Magaalaa Finfinneetti guyyoota lamaan darban Sochii FXG Boolee Bulbulaa nannoo warra Gannuutti qabsiifameen namootni 10 wareegamuu fi poolisootni lama tarkaanfii uummataan ajjeefaman. Duulli diigumsa manneen jireenyaas daran jabachuun itti fufe!!‏

Caamsa 21,2016 Magaalaa Finfinneetti guyyoota lamaan darban Sochii FXG Boolee Bulbulaa nannoo warra Gannuutti qabsiifameen namootni 10 wareegamuu fi poolisootni lama tarkaanfii uummataan ajjeefaman.
Duulli diigumsa manneen jireenyaas daran jabachuun itti fufe!! Magaalaa Finfinnee fi Magaaloota naannawaa Finfinneetti Mootummaan abbaa irree Wayyaanee duulaa manneen jireenya jiraattoota humnaan buqqisuun Walqabatee Caamsaa 18/2016 Magaalaa Finfinnee Kutaa Boolee Bulbulaa bakka warra Gannuu jedhamuun beekamutti Uumatni utuu lubbuun jirruu mana galmaa keenya konkolaataa Doozeraan nurratti hin diigdaan, qe’ee keenya irraa hin buqqanuu jechuun warraaqsaa FXG finiinsuun wal qabatee mootummaan abbaa irree poolisii federaalaa fi poolisii magaalaa Finfinnee hidhachiisuun uummatatti bobbaasuun uummatarratti dhukaasa banuun hanga ammatti lubbuun jiraattoota sagalee mormii dhageesisaanii 10 olitti lakka’amu wareegamuu fi poolisootni lama tarkaanfii uummatni irratti fudhateen ajjeefamuun ibsame jira.
Haata’uu malee mootummaan wayyaanee gaaffii uummataaf bakka hin qabnee fi deebii hin qabnee tarkaanfii gara jabinaa isaa itti fufuun manneen
jiraatoota diiguu itti fufuun duullii mannee jiraattoota buqqisuu kun Magaalaa Finfinnee fi magaalotaa nannawaa Finfinneetti argaman hundaa
keessatti gaggeeffama kan jiru yoo ta’uu sochiin uummataas gochaa kana dura dhaabbachuu fi mootummaan kun bakka nu hin bu’u jechuun mormii
jabaan itti fufee jira. Mootummaan wayyaanees mormii uummataan yaaddoo keessa galuun magaalaan Finfinnee yeroo amma kanatti haala akkan
sodachisuu fi eeggicha waraanaa jala jiraachuun ishee saaxilame jira.

1 thought on “Magaalaa Finfinneetti guyyoota lamaan darban Sochii FXG Boolee Bulbulaa nannoo warra Gannuutti qabsiifameen namootni 10 wareegamuu fi poolisootni lama tarkaanfii uummataan ajjeefaman. Duulli diigumsa manneen jireenyaas daran jabachuun itti fufe!!‏

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (May) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s