Hiriira Nagaa Guyyaa Har’aa Magaalaa Finfinneetti Adeemsifame

Gabaasa Qeerroo Mudde 14,2014

Guyyaa har’aa dhaabni mormitootaa OFC magaalaa Finfinneetti hirira baheen dhaadannoolee hedduu dhageessisaa kan oole namoota 2000 ol kan hirmaachise, gana sa’a 3:00 irraa eegalee uummani Oromoo hangi dhagayee fi Qeerroon tumsa kanaaf irratti hirmaachuu dhaan dhaadannoolee waraabbii irratti mul’atan kanaa gadii irratti kan argamuudha,

-Mootummaan wayyaanee dhimma amantaa keessa hin seenin,

-Hidhamtootni siyaasaa haa gadhiifaman

-Baqqalaa Garbaa haa hiikamu

-Maqaa filannootiin uummata hiraarsuun haa dhaabbatu,

-Sobaan uummata yakkuun haa dhaabbatu,

-Afaan oromoo afaan federaalaa haa tahu,

-Saamtotni mootummaa seeratti haa dhiyaatan,

-Boordiin filannoo mootummaa irraa walaba haa tahu,

fi kkf dhageessisuudhaan hanga sa’a 7:00tti adeemsifamee jira, waraabbii dabalataa fi odeessa kana ilaallatu biroo argamuun walitti deebina!

1 thought on “Hiriira Nagaa Guyyaa Har’aa Magaalaa Finfinneetti Adeemsifame

  1. Pingback: The Pro-Democracy Opposition Party in Ethiopia, Medrek, Holds Rare Rally in Finfinnee. #Oromia. #Africa. #Ethiopia | OromianEconomist

Leave a comment