Elemo Ali & Habtamu Lamu: “Maaluma Maaliinni?” [New Oromo Protest Music]

Aside

Bulchiinsa Beeneshangul Keessatti Barsiisoti Oromoo Mormii Sirna Mootummaa Itiyoophiyaaf Qaban Muldhisaa Jiru.

Aside

Diddaan Uummataa Magaalaa Jimmaa Keessatti Cimee Itti Fufuun,Waraanni Wayyaanee Uummata Jeeqaa Jira.Muktar Kadir Akka Dhaamsuuf Ergamus Itti Hin Milkoofne.

Aside

Barataa Oromoo guyyaa har'aa magaalaa Jimmaa Keessatti rasaasa Wayyaaneen rukutame.

Barataa Oromoo guyyaa har’aa magaalaa Jimmaa Keessatti rasaasa Wayyaaneen rukutame.

“Roorroo Abbaatu Falmata” Gootonni Ummanni Oromoo Waliisoo Akkanatti Jiru. Mudde 11,2015

Aside

Godina Baalee Aaanaa Abeentuu Keessatti Diddaan Itti Fufe.

Aside

Godina Wallaggaa Anaa Jaarsoo Keessatti Guyyaa Har’a Muddee 11,2015 FDG Itti Fufuun Ummanni Barattoota Cinaa Dhaabbate!

Aside

Muddee 11,2015 Guyyaa har’aas bartonnii manaa barumsaa sad2ffaaf qophainsa mormii jabaa irraa olan bulchitonnii Godina Wallaggaa Anaa Jaarsoo bartoota wal ga’ii teessisaniis bartonnii hangaa gaafiin keenyaa nuuf deebi’uttii hin baranuu jechuun mormii jabaa dhageesisan…..haalumaa kanan bulchitonnii fi kaafinoonnii anaattii ummaata magaalaa jaarsoo wal ga’ii wamuun ummaanii maaliif baratonnii keenya hiidhamu reebamuu….jechun wal mormii guddan gidduu sanitti ummame ture.. Ummataa keessa deemuun ijoolleerrattii ragaa ba’aa jechuun namoota hedduu gidirsaa jiru…

Ummatii fi Barattooti Oromoo Waliisoo Diddaa Sirna Mootummaa EPRDF Gaggeessan.

Aside

Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsitii Jimmaa Uffata Gaddaa Uffachuun Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa Jabeessaa Jiru.

Aside

Mudde 11,2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsitii Jimmaa uffata Gaddaa Uffachuun Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FDG Akka guutummaa Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru Hiriira mormii daran jabeessuun itti fufan. Kaleessa Mudde 10/2015 Mooraa Saanyiinsii fi Teekinoolojii keessatti Waraana Wayyaaneen Waldura dhaabbachuun sagalee mormii guddaa dhageesisuun humna ittisa biyyaan dhukaasni guddaan irratti baname, Gaazii summaa’aa irratti dukaasuun barattoota hedduun reebichaa ulfatan midhamanii hospitala galan.
Guyyaa Hardhaas Warraaqsaa Biyyoolessaa jabeessuun Mooraa Main Cumpasii keeaastti Uffata Gaddaa Uffachuun har’as Hiriirrii mormii Mootummaan yakka duguuginsa sanyii nurratti rawwachaa jiru aangoo gadhiisuu qaba, Seeraatti dhiyaachuu qaba, Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mirgii Dimookiraasii nuuf kabajamuu qaba, kan jedhuufi Mormiin Master Pilaanii Finfinnee fi labsiin Magaalota Oromiyaa ataattamaan haqamuu qaba jechuun uffata gaddaa uffachuun hiriiraa mormii ba’uun humna waraanaa ittisa biyyaa waliin waldura dhaabbachaa jiru, waraanni wayyaanee barattoota irratti dhukaasa jira, barattootni hedduun mooraa gadi lakkisuun gara uummatatti baqachaa jiru.sochiin kun amma adeemsifama jira.,Gabaasaan itti fufa

FDG Godina Arsii Lixaa Asaasaa Keessatti Jabinaan Itti Fufee Jira.

Aside

Mudde 11,2015 FDG Itti Fufuun Gootonni Barattooti Oromoo Uni Hawaasaa Nyaata lagatan,Wallagga Naqamtes Diddaa Itti Fufan.

Aside

Yuniversitii Hawaasaa Muddee 11 2015

Yuniversitii Hawaasaa Muddee 11 2015

Naqamte mudde 11 2015

Naqamte mudde 11 2015

Laqamte Kaatolikii mudde 11