Guyyaa hara’aa Adoolessa 7,2016 Godina Wallaggaa magaalaa kanneen akka Najjoo,Gimbii,Jaarsoo fi biroo keessatti abbootiin qabeenyaa konkolaataa isaanii bobbaa irraa dhaabuun sirna mootummaa Wayyaanee irraa diddaa qaban muldhisan.Qabsoon diinagdeen mootummicha irra gahu itti fufee jira.
Blog Archives
Adoolessa 7,2016 Gootonni Qeerroon Bilisummaa Godina Booranaa Aanaa Yaaballoo Ganda Aadee Galchaa keessatti Ficila Xumura Gabrummaa haala jabaa ta’een itti fufuun mootummaa gabaroomfataa Wayyaanee mormaa oolan.
Aside
Godina Wallaggaa fi Shaggar Lixaa Keessatti FXG Haalaan Jabaatee Itti Fufee Oole.
Aside
Har’a Adoolessa 07,2016 Sa’aa Ammaa Kanatti Goototi Qeerroo Yuuniverstii Wallaggaa Waraana Wayyaanee Agaazii Waliin Wal Qabaa Jiru,FXG Haalaan jabaatee Itti Fufe
Aside
Finciilli xumura garbummaa gootota Qeerroo baratoota Yuunversiitii Wallaggaan ganama kanas bifa haaraan dhohee jira. Yeroo ammaa kanas baratoonni guutummaan guutuutti barnoota lagachuun barnoonni bilisummaa booda jedhaniidiina raasaa jiru.Galgala edaas akkuma beekamu Qeerroon yuunversiitii wallaggaa diddaa dhageesisaa turuun ni yaadatama
Haa ta,uyyuu malee mootummaan gabroonfataa baratoota nagaa irratti ol seenuun dhukaasa banuyyuu baratoonni kun sodaa tokko malee injifannoo boonsaa hojjetaniiru.Polisoota yuunversiitichaa dhagaadhumaan hariuun kaampasicha keessaa baasuun bosonatti galchuun injifannoo boonsaa galmeesisaniiru
Abootiin Qabeenyaa Oromoo Ta’an Diddaa Qoqobbii Diinagdee Mootummaa Wayyaanee Irratti Gaggeessan.
Aside
Diddaan Gootota Qeerroo Yuuniverstii Wallaggaa Har’as Itti Fufee Jira.
Aside
Adoollessa 07, 2016 Fincilli Xumra Gabrummaa gootota Qeerroo baratoota Yuunversiitii Wallaggaan ganama kanas bifa haaraan dhohee jira. Yeroo ammaa kanas baratoonni guutummaan guutuutti barnoota lagachuun barnoonni bilisummaa booda jedhanii diina raasaa jiru.
Galgala edaas akkuma beekamu Qeerroon Yuunversiitii Wallaggaa diddaa dhageesisaa turuun ni yaadatama .Haa ta,uyyuu malee mootummaan gabroonfataa baratoota nagaa irratti ol seenuun dhukaasa banuyyuu baratoonni kun sodaa tokko malee injifannoo boonsaa hojjetaniiru.Polisoota Yuunversiitichaa dhagaadhumaan hariuun kaampasicha keessaa baasuun bosonatti galchuun injifannoo boonsaa galmeesisaniiru
Oromiyaan bulchiinsa waraanaa saddeet jalatti hiramtee haa jiraattu malee FXGn akka itti fufetti jira!
Aside
Gaabaasi Qeerroo giddu gala Oromiyaa Adaamaafi magaalaa guddittii lixa Oromiyaa Naqamtee irraa nuun ga’an akka ibsutti,fincilli sirna garboomfattootaa irratti taasisamu akka itti fufee jiru hubachiisa. Torban darbee kaasee hojjeettoonni mana murtii Oromiyaa waltajjii leenjii Wayyaaneetiif adaamaatti kan walitti qabanii jiran yeroo ta’u,waltajjii kana irratti Abbootii seeraa,abbootii alangaafi abukaatotatu hirmaachaa jira Waltajjii jimaata darbe geggeessame irratti madaalliin manneen murtii godinoota sadii kan geggeeffame yeroo ta’u,godinoonni kunis,Shaggar lixaa,Harargee bahaa fi Wallaggaa lixaa ta’uun ta’uun beekameera Ergamtoonni Wayyaanee godinoota kana sadan keessatti tarkaanfiin manneen murtii fudhatan laafadha yeroo jedhatti abbootiin seeraa fi hojjeettoonni mana murtii Oromiyaa irraa hojjetan marti akka dheekkaman beekameera, Akka fakkeenyaattis poolisiin Malkaamuu Mitikkuu kan Wallaggaa lixaa Najjootti nama ajjeesee gara bakka dhalootasaa utuu deemuu ajjeefameef mootummaan itti gaafatamuu qaba jedhan “nami lubbuu namaa seeraan ala baase kun to’annaa jala ooluu dhabuun wal ajjeechaa biraa kan fidu fi godinoota akka fakkenyaatti manneen murtii tarkaanfii uummatarratti fudhachuu dhabaniif komataman kun dhiibbaa siyaasaaf hojiisaa hojjechuu akka hin danda’in itti amanna silaa warri uummata nagaa irratti dhukaase yoona to’annaa seeraa jala jira”jechuun ammaa jalqabee poolisas ta’e nami dhuunfaa nami namni lubbuu namaa baasee seeratti dhiyaachuu dhabee uummata keessa jiruun hanqina bulchiinsa gaarii keessaa isa tokko jechuun komii isaanii haala wayyaanee afaan qabachiiseen dhiyeessuun isaanii beekameera.
Hirmaattonni wal tajjichaa yeroo dhiyootti komishiniin dhimma kana adda baasee namoota ajjeechaa seeraan alaa kana raawwatan seeratti akka dhiyaachuu qaban taasisu hundeeffamuu akka qabu gaafachuun,loogii siyaasaatiin namni lubbuu namaa baasee seeratti hin dhiyaanneef uummatichi tarkaanfii “gumaa baasuu”aadaadhaan qabu yoo irratti fudhateef seerri wabii lubbuu namaa deebisuu hinjiru kanaaf namoota kana seeratti dhiyeessuun furmaata filmaata biraa hin qabne jechuun akeekkachiisa jabaadhaan kaabinoota wayyaanee akka rifaasisan beekameera Waltajjiin qaamota manneen murtii Adaamaatti ta’amaa jiranii kun jimaata dhufu xumurama Gara dhiha Oromiyaa Naqamteetti yeroo ceenu,magaalaan Naqamatee ji’oota afrna darbanii kaastee jeeqxota kaabaatiin erga jeeqamutti kaatee ooltee bubbulaa akka jirtuufi kunis jiruufi jireenya oromiyaa guutuu akka ta’ee jiru beekamaadha Magaalattiitti halkan guutuu qaama hin beekamneen dhukaasi wal irraa hin cinne adeemsifamaa kan bulu yeroo ta’u guyyoota muraasa darbanii kaasee tajaajilli geejjibaa magaalattiitti akka addaan cite jirus beekamaadha Galgala kana geejjiba kan hin qabne Naqamteen sagaleen dhukaasaa akka irraa dhaga’amaa jirus madden baasaniiru.
Dhaamsi Koo Isin Gahee?/ Walaloo
Aside
Barataa Dachaasaa Deebisaa irraa
Abbas haadhas qaba kanan irraa dhufe
Garuu,osoon argee hin quufin abbaankoo na lufe
Osoon arguuf hawwuu abbaakoo arguu dhabus
Haatikoo na hin ganne yoon dhabee hagabus
Nan beeka abbaakoo dirqiin akka baase
Onneef gootummaansaa akka narraa fageesse
Yoon ijoollee ta’es gaafas,ijaanan geggeesse
Innis gurrakootti jedhee waa natti odeesse
Akkan harmee hin ganne dhaamsa natti dhaamee
Du’us gumaa kiyya baasi naan jedhee adeeme
Harmeenkoos gara laafettiinkoo dandeessuun rakkinaa
Injifadhuu gali yoo lubbuun jiraatteef turrus wal arginaa
Jettee………
Waan yeroodhaaf tursu galaas galaafteefii
Dhaamsi Koo Isin Gahee
FXG Lixa Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti Eegale Haalaan Cunqursitoota Naasise Bitootessa 6,2016
Aside
Haalli Mootumma gabroonfataa aarsee kan finiinsef kan obsa fixaxee Uummati Oromoo gabroonfattoota hidhannoof afaan Qawweetti amanan irratti diddaa walirraa hin cinne gamtaan rog-arfan Oromiyaarraan finiinsaa jira.Akkasuma murni bicuu Waayyaanee ajjeechaa uummatarratti akka labsitetti gara jabummaadhaan sabichi akka miidhamu gooterti.Gochi Diina Kunis guyyaa gara guyyaatti haalaan akka guutummaan saba dammaqee mirgasaaf falmatu taasiseera.

