Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 24, 2015

Aside

SBO Amajjii 25 Bara 2015. Oduu, Gaaffii fi deebii Dr Nuuruu Sa’id fi Qophilee adda addaa

Aside

Amajjii 23/2015 Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa keessatti Dabballootii fi Humni Tikaa Wayyaanee Yakka Hojjetan

Aside

Amajjii 23/2015 Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa keessatti yakka dabballootni humnootni tikaa Wayyaanee qindeessuun barattoota Oromoo ittin yakkuuf jedhanii Doormii barattootatti halkan keessa sa’aa 6:00 irratti ibidda itti qabsiisan, Goototni Qeerroon dargaggootni Oromoo itti dammaquun dhaamsuu danda’uun shira Wayyaanee dura dhaabbatan.

Goototni barattootni Oromoo Yakka kamuu ergamtootni dabbaallotni fi humnootni tikaa Wayyaanee ittin ilmaan Oromoo yakkuuf dalagaa jiran mara dura ni dhaabbanna jechuun halkan keessa sa’aa 6:00 irratti Wayyaaneen ergama diinummaa qabeenyaa Oromoo gubuun, ilmaan Oromoo immoo itti yakkuun hidhatti guuruun qindeeffatte, Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Main Campus Doormii Abdiisaa jedhamuun beekamutti ibidda qabsiisuun yakka hin jirre dalagaa jiraachuun bira ga’ame jira. Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo yakka dabballoota humnoota tikaa wayyaanee irratti dammaquun balaa ibiddaa hamaa qabeenyaa uummataa barbadeessuuf aggamamee kana dura dhaabbachuun dhaamsuu danda’ani jiru. Goototni barattootni Oromoo MootummaanWayyaanee yakkamadha, yoom iyyuu yakka dalagee Oromoo ittin dhaadhessuuf duubatti kan deebi’uu miti, yakkoota dalagaamaa jiran kana hundaaf mootummaan wayyaanee itti gaafatamadha. Ilmaan Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoos ta’ee sadarkaa garaagaraa fi bakkoota garaagaratti argamtan bakka jirruu hundaa harka walqabannee mootummaa Shororkeessituu Wayyaanee dura haa dhaabbatnu jechuun dhaamsa dabarsan

Daragaggoonni Oromoo Sababaa Filannoo Gufachiisuuf Karoorfattaa Jiru Jedhuun Mana Hidhaa Wayyaaneetti Darbamuun Hammaate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 23,2015 Finfinnee
Because I am OromoSirni Wayyaanee filannoo dharaa baatii Caamsaa keessa gaggeessuuf deemu irraa
sodaa sochii uummataa irraa qabuun kan kahe uummatni kaardii filmaataa humnaan akka fudhatu taasisuu irra dabree uummata addatti dargaggoota Oromoo kaardii filmaataa hin fudhannu jedhan mana hidhaatti dabraa jiraachuu gabaasonni Qeerroo bakkoota garaagaraa irraa nuqaqqabe addeessa. Dargaggoota kanneen filannoo kaardii fudhachuu didan isintu akka uummanni kaardii filannoo hin fudhanne taasisaa jira, filannoos gufachiisuuf deemtu jechuun ragaa qabatamaa hin qabneen mana hidhaatti dabraa jira. Dargaggoota godinaalee irraa hedduminaan hidhamaa jiran keessaa adda durummaan sochii Warraaqsaa qindeessuun uumata mootummaa irratti kakaasuun filannoo gufachiisuuf deemtu kanneen jedhaman keessaa kanneen Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa:

  1. Dargaggoo Amaan Mohaammadii fi Jamaal Kadiir Roobaa, Baatuu irraa achuma mana hidhaa buufata poolisaatti dabramuun kan argaman.
  2. Dargaggoo Tesfaayee Guutaa, TulluBoolloo irraa, achuma buufata poolisa Tullu Boollootti dabramee kan argamu.
  3. Dargaggoo Gulummaa Caalaa fi Asaffaa Nadhii Sandaafaa irraa, achuma buufata poolisa Sandaafaatti kan darbaman.
  4. Dargaggoo Daani’eel Gammachuu magaalaa Incinnii irraa achuma buufata poolisa Incinniitti darbamanii kan argaman yoo tahu; Kanneen bakkoota gargaaraa irraa mana hidhaatti darbamanii jiran guutummaa isaa Qeerroon gara fuul duraatti qindoominaan ni gabaasa.

Baha Oromiyaa Magaalaa Awwadaay Keessatti Filannoo Caamsaa Keessa Gaggeefamuuf Kadimamtoota Nama 7 Wayyaaneen Dhiheeffate Uummati Oromoo Diddaan Dura Dhaabate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 23,2015 Awadaay.

diddaa9Filannoo Caamsaatti gaggeeffamuuf kaadhimamtoota jechuun namoota Wayyaaneen dhiyeeffataa jirtu irratti mormiin uummataa mudate.

Sirni abbaa irree Wayyaanee karaa lukkeewwan isaa OPDO godina Harargee bahaa magaalaa Awwadaayitti wal gahii gaafa Amajjii 21,2015 uummataa fi miseensota OPDO walitti qabuun kaadhimamtoota filannoo caamsaatiif kaadhimaman jechuun uummatatti beeksisuuf walitti qabe irratti mormiin jabaan uummataa fi miseensota isaa irraa isa mudate. Akka odeessa Qeerroo Awwadaay irraa nu qaqqabetti miseensota OPDO dabalatee kaadhimamtoonni kanneen namoota badii uummata Oromoo irratti dalaganii fi amantii keenya sirnaa dhiisee amantii mootummaan barbaadu dirqamaan nu irratti fe’uuf waarreen deeman waan taheef gonkumaa bakka nu bu’uu hin dandahan jechuun wal gahii walitti qabame irratti lukkeewwan Wayyaanee qaaneessuun wal gahii bittimsuun, dhaadannoo nama ‘’bakka nuu bu’u u dandahu kan filatu uummata Oromooti malee qaama biraa nu hin barbaachisu’’ jechuun sagalee isaanii dhageessifataa akka turan gabaasni nu qaqqabe ibsa.

Kanneen kaadhimamtoota jechuun uummataaf dhiyaatanii mormiin isaan mudate keessaas; –

Sheek Qamaara, nama sirna dargii keessa bakka sagadaa uumataa fuudhee waajjira taasifachuun dargii tajaajilaa ture ammas sirna Wayyaanee tajaajilaa jiru.

  1.  Yuusuuf Qophee nama golgaa amantaan sirna Wayyaanee tajaajilaa jiru.
  2. Ahamad Haaruun nama amantii sirna Wayyaaneen gaggeeffamu leellisu.
  3. Muktaar Karroo nama waggoota kudha shanii duraa calqabee maqaa amantiin wayyaaneen walii galee hojjetu,
  4. Sheek Bakarii Imaam ,
  5. Mahaammad Aliyyii,
  6. Sheek Mahaammad Saalihaa kanneen

Jedhaman namoota miidhama uummata Oromoo irratti gama hundaan halkanii
guyyaa hojjetan waan taheef, balaaleffannaan uummata qofaan otoo hint a’iin miseensuma OPDO dabalatee mormiin jabaa akka isaan mudate gabaasin nu qaqqabe mirkaneessa.

Seife Nebelbal Radio, January 23, 2015

Aside

Humni Tikaa fi Bulchitooti Wayyaanee Dirqamaan Uumata Kardii Filatnoo Fudhachiisuu Imaamata Godatan.

Aside

Amajjii 23,2015 Finfinnee

images (1)Uummanni Oromoo filannoo waliin dhahaa fi fakkeessaa mootummaa Wayyaaneen bara baraan gaggeessu ijibbaate ejjennoo mataa isaa fudhatuutti jira. Ummanni filannoo baroota dabran wayyaaneen gaggeessaa turte irraa waa barate, filannoo barana wayyaaneen Caamsaatti gaggeessuuf deemtu sagalee isaa kennuu irraa ofqusachuuf ejjennoo kaardii filmaataa fudhachuu dhiisuutti jira. Mootummaan abbaa hirree ejjennoo uummataatti garaan gubataa jiru, tarkaanfii dirqisiisanii uummata fudhachiisuun bakkoota garaagaraatti hammaatee itti fufee jira. Akka gabaasonni  Qeerroo Oromiyaa bakkoota garaagaraa irra nu qaqqabetti mootummaan wayyaanee karaa caasaa tokko shanee jedhuun uummanni akka kaardii filmaataa fudhate to’achuun ala karaa gama bulchiinsotaa fi dabballoota gandaatiin mana nama dhuunfaa irra deemuun kaardii filmaataa fudhatuu fi dhiisuu isaa adda baafachuu, yoo hin fudhanne dirqiin akka fudhatu taasisuutti kan jiran ta’uus, uummanni ammoo fudhatuu fi dhiisuun mirga akka tahe jabeessee dabballoota wayyaanee hubachiisaa jira.

Haga gabaasni kun nu qaqqabetti, bakkoota uummata dirqisiisanii fudhachiisan keessaas, gandoolee  baadiyyaa fi magaalota naannoo Jimmaa, Aggaaroo, Sukorruu, Giincii, Ejeree, Hoolotaa, Baatuu, Moojoo, Baakkoo-Tibbee, Daannoo, Ijaajjii, Arjoo Guddattuu, Waayyuu, magaalotaa fi baadiyyaalee naannoo Finfinnee kan akka Sabbataa fi Alem ganaa, Burraayyuu, Sulutaa, Dukaam, Sandaafaa, galaan fa’aa akka tahe odeessi nu qaqqabe ibsa.

Sagalee Simbirtuu Qophii Amajjii 22,2015

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 21, 2015

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Amajjii 21,015

Aside