Caamsaa 21,2016 Guyyaa har’aas Waraannii wayyaanee konkolaataan 10 Dabalataan Magaalaa Amboo irra qubsiifamee,Magaalaa Ambootti daandiin keessa keessas Waraanaa agaaziin qabamee olee!!
Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa utuu wal irraa hin citiin ji’ota ja’aa(6)f gaggeeffamuu fi Oromiyaan kallattiin bulchiinsa waraanaa jala galtee waraanaan Shororkeeffamaa fi hiraarfamaa jiraachuun itti fufee jira. Mootummaan abbaa irree wayyaanee gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi Dimookiraasii Qeerroon barattootni dargaggootni Oromoo fi waliigalatti uummatni Oromoo dhiyeeffachaa jiruuf deebii tokko illee kennuu dadhabuun biyyatti dirqisiisee waraanaan cabsee bulchuuf kan karoorfate ta’uu ifatti muldhisee jira.
Kabajamaa fi gootni uummatni Oromoo afaan qawween hin bulluu, gaaffii keenyaaf tarkaanfiin waraanaa fi bulchiinsi waraanaa deebii ta’uu hin
danda’uu jechuun ejjennoo isaanii roga hundaan jabeeffachuun hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa fi dimookiraasii nuuf kabajamutti sochiin akka dhaabbachuu hin dandeenye kallattii hundaan abbaa irree hubachiisuun warraaqsii FXG godinaalee Oromiyaa cufa keessatti jabaachuun itti fufee jira. Kanuma irraa soda guddaa keessa galuun abbaan irree wayyaanee waraanaa dabalataan Oromiyaa irra qubsiisuu irratti argama!!
Blog Archives
Magaalaa Finfinneetti guyyoota lamaan darban Sochii FXG Boolee Bulbulaa nannoo warra Gannuutti qabsiifameen namootni 10 wareegamuu fi poolisootni lama tarkaanfii uummataan ajjeefaman. Duulli diigumsa manneen jireenyaas daran jabachuun itti fufe!!
Aside
Caamsa 21,2016 Magaalaa Finfinneetti guyyoota lamaan darban Sochii FXG Boolee Bulbulaa nannoo warra Gannuutti qabsiifameen namootni 10 wareegamuu fi poolisootni lama tarkaanfii uummataan ajjeefaman.
Duulli diigumsa manneen jireenyaas daran jabachuun itti fufe!! Magaalaa Finfinnee fi Magaaloota naannawaa Finfinneetti Mootummaan abbaa irree Wayyaanee duulaa manneen jireenya jiraattoota humnaan buqqisuun Walqabatee Caamsaa 18/2016 Magaalaa Finfinnee Kutaa Boolee Bulbulaa bakka warra Gannuu jedhamuun beekamutti Uumatni utuu lubbuun jirruu mana galmaa keenya konkolaataa Doozeraan nurratti hin diigdaan, qe’ee keenya irraa hin buqqanuu jechuun warraaqsaa FXG finiinsuun wal qabatee mootummaan abbaa irree poolisii federaalaa fi poolisii magaalaa Finfinnee hidhachiisuun uummatatti bobbaasuun uummatarratti dhukaasa banuun hanga ammatti lubbuun jiraattoota sagalee mormii dhageesisaanii 10 olitti lakka’amu wareegamuu fi poolisootni lama tarkaanfii uummatni irratti fudhateen ajjeefamuun ibsame jira.
Haata’uu malee mootummaan wayyaanee gaaffii uummataaf bakka hin qabnee fi deebii hin qabnee tarkaanfii gara jabinaa isaa itti fufuun manneen
jiraatoota diiguu itti fufuun duullii mannee jiraattoota buqqisuu kun Magaalaa Finfinnee fi magaalotaa nannawaa Finfinneetti argaman hundaa
keessatti gaggeeffama kan jiru yoo ta’uu sochiin uummataas gochaa kana dura dhaabbachuu fi mootummaan kun bakka nu hin bu’u jechuun mormii
jabaan itti fufee jira. Mootummaan wayyaanees mormii uummataan yaaddoo keessa galuun magaalaan Finfinnee yeroo amma kanatti haala akkan
sodachisuu fi eeggicha waraanaa jala jiraachuun ishee saaxilame jira.
SBO Caamsaa 22,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Shira Dabballootni Wayyaanee Godina I.A.B Magaalaa Mattuutti Xaxan Irratti Marii Gabaabaa Obbo Useen Umarii fi Obbo Darajjee Atoomsaa Waliin, Art.Gaaddisee Shamsaddiin Waliin Gaaffii fi Deebii Godhame Kutaa Xumuraa fi Qophii Haala Yeroo Irratti Fuulleffate
Aside
Artist Adam Misoomaa 2016/ Nairobi Kenya
Aside
Gaaffiin Mirgaa FXG Godina Arsii Magaalota Adda Addaa Keessatti Deemuun Wal Qabatee Mootummaan Wayyaanee Humna Waraana Isaa Dabalataan Qubsiisaa Jira.
Aside
Caamsaa 20,2016, Magaalota Asallaa, Itayya,Shaashamannee, Ajjee, Asaasa Qoreefi Adaabbaa keessatti waraanni mootummichaa kan duraan ture akkuma jirutti ta’ee guyyaa har’aa saa’atii boodarraa eegalee bifa addaatin magaalota kanneenitti waraana baayee qubisiisanii jiru.
Yuniverstii Haramaayaa Keessaa Barattooti Oromoo 27 Ta’an Lolotoota Wayyaanee Agaazii Jedhamuun Butaman.FXG Itti Fufee Jira.
Aside
Caamsaa 20,2016, Barattooti Oromoo Yuniversitii Haramaayaa baratan 27 loltoota Wayyaanee(Itiyophiyaa)n butamanii bakka buuteen isaanii hin beekamu. Haalli kunis FXG hin dhaabne, Diddaan Oromiyaa bakka garaagaraa keessatti itti fufee jira.
Hanga ammaatti barattooti lolotootaan qabaman:-
1.Kenbon Abata ==veternary 5th
2.Ifabas Boru ==vet 5th
3.Bikila Lema==vet 4th
4.Yonas Abeya==FTPE 4th
5.Diro Hayile==Afanoromo 2nd
6.Indale Benti==ECE2nd
7.Adisu Temesgen==ECE 2nd
8.Firomsa Boki==ECE 2nd
9.Gemachu Bobaso==English 2nd
10.Negara kumsa==English 2nd
11.Mesele Tena==FTPE 2nd
12.yakob Jeylan==mechanical 1st
13.Hunde Daba==mechanical 1st
14.Tola Girma==vet.1st
15.chala Tashoma==ECE 1st
16.Yona Bedasa==ECE 1st
17.Olisan Diriba==WRIE 1st
18.Gurmesa ==FTPE 2nd
19.Abdisa Bedasa==
20.Girma Hundesa==chemical 1st
21.Firaol Bayisa==mechanical 1st
22.Gadisa….==Geography 1st
23.Adisu Ababu==economics 2nd
24.Gosa….acounting 2nd
25.Eliyas…,===
26.Abdi Gudeta==
27.Tadese Yadeta ==agriculture 1st year
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Caamsaa 20, 2016
Aside
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu Keessatti FXG M/B Kombolchaa Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaan Daran Jabaatee Itti Fufe.
Aside
Camsaa 20,2016 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti Sochii Warraaqsaa FXG Gootota Barattoota Oromoo M/B Kombolchaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaan daran jabaatee itti fufe jira. Goototni barattootni Oromoo Aanaa guduruu Mana barumsaa qopha’inaa fi sadarkaa 2ffaa Gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafatneef deebiin nuuf haa kennamuu, sagalee keenya humni waraanaa ukkamsuu hin danda’u, baatii 6 guutuu waraanaan hiraarfamaa utuu jirruu utuu torbee tokkoof iyyuu barumsa takkaa hin argatiin akkamitti Qorumsaa fudhachuu dandeenya? Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba, Oromoo hidhuun Ajjeesuu fi waraanaan hiraarsuun nurraa haa dhabbatu, waraanni biyya keenya gadhiisee gara mooraa waraanatti deebi’uu qaba jechuun mormii isaanii jabeessuun itti fufauun har’a ganama barii irraa eegaluun sagalee dhageesisuun waraana Wayyaanee waliin wal dura dhaabbatan. Waraanni agaaziii fi poolisiin kora bittinneessa jedhama barattoota Oromoo hiraarsuu itti fufee jira.
Roorroon Mootummaa Itiyophiyaa Baroota Dheeraaf Kan Itti Hammaate Gootonni Qonnaan Boltooti Oromoo Godina Harargee Araddaalee Jannaataafi Waltaasis FXG Itti Fufan
Aside
Gotowwan Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa Bakka Maratti FXG Itti Fufanii Jiru.
Aside
