Gadnoota Godina Jimmaa Ona Qarsaa Keessatti Barruuleen Warraaqsa Bilisummaa Maxxanuun Wal Qabatee Mootummaan Wayyaanee Uummata Goolaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Qarsaa,Caamsaa 13,2015

41Godina Jimmaa ona Qarsaa gandoota adda addaa keessatti ummata gooluu hojii idilee  godhachuun itti fufaa kan jiru mootummaan Wayyaanee Godina Jimmaa ona Qarsaa ganda qonnaan bulaa Kusaayee Beeruu keessatti poolisii oromiyaa tokkoo fi milishaa gandaa tokko mana tokkoon tokkoo sabboontota Oromootti ramaduun ilmaan Oromoo nagaan bahaa fi gala dhorkuun dararaa jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.

Sabboontonnii fi Qeerroon ganda Kusaayee beeruu barruulee warraaqsa fi beek-suuraa(poster) garagaraa gaafa Caamsaa10/2015 guutummaa gandichaa keessa raabsamuun daranuu Wayyaanee baarragsee jira. Guyyaa kana irraa eegaleeti Wayyaanen kan yeroo kaanii caalaa sabboontota hidhuu fi mana isaanitti ramadamtee sakatta’uu fi oolmaa guyyaa isaanii hordofuu jalqabde.Sabboontonni Oromoo guyyaa sana Oromummaa isaanin yakkamanii ganda kanatti guyyaa sana hidhaman sa’atii 24 booda gadi lakkifamanii jiru.Sabboontonnii fi Qeerroon aanaa Qarsaa. ganda Kusaayee beeruu gadi baanee galuu dadhabne jedhu.Yoo iddoo dhaa iddootti sochoones ummata nurratti kakaasaa jirtu jedhanii nu ugguru jedhu.
Akkuma beekamu mootummaan Wayyaaneen filannoo fakkeessii ofumaa qopheessitee ittiin hirriiba dhabaa jira.

Daa’imman Oromoo 19 Umuriin Isaanii Ganna 12-15 Ta’an Guyyaa Dhalootaa Kabajachaa Osoo Jiranii Loltoota Wayyaaneen Qabamuun Mana Hidhaa Seenan.

Aside

Caamsaa 13,2015 Gabaasa Qeerroo Garba Gurraacha
oromo in ethioMootummaan abbaa iree Wayyaanen akkuma amala isaa gaafa Caamsaa 10,2015 Godina Shaggar kaabaa aanaa Kuyyuu magaalaa Garbagurraachatti ilmaan Oromoo kichuu lafaa dhufa umriin isaanii ganna 12-15 gidduutti argamu kanneen lakkoofsan 19 ta’an badii tokko malee mana hidhaa magaalaa garba gurraachatti darbachuu ishee odeessi Qeerroo naannichaa addeessee jira. Ijoolleen kichuun kunniin guyyaa dhaloota isaanii kabajachuuf kan walitti qabaman yoo ta’u gitni bittuu Wayyaanee ammoo ilmaan Oromoo lafa walitti qabamanitti waa’ee kufaatii koo mari’atu jettee waan yaadduf ilmaan Oromoo sabiyyii ganaa hamaa fi gaarii illee adda baasanii hin barre kanniin mana jireenya maatii isaanitti lafa isaan sagantaa kabaja guyyaa dhaloota isaanii kabajatanitti kora bittinneessaa Oromiyaatin humnaan mana hidhaatti darbatamuuf dirqamanii jiru.
Shirri kun akka qindaa’u fi raawwatu kan Godhan keessaa:
1.Ajajaa shantamaa Simee Mangistuu
2.Qorataa dhimma nageenyaa obboo Damee
Kanneen jedhamani ta’uu Qeerroon gabaasa.
Isin ammaanuu osoo umriin keessan hin ga’in kan siyaasa geggeessuu eegaltan boru eessan nu geessu jechuun dhaabni maxxannee OPDO n kan waan godhi jedhaniin qofa gootu sabiyyoota Oromoo kanniin guyyaa sadii(3)f erga mana hidhaatti hiraarsaa turteen booda mormii fi diddaa barattoonni mana baruumsa magaalaa garba gurraachaa lakkoofsa lamaa fi hawaasni naannoo dhalcheen baaragun ijoollee hidhaman gaafa
Caamsaa 12/2015 gadi lakkisuu danda’anii jiru.Ilmaan oromoo badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii mana hidhaatti darbataman kunniin lakkoofsan kudha sagal (19) yoota’an kanniin keessaa A fur(4) dhiiroota yoo ta’an warri hafan immoo shamarrani.

Gochaa suukanneessaa Wayyaaneen Kaaba Shaggar onoota garagaraa keessatti taasisaa jirtu kana qofa osoo hin taane mana baruumsaa sadarkaa lammaffaa garba gurraachaa keessatti waraqaa sochii Qeerroo ibsu maxxansitan sababa jedhuun goolaa jiru.

“Harkumaan Buutee Sababa Fuutee”

Aside

Mootummaan abbaa irree Wayyaaneen filannoo sossobbii ummataan gowwoomsuf qopheeffateen daran rakkachaa jira . Sirni gita bittuu Wayyaanee erga guyyaa wixinamee gadi dhaabbattee eegalee kallattiinis haa ta’uu al kallattiin karaa dhaabota maxxannee kanneen akka OPDO tin saboota cunqurfamoo dararaa jira. Keessumattuu madaa mogolee itti ta’uun kan hirriiba fi boqonnaa ishee dhoowwate sochii ummanni oromoo bilisummaa isaatif taasisu dura dhaabbachuuf jecha ilmaan Oromoo hidhaan dararaa, lubbuudhaahis hobbaasaa turte har’as ittuma jirti.Ummanni Oromoos gochaa kanaaf osoo guyyaa tokko illee gadi hin jedhin kufaa diina isaa kuffisuun qabsoo finiinsaa jira. Amma illee hanga bilisummaatti itti fufaa jira!

Sagalee QEERROO, Caamsaa 13 Bara 2015 Qophii Afaan Oromoo

Aside

Wallagga,Aanaa Waamaa Hagaloo Ganda Baadiyyaa Buttujjii Qassoo Jedhmu Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Ka’e.

Aside

Gabaasa Qeerroo Waamaa Hagaloo Caamsaa 12,2015

DiddaaGuyyaa har’aa ona Waamaa Hagaloo ganda baadiyyaa Buttujji Qassoo jedhamu keessatti jiraatota gandaa fi dabballoota Wayyaanee maqaa filmaataan uummata goyyomsaa jiran jidduutti walitti bu’iinsi ta’een uummanni gamtaan ka’ee warraaqsa bilisummaa finiinsuun isaa beekame. Haalli kun diddaa uummataa daran hammeessee gaaffiin walii galaa mootummaan Wayyaaneen nu gahe kana booda bulchiinsa mataa keenyaa barbaadna, Oromoon waggaa hamma kana dhiittaa wayyaanee jalatti waan rakkatee tureef kana booda filmaataan nu goyyomsuu hin dandeessan jechuun dabballotaa Wayyaanee of irraa arihanii jiru. Ergamtooti  Poolisii naannoo Oromiyaa jedhaman gandichatti boba’uun ummata Oromoo nagaan jiraatan nama shan ganda Butujjii jedhamu keessaa qabanii na hidhaa Moxee jedhamutti gaaffamuu qeerroon gabaase.

  1. Taarikuu Dinagdee Ayyaanaa
  2. \Mootummaa Addunyaa Gammadaa
  3. Asaffaa Nagaasaa
  4. Alamuu Baatilee
  5. Taarikuu Dhugaasaa
    fi kanneen biroo akkasumaan mama hidhaa Moxeetti guuramanii jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.

Liqaa Xaahoo Kafalaa Jechuun Mootommaan Wayyaanee Qonnaan Bultoota Saamee Harka Qullaa Hambisaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 12,2015

Oromia samamaa jirtuMootummaan Wayyaanee baankii hojii gamtaa Oromiyaan waliin ta’uun uummata xaa’oon isinii raabsa jechuun saamaa jira
Baankileen Impaayerattii keessa dhala ga’aa kan maamiltootaaf hin herregnee fi afaaniin dhibbantaa(%) shan sii dhala jedhama haata’u malee Baankiin hojii gamtaa uummattota qonnaan bultotaaf qarshii erga liqeesseefii booda dhala persentii kudha tokkoo ol irraa fudhata
Yeroo ammaa kana baadiyyaa Oromiyaatti qarshii isaanii raabsanii xaa’oo akka ittin fudhattaniif haala isiniif mijeessina jedhu garuu qonnaan bultoonni kan oomishan rakasee gabaa waan dhabeef qotiyyoo qaban gurguranii liqii mootummaa Wayyaaneef kanfalu wayita arfaasaa kana itti guuranii baadiyyaa Oromiyaa kasaarsaa jiraachuu isaaniif qonnaan bultooti Oromiyaan ragaadha.

SBO Caamsaa 13 Bara 2015. Oduu, Qophii WBO fi Sirna Kabajaa GGo WBO Zoonii Kibbaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Aangawoonni Tika Mootummaa Wayyaanee(TPLF) Magaalaa Naqamtee Keessatti Walgahuun Akkaataa Uummata Oromoo Shiraan Miidhan Irratti Marihachuun Isaanii Saaxilame.

Aside

Caamsaa 11,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte

IMG_20150509_060148Wayyaaneen filmaata sobaa dhufutti uummati Oromoo narratti ka’a sodaa jedhuun kan baarage guyyaa har’aa Caamsaa 11,2015 sa’aatii saddeetii hanga kudhaniitti barattoonni Yuunivarsiitii Wallaggaa FDG narratti qindeessu sodaa jedhuun deeppoo magaalaa Naqamteetti argamu keessatti wal ga’ii caasaa basaastotaa geggeesse.

Qaamni Qeerroo caasaa mootummaa keessaa fi kan magaalaa Naqamtee icciitii fi ijoo marii tikoota Wayyaanee kana akka saaxiletti, namooti lama man maqaan isaanii Yohaannis Abebee fi  Beekkataa fi akkasumas barattoota keessaa basaasaa beekamaan Yuunibarsiitii Wallaggaa nama Tsaggaa Ashaabbir jedhamu ta’anii namooti shan waltajjicha kan geggeessan yeroo ta’u, walgahicha irratti kan akeekamee fi irratti mariyatamee kan murtaaye  ukkamsitooti fi humni federaalaa uuffata sivilii uffatee uummata basaasus magaalaa Naqamtee fi Yuuniversitiilee irra akka tamsa’u irratti ta’uu Qeerroon saaxilee jira.

Kanuma waliin kaayyoon ijoon biro naannoo Yuunivarsiitichatti walga’uus barattoota Mootummaa Wayyaanee TPLF irratti FDG kaasan ykn  falmaniin akkaataa itti adamsanii uummati Oromoo utuu hin dhaga’in barattoota ukkamsanii fi kanneen jajjaboon hawaasa magaalaatiin qunnamtii qaban hidhamuu qaban,kana malees yaada barattootaa qoranii ilaaluu fi FDG(Gaaffii Mirgaa) yeroo hunda tasgabbeessuu dadhabameef kallatti maddichaa qoranii ilaaluuf akka mariirra turaniif dhumarratti eegumsa guddaa naannoo dhaabbilee barnootaatti akka taasisan irratti waliigaluu waltajji kana Warren hirmaatan ibsaniiru

Ummanni Aanaa Midaa Qanyii Godina Lixa Shaggar,Gita Bittuu Mootummaa TPLF Jalatti Hin Bullu Jechuun Gamtaan Diddaa Dahgeessisan,Barattooti Oromoo 7 Ol Ta’anis Mana Hidhaatti Darbamuu Qeerroon Gabaase

Aside

Gabaasa Qeerroo Aanaa Midhaa Qanyii

diddaa9Caamsaa 9,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyitti uummatni Oromoo gita bittaa mmootummaa Wayyaanee Abbaa irree EPRDF/TPLF/ jalatti hin bulluu jechuun mormii isa jabeesse, Mootummaan Wayyaanee Qeerroo barattoota Oromoo qabee hidhaatti darbuun dararuu itti fufe.
Goototni barattootni Oromoo Aanaa Midaa Qanyii M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina Oromummaan yakkamanii wajjiraa Poolisii Aanaa Midaa qanyiitti humna poolisaan qabamanii darbamuun dararama jiraachuun walqabatee diddaan uummata qonnaan bultoota haalan jabachuun dabbaalloota wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO gandoota baadiyaa keessa adeemuun nu filadhaa jechuun maqaa filannoo kijibaan uummata afaan faajjeessuuf walga’ii garaagaraa uummata baasuuf karoorfatan, uummatni mormii guddaan jaladhabbachuun f irraa arii’achaa jira.

Uummatni Aanaa Midaa Qanyii ifatti wayyaaneedhaan isin nu hin bulchitan nuti isinitti hin bullu, uummata Oromoos OPDO’n bakka bu’uu hin dandeessuu, nuti bilisummaa fi dimookiraasii dhugaa barbaadna jechuun dabballoota OPDO of irraa arii’ate jira. Ergamtootni Wayyaanee diddaa uummataa nu mudachaa jiru kanaaf sababaan guddaan Qeerroo barattoota Oromooti jechuu barattoota Oromoo dararuu fi hidhatti darbuu itti fufte jiraachuun ibsame.

Haaluma kanaan Qeerroon barattootni Oromoo badii tokko malee yeroo amma kanatti hidhatti darbamuun dararama jiran:
1. Barataa Addunyaa Birhaanuu barataa kutaa 9ffaa
2. Barataa Boruu Badhoo
3. Barataa Fayisaa Badhoo
4. Barataa Guutaa Girshaa
5. Barataa kuubaa Taakkalaa
6. Barataa Taarikuu Gusoo
7. Barataa Haptamuu Haptaamuu Caalchisaakanneen keessatti argaman
yeroo ta’u. Barattooti kuniswajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii Baallammiitti hidhamuu madden Qeerroo Baallammii irraa gabaasan. Ummatni Oromoo hidhaa fi ajjeechaa, barnoota irraa arii’atamuu fi Oromummaan yakkamuun dimookiraasii miti, Mootummaan maqaa dimookiraasii jedhuun lafa dimookiraasiin hin jirreetti mirga keenyaa ukkamsaa na filadhaa jechaa jiruu dhaabuun yakka dalagaa jiruuf seeratti nuuf dhiyaachuu qaba jechuun kaabinoota ergamtuu wayyaanee uummata goolaa jirtu gaaffiin mataa hadoochaa jirachuun ibsame jira.

Wallee Gooticha Oromoo, Artist Jaafar Yosuuf Dirree Falmaa Irraa, Caamsaa 5,2015

Aside

Must Listen