Ebla 26/2015 Ayyaanni irreecha Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Deeddeetti Bifa Addaa Ta’een,Yaadannoo Gootota Barattoota Oromoo Dabalatee Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

20150424_004459Ebla 26,2015 Ayyaanni irreecha Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Deeddeetti bifa addaa taee fi yaadannoo Gootota Barattoota Oromoo dhabbilee barnoota olaanoo Oromiyaa garaagaraa fi Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti bara darbee Ebla 2014 gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi Mormii master plan Finfinnee kaachisuun FDG irritti wareegamniif addatti yaadannoon Waggaa 1ffaas bifa hoaa taaeen kabajame.

Ayyaanni Irreecha Arfaasaa Oromoo Godina Jimmaa Tulluu Deeddeetti kan Uummatni Oromoo 6000 olitti lakkamu Dhabbilee barnoota olaanoo gootota barattoota Oromoo Yuunibarsii Jimmaa, fi kolleejjii barsiisota Jimmaa, Sabboontota hojjettootaa fi barsiisotaa Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi kolleejjii barsiisota Jimmaa, sabboontota uummata Oromoo magaalaa Jimmaa fi naannoo ishee, Sabboontota uummata Oromoo godinaalee Oromiyaa akka Iluu Abbaa Booraa,Wallagga Bahaa, fi Kibba Lixa shaggar irraa illee kan hirmaachise Ayyaanni Irreecha arfaasaa Jimmatti bifa hoaa fi adda taeen kabajame.

Ayyaanaa Irreecha Arfaasaa kana Irraatti goototni dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraalee Yuunibarsiitichaa arfan irraa iyyuu uuffata gaddaa uffachuun gootota dargaggoota barattoota Oromoo fi uummata Oromoo bara darbee gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa naagaa fi dimookiraasii gaafachuun baatii Eblaa 2014 keessa wareegama qaalii kanfalaniif yaadannoo bifa adda taeen gochuun gootota Oromoo fi dargaggoota Oromoo Wareegama qaalii uummata Oromoo bilisoomsuuf baasaa jiran faarfachuun, tokkummaa uummata Oromoo jabeessuuf walleelee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo, fi gootota oromoo faarsuun haala adda taeen ayyaanni Irreechaa Arfaasaa bara 2015 kun bifa haalan qindaaeen kabajamaa olee jira.

Goototni dargaggoonni Qeerroon barattootni oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi koolleejjii barsiisota Jimmaa wallee warraaqsaa kan gootota Oromoo kanneen akka Taadasaa Birruu, Abishee Garbaa, Waaqoo Guutuu fi hogganoota qabsoo bilisummaa Oromoo warraa 11 shiftoota Somaaleettiin qabamanii nuti kutaa, Amantii fi yaadaa fedheen gargar hin baanu nuti Oromoodha jechuun uummataa Oromoof wareegamaan keessaa kanneen akka:

, 1.Magarsaa Barii (Bariisoo Waabee) Hayyuu Duree ABO,

2. Gadaa Gammadaa (Damisee Tachaanee) Itti aanaa Hayyuu Duree ABO

3.Abbaa Xiiqii (Abboomaa Mitikuu )

4.Doorii Bariimoo (Yiggasuu Bantii)

5. Falmataa Abiyyaa Abbaa( Umar Ibirahiim Galmoo)

6. Irranaa Qacalee (Abdinuur Shek Huseen)

7. Marii Galaan( Mohamed Ibirahiim)

8 Dhaddachaa Boruu fi Gootota Oromoo gootummaa isaaniitiin utuu Oromiyaa fi uummata Oromoo bilisoomsuuf qabsoo finiinsaniif Ebla 15 guyyaa yaadannoo gootota Oromoo irraa egaluun utuu wal irraa hin kutiin hanga guyyaa haraatti itti fufinsaan yaadannoo goototaa taasisa kan jiran yoo tauu Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi koolleejjii barsiisota Jimmaa guyyaa haraa kana immoo bifa addaa taeen gootota Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo,ABO,WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo wallee warraaqsaan faarsaa oolan.

2 thoughts on “Ebla 26/2015 Ayyaanni irreecha Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Deeddeetti Bifa Addaa Ta’een,Yaadannoo Gootota Barattoota Oromoo Dabalatee Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Guyyaa Har’aa Ebla 26, 2015 – Jimma, Irreecha Tulluu Deddeetti, Qeerroon Magaalaa fi Yuuniverstii Jimmaa Tokkummaan Diddaa Sirna Wayyaanee Kaasan |

  2. Pingback: Oromia: Irreecha Oromo Spring Celebrations: Ayyaani Irreecha Arfaasaa Oromoo haala ho’aa fi gammachiisaan Dilabata Ebla 5, bara 2015 kabajamee oole. | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s