Bitootessa 09,2016, Yuunivarsiitii Wallaggaa fi mana barnootaa qophaa’inaa keeysatti FXG jabaatee wayyaaneen tarkaanfii sukkaneessaa barattoota irratti fudhatte. FXG kun mana barnootaa qophaa’inaa, Koollejjii barsiisotaa fi Yuunivarsiitii keeysatti gamtaan eegale. Koollejjii barsiisotaa keeysattis wayyaaneen
tarkaanfii fudhatteen barataa Misgaanuu Masarat kan jedhamu wareegameera. Fincilli kun yuunivarsiitii keeysatti ol ka’ee walitti bu’insi olaanaan waraana agaazii fi baratoota oromoo gidduutii dhalate. Barattootni 20 ol tahanis madaa’ani. Isaan keeysaas
1. Barataa Tolosaa Guutuu
2. Barataa Alamuu Maaramaa
3. Barataa Maatiyoos Tufaa
4. Barattuu Sablee Taarikuu
5. Barataa Misgaanaa Addisuu
6. Barataa Addisuu Barasaa
7. Barataa Magarsaa Tasammaa
8. Barataa Taammiraat Zallaqaa
9. Barataa Yoonas Qana’aa
10. Barataa Saamu’eel Solomoon
11. Barataa Maarihuun Ammasaa
12. Barataa Girmaa Naadoo
13. Barataa Rooberaa Bal’inaa
14. Barataa Baayyuu Fayyisaa
15. Barataa Toleeraa Guutuu
16. Barataa Galaanaa Ibsaa
17. Barataa Sintaayyoo Alamaayyoo
18. Barataa Ayyaanaa Oljirraa
Kan jedhaman hospitaala Naqqamtee seenuudhaan waldhaansa yeroo argatanis miidhamni olaanaan irra gahe. Miidhamni xixiqqaan barattoota
30 ol tahan irrattis gaheera. Kana malees wayyaaneen wallaggaa lixaa keeysatti barattootaa fi uummata irratti rasaasa roobsite. Boojjii coqorsaa bakka jedhamuttis qeerroo oromoo Isayyas Gabayyoo jedhamu wayyaaneen rasaasaan ajeesuu qeerroon ona kanaa gabaaseera.
Blog Archives
Wallee Warraaqsaa Gootota Artistoota Oromoo Caalaa Bultumee fi Jaafar Yuusuf – Injifannoon Galuun Baranuma/Bitootessa 2016
Aside
Har’a Bitootessa 09,2016 Humni Kora Bittinneessaa Jedhamu Waraanni Wayyaanee Heddumminaan Mooraa Yuniverstii Wallaggaa Weerare.
Aside
Guyyaa har,aa bitootessa 09,2016 ganama kana humni kora bitinneessaa jedhamu guutummaan guutuutti Yuunversiitii Wallaggaa fi naannoo ishee weeraree jira.
Humni kora bitinneessaa jedhamu kunis halkan edaa sababii ijoolleen doormii gadi lakkisanii gara magaalaatti imaluu jalqaban baratoonni heedduun immoo mooraamatti hafuun fincila daran finiinsuun mootummaa gabroonfataa wayyaanee boqonnaa dhorkaa bulanii jiru.Baratoonni mooriicha keessa jiranis kalleessa ganama irraa ka’uunishanga har,aa kanatti hunduu nyaata lagachuun diddaa isaanii agarsiisaa jiru. Yeroo ammaa kanas sababii isin humna degersaa yookiinimmoo ABO tu naannoo kana jira jechuurraan kan ka,e humni kora bittinneessaa akkasumas makalaakiyyaa warri jedhamanis heedduminaan mooraa yuunversiitichaa keessaa fi ala isaa guutummaan guutuutti dhuunfatanii jiru.Haaluma kanaan baratootaanis guyyaa har,aa kana ganama irraa ka,uun olseenuu malee gadi ba,uun hin danda,amu jechuun baratoota nagaa dhorkaa jiraachuun maddeen keenya ifa godhu.
FXG Gootota Qeerroo Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Magaalaa Jaartee/Adoolessa 09,2016
Aside
FXG Godinaalee Oromiyaa Hedduu Keessatti Itti Fufee Jira.
Aside
Bitootessa 8,2016 Dhaabbileen barnoota yuuniversitii fi koollejjin torbee kana waamicha barumsa dhaabuu irratti sochii taasisaa jira. torbanoota laman darban kana Yuuniversiitiin Finfinnee humna waraanaa eegamaa baate. Inni kunis soda jiru irraan kan ka’eedhani. Har’a barattootni Yuuniversitii kiiloo 6 tahan dhibbaan kan lakkaawaman FXG finiinsaa oolaniru. Korri bittinnesssaa Wayyaanees naannichatti kan argame ijumaan fincila barattootaa kana kan ilaalee dhiise tahuunis hubatame humni waraanaa wayyaanee FXG kan jabeessu malee tasgabbii wayyaaneen jettuus furmaata kan tahe miti. Galgala kana sa’a 10 irraa kaasee mooraan Yuuniversitii Finfnnee kiiloo 6 hudhaa waraana Wayyaanee jala jirti. Haluma kanaanis magaala Amboo keessatti waraqoonni magaala fi baadiyaa keessatti bittimfamaa jiru. Kaleessa Bitootessa 7/2016 irraa kaasudhan Amboo fi Miidaqanyitti waraqaaleen ergaa kanaa gadii ofirratti qabatee jiru bittimfamee jira.
– Lafti keenya maqaa Investimentiin saamame haa deebi’u ykn murtoo keenyan deeffanna
– Mannen hidhaa hunduu haa gubatana hidhamtootnis haa gadhifaman
– Galgala uummanni bakka jirutti daandiiwwan gurguddaa akka cufamu waamicha
– Qoqqobbii geejjibaa shufeeronni akka taasistan jabeessine isin beeksisna
– Hawaasni kamuu gibira mootummaa akka hin kaffalle
– Gabaan kana booda hin gaggeeffamu
– Manneen barnoota kamittu sirni baruu fi barsiisu haa dhaabbatu tokko baratee tokko hin taahin
– Hojjetaan mootummaa kanaan dura hojii gaggeessuu irratti qoqqoobbii haga eegamu hin taasifamne kanaan booda garuu hojjetaan
mootummaa kamuu tarkaanfii kanatti seenuu qaba.
Haaluma kanaan tarkaanfii fi FXG Amboo fi Miidaqany itti fufee jira. Humni ittisa biyyaa miidaqany keessa jiru dargaggoota irratti dhukaasa banuun ajjeesuun ammallee akka hin dhaabbanne qeerroon kan gabaasaa jiruudha.
Aside
Guyyaa Har’aa Bitootessa 8,2016 sa’a kanatti barattootni Yuuniversitii Finfinnnee dhibbaan lakkaawaman gara Embaasii Ameerikaa deemuun dhaadannoo dhageesisaa jiru, ammalle itti fufuudhaan naannoo gaar Inxooxxoo qabate qonnan bulaan gama Sulultaas bahuudhan daandi cufee mootummaa EPRDF hin barbaannu ofiin of bulchina, ABOn kallacha qabsoo keenyaati jechaa jiru.
Godina adda naannoo Lagaxaafottis qonan bulaan humna waraana karaa darabsu dhorkate jira. Yeroo amma kana yuuniversitiin Fifninnee kiiloo 4,5 fi 6 humna wayyaanetu dhokatee marsee jira. Barattootni barruu warraqsa guyyaama kana moora keesa facaassa jiran. FXG kunoo jabaatee hamam
dhufamtti itti fufe.
Guyyaa Har’aa, Dararaa Agaaziin barattoota Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti fudhate
Aside
Bitootessa 8,2016 Yuunversiitii Wallaggaa keessatti fincilli daran jabaatee itti fufee jira.hanga ammaattis barattoonni 25 ta,an miidhamanii hoospitaala seenanii ciisaa jiru.kanneen hafanis heedduudha.Kanneen gara mana adabaatti guuramani jiranis naannoo baratoota 43 kan ta,an hidhamanii akka jiran maddeen keenya nu qaqqaban ifa godhu.Baratoota halkan edaa rukutamanii hoospitaala naqamtee keessatti wallanamaa jiran keessa kan ammaaf maqaan nu ga,e :
1. Guddisaa Addisuu barataa electrical enginering waggaa 1 ffaa
2.Habtaamuu Tesfaayyee barataa urbaan engineringii waggaa 3ffaa
3.Waaqjiraa Simee barataa fiiziksii waggaa3ffaa
4.Tesfaayee Geetuu barataa compiiter saayinsii waggaa 1ffaa
5.Badhaasaa Margaa barataa fiiziksi waggaa 2ffaa
6.Addisuu Dasaalee barataa compiiter saayinsii waggaa 2ffaa
7. Malasee Duukamo barataa aarbaan engineriing waggaa 4 ffaa
8.Toofik Abbaa Tamaam barataa electrikaal engineriing waggaa 1 ffaa
9.Rattaa Baqalee barataa fiizikssii waggaa 2 ffaa kanneen hafanis heedduudhaakkuma maqaan nu ga,een isiniin geenya.
SBO Bitootessa 09,2016. Oduu, Gabaasa FXG Oromiyaa fi Qophiilee Biroo akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
Waraanni Wayyaanee Uummata Oromoo Nagaa Dhurkuun Wal Qabatee Tarkaanfiin Ummanni Osoo Hin Jaallatiin Waraana Of Irraa Ittisuutti Seene.
Aside
Bitooteessa 7,2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: AANAA MIDAA QANYIItti Waraanni Wayyaanee Maqaa Waraana ABOtu Uummata keessa galee nurratti fincilchiisaa jira jedhuun uummata Shororkeessuu itti fufuun guyyaa har’aa Waraanni wayyaanee hedhannoo isaa guutuu qabatee Aanaa Midaa Qanyii ganda Garaadoo kan qarqara Aanuunuutti argamtuu sakkatta’uuf sochii godhee Humni Ittisaa Uummata Oromoo(HIUO) uummata isaa irraa diina Ittisuuf tarkaanf uummataan walta’uun Diina uummata gooluuf adeemtuu irratti tarkaanfii Boombii F1 irratti dhoosuun fudhateen Waraana wayyaanee madeessuun salphina guddaan akka baqaan of duuba deebituu gochuun sodaa hamaan of irra deebisuu danda’ee jira. Akkuma Waraanni Wayyaanee kun Rifatee Of irra deebi’een Uummatni walitti Yaa’uun ganda Garaadoo keessatti sirbaa olee, Waraanni Wayyaanee dirqamaan nu hin bulchuu nuti waraana mootummaa sanyiin nu duguuguu Obsa ittiin dhaggeeffannuu hin qabnu Waraanni Wayyaanee hatattamaan Aanaa Midaa Qanyii gadhiisee bahuu qaba jechuun dhaamsa dabarfatan, hanga galgala kanaatti illee Uummatni walitti yaa’ee sirba gootaa sirbaa jira.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Bitootessa 7, 2016
Aside


