Aside

qeerroo-edit

Deggarsa Ijaaramuu Qeerroo Idil-Aduunyaa

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa

Finfinnee

Jarmayaan “Dhaabbata Deggersa Qeerroo Idil-aduunyaa- International Qeerroo (Youth) Support Group dhabbatuu isaa fi seeraan galmaawee akka socho’u beeksisa bahe yeroo arginu gammachuu guddan nutti dhagahame.

Akeeka eebbifamaa jarmyaa kanaa Oromootni  biyya alaa fi keessaa akka cinaa dhaabbatanii fi irratti gargaartan waamicha keenya isiniif dabarsina.

Ummanni Oromoo miga dhalanamaa fi saba cunqurfamaa Oromoof jecha deggersa dandeessan kannaa jirtan martuu waliin hojjatnee waliin rakkina akka sabatti qabnu keessaa akka baanu waamicha keenya.
Dargaggoonni Oromoo fi Ilmaan Oromoo jarmyaa akeeka eebbifamaa Deeggarsa Qeerroo Idil-addunyaa gadi dhaabdan hojii irratti milkii cululuqaa waliif hawwina. Qeeroon akeeka keessan milkaawuuf waan irraa eegamu hunda akka raawwatu gamanumaa mirkaneessina.

Injifatnoo Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaa dha!
Qeerroo Bilisummaa

Finfinnee

Amajjii 01,2015

PDF:- Deggersa Ijaaramuu Qeerroo Idil Aduunyaa

BEEKSISA: Dhaabbata Deeggarsa Qeerroo Idil-aduunyaa

Aside

qeero

“Dhaabbata Deeggarsa Qeerroo Idil-aduunyaa” biyyaa Amerikaa Magaalaa Guddoo Washington DC keessatti seeraan  bu’aa fi siyaasaa irraa walaba ta’uun  hundaa’ee hojii eegaluuf haal-duree xumuree jiraachuu isaa gammachuun isiniif ibsina. Kaayyoo hundeeffama isaa qabatnee uummata Oromoo fi deeggartoota kaayyoo kanaa kan taatan mara yeroo dhihoo keessatti isin bira waan geenyuuf qophiidhaan akka nu eegdan kabajaan isin beeksifna.

Koree qindeesituu irraa

ANNOUNCEMENT

This is to inform you that the “International Qeerroo (youth) Support Group” has officially established in Washington DC, USA as nonprofit and nonpolitical organization and completed preparations to reach out to you. The founders kindly request all Oromo people and the supporters of the purpose of the organization to work with them.

The organizing committee

Aside

Qeerroo Edit

 Ibsa Bara Haaraa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

Amajjii 1,2015

Uummata Oromoo hundi baga nagana bara haraawaa  Amajjiin 1,2015 fi guyyaa WBOn isin gahe.  Barri 2015 Sabni Oromoo bara cunqursaan jaarraa olii keessaa hiikamee Oromiyaa keessa nagaa ,tasgabbii fi jaalanaan abbumaan jiraatu akka nuu ta’u hawwii fi dhugoomsa kaayyoo kanaaf ciccoominaan qabsaawuu qabnuu isinii dabarsina.

Bara 2014 darbe keessatti uumati Oromoo baadiyyaa irraa hamma magaalaatti dararaa sirna bulchiinsa EPRDF Wayyaanee jalatti argaa bahe dha. Qabeenya saamamuu irra darbee hidhaa,ajjeechaa fi biyyaa arihamuu dhittaa mirga namaa haalaan hammaataa keessa darbe. Haalli gabrummaa dhufaa darbaa daran hammaachuu irraan dargaggooti Oromoo(Qeerroon) cunqursaa kana darbaa baadhachuun nu gahe jechuun fincila diddaa gabrummaaf (FDG)Oromiyaa guutuu keessatti qabsiisuun mirga uumata keenyaa yeroo falmataa turre dha. Haala kanaan gaaga’ami lubbuu dhabamuu fi hidhaan uumata Oromoo addattis dargaggoota Oromoo irraan gahe kan yeroo kamuu caalaa hammaataa ture. Falmii mirga Oromoo fi dhumaatii uumata Oromoo irraanis lammiileen Oromoo biyyoota ambaa jiraatan tokkummaan dhaabbatanii mirga sabaa falmuu irratti eenyummaa fi jalaala biyyaaf qaban muldhisanii jiru. Haalli tokkummaa Oromoo waliigala bara 2014 keessatti muldhate jabinaan itti fufuun waggaan itti deemnu 2015 keessa kan kaayyoo saba Oromoo injifatnoon golboobu akka ta’u hogganni Qeerroo bilisummaa Oromoo gadi jabeessee dhaammata.

  1. Guyyaa seena qabeessa guyyaa WBO Amajjii tokko bara 2015 sababeeffachuun  hojii qindeesitooti Qeerroo bilisummaa Oromoo  Oromiyaa bakka maraa walitti dhufuun walitti dhufuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo  sochii warraaqsa FDG Qeerroo bilisummaa Oromoon durfamuu, haala Siyaasaa Impaayerri Itoophiyaa  keessatti kuftee jirtuu, gochaa hammeenya  mootummaan abba irree Wayyaaneen EPRDF itti fufinsaan uummata Oromoo irratti gaggeessa jiruu, olola maqaa filannoo dimookiraasii sobaan oofaa jiru, haalaa Master planii Finfinnee  fi waligalatti haala uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoo biyyatti keessa jiran irratti hundaa’uun marii bal’aa gaggeessuun uummata Oromoo hundaa fi lammiilee cunqurfamoo biyyattii hundaaf ibsa gabaaba armaan gadii dabarsee jira!! Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Amajjii 1 2015

Faaruu Amajjiii 1, Hawwisoo Qeerroo

Aside

Waggaa Haaraa Ilaalchisuun Dhaamsa ABO

Aside

ABO

Amajjii 2015

  • Miseensota ABO QBO Dirqama Duraa Godhatuun Qabsootti Dhaabbataa Jirtan;
  • Waraana Bilisummaa Oromoo Bilisummaa Oromoo Dhugoomsuuf Wareega Qaalii Baasaa Jirtu;
  • Dargaggootaa Oromoo, Sirnaa fi Diina Farra Oromoo fi Bilisummaa Oromoo Irratti Finciluun Mirga Ummata Keessaniif Falmaa Hadhawaa garuu Boonsaa Irratti Cichitanii Argamtan;
  • Ummata Oromoo, Sirna Gabrummaa Haalaan Hadhaawaa fi Umurii Dheeraa Of Irraa Darbatuuf Qbsoo Haqaa of Irratti Irkannoo Qofaan Gaggeessaa Jirtu;

Akkasumas Firoottan QBO

Baga waggaa haaraa 2015 geessan. Waggaan haaraa kunis waggaa ummatni Oromoo bittaa alagaa of irraa kuffisee bilisummaa fi walabummaa biyyaa isaa qabsoo isaatiin itti gonfatu akka tahu, akkasumas diinni ummatoota cunqurfamoo irratti roorrisaa jiru itti jilbeenfachiisamee, hawwii fi fedhiin ummatootaa itti guutamu akka tahu ABOn hawwa.

Waggaa haaraa seene kana keessa maaltu raawwatamuu qaba? Fedhii fi hawwiin ummata qabsoofnuuf akkamiin guutama? gaaffiilee jedhaniif deebii gahaa fi qabatamaa kennuuf waggaa dabre keessa kan raawwatamee fi kan hanqate ilaallatuun fardii dha. Kanaaf bara 2014 keessa haala dhaabni keenya ABOn keessa ture, haala ummata keenyaa fi haala diinaa wal yaadachiisuu feesisa.

Guyyaa ummatni Oromoo gabrummaa jalatti kufee eegalee mootummootni Itophiyaa sirnoota gara garaa fi mootummaa adda addaa diriirsan irratti wal jijjiiruun kan mul’ataa ture tahullee jijjiirraan sirnaa fi mootummootaa ummata Oromoo irraan miidhaa irra caalaa dhaqabsiisuu fi mirga uumaa fi seeraan qabu dhiphisuu malee isaanii ummata Oromoo akka ummataatti ilaalanii mirgi isaa akka kabajamu yeroon fedhii itti agarsiisan hin mul’atne. Mootummootni Itophiyaa hundi akkaataa itti qabeenya ummata Oromoo saaman, ummata Oromoo hamilee cabsuun bittaa jala turfatan irratti karoorfatuun hojjatan. Kanas gochaan isaan ummata Oromoo irratti bara baraan raawwatan ifatti agarsiisa. Addatti ammoo mootummaan Wayyaanee Itophiyaa bituuf erga humnaan of labseen asitti gochaalee ummata Oromoo qofa osoo hin taane ummatoota hunda dheekamsiise, gadadeesse, diinummaa babal’ise fi ummatoota gaddisiise ifaa fi dhoksaan raawwatuun impaayera humnaan bitaa jiru kufaatiitti fi gadadootti oofuu irratti argama. Mootummaan Wayyaanee/IHADG gaaffii ummatootaa karaa nagaa deebisuu irra maaf gaaffii mirgaa kaaftan? jechuun ukkaamsuuf humnatti gargaaramuu filatuun ummatoota caalaatti fincilsiisaa fi mirga isaaniif akka falmataniif kakaasa jira.

Ummatni Oromoo mootummaa kan kiyya jedhuu fi dantaa isaaf dhaabbatu dhabuu irraa waggoota dheeraaf qabsoo wal irraa hin citni geggeesse. Hawwii fi fedhii ummata Oromoo kana guutuuf ABOn dirqama qabsoo Oromoo hogganuu fudhatuun qabsoon bilisummaa fi walabummaa geggeessaa jiruun injifannoolee hin tuffatamne argamsiisuu irratti milkaa’ullee kan hafatee jiru hubatuun QBO finiinsaa akka jiru hubatamaa dha. Falmaa diina irratti adeemsisaa jiru kanaanis caasaalee fi ijaarsa diinaa ummata Oromoo irratti xiyyeeffatan, lukkeelee diinaa Oromiyaa fi ummata Oromoo keessa jiraataa isa basaasuu fi saamuu keessatti qooda kennan, waraanaa fi humna baasasa diinaa ummata Oromoo mirga isaaf falmatu ajjeesuu fi hiraarsuu irratti bobba’an irratti tarkaanfiilee hedduu fudhatuun adaba malu kennaafii ture. Kana keessatti WBO goleelee Oromiyaa adda addaa keessatti tarkaanfii fudhataa tureen QBO deebii quubsaa argatu malee kan hin dhaamne tahuu mirkaneessuun caalaatti mooraa diinaa dhiphisaa fi diigaa akka jiru ifaa dha. Kun ammoo bara haaraa kana keessa hanga ummanti keenya mirga isaa harka galfatu jabaatee kan itti fufu tahuun hin shakkisiisu.

QBO ABOn durfamu har’a sadarkaan irra gahe amansiisaa fi kan humni kamiyyuu ukkaamsuu hin dandeenye tahuu sochii bal’aa Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru irraa ni hubatama. Sochiilee roga afran Oromiyaa keessatti finiinaa turanii fi jiran kana keessatti qoodni maadheelee ABO, dargaggootaa fi ummataa ol aanaa tahuun hin falamsiisu. Waggaa dabarsine keessa Oromiyaa keessaa bakki itti dargaggoo fi ummatni fincila itti hin adeemsifamiin hafe hin jiru jechuun ni danda’ama. Keessattuu manneen barnootaa sadarkaa ol aanaa irraa hanga gidduu galeessaatti shira diinaa saaxiluu fi mirgi ummata Oromoo akka kabajamu gaafatuun diddaan agarsiisan kanneen haqaaf falman hunda kan boonsee fi gammachiise, mooraa saamtotaa fi cunqursitootaa raasee fi sarde ture.Dhaamsa-ABO-Waggaa-Haaraa-2015-

SBO Mudde 31 Bara 2014 Oduu, Dhaamsa Bara Haaraa ABO Amajjii 2015 fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Mudde 29,2014 Imaamata Diinagdee Ethiopia n Hordoftu Ilaalchisee Qophii Addaa

Aside

Godina Dhiha Oromiyaa Magaalaa Gimbii Keessaitti Dhaddachi Maana Murtii Godina Wallagga Dhihaa Galmee Hidhamtoota Oromoo 32 Cufe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Gimbii Muddee 30,2014
Muddee 26 fi Muddee 27/2014 Godina Dhiha Oromiyaa magaalaa Gimbiitti Dhaddachi Mana Murtii Godina Wallagga Dhihaa galmee hidhamtoota Oromoo Oromummaan yakkamanii hidhamanii himatamaa jiran ilaaluun ilmaan Oromoo 32 bilisaan gadi lakkisee galmee hidhamtootaa cufee jira.Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sobaan Ilmaan Oromoo yakkee balleessa malee hanga barbaade erga hidhatti ukkamsee booda, galmee sobaan qindeessee ittin ilmaan Oromoo hidhee dararaa ture turtii je’oota hedduu fi waggootan lakka’amuu booda bilisan gadi lakkisuun haamilee fi sammuu ilmaan Oromoo erga torture godhee booda gatii kan hin qabne ta’uun beekamadha. Ilmaan Oromoo jumlaan ukkanfamanii manneen hidhaa Wayyaanee garaagaraa keessatti argaman hundi Oromoo ta’anii dhalachuu fi ani Oromoodha, mirgi keenyaa sarbamuu hin qabu waan jedhanii dubbatan qofaaf yakkamaa ta’an malee balleessa kan hin qabne ta’uun beekamadha.
Kanaafuu manneen murtii Oromiyaa dhugaa jiru hubachuun tarkaanfii sirrii fi seeraa warreen fudhachaa jirtan galatni keessan bilisummaa haa ta’uu jechaa ilmaan Oromoo manneen murtii Wayyaanee garaagaraa keessa jirtan waan dhugaa hojjettaniif midhaan fedhe iyyuu yoo isin irra ga’ee uummatni Oromoo cufti dugda keessan duuba jiraachuu hubachuun dhugaa Uummata keessanii fi haqa uummata Oromoo afaan qawween dabsamaa jiru akka dura dhaabbattan amma illee waamicha keenya dabarsina. Maqaa fi galmee himata ilmaan Oromoo irra bilisaan gadi lakkifaman kan isin qaqqabsifnu ta’uu ni hubachifna!!

Raadiyoo Sagalee Oromoo Qophii Mudde 29,2014/ Marii Hayyuu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa Waliin Tahe Kutaa 2ffaa

Aside

Waranni fi Humnootni Tikaa Wayyaanee Naannoo Magaalaa Jimmaa fi Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Qubate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Mudde 29,2014  ,Jimma

dsc02197

Mootummaan Wayyaanee Yuuniversitii Jimmaa Keessaa Humna Waraanaa fi Tikaa Qubsiise, Amajjii 1 Guyyaa WBO fi Bara Haaraan Wal Qabsiisee Barattoota Yuuniversitii Kaanis Jeeqaa Jira.

Goototni barattootni Oromoo Yuuniverstiilee fi kolleejjota jiran keessatti gamtaa tokkummaa isaanii jabeeffachuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafatneef deebiin sirnaa fi seera qabeessi nuuf kennamuu qaba jechuun warraqsa FDG wal irraa hin citne bifa garaagaraan gaggeessa jiraachuun mootummaa Wayyaanee gaaffii karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyaateef deebii waraanaa fi ajjeechaa kenneef yaaddoo ulfaata ciniinsuu hamaa itti ta’ee jira. Wayyaaneen gaaffii karaa nagaa gaafachaa jirruuf deebii ajjeechaa jumlaa dugugginsa sanyii, hidhaa jumlaa, biyyaa fi barnoota irraa nu arii’atullee warraaqsa FDG bifa qindaa’een irratti gaggeessineen Wayyaanee tapha addunyaa si’anaa keessa baasaa jirra, kun dargaggoota barattoota Oromoo , hawwasa Oromoo fi jarmiyoota qabsoo bilisummaa Oromoo akka waliigalaatti sochii warraaqsa FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo qindeesse irraa qooda fudhataniif injifannoo boonsadha, Wayyaneef yaaddoo fi ciniinsuu dhumaa dhalaa jira.

Haala kana irraa Wayyaaneen hedduu sodaachuun mooraalee Yuunibarsiitii akka Jimmaa, Mattuu, Amboo, Walqixee, Wallaggaa , Gimbii, Shambuu, fi Walisoo humna poolisii federaalaa bobbaasuun eeggumsa guddaa gaggeessuu irratti xiyyeeffattee jirti. Addatti Yuunibarsiitii Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa irratti humna waraana guddaa bobbaasuun eegumsa itti jira.

Haala kanaa Muddee 29,2014  mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa Humna tikaa Wayyaaneen guutamee jira. dabballootni Wayyaanees barattoota Oromoo fi ilmaan Oromoo barsiisotaa hanga hojjettoota olaanoo Yuunibarsiitichaa fi hojjettoota gadi aanoo Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti argamaan hundumaa irratti hordoffii guddaa gaggeessa jiru.

Mootummaan Wayyaanee  sochii uumata Oromoo addattis dargaggoota Oromoo irraa soda waan qabuuf wagga haaraa fi guyyaa WBO irratti FDG ni ka’a sababaa jedhuun mooraalee barnootaa akka aadeffate humna waraanaan doorsisuu eegalee jira.