Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 10, 2015

Aside

Waggaan Haaraa fi Guyyaan WBO Yuuniversitii Hawaasaa Mooraa Awaadaa Keessatti Kabajame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Hawaasaa

Gaafa Amajjii 1,fi guyyaan WBO sababa godhachuun Sabboontonni barattoota Oromoo Yuuniversitii Hawaasaan gaafa guyyaa  Amajjii 07,2015 haala hoo’aa ta’eenkabajamuu Qeerroon Yuuniversitichaa gabaase. Guyyaan kunis yaadatnoo gootota Oromoo qabsoo irratti wareegamanii barattoota bara dabre Yuunivarsiitii Oromyaa keessatti WAYYAANEEdhaan dhuman sababa gochuun kan eegalame yoo ta’u,qabxiilee ijoo ta’anhedduurrattis mari’atameera

1. Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gahee barattooti Oromoo qaban.
2. Barattooti Oromoo uumata bal’aa keessatti gadi bu’anii akkaataa dammaqiinsa falmata mirgaa kennamu.
3. Tokkummaa barattoota Oromoo darn cimsuu

4. Bifa dandayameen filannoo dharaa Wayyaaneen gaggeessuuf deemu dura dhaabbachuu.

Kanneen jedhan irratti bal’inaan marii gochuun kabajaa guyyaa WBO nagaan xumurachuu qeerroon gabaasa.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Amajjii 09,2015

Aside

Uummanni Rakkoo Keessa Jiruuf Gaaffii Kaasa, Mootummaan Wayyaanee Rakkoo Bulchiinsa Gaariin Waan Isa Mudateef Gaaffi Uummataaf Deebii Dhabee Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Baalee, Roobee Amajjii 9,2014

diddaa9Mootummaan Wayyaanee bulchiinsa gaarii dagaagsuu jedhee miidiyaa of harkaa qabuun leellisuun gama uummata keessatti ammoo rakkoon bulchiinsa gaarii dagaagee mul’ataa jira,uummata keessatti rakkoon mudatee  kutaalee Oromiyaa godinoota adda addaa keessaa gaaffiin uummata ka’aa jira, odeessaa Qeerroo har’a  Amajjii 9/2015 godina Baalee magaala Roobee irraa nu gahuun mootummaan guddina biyyaa jedhee uummata gowomsuun isaa uummata keessatti ammo akka godina kanaatti  uummanni abbaa maatii 1000 ol tahu rakkoo ibsaan gaaffii kaasuun bubbulee jira.

Mootummaan Wayyaanee gaaffii uummataaf deebii dhabe, uummannis rakkoo keenyaaf hatattamaan furmaata kennuun dirqama jechuun mootummaa Wayyaane muddee qabate,odeessaan addeessu gaaffiidhuma uummataa kana humnaan tasgabbeessuuf waraana ramade jedhu, akkasuma Oromiyaa lixaa Qellem Wallaggaa irratti gaaffiidhuma kana fakkaatu, guutummaatti godina kana keessa uummanni jiraatu rakkoo networkii fi interneetii qabuun gaaffii kaasuu eegalee jira, keessattu daldaltoonni rakkoo networkii godina kana mudateef hojii hojjechuu hin dandeenye, gaaffii kaasuun odeeffataan achirraa nu qaqqabe addeessa.

Yeroo kufaatiin isaa as dhiyaate keessatti uummata miidiyaadhaan uummata sobuun karaa darbuun waan itti fakkaateef rakkina uummataa ukkaamsee dhoksuu, waan hin jirree fi hin hojjetamne hojjetame jedhee miidiyaadhaan sobuun rakkoo uummataa furuuf hiika itti fakkaachuu, harka lafa jalaan saamichaa gaggeessuun wayyaaneef tooftaa umurii dheereffachuu itti fakkaatus uummanni yeroo ammaa hojii wayyaanee ifatti mul’isuudhaan rakkina keessa jiru irra ijaajjee gaaffii godinaalee garagaraa keessatti ka’aa jiraachuun odeessaan addeessa. Akkasuma buufata manneen barnootaa keessatti barattootni dhimma barnootaan wal qabsiisanii itti fufiinsaan gaaffii qabsiisaa jiru, mootummaan Wayyaanee gaaffii uummataa irra tarkaanfatee deebii dhorkachuu fi deebii tahuudhaaf uummata itti cimee fi gamtaan sodaate humna waraanatti fayyadamuun uummata gaaffii rakkina isaa gaafatatu ukkaamsuu  yaalaa akka jirutu dhagayamaa jira.

Sagalee Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu /Qophiilee Adda Addaa Qaba

Aside

Aside

New Book Announcement from Qeerroo Bilisummaa

Kitaaba Haaraa 1 Kitaaba haaraa 2Qeerroo Bilisummaa is pleased to announce that a new book summarizing the 2013-2014 activities of Qeerroo and the historical Oromo student movement of April/May 2014 is published and is distributed around the world. The book, authored by an Oromo scholar Daandii Qajeelaa, entitled “A Chronological Summary of Oromian Student Movement Led by Qeerroo Bilisummaa”, effectively documents the Oromo student movement and the brutal response of the Ethiopian regime in a chronological order, by date and place of incident, and is supported by photographs and links to the main source of the information on each incident. It is the first of its kind to document the struggle of the Oromo students known as Fincila Diddaa Gabrummaa (Revolt Against subjugation) in the English Language. All Oromos, who claim to be embodied with Oromo nationalism (Oromummaa), need to purchase this book and have it on their shelves for historical reference and/or pass it to their children. All non-Oromos and friends of the Oromo who are interested to know the magnitude and the essence of the historical 2014 Oromo student movement need to read this book. The book can be found by inquiring the Oromo community of your area.

“Qeerroo Jabeeffatna” Wallee Haaraa Artist Sabboonaa Addisuu Furgaasaa/Amajjii 8,2015

Aside

Aside

Kitaaba Haaraa 1Beeksisa Kitaaba Haarawaa Qeerroo Bilisummaa Irraa

 Kitaabni Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bara 2014 keessa finiinaa ture Afaan Engliffaan gabaasu Qeerroo Bilisummaatiin maxxanfamee raabsamaa jiraachuu gammachuudhaan isin beeksifna. Kitaabni matadureen isaa “A Chronological Summary of Oromian Student Movement Led by Qeerroo Bilisummaa” jedhuu fi Obbo Daandii Qajeelaatiin barreeffame kun cuunfaa fincila barattootni Oromoo waggaa tokkoof taasisanii fi wareegama uumati Oromoo FDG irratti baase guyyaa fi bakka akkasumas maddasaa (link) waliin kan galmeessee kana malees sochiilee uumati Oromoo taasisaa jiruu qabeenya samame ilaalchisee waa hedduu of keessaa qabu kana ummanni keenya harka irraa qabaatee seenaa dhaloota hegereef  kaa’u dha.Kitaaba haaraa 2

 Dhala Oromo kanneen taatan, sabboonummaa Oromummaa qabna kanneen jettan, kitaaba kana bitadhaa yaadannoo seenaaf kaayaa. Dhala keessanittis dabarsaa. Alagaaf firoottan Oromoo ta’aniif bitaa kennaa. Kana malees daandii itti FDG barattootaa maallaqaan tinnistan dhabdanii kanneen rakkachaa turtan, kunoo kitaaba kana bituudhaan akkasumas raabsuudhaan Dargaggoota Oromoo( Qeerroo)biyya keessaa lubbuusaanii wareegamaaf saxilanii qabsoo finiinsa jiran tinnisaa.                                                                                                               

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 7, 2015

Aside

Uummanni Oromoo Godina Shaggar Kaabaa, Naannoo Garba Gurraachaa Jiraatan Sababaa Saamicha Lafti Qonnaan Bultootaa Irraan Kan Ka’e Walgayii Wayyaanee Lagatan!‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Shaggar Kaabaa, Amajjii 8,2015

diddaa9Shaggar gara kaabaa, aanaa Garba Gurraachaa irraa gabaasi Qeerroo akka ibsutti Amajjii gaafa 5 mootummaan Wayyaanee dhimma misooma guddina biyyaa jedhuu fi gumaacha hidhaa laga Abbaayiif hojjetoota isaa garagaraa uummata waliin magaala Garba Gurraachaa irratti walitti qabuun uummataa fi hojjetoota mariisisuuf sagantaa qabatee ture, akka walii galaatti uummatas tahe hojjetaan akka yaada mootummaatti uummata jiraattotni aanaa kana keessa jiraatu walgayii kana irratti hirmaatee akeeka mootummaa galmaan gahuuf dhibbaan namootni akka bobbahan ture, sammuu uummataa keessaa kan hin baanee fi hanga ammaatti uummanni akka Shaggar  kaabaatti qabatee jiru leenjii barattootni yeroo gannaa walgayii mootummaan EPRDF teesisaa ture irratti gaaffii dhimma qotee bulaan lafa isaa irraa ariyamee, lafti qote bulaa mootummaadhaan saamamee gurguramaa ture irratti gaaffii uummata bakka bu’anii gaafataa turan irratti mootummaa biraa deebiin waan hin kennamin hafeef, akkasuma mootummaan Wayyaanee miidhaan ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru ilaalchisee uummanni Oromoo quuqaa garaa isaa keessa jiru baafatee himachuuf carraa kan hin argatne tahuu ibsanii jiru.

Haala kanaan mootummaan Wayyaanee ammoo dhimma maqaa misoomaan uummata walitti qabuu fi hidhaa laga abbaayiif uummata irraa qarshii sassaabu kun uummata Oromoo jiraattoota aanaa kana keessa jiraatu biratti gocha saaminsa bifa isaa jijjiirratee fi tooftaa sirni gabroonfataa kun itti fufiinsaaf karaa mijeeffachaa jiru tahuu isaa waan hubateef mootummaan wayyaanee dursee walgayii kana ajajuu isaan dursa guyyaa tokkoo waan taheef uummanni aanaa kana keessa jiraatu dhaamsa waliif dhaamuudhaan hojjetan mootummaa uummata Oromoo waliin tahuun walgahii EPRDF Wayyaanee yaame lagatanii jiru.

Amajjii 5,2015  irratti namoota 15n hin caalleen hirmaatame, isaan kunis gaaffii uummataa kaasan, gama tokkoon mootummaan uummata miidha, uummata hidhaa, ajjeesaa akkamiin uummanni mootummaadhaaf ajajamaa, lafti Oromoo gurgumee dhumeera, lubbuu baayees dhimma lafa Oromiyaatiif dhabneerra, kan jedhan kanneen qaamuma mootummaa godina kanaa tahuu odeessaan nu gahe addeessa.

Tuttuqaan Wayyaanee uummata Oromoo gamteessaa jira, akka gabaasa Qeerrootti  mootummaadhaan ajajamuu keenyaan dura mootummaan dura gaaffiwwan hunda ilmaan oromoo hunda irraa ka’aa jiru kallattii adda addaan kanaan dura ka’e karaa miidiyaatiin deebii haqaa akka kennu, ammas taanaan fuula durattis mootummaa hojii gara jabeessaan uummata keenya irratti raawwataa jiru hin beeknu, gocha isaa darbaniifiyyuu itti gaafatamuu qaba, jedhanii namootni walgayii kana irratti argamanis uummata aanichaa bakka bu’anii dubbatanii akka jiran odeessan qeerroo ibsa.