SBO Onkoloolessa 08 Bara 2014 Oduu – Qophii Ayyaana Irreechaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Mootummaan abbaa irree artistoota Oromoo fi dargaggoota Oromoo ayyaanaa irreechaa irratti eeggatee hidhuu, gara dabarsuu fi doorsisaan girdirsuu itti fufe.

Aside

Q NEWS3AAGabaasaa: Fulbaana 5,2014 kabaja ayyaanaa Irreecha Hora Arsadii irratti Mootummaan abbaa irree wayyaanee humna waraanaa fi Poolisoota of harka qabu uummaata nagaa irratti bobbaasuun uummata sakkaatta’uu, doorsiisuu, fi hidhaa kan ture ta’uun ibsamera. dargaggoota Oromoo hidhamanii fi humna poolisaan qabamanii doorsifaman keessatti sabboontota Artistoota Oromoo akka argaman maddeen keenya gabaasan.

Haaluma kanaan Sabboontotni Artistootni Oromoo lama humna Poolisii magaalaa Bishooftuu keessa qubsiifamee uummata dararaa jiruun ukkaanfaman keessa inni tokko doorsifamee yeroo gadhiifamuu, inni tokko immoo eessaa buteen isaa dhibamuun ibsame jira. Artistootni Oromoo dararaan kun irra ga’ee keessa:

1. Artistii Daadhii Galaan humna poolisaan ukkanfamee hanga guyyaa har’atti eessa buuteen isaa kan hin beekamne ta’uun ibsame.

2. Artitii Galanaa Gaaromsaa Wallee warraaqsaa sirbuun uummata nurraatti daddammaqsaa jirta jechuun poolisii magaalaa Bishooftuun qabamee doorsifamee kan gadhiifame ta’uu maddeen keenya ijaan argan gaabasan, kana malees mootummaan abbaa irree baay’ina uummata Oromoo fi tokkummaa Uummatichaa irraan kan ka’ee barabaraan ilmaan Oromoo hidhuu fi dararuu dhaadeffatus ilmaan Oromoo hidhaan fi dararaan ittumaa eenyummaa keenyatti nu jabeessa malee duubatti kan nu deebisuu miti jechuun ayyaannii irreechaas bara irraa gara barattii lakkoofsi uummata Oromoo dabaluun keessuumattuu kan bara kana dachaadhaan kan dabalee ta’uun isaa beekamera.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee ilmaan Oromoo qe’eef qabeenyaa irraa buqqisuu, finfinnee dhuunfachuu fi magaaloota naannaawwaa finfinnee to’achuu, ilmaan Oromoo uukkamsee hidhuu, gara dabarsuu, doorsiisuu fi ajjeesuu irra akka dhaabbatuu fi guutummaatti aangoo afaan qawween dhuunfatee jiruu irraa maqsuuf ilmaan Oromoo bakka jirtan hundaa FDG sochii dargaggoota qeerroo barattoota Oromoo fi uummata Oromoon gaggeeffamaa jiru jabeessuun itti fufu qabna jechuun sabboontootni ilmaan Oromoo fi hogganootni Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaamsa uummataaf dabarsuu itti fufan.

Ayyaana Irreecha Bishooftuu Onkoloolessa 5, Bara 2014

Aside

Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF kabaja ayyaana irreecha dura dhaabbachuuf humna poolisii Federaalaa fi Poolisii kora bittinneessaa jedhamu humnaa ol kellawwaan biyyaattii fi magaalaa Bishooftuu irratti bobbaasuun sakkatta’insa guddaa gaggeess

Aside

Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF kabaja ayyaana irreecha dura dhaabbachuuf humna poolisii Federaalaa fi poolisii kora bittinneessaa jedhamu humnaa ol kellawwaan biyyaattii fi magaalaa bishooftuu irratti bobbaasuun sakkatta’insa guddaa gaggeessa jira.
Onkololeessa 4/2014 Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF kabaja ayyaana irreecha dura dhaabbachuuf humna poolisii Federaalaa fi poolisii kora bittinneessaa jedhamu humnaa ol kellawwaan biyyaattii fi magaalaa bishooftuu irratti bobbaasuun sakkatta’insa guddaa gaggeessa jira.
Guyyaa kaleessaa Onkololeessa 4/2014 irraa eegaluun mootummaan abbaa irree Wayyaanee TPLF kellawwaan biyyaatti gara magaalaa Finfinneetti geessuu fi dandiiwwaan kallattii hundaan gara Ayyaanaa Irreechaa Hora Arsadiitti geessan hundarratti humna poolisii Federaalaa fi kora bittinneessaa ofiin jedhu bobbaasuun Sakkatta’insa guddaa Uuummata Oromoo godinaalee Oromiyaa hunda irra kallaattii garaagaraan adeema jiran irratti gaggeessuun gufuu guddaa ayyaanichaa ta’aa jira. Namoota uffata Abbaa gadaa uffatanii fi uffaata Odaa sirrii of irra qababan uffatan irraa saamaa jira, dargaggootni Oromoo hedduun gara Ayyaanichatti adeema jiran irraatti qorannaa addaa gafggeessuun waraqaa eenyummaa gandaa gaafachuun akka bakka Irreeffannatti hin darbinee humna waraanaa kanaan ittifama jiru, namootni uffata abbaa gadaa fi uuffata aadaa Oromoo calaqisiisuu sirnaan uffatanii gara Irreechatti adeemaa jiran humna poolisaa fi waraana wayyaaneen daandii irra hiriirseen doorsifama jiru. waraannii hin humnootni tikaa waayyaanee uummataa nagaa aadaa, eenyummaa, Oromummaa fi Amantaa isaa Ibsachuuf adeemuun isin miseensa ABOti, uffatni isin uuffattan kunis alaabaa ABO ti jechuun uummata doorsisuuf yaalii guddaa godhanis uummatni gaamtaan jala dhaabbachuun eenyummaa, amantii, aadaa fi tokkummaa keenyaa fi kabaja nuti ayyaana Irreechaaf qabnu irraa eenyumti iyyuu booddetti nu deebisuu hin danda’uu jechuun uummaanni gamtaa isaa jabeeffatee gara malkaa Irreechaa Hora Arsadiitti adeemaa jira.
Mootummaan waayyaanee akkuma amala isaa barabaraan ayyaana Irreechaa irratti ukkamsaa uummatichaaf qabu argisiisuuf sakkatta’insaa fi uummata nagaa qabee hidhuun shororkeessuu baranas kan itti jiru ta’uu maddeen keenya gara Ayyaana Irreechaa Hora arsadiitti Adeema jiran waan uummata irra ga’aa jiru nuuf ibsa jiru. dargaggootni Oromoo loltootaa fi poolisoota wayyaaneetiin illee qabamaa jiraachuun maddeen keenya ibsa jiru, maqaa namoota utuu gara Ayyaanaa Irreechaa Hora Arsadiitti adeemaa jiranii qabaman kan isin qaqqabsiifnu ta’a.

Gabaasa Ayyaana Irreechaa Kan Onkoloolessa 5,2014 Bishooftuu Oromiyaa

Aside

Gabaasa Irreechaa Kan Baranaa, Onkoloolessa 5/2014
04Ayyaanota Irreecha kan hora arsadee darban keessatti adda kan taasise hirmaannaa uummataa heddummaachuu isaati, akka namoota waggaadhaa waggaatti irreecha irratti argamanii ayyaanefattaa hanga har’aa deeman irraa waanni kaafamu baayina uummata Oromoo kan guyyaa kaleessaa ayyaana san irratti gaggeeffameedha. Haala ajaayibsiisaadhaan uummanni miliyoonaan lakaawamu bahee waaqa isaa galateeffachuu irratti fageenya adeemsa guyyaa lama sadii oliin dhufanii hirmaachuu isaaniti. Egaa akkuma beekamu walitti qabamuun uummata oromoo kun mootummaa Wayyaanee kan
hinaaffiseedha, tikoonni Wayyaanee naannoo magaalaa Bishooftuu buufatanii kan turan kan uummata keessatti argaman suurawwan kanaa gadii irratti kan argamuu fi uummanni sodaa tokko malee ayaana kana irratti fedhaa fi weelluu qabsoo Qeerroo Bilisummaa waliin tahuudhaan dhiichisa garagaraan guyyaa guutuu kan kabajaa ooleera.

Gama biraan weellistoota miseensa OPDO tahanii jiran keessattuu hojii uummata Oromoo diinummaaf saaxilu waltajii irratti afeeramnaan uummataan ariyamanii jiru,weellistoonni sabboonummaa qaban hunduu uummata waliin yeroo kabajaa isaanii dabarsanii jiru. Waantonni uummata Oromoo ayyaana irreechaa kanaaf deeman kan mudate karaa mootummaa wayyaanee namootuma sabboonummaa qabani karaama ittii nama barbaadan san argataniin namootni hanga lakkoofsaan 100 qaban keessaa gara nama 30 gadhiisanii jiru. Kana malees kitaaboleen garagaraa gurguttaadhaaf dhiyaatan kan tikootaan daandii gubbaatti toohatamanis jiru, sababa kan tahe ammo bifa alaabaa ABOtiin hojjetameedha, alaabaan mormamus guyyaa kaleessaa magaala Boshooftuu
fi Dukam keessatti faaruun ABOdhaa guutummaatti hanga halkan keessaa sa’a 5:00niitti sirbamaa tureera, waraabbiwwan hedduun kanaa gaditti kan maxxananii jiraniidha. Dimshaadhumatti eebba abbootii gadaa fi qondaalota wayyaanee kanneen akka Abbaa Duulaa Gammadaa fi Muktar Kadiriin ayyaanni kun saaqamee kaasee hanga galgalaatti nageenyi uummataa kan eegamee ooleedha, suurawwanii fi viidiyoowwan adda addaa
ayyaana irreecha kaleessaa ilaalchisee kanaa gaditti kan argamuudha. Dhadannoo hedduun uummataan dhagayamaa tureera,sirbootni qabsoo ifaa ifatti kanneen akka ……eenyu isheen daanga oromoo lixxu irra ejjettee
mormashee hin kuttuu….
…oromoon guutuma duruu………..,
…. ka’I Qeerroo Hin Kaana…,
….ABOn Gaacha Uummata Oromooti,….
….Siifam lola yaa oromoo narra hin gortuu……, ragoota dabalataaf waraabbii kanaa gadii ilaaluu dandeessu. Dhuma irrattis haalli uummata Oromoo sodaachisaa tahus, kan waamamuu fi faarfatamus ABO wan taheef poolisoonni Oromiyaa naannoo sanii fi uummata keessatti argaman uummanni tokkummaa qabu kanatti isaan gammachiisuu irraan uummata waliin hirmaachuuttii kan fufaniidha. Yeroo irreechaa kana qofa osoo hin taanee tokkummaan uummata oromoo duratti kana caalaa diina isaa kan yaaddesseen itti fufuu akka qabu dhaamsoleen Qeerroo dhaan darbaa tureera,walumaa galatti uummani oromoo guyyaa kaleessaa Irreecha irratti argaman dhimma amantaan utuu wal hin qabsiisin sirboota qabsoo uummata oromoo kakaasu irratti kan argaman kanneen naannoo kan akka Adaamaa, Finfinnee, Amboo, Sabbataa,Arsii, naannoo galan hundatti
sirboota qabsoo dhageessisaa galaniiru, gabaasni isaa ganama kanallee kan nu qaqqabaa jiru ayyaana kanaan wal qabsiisee faaruwwan qabsoo naannoo jirutti halkan guutuu kan itti bule tahuu nu qaqqabsiisaa jiru,nageenyi uummataa haala eegame caalatti kan milkaaweedha. Kan barana xumurae kan bara dhufuuf nagaan walitti deebi’uun hawii isaa waliif dhaamaa wal irra adda kan baheedha,namoota diinaan ayaana kana irraa ugguraman gama hundaan jala bu’amee hordofamaa jira,gabaasa saniin walitti kan deebinu ta’a.

01.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPbnZCZ0w4SlFEMDQ/edit?usp=drive_web>
2.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPNWw5RGZDQ284YzQ/edit?usp=drive_web>
03.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPMUdqblFJTlBaMEU/edit?usp=drive_web>
04.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPQUFyc0hLZlRDUlE/edit?usp=drive_web>
05.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPWlppRngzVG92cW8/edit?usp=drive_web>
06.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPM2FEMVM3OUdMSU0/edit?usp=drive_web>
7.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPWFNGMTlBQTdRdkk/edit?usp=drive_web>
08.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPNUJPc1hPVENtMTQ/edit?usp=drive_web>
09.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPNWhBUldPSVZNUHM/edit?usp=drive_web>

010.JPG

https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPWlBtRkFZMURVaVE/edit?usp=drive_web>
011.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPdXJzc1ZFOTYzZGs/edit?usp=drive_web>

Guyyaa har’a Uummatni Oromoo Miliyoona olitti lakkaa’amu Ayyaana Irreechaa Hora Arsadii irratti wal arguun Ayyaannii Irreechaa ganama barii lafaa eebba manguddootaan kan baname haala ho’aa ta’een kabajamuu eegalee jira.

Aside

Onkololeessaa 5,2014 Guyyaa har’a Uummatni Oromoo Miliyoona Afurii olitti lakkaa’amu Ayyaana Irreechaa Hora Arsadii irratti wal arguun Ayyaannii Irreechaa ganama barii lafaa eebba manguddootaan kan baname haala ho’aa ta’een kabajamuu eegalee jira.

Ayyaanaa irreechaa danquuf mootummaan abbaa irree wayyaanee EPRDF ugguraa garaagaraa kaa’ee , kellaawwaan biyyaatti cufee haa sakkatta’uu malee uummataa Oromoo eenyuummaa isaa, aadaa isaa, amantii isaa fi tokkummaa isaa cabsuu hin dandeenye, uummatni Oromoo yoom iyyuu caalaa yeroo ammaa kanatti uummata eenyummaa isaa, Oromummaa isaa, aadaa isaa , Amantii isaa fi sabboonummaa isaa jabeeffachuun diina dura dhaabbachuun bilisummaa isaa kabachiifachuuf uummata onnatedha.
Haaluma kana fakkaattuun guyyaa har’aa kana kabaja ayyaanaa irreechaa irratti dargaggootni Oromoo wallee waarraaqsaa fi eenyummaa uummatichaa calaqisiisuu sodaa tokko malee uummataaf sirbuun, uummanni cufti harka walqabanchuun sagalee tokkuummaa, eenyuummaa, abbaa biyyuummaa fi kabajamuu sabboonummaa jettuu dhageesisuun diina uummata Oromoo mootummaa garboomsaa naasuu guddaa keessa galchani jiru. Addaatti dargaggootni Oromoo walleellee warraaqsaa dhageesisuun Sabboonummaa Oromummaa faarsuu irratti argamu.

10612601_448373105300924_6085660137637857325_n1545093_448374838634084_3705886963019588222_nWaliigala ayyaanichaatti milkii guuddaa fi karaa nagaan Uummaatni Oromoo Ayyaana Irreechaa irratti argamuun ayyaaneffatee eenyummaa, tokkummaa fi Sabboonummaa isaa akka jabeeffatuuf dargaggootni qeerroon bilisummaa Oromoo irratti argamuun uummataan wal ta’uun tokkummaa uummata Oromoo mirkaneessuu irratti argamu, Walleeleen warraaqsaa haalan onnachisaa fi gammachiisaa ta’ee magaalaa Bishoftuu fi bakka kabaja ayyaanaa Irreechaa Hora Arsadii Irraa dhageessifama jira. Guutummaa gabaasa ayyaana Irreechaa waraabbii Video, Audio fi Suuraan deegaramen gabaasaan keenya itti fufa.

Aside

Qeerroo Edit

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 04,2014

Finfinnee

Manneen Murtii Mootummaa Wayyaanee Federaalaa fi Manneen Mutii Oromiyaa Sadarkaa Garagaraa ilaalchisuun Ibsa  Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee manneen murtii Oromiyaa sadarkaa olaanoo irraa hanga gadaanaatti jiran harka isaa keessa galchuun mirgaa fi haqaa ummataa awwaaluu itti fufee jira. Ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa gaafatanitti humna waraana isaa bobbaasuun qe’ee fi mooraa barnootaa keessatti jumlaan ajjeeseera. Kaan immoo qe’ee fi barnoota isaanii irra ukkamsee jumlaan hidhee jira. Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo bal’eessaa tokko malee hidhee dararaa jiru ofumaaf himatee karaa dabballoota isaanis dharaan ragaa  itti bahuun murtii sobaa irratti muraa jira. Qeerroo Bilisummaa Oromoo gochaa diinummaa wayyaanee kana gadi jabeessee balaaleffata.

1.Ummatni Oromoo gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa mirga isaa kabachiisuuf waan gaafateef humni waraana wayyaanee Agaazii fi poolisiin federaala itti bobbaafamee yakka waraanaa uummata Oromoo irratti raawwatan. Kanaanis daa’ima  ganna 7 hanga manguddoo ganna 80tti jiran utuu bira hin darbiin garaa laafina tokko malee jumlaan ajjeesanii yakka duguuggii sanyii (Genocide) uummata Oromoo irratti raawwataniiru.  Yakka kanaafis hanga ammaatti itti gaafatamummaa hin fudhatin jira. Kana malees ummataa fi barattoota dargaggoota Oromoo umriin isaanii ganna 16 gadi ta’an dabalatee kumootaan mana hidhaatti ugguree itti roorrisaa jira. Mirga uumamaan qaban irraa mulqee murtii haqaa dhorkachuun gidirsuu irratti argama. Kan himatu, kan ragaa sobaa bahu, kan murtii dabaa ummata nagaa irratti dabarsaa jiru dabballootaa fi ergamtoota wayyaanee ta’uun mirkanaa’ee jira. Yakka hojjetamaa jiru, murtii dabaa fi diinummaa ummataa fi dargaggoota/barattoota Oromoo nagaa irratti kennamaa jiruuf abbootiin seeraa Oromiyaa fi Federaalaa dabballoota wayyaanee ta’an itti gaafatama jalaa miliquu akka hin dandeenye hubachuusna. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Onkoloolessa 04 2014.docx Finfinnee

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, October 4, 2014

Aside

Sagalee Seife Nebelbal

Sagalee Simbiruu

SBO Onkoloolessa 05 Bara 2014 Oduu – Ibsa Qeerroo – Gaaffii fi deebii Art.Mihrat W/Maariyamii fi qophii biroo hammatee jira.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Onkoloolessa 03,Bara 2014

Aside