Ummanni Salaalee Magaalaa Kuyyuu Mirga Sarbamuun Nu Gahe Jechuun Diddaa Sirna Wayyaanee Kaasan.

Aside

Sadaasa 4,2015 Kuyyuu

diddaa9Godina Salaalee magaala Kuyyuu keessatti FDG jabaachuu irraan kan kahe  guyyaa har’aa Sadaasa 4,2015 kana waliiti bu’uumsa uummata fi poolisii mootummaa Wayyaanee gidduutti ganama irraa eegalee itti fufee oole.

Sababa walitti buhiinsa kanaan namooti hedduun kan reebamanii fi poolisooti hedduun kan reebaman yeroo ta’u hanga ammaatti poolisiin poolisiin Waayyaanee hedduun Hospitaala galanii jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa. Gabaasa guutuu qindaayee dhihaata.

Yakka Wayyaanee EPRDF Uummata Oromoo Irratti Raawataa Jiru Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Yunvarsiitii Mattuutti Yakka Ajjeecha Gara Jabeenyaa  Barataa Sabboonaa Oromoo Tarreessaa Safaraa Irratti Rawwatamee fi Ukkamsaanii Gara Dhabsiisuu Hayyoo Oromoo  Abbaa Liibaan Dabbasaa Guyyoo Irratti  Rawwateef Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Itti Gaafatamu Qaba.

Ibsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo

Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLFn yakka ilmaan Oromoo qoroo hawaasaa ta’an irratti fudhatuu jabeessee itti fufuun, Onkolooleessa 23,2015 Sabboonaa barataa Oromoo balleessaa tokko malee barataa Oromoo Tarreessaa Safaraa barataa Injineriigii Waggaa 1ffaa kan ta’ee fi  Hayyuu Oromoo Abbaa Liibaan Dabbasaa Guyyoo biyya Keeniyaa kan jiraachaa turan torbee darbee keessa shirri Wayyaanee kan keessatti muldhatu humnoota hin beekamneen ukkamfamuun eessa buuteen  isaanii  dhabamuutti gadda guddaatu nutti dhagaa’ame jira. Barataan Oromoo Tarreessaa Safaraa asiin dura Oromummaa isaan  Yakkamee Waggaa 9 oliif  mana hidhaa biyyatti keessatti argaman Maa’ikalawwii,fi  qaallittii  dararamaa kan ture badii tokko malee humnoota tikaa wayyaaneen ukkamfamuun fannifamee kan ajjeefameef mootummaan Wayyaanee itti gaafatamuu qaba!!

Abbaan Liibaan Dabbasaa Guyyoo hayyuu Oromoo aadaa,Sirna Gadaa, Afaanii fi eenyummaa Oromummaa  uummata isaanii barsiisaa turanii fi Addunyaa biyya lafaa kana irratti Gadaan Oromoo hundee bu’uura dimookiraasii addunyaa kanaa ta’uun akka beekamuuf biyyoota addunyaa hedduu irra naanna’uun kan barsiisaa turanii fi aaddunyaatti bulchiinsa dimookiraasii sirna gadaa kan argisiisaa turan yakka tokko malee eessa buuteen isaanii dhabamee jiruuf mootummaan Wayyaanee itti gaafatamuu qaba. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 4,2015

Waggaa 10ffaa FDG Sababeeffachuun Abidda Warraaqsaa Oromiyaa Guutuutti Qabatuuf Deemu Ilaalchisee Ibsa Gababaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Waggaa 10ffaa FDG Sababeeffachuun Abidda Warraaqsaa Oromiyaa Guutuutti Qabatuuf Deemu Ilaalchisee Ibsa Gababaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Guyyaan Fincila Diddaa Gabrummaa(GFDG) Sadaasa 9 kan kabajjuuf deemnu bara kana 2015 sadaasa 9,2015 irratti wagga 10ffaa ta’uu isaati, Waggoota kurnan darban keessatti qabsoon bilisummaa Oromoo warraaqsa FDG gaggeessaa ture keessatti qoodi qabsaawota Oromoo wareegama kafalanii sadarkaa ol aanaa ta’uu eenyuunuu hin mamsiisu,gootonni barattooti Oromoo addatti FDG gaggeessuuf jecha hidhaa,ajjeechaa,dararama qor-qalbii fi biyyaa arihatamuun irra gahee jira.Qonnaan bulaa fi hojjetaan Oromoo hedduunis mudati gabrummaa fi hacuucaan isaan irra gahe kan kanaa alaa miti.

Nuti sochiin dargaggoota Oromoo kan bilisummaa fi Dimokiraasii (Qeerroon Bilisummaa) erga seera walta’aa fi caasaa taliiga qabuun bara 2011 keessa of caasessinee Oromiyaa guutuu keessatti hojjechuu jalqabnee kunoo wagga 5ffaa qabannee jirra, deemasa kana keessatti sochiilee muldhatoo haalaan jajjaboo ta’an Oromiyaa guutuu keessatti deemsisuu fi jaarmiyaan cimaa fi hundee jabaa qabu guutuu biyyaa keessatti dhaabbatee warraaqsa biyyoolessaa kan takkaa duubatti hin deebine akka qabiisuuf hojii gurguddaa fi qophii wal irraa hin cine raawwataa turre. Egaan haalli amma itti jirru Sadaasi 9,2015 guyyaan FDG itti kabajnu wagga 10ffaa waan ta’uuf yaadatnoo guyyaa kanaa fi itti baha 2016 keessatti barummaa hundeen buqisuuf Warraaqsa Oromiyaa guutuu keessatti qabsiifnee abidda Warraaqsaan hundee of tuullummaa abbootii irraa biyya keenyaa irraa kaafnee Oromiyaa abbaa biyyaa taasisuuf jecha qophiin Qeerroon Bilisummaa taasise gahaa dha.

Kanaaf uummanni Oromoo biyya keessaa fi  biyyoota alaa jirtan qaamaa fi qalbiin of qopheessitanii abidda warraaqsaa Oromiyaa keessatti qabachuuf deemuuf deggersi keessan wal irraa hin cine akka nu cinaa dhaabbattaniif ammaan dhaammatna.

Wareegama ta’uu fi aarsaa Qeerroon Bilisummaa kafaluuf gatii itti kennaa mirgi uummattootaa akka kabajamuuf qabsoon isin taasiftan murteessaa waan ta’eef waamicha lammummaa makama warraaqsaa isiniif dhiheessina.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifannoon Ummata Oromoof!

Hoggansa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sadaasa ,2015

 

Daughter of the Late Oromo Artist Usmayyoo Mussaa, Saartuu, to Release Music Video for Her Single, “Abbaa Khoo”

Aside

Selfless Oromo Artist Usmayyoo Muussa was in jail for 8 years in a harsh Woyyaane prison. He sustained severe torture and contracted all deadly diseases in jail. He was released from prison only when the regime was sure that he won’t survive. Usmayyoo died on November 18, 2006 in Ciro town and his funeral took place on November 19, 2006 in Ciro with a large crowd with Oromo tradition.

Though an Oromo nationalist and artist Usmaayyoo Muusaa is rest in peace, his legacy is beyond his grave and he passed on the torch of freedom to be pursued by millions of Oromo, including his children.

Like Usmayo Oromo citizens have fallen as the result of victim of torture of TPLF; many are fallen silent in the hands of this murderer’s government agents.

Usmayo’s daughter, Artist Saartuu Usmayoo, is releasing the first song dedicated to her father, “Abaa Khoo”.

Tokkumaa Artiistoo Dubartoota Oromoo

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Sadaasa 2, 2015/Seenaa Haajii Adam Saaddoo.

Aside

SBO Sadaasa 04,2015. Oduu, Tumsa Bilisummaa Fi Dimookraasii Ummattootaa Ilaalchisee Gaaffii Fi Deebii Dura Ta’aa Sochii Bilisummaa Ummattoota Beenishaangul Waliin Taasifamee Fi Qophiilee Biroo Akkasumas Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Wallagga Lixaa, Aanaa Hoomatti Mootummaan Wayyanee Ibsaa Uummata Irraa Kutuun Baatii Tokkoo Ol Ta’eera. Kanaafis Gaaffii fi Diddaan Uummataan Ka’ee Jira

Aside

Sadaasa 3,2015 Najjoo

Wallagga lixaa aanalee garagaraatti ummanni rakkoo ibsaa fi jireenya hawaasaaf barbaachisa tahee dhabuun rakkina keessa seenee jiruun gaaffiin
dhiyaatee jirus deebiin rukuttaa fi hidhaa tahuun Qeerroon gabaasee jira.
Yarootti torbanoota lamaan sadan darban kanatti deggertoota ABO, Qeerroo Bilisumma fi uummata diddaaf kan qindeessan jedhamuun dargaggootni reebamaa dhaanicha wayyaanee jala baduunis kan hammaate godina wallagga lixaa aanaalee Najjoo, Gorii, Manasibuu, Mandii, Gimbii fi Haaruu fi kkf keessatti wayyaanee xiyyeeffannoo guddaa kennuun soda qabuun dargaggoota irratti tarkaanfii reebichaa fudhachiisaa jirun sababa guddaan tahu isin ABOdha, hojjetoota ABO jechuunis hidhaatt guuraa jira. haaluma kanaa ammo Wallagga aanaa Hoomaatti ji’a tokkoo ol kan tahuuf ibsaa ummata irraa kutuun uummanni iyyatee dhabuu irras deebiin gaaffii uummataa reebichuma tahaa jiraachuun gabaafame. Hanga har’aattis jiruun hawaasaa dhabamuu ibsaa irran kan ka’e rakkina keessa seene ibsachaa jira. Rakkoo keenya nuuf birmadhaa, uummata isaa rakkina keessaa baasuuf kan dhaabbatee falmaa jiru ABO(WBO) nuuf waamaa jechuudhaan uummanni iyyaa jira. sababa kanatti rakkoon uummanni keessa jiruun gaaffiiwwan ka’aa jiran olka’aa dhufuun Wayyaaneen ammas hawaasicha kan rakkisu malee kan fayadu akka hin taanee jala muramee hubatamee jira.

SBO Sadaasa 01,2015. Oduu Fi Qophiilee Adda Addaa Haala Yeroo Irratti.

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ)Onkoloolessa 30, 2015

Aside