Oromummaa Isaanii Qofaan Yakkamuun Barattooti Oromoo Kolleejjii Barsiisota Jimmaa 17 Qondaalota Wayyaanee fi Bulchitoota Mooraan Akeekachiisi Yeroo Itti Kennamu 8 Ammoo Tohannaa Jala Jiru

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa

oromo in ethioAmajjii13,2015 Sabboontootni barattootni Oromoo Koolleejjii Barsiisota Jimmaa Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun mootummaa Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/OPDO’shororkeeffama jiru. Mooraan Dhaabbilee barnoota olanoo biyyattis mooraa Siyaasaa fi Waraanatti jijjirama jira.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee torbee darbee keessa sabboontota Kadhmamtoota barsiisota Oromoo Koolleejjii barsiisota Jimmaa irraa Leenjii barsiisummaa fudhacha jiran kanneen waggaa 3ffaa barachaa jiranii fi eebbfamtoota ta’ani yeroo amm piraaktikeemiidhaf bobbaafamani jiran irratti shira guddaa xaxaa jiraachuun barattoota Oromo homaa baalleessa tokko ilee hin qabneen isin yakkamtoota mootummaa keenya irratti fincila gaggeessa jirtu jechuun Barattootni Oromoo 18 dabballootaa Wayyaaneef ergamanii bulanii fi hogganaa koolleejji barsiisota Jimmaan doorsifaman, ergamtootni sirnichaa fi dhaaba jalee Wayyaaneef ergamanii kanneen ilmaan Oromoo akka hin baratneef barnoota irraa ugguraman gochaa jiran keessa Abbaa Zinaab hogganaa koollejjii barsiisota Jimmaa fi dabballee human tikaa Wayyaanee nama Taarikuu jedhamu wal ta’uun ilmaan Oromo akka hin baratneef maqaa Wallee Warraaqsaa sirbuun ABO f WBO faarsitan, Sirboota qabsoo Sirbitan, mootummaa keenyaa irratti wallee warraqsa sirbuun uummata kakasaa jirtu  jedhuun barattoota Oromo dararuu irraatti argamu barattootni Oromo haala kanaan dararama jiranii fi barnoota irraas ni arii’amtu jechuun dorsfaman:

1,Barataa Muktaar Hamdii

2,Barataa Rabbirraa Geexee

3,Barattuu Hawwii Guutuu

4,Barataa Magaarsaa Gobaanaa

5,barataa Fayyisaa Mijanaa

6,baraaa Zufaan Adafaaris

7,barataa Abbabaa kumsaa

8,barataa Guddisaa Bongaasee

9,barattuu Jalaannee Guddataa

10,barataa Mustaafaa Huseen

11,barataa Zawudee Qadidaa

12,barataa Amiin Wadoo

13,barattuu Maraartuu Geetuu

14,barataa Qanaanisaa Dhaabaa

15,barattuu Yetnabbarsh Mallasaa

16, barataa Tasfaayee Dajanee

17,barataa Buziyee kannen keessatti argaman ilmaan Oromoo dabballoota ergamtoota wayyaaneen dorsifamuun barnoota isanii irra ugguramaa jiranii fi kanneen dabbaloota wayyaaneen shorokeeffamaa jiran ta’uu n hubachiifna.

Kuni utuu kanaan Jiruu ergamtootni Wyyaanee kun ittuma fufuun barattoota Oromoo 8 irratti xiyyeeffannaa addaa gochuun Amajjii 13/2015 beeksisaa irratti basuun barattoota Oromo mooraa koolleejjii barsiisota Jimmaa Biiroo hogganaa kollajjichaatti waamuun doorsisaa jiraachuun bira ga’ame jira. Barattootni Oromoo haala kanaan dararama jiran keessa:

  1. Barataa Tokkummaa Hundee mummee Herreegaa waggaa 3ffaa
  2. Barataa Gulummaa Lammaa mummee  Afaan Ingiliffaa waggaa 2ffaa
  3. Barataa Ababaa Gudee  mummee biology waggaa 3ffaa
  4. Barataa Asaffaa dhugumaa mummee Keemistirii waggaa 3ffaa
  5. Barataa Taaddalaa Taarikuu muummee Herregaa waggaa 2ffaa
  6. Barataa Abarraa Dheeressaa mummee Herreegaa waggaa 3ffaa
  7. Barataa Qaqqabaa Humneessaa mummee herreegaa wagga 3ffaa
  8. Brataa Sabboonaa Awwaqii mummee Herreegaa waggaa 3ffa kanneen baratan addatti basuun doorsifni fi shororkeessi Oromoo ta’uu qofan irratti gaggeeffama jira.

Gochaa diinummaa kana fi uggura barattoota Oromoo irratti rawwatamaa jiru kanaan walqabatee FDG dhoofamuuf akka jiru  Qeerroon Bilisummaa Oromoo hubachiisuun, Barattootni oromoo Oromummaan Yakkamuu fi Doorsifamun gootummadha,gootni biyyaaf falmata, dhugaaf dubbata ilmaan Oromoo walduukaa dhaabbachuun shiraa fi shororkeessuummaa wayyaanee dura haa dhaabbannu jechuun dhaams dabarse.

Aside

  Haagahu Roorrooni

Kiya Tesfaye irraa,

Gadaa meqaa ofi gadda dadhabne

Amna baraa dheraa tanguutama hin qabne

Gadiraa gabrummaa waraan hagogamaa

Barrii baraan calee dhalotaan dhalamuu

Asiirra raawwataa hin siimannu lamuu

Bahaa fi sensaa hashiinuu diddaa

Fincilaa kaafne gabruummaa didda

Qabsaawota dhugaa kan gootummaa adda

qooda haafudhannu namu bakka jirru

Qeyroo bilisumma wajjiin hiriruu

Qabsaawuf  murannee garaa haahidhannu

Of booda debinuu hanga Injifanuu

Saba koo oromoo hin laafinaa hin laafnuu

Waregama lubbuu guyaa hingaabafnaa

Mirgaa Abbaa Biyyumma ka’aa hagonfannu

Dirqama lammumaa waanurraa eggammu

Tokkummaan hirirre fiduuf Jijjirama

Gaachanaa walitaane irree tumsa gamaa

Barrii bahuufi demtii biftuun bilisumma

Waan qabnun hirmanne galmaan gayuu amma

Qabsoo fininsine Hacimsinuu falmaa.

SBO Amajjii 14 Bara 2015. Oduu, Ibsa ABO fi Qophii biroo akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

ቄሮ: የኦሮሞ :ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ :ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና:: January 12, 2015

Aside

Aside

OROMOO

barruuWalaloo Abdii Baalee Oromiyaa

Akkam yaa lammii koo,xiqqaa fi guddaan biyyaa,

Ilmaan harmee kootii,ilmaan Oromiyaa,

Baga nagaa taatan,anilleen nagayaa,

Mee gurraa naaf kennaa,was isiniin gayaa,

Rakkoo waliif obsaa,gurraan wal dhagayaa,

Tokkummaa jabeessaa,afaan tokko tayaa,

Kunoo gabroomfataan maqaa nurra kaayaa,

Shororkeessaa jedhee,hidhatti nu haxaayaa,

Sochii keenyaaf jecha;jiruusaa yaaddayaa,

Qabsoo keenya him miidhu tasuma raatayaa,

Kanaafuu,mormadhaa ,al-takka gad bayaa,

Bakkuma jirtanii;hundinuu qabsaayaaaaaa!!!!  (*2)

Dhugaan guyyaa eegdii,taxa him ariifattuu,

Isin gariin namaa,maaf akkas rifattuu,

Lubbuu du’a hin oolle,maaf irraa sodaattuu,

Biyya Keenya irraa maalumaaf baqattuu,

Qabsaayaa qabsoo dhaa,maaf irraa baqattuu,

Walaloo Abdii Balee Oromiyaa

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 12, 2015 with 15 minutes Oromia Insight

Aside

Faaruu Alaabaa Oromoo

Aside

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee, Uummanni Dirqamaan Kaardii Filannoo Akka Fudhatu Taasisaa Jira. Godina Lixa Shaggar Keessatti Ammoo Mana Uumataa Sakatta’uu fi Duula Hidhaa Eegaluu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 12,2015

images (1)Mootummaan Wayyaanee filannoo fakkeessaa bara baraan gaggeessaa ture, ammas akkuma aadeffate uummanni kaardii filannoo dirqamee akka fudhatu taasisaa jira. Akka odeessa Oromiyaa bakkoota adda adda irraa nuqaqqabetti, uummanni Oromoo abdii filannoo sobaa mootummaa Wayyaanee irraa dhabeen ejjenoo kaardii filmaataa fudhachuu dhiisuu fudhataa jiruun kan hubate sirni abbaa hirree wayyaanee maloota garaagaraatti fayyadamuun uummanni dirqamee akka fudhatu taasisaa jiraachuu isaati.

Wayyaaneen maloota dirqamaan fudhachiisuu keessaas garee tokko shanee jedhuun akka fudhatan taasisuu fi kan hin fudhatiin hafe ammoo farra misoomaati jechuun gamanumaa uummata doorsisaa jiraachuuniis hubatameera. Uummanni Oromoo ejjennoo kaardii filmaataa fudhachuu dhibuu murteeffatees doorsisa sirna abbaa hirree Wayyaaneef akka hin jilbeeffannes ifatti mul’isaa jiraachuus odeessi qeerroo mirkaneessa.

Gama biraan haalota kanaan wal qabsiisee Mootummaan Wayyaaneen  Amajjii 11,2015 Godina Lixa Shaggaar Aanaa Amboo,Magaalaa Amboo fi Gudar irratti Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF humnota tikaa isaa bobbaasuun Uummata goolaa jira; Duulli hidhaas itti fufee jira.
Haala kanaan guyyaa har’aa mootummaan Waayyaanee akkuma amala isaa magaalaa Amboo fi Naannoo Amboo irratti xiyyeeffaachuu humnota tikaa fi poolisoota Federaalaa bobbasuun mana galmaa uummataa sakkata’uu fi sabboontoota Oromoo doorsisuu fi ilmaan Oromoo nagaa hidhatti darbaa jiraachuun saaxilamee jira.
Aanaa Amboo Ganda Waddeessaa irraa ilmaan Oromoo nagaan qonnaan bultooti 4 Oromummaan yakkamanii hidhamuun bira ga’amee jira. Ilmaan Oromoo Oromummaan yakkamanii hidhaman kunneen:
1. Jifaaraa Caakkaa
2. Lachiisaa Caakkaa
3. Lataa Shukkaraa fi
4. Kumsaa Dirribii kanneen keessatti argaman ilmaan Oromoo nagaan keessa jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.

 

Hating Woyane Only By Thought Will Not Lead Us To Freedom

Aside

By, Firehiwot Guluma Tezera                           Jan 10,2015

Firehiywot GulummaaThere is no doubt that the biggest aspiration of Oromo nationals living abroad and under the colony of woyane in their native land is acquiring freedom. To be free of over hundred years of an outsider rule and seeing the light of freedom is the wish of the young, adult, men and women Oromo’s. The one question everybody talks about and asks himself is when is it that I get out of my enemy rule and get my freedom. When is it that I get away from the killing, imprisonment, torture and looting of the ruthless woyane and live in my native land peacefully and wealthy. This is the wish of Oromos who have fled the imprisonment and torture of woyane and those still living under the persecution of woyane.

The Oromo people: Those living in all directions in Oromiya, Oromo society forced to flee his native land by the Habesha rulers of yesterday and the current woyane regime: the enemy woyane who came to their land and disturbing the peace, the enemy who is plundering its possessions, the enemy who has colonized them forcefully on their own land and caring out executions, the enemy who has forced their children to drop out of school and leaving them in incompetence, the enemy who has taken their rich land away and selling it away, it is obvious that the Oromo people despise and don’t want to see this enemy.

Today, when asked, any Oromo will tell you that for Oromo living under TPLF regime even for a single day is a humiliating thing. He will tell you that for a population of this size to live in his native land under the persecution of woyane are humiliating with no match. They are fed up, angry and talk with resentment about the killing, imprisonment, torture and plunder of Oromo people. The one thing we must ask is: Is our anger towards woyane and the previous Habesha regimes only by talking or by action?

We can’t evaluate ourselves by any indicators if we keep asking ourselves this question. The enemy is working day and night to rule us through force. The enemy is plundering our nation, killing and torturing our heroes. We only want to live in freedom but are unwilling to contribute what is expected from us. The others only despise, scold, and swear at our enemies. We consider that converting into action our feeling for our enemy is the obligation of the few fighters and heroes who are genuinely struggling. This is a wrong assumption that will help our enemies to rule us longer. Even though we are people who have everything this wrong assumption has helped woyane to rule us for 23 years by imprisoning, looting, killing and torturing us. Even for the future if don’t change this wrong assumption and struggle with actions in unison for our rights the rule of woyane will no doubt will continue.

To solve the problems facing us today and get our freedom, every Oromo who has escaped and still escaping  the persecution of woyane and the previous regimes should also remember the various problems he faces in asylum seekers camps. While living in a country who has given him refuge, he must be there to help those living under the rule of woyane. He must not forget his people even for a second. Only talking about the suffering endured by his and his people will not suffice. The big Oromo people who are still languishing under the brutal rule of woyane in their own land should speak up and show their dissatisfaction with actions.

So every Oromo, adult, the young, the elderly, men and women, those with knowledge by their knowledge, the rich by donations, the strong by their  strength, should stand with Oromo Liberation front(OLF) who is struggling to liberate the great Oromo people, and should struggle though actions not only by talking.

SBO Amajjii 11 Bara 2015. Oduu, Gabaasa kabaja guyyaa WBO, Ibsa Qeerroo A.Duulaa irratti, Haasaa H.D ABO kutaa xumuraa

Aside