SBO Sadaasa 11,2015. Oduu, Sadaasa 9 Guyyaa FDG Irratti Ibsa ABO Fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Gabaasa Sadaasa 9 Guyyaa FDG Irratti Akkasumas Qophii Afaan Amaaraa.

Aside

SBO Sadaasa 08,2015. Oduu, Ibsa ABO, Qophii Sadaasa 9 Guyyaa FDG Fi Gaaffii Fi Deebii Garaagaraa.

Aside

Sadaasa 9 Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa(GFDG) Waggaa 10ffaa, 2015

Aside

FDGBara 2005 waamicha ABOn ummata bal’aa Oromoof haaromseen Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG)n guutuu Oromiyaa keessatti erga bifa ho’aan qabsiifamee haga har’aatti bifa adda addaan mootummaa gabroomfattuu wayyaanee akka guggubaa jiru eenyullee haaluu hin danda’u.

Ebla Bara 2011 warraaqsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo erga finiinuu jalqabee kaasees guutuu Oromiyaa keessatti Qeerroon Oromoo (Barattootnii fi Dargaggootni) sabboontotaa fi walii galatti ummata Oromoo bal’aan walta’uun FDG bifa adda addaan mootummaa gabroomfataa wayyaanee irratti qabsiisuun ummatni Oromoo bilisummaa kan barbaadu ta’uu ifatti mul’isaa jiran.

Addatti bara 2014 darbe keessa qooda Qeerroo Bilisummaa Oromoon (Barattootaa fi Dargaggoota)n warraaqsi FDG fi Falmaan Mirga Abbaa Biyyummaa sirna gabroomfataa wayyaanee irratti qabsiifame haga har’aatti mootummicha guggubaa, QBOf injifannoo galmeessaa jira. Fincila deemaa jiru kana keessattis wareegamni qaqqaaliin kafalameera; kafalamaas jira. Dargaggootni, barattootnii fi sabboontotni Oromoo Bilisummaan Oromoo kan hin hafne ta’uu lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne wareeganii mirkaneessaa jiran. Ilmaan Oromoo qaroon, beekoo fi hubatoon, kanneen biyyaa fi ummata isaanii caalchifatan dhiiga dhangalaasanii, lafee cabsanii bilisummaa balbala Oromoon gahanii jiran. Bara baraanis seenaan QBO isaan yaadata!

Kanaaf Sadaasni 9 (November 9) Guyyaan Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bara 2015 kanaa Oromiyaa keessaa fi biyyoota alaa bakka Oromoonni itti argaman keessatti haala o’aa ta’een ilmaan Oromoo qaalii fi muratoo kanneen lubbuu isaanii wareegan kana yaadachuu, hojii qaalii isaan dalagan faarsuun yaadatamee fi kabajamee oola. Qeerroo fi Qarree Oromoo, barattootaa fi sabboontota keenya FDG keessatti bilisummaa sabaaf jecha lubbuu isaanii aarsaa godhan haa yaadannu! Kabajaa Gootota Sabaaf Qabnu Agarsiisuun Dirqama Lammummaa Oromoo ti! Obbolootaa fi lammiiwwan keenya hidhaa gabroomfataa keessatti gidirfamaa jiranis haa yaadannu! Yaadachuu qofas osoo hin taane, karaa ittiin FDG caalaatti jabeessinu, QBO finiinsinuu fi gumaa jaallan keenyaa bilisummaan baasnu irratti ejjennoo lammummaa qabannee murtii marii keenyaa hojiitti haa jijjiirru.

Oromoon of irratti amantaa godhatee sagalee tokkoon, irree gamtoomeen yoo ol ka’ee diddaa mul’ise halkan tokkotti hidda gabroomfataa isa xaxee jiru cicciree, irree cunqursitootaa isa irra ciisee gadi isa qabe of irraa darbee bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa isaa gonfachuu akka danda’u FDGn 2014 keessa geggeeffamee fi ammallee geggeeffamaa jiru caalaatti nama hubachiisa.

Fincila kanaan Oromoon akkasumas ilmaan isaa dargaggootnii fi barattootni Qeerroo fi Qarreen akkasumas sabboontotni dallaa shira siyaasaa roga adda addaan diinni ijaare diiganii falmaa finiinsuun humna Oromoon qabu diinattis firattis mul’isaniiru. Bilisummaan Oromoo, walabummaan Oromiyaa lubbuun itti bahee, dhiigni itti dhangala’ee, lafeen itti caccabee kan hin hafnee fi bakka gahu ta’uu hojii fi gootummaan mul’isaniiru; mul’isaas jiran.

Kanaaf muuxannoo fi jabina akkasumas injifannoolee Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoon argaman kuufachaa, fincilaa fi diddaa caalu, qabsoo roga maraa kan bilisummaa balbala geesse ol seensisutti nu geessuuf of qopheessuun, bakkayyuutti irree tokkoomee fi gamtoomeen diina dura dhaabbachuun, akeeka jaallanii fi ilmaan Oromoo qaqqaalii lubbuu kitimaa godhanii bakkaan gahuuf mudhii hidhannee murannoon haa warraaqnu.

Ilmaan Oromoo, Sabboontotnii fi Qabsaawotni Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti wareegaman bara baraan ni yaadatamu!

Kaayyoo fi Akeeka Gootowwan Oromoo Irratti Wareegaman Bakkaan Ni Geenya!

Sadaasni 9 Guyyaan Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) Bara Baraan Ni Yaadatama!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Maqaa leenjii karoora guddinaa fi tranformation jedhuun aanaalee Oromiyaa hunda keessatti OPDO dhaan kennamaa jiru irratti mormii guddaan muudachaa jira.

Aside

Sadaasa 5,2015 Adaamaa,

diddaa9Akkuma beekamu mootummaan Wayyaanee karoora master pilaanii Finfinnee qotee bulaa Oromoo qe’ee isaa irraa buqqisu hojii irra oolchuuf dhama’aa jirti. Maqaa leenjii jedhuun yeroo darbe magaala Adaamaa fi godina addaa Oromiyaa magaala Holotaatti kaadiree fi ergamtoota isaa walitti qabuun hololaa turte guyyaa kaleessaa Sadaasa 4,2015 irraa eegalee Aanaalee hunda keessatti kaaabinee gandaa, hojjattoota qonnaa, hojjattota fayyaa fi qotee bulaa keessaa namoota muraasa walitti qabuun holola garaagaraa gaggeessaa kan jirtu yoo tahu hirmaattota irraa mormii guddaan muudatee jira.

Gaaffilee hirmaattota irraa kahuun dabballoota OPDO aanaa muddama keessa galchaa jiran:

  1. Dhimmaa karoora mastaar pilaaniitiin qotee bulaan Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqahuu hin qabu!
  2. Gaafii mirgaa gaaffannee deebii argachaa hin jirru!
  3. Karoora master pilaanii karaa dhoksaa ta’een hojiirra oolchuf fiiguun haa dhaabbatu!
  4. Miidiyaan OMN miidiyaa uummata Oromooti malee miidiyaa sobaatii miti maaliif miidiyaa sobaa jechuun uummata keessatti ololtuu?
  5. Afaan Oromoo afaan federaalaa fi afaan hojii ta’uu qaba!
  6. Daangaan magaalaa tokko daangaa baadiyyaatiin gargari waan taheef akkamitti magaalli daangaa isaa darbuun qotee bulaa baadiyyaa qe’ee isaa irraa buqqisa?
  7. OPDO’n dhaaba Oromoof dhaabate osoo hin taane dhaaba uummata qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuuf dhaabateedha! Haala kanaan Yaadaa fi gaaffiin garaagaraa ballinaan ka’uun ergamtoota Wayyaanee leenjii kennuuf dhihaatan afaan qabsiisaa jiru.

Barattooti Oromoo Mooraa Yuuniversitii Wallaggaa Gaaffiileen Mirga Uummata Oromoo Kabajechiisu Bulchiinsa Mooraatti Dhiheessatan

Aside

Sadaasa 6,2015 Naqamte

Qeerroo JimmaaAkkuma beekamu barri itti dhalannee fi umurii irra jirru kun uummata keenyaaf biyya keenya Oromiyaadhaafis bara itti garbummaa fi roorroo alagaa jala jirru ta’uun ni beekama.
Garbummaa itti fufee fi fincila walirraa fuunee adeemsisaa jirruun hanga Bilisummaa,walabummaafi birmadummaatti kan itti fufu ta’uunis imaanaa goototaa fi jaalleewwan kaleessa kufaniiti. Haata’u malee diinni bara dhufee darbu dhiiga keenya dhangalaasu,nama keenya lubbuu baasu, qabeenyaa biyya keenyaa saamu kunoo qaanii tokko malee miseensa isin godhadha jedhee mooraa yuunibarsiitii wallaggaa keessa oliif gadi jooruun tokko shanee maqaa jedhuun afaan nufaajjessaa jira.
Akeeki mootummaa ash-kabeera kanaa uummati keenya biyya waloo akka hin ijaarranneef namoota ga’umsaa fi dandeettiillee hinqabne,eenyummaa isaanitti kan hin boonne,uummatichaaf kan hin quuqamne,firaafi alagaa uummata Oromootti hidhachuun bara bittaashee dheereffatuuf akka carraaqxu fi ittis jirtu beekamaa dha .Akkuma mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa keessa warri jirru arginutti namooti tokko shanee kanatti ijaaraman nama shan tiksaa,hojii basaastummaatti kan bobba’an yeroo ta’u, guyyaa jimaataa torbaniin gabaasaa wayyaanee fi jala deemtotasheef akka dhiyeessan beekamaadha.
Yeroo ammaa kana Yuunibarsiitiin Wallaggaa Yuunibarsiitota marsaa lammaaffaa keessaa sadarkaa tokkoffaa irra jira jechuun kan beekamaa jiruuf jijjiirama ajaa’ibaa fidee utuu hin taane,
1, Bara 2011 geggeessitooti mooraa barnootichaa ilma Oromoo rasaasaan ajjeesanii
2, Baruma 2011 barataa Tolaa damee barnoota afaan ingiliffaa waggaa sadaffaarraa dabarsanii kennuun qaallitti maqaa ABO tiin hisisanii barnootasaarraa hanga har’aatti ari’uun
3, Bara 2013 keessa maqaa hidha abbayyaa jedhuun nyaati barataa,bajatii yuunibarsiitichaa citee barataan ji’a tokko hanqisee barnoota addaan kutee gara maatiitti yeroo galu kunis bajatatu nu hanqate jedhanii yeroo ta’u, wayita baasiif galiin waggichaa hojjetamu kaasanaa mootummaatti miliyoona dhibba tokkoof soddomii afur deebisuun
4,Bara 2014 mormii maasterpilaanii finfinnee tiin wal qabatee yuunibarsiitiin Oromiyaa keessaa poolisa federaalaa mooraa seensisuu ifaan yoo eyyamuu didan  Pr Fiqaaduu Bayyanee Alaqaa  dhalootaan Habshaa waan ta’eef looggii taasisuun  uummatichallee gandaan walitti buusaa jiraatu,gara laafina tokko malee humna waraanaa itti ajajuun barattoota caccabsiise,kanis lubbuu galaafachiisun
Gameeyyii fi barattooti qaroon kan barnootarraa ari’aman,kan biyyaa bahan,kaanis dararaa maa’ikelaawwi,jaatoo Naqamtee, waajjira tikaa Naqamtee,fudhachiisuun  Bara 2015 keessa barattoota Oromoo irratti filmaata sobaa adeemsisamu irratti sodaa qabaniif jecha boombii dhukaasuun barattooti Oromoo shan garmalee gaaga’aman moorichi tika barbaachisu gochuufi utuu irraa eegamuu barattoota kan doorsisa garagaraa irratti geggeessuun qaama isaanii miidhameef beenyaa kaffalafiin haahafuutii wayita Hospitaala ciisanitti illee waan nyaataniif qaami isaan deeggaru waan hin jirreef barattooti Oromoo qofti kan itti waliif dhaabnachaa turan dhaabata hojii barnoota dalagurra hojii mana hidhaa diinaa dalagu ta’uun 5 hanga har’aatti gumii aadaafi dagaagina afaan Oromoo cufuun bakkasaa habashootaaf immoo “aarti club” maqaa jedhuun habashoota gurmeessuun amanammummaa Wayyaaneerraa argateen malee sadarkaa qulqullina barnootaa jedhamuun utuu hin taane tika barattoota Oromoo irratti raawwateen ta’uun ifaadha.
Geggeessitooti mooraa Yuunivarsiitii Wallaggaa akka adurree aannan bartee afaan mi’eeffatan, miseensummaa OPDO/TPLF Tigiraayitti makuuf afaan nufaajjessan akka hatattamaan nurraa dhaaban,guddina siyaasaatiin nuburjaajessurra guddina qabatamaa,barnoota qulqullina qabu akka nuuf laatan Moorichi mooraa siyaasarraa walaba ta’ee barnooti itti qixaan nuuf kennamu akka ta’u hubachiifna .

Dhumarrattis gocha qaanessaa fi salphina ta’e kanatti nama ijaarurraa fi warra didan warri tikasan gaafatama seenaa jalaa akka ofbaasan waamicha isaaniif goona

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ)Sadaasa 5, 2015 /Keessummaa SQ Dr, Rundasaa Isheetee

Aside

Aside

ABO

Olola Dharaa Oomishee Facaasuu fi Ummata Shoororkeessuudhaan Umrii Bittaa isaa Dheereffachuuf Dhama’uun Mootummaa Wayyaaneetiif Aadaa Tahe.

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa kenname)

Mootummaan Wayyaanee olola dharaa daangaa hin qabnee fi duula shoororkeessummaa, haaressa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti banee jira. Humnootiin tikaa fi miidiyaan Wayyaanee akkuma amala isaanii fiilmii dharaa maqaa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo xureessu oomishuuf har’as olii fi gadi kaataa jiru . Duulli maqa-balleessii fi jibbisiisaan kunis waan haaraa utuu hin taane itti fufa kan ammaan duraa ti. Gama biraanis humnootiin tikaa Wayyaanee maqaa miseensota Adda Bilisummaa Oromoo fi shoororkeessitoota jedhuun wayta ammaa ilmaan Oromoo nagaa biyya keessaa fi biyyoota ollaatii ukkaamsanii garii mana hidhaatti guuruu, kaan immoo ajjeesuu fi gara dabarsuun muddama uumuuf asii fi achi fiigaa jiru. Kijibni Wayyaanotaa fi fakkaattotni isaanii ABO fi walii gala qabsoo Oromoo irratti tarrisan: ABOn dhiphoo dha, shoororkeessituu dha, hooggannni ABO nama ajjeesa, nama qala, ABOn ergamaa alagaa ti, qabsoon Oromoo ummatoota kaan balleessuuf adeema, …kkf. kan jedhu olola hundee hin qabne dha. Olola fokkisaa gantoota sabaa fedhii dhuunfaa guuttachuuf jecha dantaa saba ofii balaa irra buusuuf luffisan keessaan oofuudhaan tokkummaa ummata Oromoo diiguu fi qabsoo bilisummaa Oromoo balleessuuf bara baraan dhama’u. Miidiyaa of harkaa qaban kan akka Dhaabbata Raadiyoo fi Televiziona Itoophiyaa, gaazexoota mootummaa, raadiyoo Faanaa, marsariitii isaanii kan akka Ayigaa Forum, Tigraay Online, Waarkaa, mana pal talk, akkasumas Youtube Gadaa TV fi kan kana fakkaatutti gargaaramanii sum’ii diinummaa isaanii Oromootti facaasuuf aara-galfii dhabaa jiru. Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Sadaasa 2015

Wallee Hawwisoo Qeeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF Dargaggoota Oromoo Afur(4) ABO Waliin Qabsaawaa Jirtu Sababaa Jedhuun Baatii 5 Oliif Mana Hidhaa Ma’ikalaawwiitti Erga Dararaa Baheen Booda Himata Irratti Bane.

Aside

Sadaasa 5,2015 Finfinnee

Because I am OromoMootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF Dargaggoota Oromoo Afur(4) irratti yakka sobaa qindeeffachuun baatii 5 oliif erga mana hidhaa Maa’ikallaawwiiti dararaa turee booda yajkka miseensummaa ABOn  himata irratti banee jira.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee ta’e jedhe miidhaa uummata Oromoo irraan gahu  jabeessuun kan itti fufe jiru, Dargaggoota Oromoo afur (4) Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo irra balleessa tokko malee humna qawween ukkamsee mana hidhaa Maa’ikalawwiitti ji’oota shanii oliif erga daraaraa qaamaa fi qorqalbii irratti rawwachaa ture, booda Dheengadda kana immoo isin FDG bara 2014 keessatti warraa qa’ee guddaa qabudha, Ergama guddaa ABO irra fudhachuun socho’aa jirtu, jedhee mana murtiitti dhiheessee jira.

Dargaaggootni barattootni Oromoo kun Oromoo ta’uu fi Oromummaa qofaan yakka diinummaa fi sanyummaan guutameen himatamaan kun:

1ffaa Barataa Urgeessaa Dammanaa barataa Yuunibarsiitii Rift Valley kan ture
2ffaa Barataa Qajeelaa Galaanaa
3ffaa Barataa Sabakebar Baqalee fi
4ffaa barataa Abdataa Olaansaa kanneen jedhaman irratti yakki sobaa qindeeffamuun abbaa irree Wayyaaneetiin himanni sobaa maqaa ergama ABO fudhachuun uummata mootummaa irratti ijaaruun biyyaa keessatti FDG narratti gaggeessitan, qabeenyaa barbadeesitan, lubbuu dabballoota koo galaafattan jechuun himannaa sobaan guutameen himatamuun dargaggoota  Oromoo kun jibbinsa sanyii irratti hunda’ee dha.
Dargaggoota kanneen keessa Dargaggoo Urgeessaa Dammanaa yeroo garaagaraatti daa’imummaa isaa irraa eegalee Oromummaan yakkamee hidhamaa fi himatamaa kan ture bara darbee 2014 gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi gaaffii mormii Master Plan Finfinnee mormuu keessatti ga’ee guddaa qabada jechuun erga hodoofee humna waraanaan ukkamsuun hidhaatti darbatee booda mana hidhaa keessa kaa’ee yakka irraa
dhabnaan mirga wabii qarshii 200,000 dhiyeeffadhu jechuun karaa dalgaan illee horii nyaachuuf karoorfatee, itti milkaa’uu waan dadhabeef yakka sobaa kana qindeeffachuun dargaggoota Oromoo 4’n kana irratti himanna kan bane ta’uu ni hubachiifna. Mootummaan Wayyaanee yakka magaalaa Amboo fi Oromiyaa bakkoota garaagaraatti rawwachaa tureef itti gaafatamuu fi seeratti dhiyaachuun utuu isarra jiruu yakka ofii dalageen dargaggoota Oromoo qaroo hidhatti guuree yakka kan jiru ta’uun beekamadha. Adeemsii wayyaaneen jibbinsa sanyummaan guutameen ilmaan Oromoo irratti dalaguu fi himannaa sobaa dargaggoota Oromoo irratti dhiyaachaa jiru kun kan uummata Oromoo gara qabsoo fi fincilatti galchuu waan ta’eef ilmaan Oromoo keessaa fi duubaan harka walqabannee addunyaa biyya lafaa kanarratti iyyachuu fi mirga keenyaaf falmachuu jabeessinee itti fufu qabna, ilmaan Oromoo yakka sobaan hidhaman kunneenii fi kanneen mana hidhaa Wayyaanee garaagaraa keessatti Oromummaan yakkamanii hidhamanii dararamaa jiran haalduree tokko malee akka hiikaman gadi jabeessinee gaafatna jechuun Qeerroon bilisummaa Oromoo uummataa Oromoo hundaaf waamichaa fi dhaamsa dabarsuu itti fufe jira.

SBS: [Amharic] Interview with ABO/OLF’s Ob. Toleeraa Adabaa on the Formation of the Genuinely-Multinational Alliance, PAFD

Aside