Oduu Ammee:- Wallagga Magaalaa Ayiraa Keessatti Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufe Jedha Gabaasi Qeerroo.

Aside

Sadaasa 30,2015 Ayiraa Gullisoo

Yes We Can!!!FDG har’a Sadaasa 30,2015 Oromiyaa dhaabbilee barnootaa fi godinale garagaraa keeysatti itti fufee jira.
Odeessa amma nu qaqqabaa jiruun
1.Godina wallagga lixaa aanaalee garagaraa keessatti torbee darbe FDG finiinee jiru osoo wal irraa hin cinne hanga har’aatti jabeeffamee itti fufeera. Bifa haaraadhaan har’a barattootni mana barumsaatii bahuudhaan Wallagga aanaa Aayiraa keessatti dhagaa fi dullaa qabachuun dhaadannoo dhageesisaa humna waraana wayyaanee diddaa kana dura dhaabbatuuf ramadame waliin lola gaggeeysaaa oolaaniru. Barattoota deggeruudhaan qonaan bulaan diddaa magaala Ayiraatti barattootaan qabateen itti hirmaachuudhaan wal’aansoo fi dhaadannoo dhageesisaa jiru. Maanguddooliin akkasuma gaaffii barattootaa ni deggerra jechuun daandii bahan. Sagalee barattootaa dhaadannoo dhageessifameen sirbootni qabsoo sa’a kana ganama irraa kaasee kan itti fufeedha. Godinaalee mara magaalota keessattis haaluma wal fakkaadhaan itti fufee jira.
2.Dhaabbilee barnootaa garagaraa keeysattis diddaan qabatee akkuma jiru har’a Yuuniversitiin Haromayyaa hiriira bahaniin dhaadannoo dhageesisaa kan turan yoommuu tahu waraanni wayyaanee kora bittinneessaa fi waraanni agaazii jedhamu barattoota dhaanuu irratti kan argameedha. Barattootni hedduun kan miidhaman yoo tahullee diddaan barattootaan qabate kan itti fufee hn dhaabbatiin jiruudha.Yuuniversitii biroon Mattuu, Jimmaa, Amboo fi Adaamaa dabalatee humni waraanaa naannoshee buufatee akka jirus Qeeyroon nuuf addeessee jira.

Breaking News :- Aanaa Jaarsoo Gandi Baadiyyaa Haro Birruu Jedhamu Gutummaatti Mormii Sirna Wayyaaneen Diddaa Irra Jiru.Barattooti Oromoo 3 Waraana Wayyaaneen Rukutamanii Madoo Ta’an.

Aside

Sadaasa 30,2015 Gabaasa Qeerroo Jaarsoo

Jaarsoo har'aaWallagga Aanaa Jaarsoo baadiyyaalee adda addaa fi gandoota baadiyyaa Haro Birruu jedhamu keessatti uummanni gamtaan ka’ee diddaa guddaa deemsisaa jira.

FDG aanaa kana keessatti ta’een wal qabatee barattooti Oromoo sadii rasaasa Wayyaaneen rukutamanii buufata fayyaa aanaa Jaaroo keessatti waldhaanamaa jiru haala Kanaan barattootaa fi qonnaan bulaa akkasumas jiraattota aanicha keessaa manneen hidhaatti guuraman hedduu waan ta’aniif ammatti guutuutti adda baafachuun nama dhiba.Jaarsoooooo

Haala walii galaan aanaan Jaarsoo qabsoo farra gabrummaa olaanaa keessa galanii jiru,waraanni Wayyaanee humnaa ol ta’uu irraan humna dabalataa Gimbii irraa yaammatee naannichi dirree lolaa fakkaachuun waraana Wayyaaneef buufata ta’aa jira.

Barruuleen Warraaqsaa Qeerroo Tamsa’uu Kan Itti Fufe Yeroo Ta’u FDG Qellem A/Jimmaa Horrootti Ka’een Jiruun Baattooti Oromoo Ukkamfamaa Jiru.

Aside

Sadaasa 30,2015 Qeellam

23Godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti halkan edaa dargaggootni goototni Oromoo dhaadannoo dhageesisaa fi waraqaa qabsoo adda addaa maxxansaniin FDG qonnaan bulaa, hojjetaa fi maanguddoota osoo hin jenne  saamicha lafaa fi karoora Maaster Pilaanii dura dhaabbannee fesheleessuu mirkaneessu qabna jechuun diddaa taasifamaa buleen har’a itti fufee jira. akka maddi odeessa nu gahe ibsutti kaleesa sadaasa 29/2015 manneen uummataa keesattuu dargaggoota mana qaban sakatta’aa ooluun gabaafamee jira. sakatta’iinsi taasifame kunis diddaa kan itti jabeesseedha. Halkan edaa mirga keenyaaf ni falmanna, oromiyaaf ni wareegamna jechuun barattootni godina Qellem aanaa garagaraa keessatti waraqaa maxxansanii buluun kan beekame yoommu tahu har’a akka odeessi nugahetti aanaa Jimmaa Horroo keessatti FDGn finiinaa jiruun dargaggootni fi barattootni humna waraana wayyaaneen ukkaamfamaa jiru. Humni waraanaa magaala Jimma Horroo keessa buufatee dirree waraanaa fakkeessanii jiru. Dhaadannoon barattootaa itti fufe. Qonnan bulaan, xiqqaadhaa hanga guddatti, milishootni fi deggertootni QBO hunduu FDGtti hirmaatanii jiru. Ganama kanaaf isin FDG qindeessitu jedhamee kanneen ukkaamfaman keessaa dargaggoota muraasa maqaan nu qaqqabee jiru

  1. Saamu’eel Masgabaauu –barataa
  2. Abbushaa Buzaayyoo- barataa
  3. Raamataa Tashoomee
  4. Raamataa Solomoon
  5. Milkiyaas Addisuu fi
  6. Saamsoon Solomoon

Kanneen jedhaman sabboontotaa fi Qeerroo oromoo magaalaa Jimmaa Horroo keessaa har’a lafa barii sa’a 12:00tti ijoolleen kunneen waraanan qabamanii bakka buuteen isaanii dhabame.

Sadaasa 30/2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaa Warraaqsaa Bilisummaa Kaasuun Gaaffii Mirgaan Mootummaa Wayyaanee Sardaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Naqamte1Sadaasa 30,2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaa Warraaqsaa FDG dhoosuun gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa mormuun Warraaqsa Finiinsuun Waraana Wayyaanee Waliin Waldura dhaabbatan. Haromayaa
Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaa FDG golee Oromiyaa dhihaa keessatti finiinaa jiru daran jabeessuuf har’a ganama barii irraa eegaluun gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa fi Mormii master Pilaanii Finfinnee fi labsii magaalota Oromiyaa Mormuun FDG bifa jabaa ta’ee fi qindaa’een Iyyannoo gaaffii mirga Abbaa biyyummaa Oromoo gaafatuufi duula duguuginsa sanyii maqaa master Pilaanii Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaan wal qabateen Mootummaan abbaa irree Wayyaanee uummata Oromoo qe’ee fi qabeenyaa dhabsiisuuf karoorfatee Oromoo
lafarra duguuga jiru irrattimormii guddaa dhiyeeffachuun .Haromaya

Iyyannoo gaaffii waliigala rakkoo haala yeroo uummata Oromoo mudatee jiruu irratti qindeeffachuun gaaffiilee 11 kan of irra qabuu aangawoota bulchiinsa Yuunibarsiitii Haramayyaatti kennuuf sochii gochaa akkuma jiranitti Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuunibarsiitii Harammayyaa marsee eegaa jiru mooraa cabsee seenuun brattoota irratti dhukaasa banuun dirree waraanaa fakkeesse jira. Goototni barattootni Oromoo afaan qawween gaaffiin mirga abbaa biyyummaa karaa nagaa dhiyeeffachaa jirruu hin ukkanfamuu, hidhaa, du’aa fi waraanaan roorrifamuu hin sodaanuu jechuun FDG itti fufuun waraanaa Wayyaanee waliin yeroo amma kanatti wal jala dhaabbachuun falmii guddaatu gaggeeffamaa jira, aangawoonni mootummaa bulchiinsii yuunibarsiitii Harammayyaa gaaffii barattoota irraa fuudhuu diduun waraanaa itti bobbaasuun waraana guddaa mooraa Yuunibarsiitiitti seensiisuun Yuunibarsiitiin Harammayyaa dirree waraanatti waan jirjjiramtee jirtuuf Barattootni Oromoo mooraa gadi gadhiisuun gara uummataatti bahaa jiraachuun ibsame, yeroo amma kana warraaqsii haalan jabaatee waan itti fufee jiruuf Qeerroon gabaasa irraa jalaan ni dhiheessa.

“WBO Koo Maalooree” Jedhu Qeerroon Magaalaa Mattuu Irreessa Kabajame Irratti.

Aside

Ibsa Dhabbaata Deeggarsa Qeerroo Idila Addunyaa (International Qeerroo Support Group)

Aside

November 30, 2015 Oromia

qeerroo_supportDeeggarsa  Qeerroo Idila Addunyaa (International Qeerroo Support Group)
P. O. Box 55244
Washington, DC 20040
USA

Sadaasa 29, 2015

Akkuma beekamu dhaabbanni Deeggarsi Qeerroo Idila Addunyaa, dhabbaata bu’aaf hin hojjanne (nonprofit organization) yoo ta’u, erga hundaa’ee  woggaa tokko ta’eera. Kaayyoon hundeeffama dhaaba kanas falmii qeerroo Oromoo mirga namummaa, dinagdee fi siyyaasa uummanni Oromoo jaarra tokkoo fi cinaa olif mulqamee miidhaa fi cunqursa alagaa hammaataa jalatti kufeef  deeggarsa barbaachisaa  gochuuf kan dhaabbaate dha. Koreen dhaaba kanaa wolgahii taasiseen haallan uummata Oromoo fi naannoo Oromiyaa keessa  dhiittaan mirga namummaa ta’aa  marii taasisuun ibsa ejjannoo armaan gadi kana baasuuf murteeseera. Guutummaa Ibsa Kanaa http://www.Ayyaantuu.com  irraa argattu

Sadaasa 29,2015 Ayyaanni Irreessa Malkaa Soor Odaa Godina Iluu Abbaa Booraa Keessatti Kabajame.

Aside

“Qeerroo Wajjiin Taanee Falmachuu ” Barataan,Poolisiin,Qoteebulaan,Warrannis KA’I KA’I !!!! Hawwisoo Qeerroo

Aside

Diddaa Barattoota Oromoo Wallaggaa

FDG Eegale Tokkummaa Ilmaan Oromoon Jabaatee Mootummaa Abbaa Irreetti Xumura Ni Taasisa!

Aside

qeerroo-edit

 

 

 

 

 

 

FDG Eegale Tokkummaa  Ilmaan Oromoon Jabaatee Mootummaa Abbaa Irreetti Xumura Ni Taasisa!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Uummatni Oromoo waanjoo garbummaa jalatti kufe jedhee guyyaan itti tole jedhee bule hin jiru. Hin jiraatus. Qabsoo Bilisummaa Uummata Oromoo gaggeeffamaa asiin gahe keessatti uummatni Oromoo waanjoo garbummaa of irraa buusuuf qabsoo hadhaawaa gaggeessaa tureera. Addatti Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa bara 2011 akka Jaarmayaatti erga of labsee asitti FDG mootummaa Wayyaanee hundeen raasan gaggeessaa turee ammas itti jira. Keessumaa ammoo bara 2014 keessatti uummatni Oromoo tokkummaadhaan diina dura dhaabbatee ‘‘ Haqa Keenyaa fi Biyya Keenya Diinaaf!’’ jechuudhaan wareegama qaqqaalii kaffaleera. Kumaatamaan mana hidhaatti ukkaamsamanii jiru. Dhibbootaan ammoo irbaata rasaasaa tahuudhaan dargaggootni Oromoo abbaa biyyummaa uummata Oromoo mirkaneessuuf rasaasa dura dhaabatanii ammas itt jiru.

FDG amma Oromiyaa keessatti qabatee finiinaa jiru galmaan geessisuudhaaf gumaatni nama tokkee murteessaa dha. Kanaaf uummatni Oromoo FDG kanatti dabalamuudhaan mirga saba Oromoof falmuun saba keenya “Mootummaa Dhablee” tahee bara baraan itti roorrifamaa jiruu fi qabeenyi biyyaa irraa saamamaa jiru bilisa maasuuf jecha, hiree murteffannaa isaa akka mirkaneeffatuuf dirqamni olaanaan nurra jiraachuu hubachuu barbaachisa. Keessumaa ammoo FDG amma eegale galmaa geessisuudhaaf dirqamoota armaan gadi hojiitt hiikuuf jabaatnee hojjechuun dirqama.

  1. FDG amma eegale namuusa FDG tiksinee galmaan geessisuuf gumaata barbaachisu gumaachuu;
  2. Qajeelfamootaa fi ajaja mootummaa kan dantaa umamta keenyaa tuqu kamuu hojiitti hiikuu diduu fi dura dhaabbatuu;
  3. Tooftaawwan Qabsoo Fincilaa kan karaa caasaa fi bifa adda addaan baafaman hordofuun FDG dhaabbataa gaggeessuuf murannoon socho’uu;
  4. Bakkeewwan garaa garaatti dhaadannoowwan garaa garaa maxxansuu;
  5. Omisha mootummaan dantaa uummataa miidhuuf fayyadamutti dhimmi bahuu dhiisuu;
  6. Mirgi dimokraasii dhugaa fi sagaleen uummataa kabajamee hireen murteeffatnaa hanga argamutti haqaaf jecha wareegama karaa hundaan nu gaafatu baasuu.

Akkuma beekamu yeroo ammaa kana FDG Oromiyaa bakkeewwa garaa garaa addatti magaalaa Gincii, Amboo, Najjoo, Mandii, Gidaamii fi bakkeewwan birootti finiinuu eegaleera. FDG kun itti fufinsi isaa mirkaneeffamee uummatni Oromoo tokkummaadhaan FDG kanatti makamaa deemaa jira;  mootummaan Wayyaanee guyyaan itti hundeen buqqaatu dhiyaachun mirkana. Kana taasisuuf ammoo nuyi miseensotnii fi deeggartooni Qeerroo Bilisummaa dirqama olaanaa ofitti fudhatnee soho’uun nurraa eegama. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 29 2015

Jiraattota Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Mattuu fi Oromiyaa Biratti Irreessi Birraa Malkaa Sootii Guyyaa Boruu Kabajamuuf Jira.

Aside

Sadaasa 29,2015 Gabaasa Qeerroo Mattuu

Oromoon Kaabaa biyyattiitii dhiibamee as deebi’e gabaroon oromduroo wajjin yeroo ilmaan maccaa sirna lafa babal’ifannaan dhiha Oromiyaa,kaabaafi kibba dhiha biyyattiitti qajeelan Ayyaantuun Oromoo isaan eebbise,Nama Abbaa Gadaa Nagawoo jedhamuunis deemiitii “lafa ilmaan Oromoo keenyaaf mijaataa ta’e ilaali” jedheeni

Abbaan Duulaa Sadoo(sirna?)Gadaas Dhidheessa cehee lafa mijataa jiruuf jireenna oromootiif aanjawaa ta’e ilaalee yeroo deebi’u,Oromooti manaafi lagaan dhidheessarratti adda ba’anii lsaan eegan abbaan duulaafi ayyaantuun oromoos namoota kanaan hanga ayyaantuun Oromoo “isin oofkalchuufi isinii tufutti waan tokkoon waaqi isin rifate jedheeni maali yeroo jedhaniin beeka godhadhaa garuu isinii hinbulin jedheen yeroo kana Ilmaan Tuulamaa fi Macca keessaa ofitti dabalee Tum’een waaqi dhiifama akka nuuf godhu fagaadheen jiraadhaa naaf eebbisi jedheeni

Qaalluun sadoo gadaas hooda ittiin bulan hooda Buuy’oo(buuyyoo)eebbiseefi hanga baaroo _akooboo siif eebbiseera jedhee geggeesse Tum’eenis gara iluu abbaa boor har’aatti godaanee babal’atee ilmaan hedduus godhatee jiraachaa har’a ga’e

Ilmaan Tumee
Salgan Iluu
Arfan Mattuu
Shanan Buunnoo
Shanan Hurrumuu
Ilmaan Tuulamaas aanaa bachoo har’aa irra babal’atanii maccaatuulamni irra jiraatu.Iluun Gootota bebbeekamoo akka Hiikaa Awwaajii
Fatansaa Iluu
Firrisaa Abbaa Waggaa

Hawwata tuurizimiif kan ooltu, Bosonni Yaayyuus keennaa uumamaa addaati.

Magariistummaa dachee keenyaatiif kan nu irraa adda ba’uu hin barbaanne bulchiinsi koloneeffattoota Kaabaa erga Oromiyaa cabsanii qabamuu Jimmaan dura hoggansa Raas Tasammaa Naaddootiin Gootichi Fatansaa Iluu erga ajjeefamee booda Oromoon Tummee Qaalluu Buuyyootiin,Oromoon Leeqaa immoo Qaalluu Hooda Duumessootiin buluun isaanii hafe. Akkaataan itti haasawu fi yaaduu dalagaa dalaguu illee habashoota taasisuuf waan dirqsiisaniif kunoo Iluun har’a illee garbummaa jibbisiisaa keessa dabartee godinicha keessatti Afaan Oromoo akka Afaan lammaffaatti dubbatamuuf deema. Bulchiinsi garboomfataa godinicha iddoo lamatti adda baasuuf kan haal duree xumureefi Godina Buunnoo Beddelleefi Iluu Abbaa Booraa jedhamuuf akka jirus hubatneerra .Ammaan kana Malkaa Soor irra Kan jirru yeroo ta’u, Oromoon marti ba’e dargaggoofi barattooti kolleejjii barsiisotaa Mattuu,Barattoonni Yuunibarsiitii mattuu hawaasi bal’aan irratti argamuun walleelee warraaksaa dhageessisaa tikaa wayyaanee jabaa jalaa didee itti fufee jira