fi balleessuu irratti waan cimee karoorfatee jiruuf uummanni Oromoo rakkoo nyaataa fi bishaan dhugaatiin miidhamaa jiru keessatti waliif dirmachuudhaan mootummaa Wayyaanee of irraa fonqolchuu fi rakkoo uummataas waliin furuun waan yeroon itti kennamu mit.

Baha Oromiyaa keessatti walii galaatti rakkina kana keessa uummanni utuu jiruu siyaasa isaa furdifachuu fi aangoo irraa turuu irratti waan kaayyeffateef nanoota hojii mootummaa wayyaanee morman, kan isaan mudate rakkoolee kana keessatti mootummaa sababa rakkoo kanaa ta’e yeroo uummanni mufannaa irraan mootummaa dura dhaabbachuuf ka’utti hidhuutti kan gamaa jiruudha, haaluma kanaan egaa yeroo ammaa rakkoo isaanii obsuu dadhabuu irraan jiraattootni uumanni Oromoo godina Booranaa aanaalee garagaraa fi aanaa Bulee Horaa keessa jiraatan tokkummaadhaan rakkoo isaanii furachuudhaaf mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuuf diddaa isaanii kan jabeessaa jiran, gaaffiin horii dhimma kanaaf uummata irraa sassaabame keessatti dhiyeessuun diddaa isaanii jabeessuu irratti akka argaman gabaasni Qeerroo godina Booraanaa aanaa Bulee Horaa irraa nu gahe addeessa.

ቄሮ/Qeerroo የኦሮሞ፡ ወጣቶች፡ ለነፃነት፡ ንቅናቄ፡ ድምፅ፡ የሳምንቱ፡ ዜና: October 01, 2014

Aside

SBO Onkoloolessa 01 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu – Gaaffii fi deebii Art.Amiin Huseen kutaa xumuraa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Fulbaana 28,2014

Aside

Barattootni Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa maqaa walga’ii afaan faajjessaa wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n teesisuuf humnaan dirqisiifamaa jiran Iyyannoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo fi gaaffiiwwaan waliigalaa qabate qop

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGBarattootni Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qophainaa maqaa walgaii afaan faajjessaa wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO teesisuuf humnaan dirqisiifamaa jiran Iyyannoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo fi gaaffiiwwaan waliigalaa qabate qopheeffachuun walgaii wayyaanee dura dhaabbatan.

Iyyaannoo Barattoota Oromoo manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi qophaina

Nuti dargaggootni Barattootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophainaa irraa barachaa jirru haala yeroo irraatti hundaauun rakkinoota yeroo amma kanatti uummata keenyarratti feamee jiruu kanneen akka : dugugginsa Sanyii (Genocide), Siyaasa, Dinagdee , Qabinsa mirgoota Namummaa fi Dimookiraasii, gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi rakkoo Master Planii Finfinnee, irratti hundaauun baatii Ebla 2014 irraa eegaluun manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophainaa Godinaalee Oromiyaa karaa garaa keessatti barachaa jirru rakkoon uummata keenyaa boqonnaa waan nu dhorkateef karaa seera qabeessaa fi Dimookiraatawaa taeen iyyaannoo keenya dhiyeeffaannee deebiin Mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO irraa nuuf kennaame: Hidhaa, ajjeechaa, reebicha, fi barnoota irra ariiamu akka taee Oromoo mitii Addunyaa biyya lafatu raga nuuf baa. jiota gannaa kana keessas mootummaan kun maqaa walgaii jedhuun barattoota Oromoo Yuunibarsiitota biyyatti garaagaraatti humna waraanaatti fayyadamuun waamee barattoota gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafatan reebaa, hidhaa fi doorsisaa ture. Ammas maqaa walgaI fakkaataa afaan fajjii gaaffii uummataa dura ittin dhaabbachuuf jedhee walitti nu qabuun furmaata tokko illee hin qabu. Nuti gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf dursa deebii qubsaa barbaadna,

Mootuummaan Yakka dugugginsa Sanyii (Genocide) uummata keenya Oromoo irratti raawwatee jiru ; rawwachaa jiru kun Yeroo ammaa kanattii rakkoo ulfaata siyaasaa isa mudatee jiru keessa bauuf maqaa walgaii jedhuun barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota Olaanoo , Barsiisota sadarkaa garaagaraa irraa jiranii fi barattoota Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophaina irraa barachaa jiran walitti qabuun dirqamaan afaan qawweetti fayyadamuun na jaalaadhaa, miseensa koo taaa fi na malee namni hin jiruu jedhu kun yakkaa dugugginsa sanyii uummata Oromoo irratti rawwataa jiruuf itti kan gaafatamu waan taeef, gaaffii keenyaaf hanga deebii argannee mirgi dimookiraasii fi namummaa uummata Oromoo kabajamutti FDG daran jabaatee itti fufa, walgaiin wayyaanee kan FDG kakasuu fi jabeessuu malee kan laffisuu miti, kana hubachuun ammas irra deebiin gaaffii keenya karaa nagaa fi Dimookiraasii ni dhiyeeffanna. Irraa deebiuun gaaffii keenyaas akka armaan gadii kanatti ni dhiyeeffachuun gaaffii keenyaaf hanga deebiin nuuf kennamutti walgaii diinaa fincilaan dura dhaabbanna.

Gaaffiileen buuraa fi ijoo rakkoo uummata Oromoof deebii gaaa barbaadan:

1. Yakka waraanaa gochaa duggugginsa sanyii(genocide) uummata Oromoo irratti mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO rawwachaa jiru waan taeef gocha diinummaa kana Cimsinee balaaleffachuuf Mirgii hiriira nagaa nuuf haa eeyyamamu.

2. Mootummaan Wayyaanee maqaa walgaii tarsiimoo Siyaasaa abbaa irrummaa isaa babalifachuuf olii gadii raafamaa jiruun barattoota Oromoo Yuunibarsiititti walitti qabee humna waraanaa itti bobbaasuun ni reebisee, qaama hirise, jumlaan hidhaati guuruun dararaa waan jiruuf carraan kun nuttis dhufaa waan jiruuf dursa mootummaan kun yakka fokkataa kanaaf itti gaafatamuu qaba. Barattootni hidhamanis hiikamuu qabu.

3. Uummaatni Oromoo manneen hidhaa garaagaraa keessaa jiran gaaffii tokkoo malee akka hiikamaan jabeesinee gaaffanna!

4. Mirgii abbaa biyyummaa Uummata oromoo kabajamuu qaba, Uummatni Oromoo akka guddina/baayina/ saba isaatti, akka baayina qabeenyaa isaatti fi akka balina saba isaatti mirgii isaa eegamaafii waan hin jirreef eegamuufii qaba.

5. Mirgootni Namummaa fi dimookiraasii kabajamuu, qabu, gaaffii karaa nagaa fi dimookiraatawaa gaafachaa jirruuf waraanaa fi poolisii Federaalaa gutummaa Oromiyaa irratti bobbaasuun ukkamsaan mirgaa uummata keenya irra kaaamee jiru nurraa dhaabbachuu qaba,

6. Master Planiin Finfinnee balaa guddaa uummata Oromoo fi qabeenyaa uummata Oromoof waan qabuuf hatattamaan haqamuu qaba!!

7. Mootummaan abbaa Irree uummata keenya Jumlaan ajjeesee , hidhaatti guuree hidhee gidirsee, kaan ajjeesee kaan barnoota irraa ariiateef dirqama itti gaafatamummaa fudhachuu qaba!!

8. Mootummaan abbaa Irree EPRDF/TPLF/OPDOn daramaa(Filmii) Sobaa qopheessuun karaa ETV fi media of harka qabuun argisiisuun adeemsa yeroo garaagaraatti maqaa qabsoo uummaanni Oromoo bilisummaa isaa gonfachuuf taasisuu maqaa balleessuun, tuffii uummata Oromoof qabanin sochii uummaatni Oromoo kabajamuu mirga namummaa fi dimookirsiif taasisu irratti filmii sobaa qopheessuun uummata keenya maqaa balleessuu irratti argamuuf mootummaan wayyaanee itti nuuf haa gaafatamu. Uummatni Oromoos taee ABO Shoroorkeessa miti. Shororkeessaan kan uummata nagaa qeeef qabeenyaa isa irratti dhukaasee ajjeesuu, hidhuun dararuu fi mirgoota dimookiraasii fi namummaa dura dhaabbatu mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO tauu ni hubachiifna.

9. Loltootni Mootummaa abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO mooraa dhaabbilee barnootaa fi Godinalee Oromiyaa garaagaraa irraa qubsiifamuun uummata goola jiran, gadhiisanii bauu qabu. Waraanaan doorsisuu fi waraanaa uummata nagaa irratti bobbaasuun gaaffii keenyaaf deebii miti.

10. .Manneen murtii wayyaanee Oromiyaa fi godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti argaman soda mootummaa wayyaanee abbaa irree garagaluuf jiruu murtii dabaa fi jallinaa uummata nagaa qeeef qabeenyaa isaa irraa humnaan wayyaaneen qabdee hidhaa jirtu irratti kennaa jiru irraa of dhaabuu qaba. Abbaan irree wayyaanee garagaluuf jiru itti gaafatamaa seenaa fi seeraa irra isin hambisuu waan hin dandeenyeef adeemsa afaan wayyaaneetti fayyadamuun murtii jallinaa kennaa jirtan irraa of dhaabuu qabdu.

11. Walumaa galattii gaaffiin keenya Gaaffii uummata balaa waliigalaa waan taeef maqaa walgaii tarsiimoo jedhuun Barattoota, Barsiisota, hojjettootaa, qonnaan bultoota, Poolisoota, dafqaan bultootaa, Daldaltootaa bakka garaagaraatti dirqamaan humna waraanaatti fayyadamuun fedhii uummataa malee walitti qabuun gaaffii uummata balaa Oromoof deebii waan hin qabatneef gaaffiii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba j echuun iyyaannoo keenya karaa nagaa fi Dimookiraasii itti fufnee jirra.

Injifannoon Uummata Oromoof!!

Fulbaana 29/2014

Wayyaaneen maqaa Walgaa’ii Tarsiimoo siyaasaa abbaa irruummaa ishee qabattee, Adeemtuun kasaaraa siyaasaa keessa seente jirti!.

Aside

Gaafa Fulbaana 23/2014 Mootummaan Abbaa Irree wayyaanee maqaa walga’ii tarsiimoo siyaasaa isaa afaan qawweetti fayyadamuun barattoota Yuunibarsiitii, barsiisota manneen barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi barsiisota kolleejjii barsiisota Oromiyaa bakkotaa garaagaraatti torbee lamaa oliif humna waraanatti fayyadamuun walitti qabee humnaan
miseensummaa wayyaanee akka fudhataniif dirqa ture milkii malee
fashalaa’e.
Beektotni Oromoo Walga’ii Wayyaaneen waan qabdee gadhiiftu dhabuun sagalee uummata Oromoo biyyaa keessa fi biyyoota garaagaraa keessatti dhageesifamaa jiru dura dhaabbachuuf walga’ii afaan faajjeessa eenyu iyyuu irratti dammaquu danda’u butatee fiiguun kufaatii isaa saffisiisa jechuun sabboontotni Oromoo walgaa’ii kana
irratti gaaffiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo irratti finiinaa turee fi kan Wayyaaneen gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo ukkamsuuf humna waraanaa beektota Oromoo dura ittin dhaabbachaa jirtu ta’uun seenaa keessatti bakka guddaa qabacha jira. Dargaggootni barattootni , fi barsiisotni Oromoo garbummaa humnaan nutti fe’amaa jiruu kana bara baraan baatnee hin adeemnuu, uummatni keenya bakka hundaa bulchiinsa sirna faashistii wayyaaneetti akka hin jilbeeffannee, bakka jirruu gurmuu keenya jabeeffachuun gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa finiinsuun bilisummaa keenyaa haa gonfannu. Bilisummaa afaan qawween mulqamaa jirru sagalee keenyaa fi FDG sochii dargaggoota biyaaleessa Oromiyaa Qeerrootti makamuun mirga
keenya kabachiisuuf qabsoon karaa nagaa fi dimookiraasii gaggeeffamaa jiruu furmaata waan ta’eef bakka jirruu gara dirree qabsoo FDG tti haa dirmannu jechuun utuu wayyaaneen miseensummaaf jettee gucha miseensummaa itti guutan baattee barattoota fi barsiisota afaan faajjeessuuf yaalii gootuu barattootni nuti miseensummaa mootummaa bineensa dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jiruu hin fudhannuu jechuun
gucha miseensummaa wayyaanootaan qophaa’ee zeeroo taasisuun mormii fi gaaffiin mirga abbaa biyyummaa barsiisotaa fi barattootaan gaafatamaa jiru deebii tokko illee utuu hin argatiin gargar kan ba’an ta’uu madden keenya Oromiyaa godinoota garaagaraa irraa nuuf gabaasan.

Dhumarratti uummata Oromoo hundaaf dhaamsa hirmaatota walga’ii Wayyaanee barattoota Oromoo yuunibarsiitii walga’ii wayyaanee marsaa 2ffaa ta’aan, barsiisota manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa fi barsiisota Oromoo koolleejjii barsiisota Oromiyaa garaagaraa irraa walitti qabaman irraa darbe.
1. Ilmaan Oromoo walga’ii wayyaaneen maqaa tarsiimoo siyaasaa abbaa
irrummaa ishee fi umrii bittaa ishee dheereffachuuf beektota mataa
hidhuuf tattaafachaa jirtu itti fufinsaan uummatni Oromoo marti dura
dhaabbachuu qaba.
2. Wayyaaneen xummura Walga’ii afaan fajjeessaa ishee irratti dirqamaan dhaaba ofiif iyyuu diigamaa fi wayyaaneedhan ukkanfamaa jiru miseensa OPDO ta’aa jechuun guca miseensummaa baatee oliif gadi fiiga jirtu uummatni Oromoo akka hin fudhannee fi miseensummaa afaan qawween nama kaadhima jiru akka hin fudhannee dhaamsa dabarsaan. Yeroo amma kanatti OPDO keessatti illee ilmaan Oromoo dhalootaan Oromoo ta’an Oromummaan shakkamanii angoo wayyaaneen itti kennamte irraa kaafamuun arii’amaa, bakka isaanii immoo ilmaan habashaa tigiree fi amhaara Oromiyaa keessatti dhalatee guddatee fi kanneen afaan Oromoo dubbatan bakka buusuun aangawoota Oromiyaa gochuun halagaan nurratti muudamaa waan jiruuf yeroon kun yeroo itti miseensa OPDO ta’an utuu hin ta’iin yeroo itti ilmaan Oromoo OPDO keessa jiran iyyuu gara sochii warraaqsa dargaggoota Oromootti makamaa jiran ta’uu hubachuun ilmaan Oromoo humnaan wayyaaneen kaadhimaa jirtu kana irraa akka qooda tokko illee hin kennine dhaamsa keenya dabarsina!!
3. Wayyaaneen abbaa irree barrii itti dhumte kun of jiraachiisuu fi umrii garbummaa uummata Oromoo fi sabaa fi sablammoota biyyatti irratti dheereffachuuf olola hin jirree baattee abdii kutaannaa tokko malee kasaaraa siyaasaa baattee fiigaa waan jirtuuf mirga keenya kabachiisuuf bakka hundattii sochii wayyaanee kana hanga dhumaatti
dura haa dhaabbannu!!
4. Wayyaaneen qarabaa qara hin qabneen qarabaa qara qabuu muruuf walgaa’ii afaan faajjeessaa kana dhaabbilee barnoota olaanoo irraa kan eegalte ta’uun saaxilamee jira. Walga’iin wayyaanee kun gara barattoota manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi qonnaan bultoota fi hawaasa walii galaatti illee adeemaa waan jiruuf yeroon uummtni Oromoo sochii wayyaanee kana akka dhaabsisuuf FDG( fincillii diddaa garbummaa ) jabaatee akka itti fufuu , hundi keenyaa irraas qooda akka fudhannu dhaamsa keenya dabarsina.
5. Mootummaan wayyaanee gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo bukkeetti qabuun adeemsa siyaasaa isaa galmaan ga’uuf fiigaa waan jiruuf , gaaffiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo deebii qubsaa argatuttii fi Oromiyaan hanga bilisoomtuttiwarraaqsii FDG jabaatee ittu fufaa jechuun dhaamsa waliigalaa uummata oromoo hundaaf dabrsuun gabaafameera.

Sagalee Simbirtuu,Seife Nebelbaalii fi Raadiyoo Oromoo

Aside

SBO Fulbaana 28 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu – Gaaffii fi deebii Art.Amiin Huseen waliin – Akkasumas dhimmoota adda addaa irratti namoota adda addaa waliin gaaffii fi deebii gaggabaaboo fi qophiilee biroo hammata

Aside