Bitootessa 12,2016 Godina Addaa Buraayyuutti rakkoon bishaan dhugaatii uummata jiraattota qabatee jiruun oromiyaan dachee badhaatuu taatee utuu jirtu har’a mootummaa gabroonfataa kanaan rakkoo kanaan uummanni saaxilamee rakkina guddaa keessa seenee jiraachuu Qeerroon har’a gabaasee jira. Uummannis waan nyaannuu fi dhugnu dhabne mootummaadhumti kun nurraa ka’uu qaba jedhee sagale isa olkaasee jira. Rakkoon bishaanii dhugaatii fi nyaataan wal qabatee godina addaa qofa osoo hin taanee magaala Finfinnee guutummaattis jiraattota magaalittii irra gahee jira. Kanaan uummanni gaaffi isaa qabatee wayyaanee morma qabee hudhee jiraatuun bakka hundaatti mul’ataadha. FXG oromiyaalee godinoota garagaraa keessatti har’a adeemsifamaa jiru gabaasa Qeerroo irraa dhiyaatuun kan gabaasnu taha.
Blog Archives
Aside
” Yaa Qeerroo” Walaloo Warraaqsaa
Aside
Barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaarraa Qabamanii Turan Hanga Ammaatti Dararamaa Jiru
Aside
Bitootessa 11,2016
Gochi shororkeessitootaa kan itti fufe dararaaf hammeenya diinummaa hanga har’aatti kan itti fufe yoo ta’u Gootummaan Qeerroon Oromoo osoo duuba hin deebine falmasaa jabeesseetuma jira.
Akkasuma torbee darbe keessa barattoonni FXG Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddaatti ka’een wal qabatee Barattoonni dhiira 14 fi Dubara 3 qabanii mana hiraarsaa Jimmaa(Meentiinaa) bakka jedhamutti dararaa erga turanii Booda dhiira shan baasanii kaansaanii ammallee dararaa jiraachuu keessayyuu rakkoowwan irra gahamaa jiran keessaa rakkoo nyaataa akka mudatee jiru akkasumallee Raagaa sobaa irratti kan fuudhamee jiru ittuu nama takkaallee arganii hin beekneen ragaan sobaa irratti funaanamaa jira gochi kunis barattoota Moorichaa Aarii guddaa keessa seensisee akka jiru dubbatu barattoonni moorichaa.
Aside
FXG Magaala Dirre Dawwaatti har’a Bitootessa 11,2016 ganama irra kaasee barattoota manneen barnootaa garagaraatin itti fufanii jiru. Aaddatti Qeeyroon mana barumsa sadarkaa 2ffaa fi sadarkaa 1ffaan fxg oofaa jiru. waranni sirna nama nyaataa wayyane daa’immaan harka qalama baatani gaaffi isaanii sagaledhan olkaasanii dhageesisan irratti dhukaasa bane jira. Ijoollen madoo taate jirti. Kan hdhaman kanbreebaman baayedha. Yeroo kana uummannis gara barattota isaatti fiige fxg kanatti makamat kan jiru.
Dirreedawaa keeysii dhukaasatu jira jedha qeeyroon ammaan tana.
fxg ammas barattootaan jabaate kan itti fufe jiru tahuun oromiyaa mara irraa qeeyroon gabaasa ergaa jira
Har’a Bitootessa 11,2016 Fincilli Xumura Gabrummaa Yuunibarsiitii Wallaggaa Keessatti Itti Fufe.
Aside
Guyyaa har,aa kanas baratoonni diddaa barnoonni bilisummaa booda jedhu dhaadannoo godhachuudhaan diddaa isaanii itti fufanii jiru.
Duulli barnoota dhaabuu kun guyyaa edda jalqabee har,aan guyyaa shanaffaa isaa yemmuu ta,u baratoonni hundus barnoota dhaabuun gara maatiitti akka imalaa jiran maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.
Guutummaan mooraa yuunversiitichaaf naannoon isaas hoomaa waraanaan dhuunfatamteetti.Keessumaa guyyaa har,aa kana baratoonni muraasni doormii keessatti hafanii waan jiraniif baratoota kanaanis yookaan mooraa gadhiisaa yookiinimmoo daree barnootaa seenaa baradhaa jechuun poolisoonni federaalaa fi kan kaampaasichaa baratoota akka doorsisaa jiranillee maddeen keenya eeraniiru.Mooraanis yeroo ammaa kanas qullaa taatee jirti .
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) QophiiBitootessa 10, 2016
Aside
Hariiroo Dhaabotni Oromoo keessaa fi alatti qabaachuu malan ilaalchisee – Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa.
Aside
Hariiroo Dhaabotni Oromoo keessaa fi alatti qabaachuu malan ilaalchisee – Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa.
Bitootessa 9,2016
Ummatni Oromoo qabsoo hadhooftu gootowwan ilmaa isaa biyya isaanii keessatti gegeessaa jiraniin qarqara Bilisummaa isaa ga’ee jira. Har’a mirgi abbaa-biyyuummaa ummata keenya sadarkaa haalamuu hindandeenyerra ga’ee jira yoo jenne soba hinta’u. Wareegamni gootummaa ilmaan isaa gumaachaa jiran, mootummaa Wayyanee rommisiiseera, of-irrummaa ishees addunyaa guutummaaf saaxileera.
Yeroo akkaan murteessaa sabni keenya keessa jiru kanatti, gaheen dhaaboota siyaasaa Oromoo ulfaataa ta’uun waan wal nama gaafachiisu miti. Dhaabotni Oromoo wal-qoodmaa tokko malee Qeerroo isaanii cinaa hiriiranii Mootummaa TPLF, kan gar-malee ummata keenya dararaa fi biyyaa keenya Oromiyaa ammoo diinummaan saamaa jirtu kana of irraa fonqolchuun, gabrummaa jaarraa tokko oliif Saba keenyatti fe’amee jiru kanatti xumura gochuun yeroon isaa amma.
Dirqama seenaa kana raawwachuuf, waan hundaa dura Dhaabotni Oromoo humnoota alaas ta’e keessaa Hiree Murteeffannaa Sabootaa morman waliin hariiroo bifa kamiyyuu gochuu irraa of eegachuun waajiba ta’a. Hariiroon humnoota akkasii waliin godhamu qabsoo gootowwan keenya wareegama lubbuu isaaniitiin nu dhalchisan sharafuu waan ta’eef, dhaabotni Oromoo gaafatamni itti dhagahamu marti sochii isaanii keessatti of-eegannoo cimaa akka godhatan cimisinee beeksifina. Keessattuu, yeroo ammaa kana humnoota mooraa Oromoo gargar-baasuun qabsoo sabicha dadhabisiisanii angoo siysaa fudhachuu kanneen abbalan waliin hiriiruun badii seenaan dhiifama hingoone dalaguu waliin wal-gituu isaa hubatanii, dhaabotni keenya gochaa bifa kana irraa akka of-eeggatan Qeerroon dhaamsa qabsoo dabarsaaf.
Galmee seena irraa akka hubanutti, diinonni keenya qabsoo saba keenya faffacaasuun milkawaa as gahan. Ammas toftaa adda-addaatti dhimma bahanii humna keenya facaasuu irraa of duuba deebu jenne yaaduun muuxannoo keenya kaleessaa irraa barnoota gaha argachuu dhabuu keenya agarsiisa. Kanafuu, humnoota toftaadhaan tokkummaa qabsoo saba keenya diiguuf imaammatan, keessattuu kanneen Hiree Murteeffannaa saboota dura dhaabbatan waliin hariiroo siyaasaa tolfachuun ammatti bu’aa inni fidu caalaa badiin isaa guddaa ta’uun beekamuu qaba jenna. Humnoota bifa sana waliin yeroo qabsoo keenyaa qisaasuu irra, dhaabotni keenya walii isaanii jidduutti waliigaltee jabeeffachuun, Sochii Qeerroo kan mootumicha yaaddessuu bira taree wal nyaachisaa jiru kana daddaffiin gama injifannoo maayiitti tarkaanfachiisuu irratti gahee isaan irraa eegamu akka gumaachan gaafatna.
Guutummaan Ibsa Kanaa:- Dhaabota Oromoo Ilaalchisee Ejjennoo Qeerroo Bitootessa 09 2016
Aside
FXG Barattoota Yuuniversiti Kiiloo 6tiin Itti Fufee Jira, Barattotni 7 Ukkaamfaman
Aside
Bitooteessa 9,2016 barattootni mooraa yuuniversitii kiiloo 6 diina mooraa marsee afaan qawwee baatee hiriiree dhaabbatutti harka qullaa bahuudhaan dhaadannoowwan hedduu dhageesisaa turaniiru. Gabaasuun keenyas ni yaadatama. Barattootni kun qindoomina FXG akka barattoota oromoo moorichaatti wal tumsa fi qindoominaan bahuu irraa ariitiidhaan tahullee barattootni muraasni Imbaasii Ameerikaa fi mooricha gidduutti hiriira bahaniin “ gaaffiin keenyaa gaaffii Master Pilanii qofa miti amma abbaan biyyummaa keenya haa mirkanaa’u, ajjechaan haa dhaabbatu, oromiyaan haa walaboomtu, humni waraanaa oromiyaa keessaa haa bahu, hidhaan haa dhaabbatu..” jechuun dhaadannoo dhageesisaa kan turan tahuun gabaasuun keenya ni yaadatama. Yeroo san ykn kaleessairraa kaasuun humnoonni badii mootumaan wayaanee meeshaa itti hiree barattoota nagaatti bobbaase hanga ammaa kanatti mooricha marsanii jiru. Haatahu malee basaastoni fi lukkeewwan wayyaanee barattoota fakkaatuudhaan mooraa keessaa fi ala deddeebi’uudhaan barattoota sabboonummaa fi kaleessa hiriira kana irratti
argaman butanii dhabamsiisaa jiru. Barattoota muraasni maqaan isaanii nu gahe jiru keessaa kan qabamanii harka diinaa jiran
1. Bilisummaa Horanoo Araarsoo-Economics waggaa 2ffaa
2. Mohamad Ero Yusuf-Accounting waggaa 3ffaa
3. Ijjiguu Qabataa Ayyaanaa-Economics waggaa 2ffaa
4. Dabala Fayisa Gonfaa-Civil Engineering waggaa 4ffaa
5. Ahimad Mahamad Sani- Electrical Engineering waggaa 4ffaa
6. Shalamahu Gammachuu Damee-Economics wagga 2ffaa
7. Hundee Bultoo Sanbataa-IT waggaa 2ffaa
Barattotni kunneen yeroof qabamanii dhabamuun isaanii Qeerroon gabaasee jira. sochiin barattootaa mooricha ammalee kan itti fufee jiruu fi FXG
yeroon isaa amma kanaan booda barumsi dhaabbatuu qaba nuti teenyee ajjeefamuu hin qabnu uummata keenya dhumaa jiru barumsa barachuu hin qabnu jechuun waraqooleen mooraa keessaa fi alatti bittimfamaa jiru. Naannichi humna nageenya uummataa dhorkuu wayyaaneen raabsiteen guutamee jira.


