Waggaa Haaraa Ilaalchisuun Dhaamsa ABO

ABO

Amajjii 2015

  • Miseensota ABO QBO Dirqama Duraa Godhatuun Qabsootti Dhaabbataa Jirtan;
  • Waraana Bilisummaa Oromoo Bilisummaa Oromoo Dhugoomsuuf Wareega Qaalii Baasaa Jirtu;
  • Dargaggootaa Oromoo, Sirnaa fi Diina Farra Oromoo fi Bilisummaa Oromoo Irratti Finciluun Mirga Ummata Keessaniif Falmaa Hadhawaa garuu Boonsaa Irratti Cichitanii Argamtan;
  • Ummata Oromoo, Sirna Gabrummaa Haalaan Hadhaawaa fi Umurii Dheeraa Of Irraa Darbatuuf Qbsoo Haqaa of Irratti Irkannoo Qofaan Gaggeessaa Jirtu;

Akkasumas Firoottan QBO

Baga waggaa haaraa 2015 geessan. Waggaan haaraa kunis waggaa ummatni Oromoo bittaa alagaa of irraa kuffisee bilisummaa fi walabummaa biyyaa isaa qabsoo isaatiin itti gonfatu akka tahu, akkasumas diinni ummatoota cunqurfamoo irratti roorrisaa jiru itti jilbeenfachiisamee, hawwii fi fedhiin ummatootaa itti guutamu akka tahu ABOn hawwa.

Waggaa haaraa seene kana keessa maaltu raawwatamuu qaba? Fedhii fi hawwiin ummata qabsoofnuuf akkamiin guutama? gaaffiilee jedhaniif deebii gahaa fi qabatamaa kennuuf waggaa dabre keessa kan raawwatamee fi kan hanqate ilaallatuun fardii dha. Kanaaf bara 2014 keessa haala dhaabni keenya ABOn keessa ture, haala ummata keenyaa fi haala diinaa wal yaadachiisuu feesisa.

Guyyaa ummatni Oromoo gabrummaa jalatti kufee eegalee mootummootni Itophiyaa sirnoota gara garaa fi mootummaa adda addaa diriirsan irratti wal jijjiiruun kan mul’ataa ture tahullee jijjiirraan sirnaa fi mootummootaa ummata Oromoo irraan miidhaa irra caalaa dhaqabsiisuu fi mirga uumaa fi seeraan qabu dhiphisuu malee isaanii ummata Oromoo akka ummataatti ilaalanii mirgi isaa akka kabajamu yeroon fedhii itti agarsiisan hin mul’atne. Mootummootni Itophiyaa hundi akkaataa itti qabeenya ummata Oromoo saaman, ummata Oromoo hamilee cabsuun bittaa jala turfatan irratti karoorfatuun hojjatan. Kanas gochaan isaan ummata Oromoo irratti bara baraan raawwatan ifatti agarsiisa. Addatti ammoo mootummaan Wayyaanee Itophiyaa bituuf erga humnaan of labseen asitti gochaalee ummata Oromoo qofa osoo hin taane ummatoota hunda dheekamsiise, gadadeesse, diinummaa babal’ise fi ummatoota gaddisiise ifaa fi dhoksaan raawwatuun impaayera humnaan bitaa jiru kufaatiitti fi gadadootti oofuu irratti argama. Mootummaan Wayyaanee/IHADG gaaffii ummatootaa karaa nagaa deebisuu irra maaf gaaffii mirgaa kaaftan? jechuun ukkaamsuuf humnatti gargaaramuu filatuun ummatoota caalaatti fincilsiisaa fi mirga isaaniif akka falmataniif kakaasa jira.

Ummatni Oromoo mootummaa kan kiyya jedhuu fi dantaa isaaf dhaabbatu dhabuu irraa waggoota dheeraaf qabsoo wal irraa hin citni geggeesse. Hawwii fi fedhii ummata Oromoo kana guutuuf ABOn dirqama qabsoo Oromoo hogganuu fudhatuun qabsoon bilisummaa fi walabummaa geggeessaa jiruun injifannoolee hin tuffatamne argamsiisuu irratti milkaa’ullee kan hafatee jiru hubatuun QBO finiinsaa akka jiru hubatamaa dha. Falmaa diina irratti adeemsisaa jiru kanaanis caasaalee fi ijaarsa diinaa ummata Oromoo irratti xiyyeeffatan, lukkeelee diinaa Oromiyaa fi ummata Oromoo keessa jiraataa isa basaasuu fi saamuu keessatti qooda kennan, waraanaa fi humna baasasa diinaa ummata Oromoo mirga isaaf falmatu ajjeesuu fi hiraarsuu irratti bobba’an irratti tarkaanfiilee hedduu fudhatuun adaba malu kennaafii ture. Kana keessatti WBO goleelee Oromiyaa adda addaa keessatti tarkaanfii fudhataa tureen QBO deebii quubsaa argatu malee kan hin dhaamne tahuu mirkaneessuun caalaatti mooraa diinaa dhiphisaa fi diigaa akka jiru ifaa dha. Kun ammoo bara haaraa kana keessa hanga ummanti keenya mirga isaa harka galfatu jabaatee kan itti fufu tahuun hin shakkisiisu.

QBO ABOn durfamu har’a sadarkaan irra gahe amansiisaa fi kan humni kamiyyuu ukkaamsuu hin dandeenye tahuu sochii bal’aa Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru irraa ni hubatama. Sochiilee roga afran Oromiyaa keessatti finiinaa turanii fi jiran kana keessatti qoodni maadheelee ABO, dargaggootaa fi ummataa ol aanaa tahuun hin falamsiisu. Waggaa dabarsine keessa Oromiyaa keessaa bakki itti dargaggoo fi ummatni fincila itti hin adeemsifamiin hafe hin jiru jechuun ni danda’ama. Keessattuu manneen barnootaa sadarkaa ol aanaa irraa hanga gidduu galeessaatti shira diinaa saaxiluu fi mirgi ummata Oromoo akka kabajamu gaafatuun diddaan agarsiisan kanneen haqaaf falman hunda kan boonsee fi gammachiise, mooraa saamtotaa fi cunqursitootaa raasee fi sarde ture.Dhaamsa-ABO-Waggaa-Haaraa-2015-

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s