Adoolessa 7/2016 Magaalaan Finfinnee fi Magaalotni Addaa Naannawaa Finfinnee Waraana Agaazii fi Poolisii Federaalaan Shororkeffamaa jiru, Addatti Magaalaa Finfinnee Keessatti Guyyaa Ha’aa Waraanni Agaazii, Poolisiin Federaalaa fi Poolisootni Magaalaa Finfinnee Fageenyaa 1km tokkoo hin Caalleen wal irraa fagaachuun fi Hidhannoo guutuun Daandii qabatanii uummata shororkeessa kian olaanii fi Guutummaan Magaalaa Finfinnee fi Magaalota Addaa Oromiyaa naannawaa Finfinneetti argaman raafama guddaa keessa galanii jiraachuun ibsame!!
Mootummaan Abbaa Irree Master pilaanii Finfinnee fi Magaalota Oromiyaaf qopheesse dirqamaan hojiirra olchuuf kan carraaquu yoo ta’uu, Waraanaa humnaa oliii Oromiyaa Keessa Bobaasee ilmaan Oromoo Manguddoonnii fi hawwaan illee ulfina dhorkuun dhaabaa sakkaatta’insaa
seeraan alaa gaggeessa jira. warraaqsii biyyooleessa oromiyaa FXG golee Oromiyaa garaagaraa fi addatti Bahaa Oromiyaa fi naannoo Finfinnee fi Finfinnee keessatti jabaachuun sirnicha caalmatti raafama keessa kan galche jiru ta’uun hubatame jira.
Blog Archives
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Adoolessa 6, 2016
Aside
Aside
Adoolessa 6,2016 Kutaa Bulchiinsii Magaalaa Finfinnee Hannaa furiitti Poolisootni Federaalaa 6 Dhiiga uummataa dhangalaasuu fi Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Dura dhaabbachuuf bobbaafaman Humna Ittisa uummataan Haleelamuun Du’aan Adabaman, Reeffii Poolisoota kanaas Bakkeetti gartamee Bargamoo keessa kan Argame ta’uu mirkanaa’era.
“ABOn Keenya” Jechuun Guyyaa Har’aa Qeerroon Magaalaa Awadaay Keessatti Farreen ABO Irratti Ololanii fi Wayyaanee Garaa Gubaa Oolan.
Aside
Aside
Adoolessa 6,2016 Harargee Bahaa magaalaa Awwadaay keessatti FXG gaggeefamaa jiru kana fakkaata.
Aside
Sabboonaa Oromoo Lachiisaa Beenyaa namni Jedhamu Oromummaa isaatti Yakkamee bakka jireenya isaa magaalaa Naqamtee keessaa achi buuteensaa dhabame jira .
Aside
Adoolessa 6,2016 Sabboonaa Oromoo Lachiisaa Beenyaa Namni Jedhamu Oromummaa isaatti Yakkamee Bakka jireenya isaa Magaalaa Naqamtee Keessaa Achi buuteensaa dhabame jira .Maqaan isaa Lachiisaa Beenyaa jedhama.Bakki Dhaloota isaa Godina Shaggar Lixaa Baakkoo yeroo ta’u.
Sabboonaa lachiisaan Yeroo baayyee Magaalaa Gimbii keessatti humnoota tikaa Wayyaaneen adamoon waan itti cimeef imala isaa Oromiyaa keessa oliif gadi deemuun hojii guyyaa hojjetee nama of jiraachisaa tureedha.Akkasumas sabboonaa lachiisaan hojii qophee qulqulleessuu ,asoosamoota garaa garaa oliif gadi deemuun nama gurguree ittiin jireenyasaaf jiraachisaa tureedha.Haa ta’u Malee Adoolessa 06/07/2016 Magaalaa Naqamtee keessaa osoo kophee qulqulleessaa jiruu Humnoota tikaa Wayyaaneen butamee achi buuteensaa dhabamee jira.
Godina Arsii bahaa magaalaa Seeruu Habee,Saddiiqa fi Arsii lixaa magaalaa Kofalee keessatti ummanni haala qindaayeen FXG gaggeessaa jira.
Aside
Barattootni Boqonnaaf Gara Maatii Galan Humna Waraana TPLFn Ukkaamfamaa Jiru.
Aside
Adoolessa 5,2016 Wayyaaneen barattootni gara maatii isaaniitti boqonnaaf galan ergama Qeerroo fi ABO fudhatanii galan jechuun barattoota baadiyaalee fi magaalota Oromiyaa keessaa hidhaa jirti.
Akka odeessi Qeerroo nu gahaa jiru ibsutti barattootni bara kana manneen barnootaa irraa boqonnaaf galan godina shawaa lixaa aanaalee hedduu irraa addatti ona Gindabarat irraa barattootni gara qe’eetti galaa jiran hedduun mana hidhaatti darbamaa jiru. Guutummaan dargaggootaa ona kana keessatti dhalatee guddatee Qeerroo fi ABO dha jechuun gaaffii tokko malee dhaabbilee barnootaa olanoo irraa kan gara qe’eetti galan yeroon boqonnaa isaanii amma mana hidhaa wayyaanee tahaa jira. bakka kana qofa miti ona fi godina hedduutti kun mul’ataa jira.
Qellem, Jimmaa Horrootti miseensa WBO jechuunis Qeerroon ona Jimma Horroo keessa jiratus duuchaatti hidhaatti guuramuu fi qabamaa akkasuma reebichi suukkanneessan irra gahaa jiraatuunis himame. Kana malees shamarran hedduunis humnaan waraana wayyaaneen gudeedamaa jiraatuunis odeessi achi nu gahe addeessa.
Barattootni yeroo ammaa boqonnaaf gara maatii galaa jiran dabalatee kan bara kana eebbifamanis yeroon kun wayyaaneef dhumaatii waan taheef hidhaa gaaffii malee kanaan dura akka itti barattoota argatuu dhabee amma akkaataa ittiin barattoota kana qabu maatii biraa tikoota isaatiin waan qabataa jiruuf of eeggannoo taasifamuu qabu waliin socho’uudhaan FXG itti fufuu Qeerroon asumaan gadi jabeessee dhaama.
Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Keessatti Waraanaa Poolisii Federalaa Dhalootaan Oromoo Ta’anii fi kanneen Ergamtoota Wayyaanee Ta’aan Gidduutti Wal Haleellaan Dhalachuun Gabaafame
Aside
Humni Poolisii Federaalaa fi Waraanii Agaazii lakkoofsaan heddumina qabu magaalaa Amboo irra qubsiifamuun uummata Oromoo Shororkeessuun kan beekaamu poolisoota Federaalaa Wayyaanee fi ilmaan Oromoo achi keessatti argamaan waliin walitti bu’insii guddaan dhalachuun sabboontootni Poolisootni Oromoo ta’anii fi kanneen ergamtuu wayyaanee ta’an waliin dhukaasaa wal irratti banuun poolisootni ergamtuu wayyaanee lamaa ol kan ajjeefaman yoo ta’uu Poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an keessaa tokko wareegamuun ibsamee, poolisootni hedduun madeeffamuun du’aa fi jireenya gidduutti kan argaman ta’uun ibsame jira.!! Yakki Waraanaa Uummata Oromoo ummata sivilii irratti gaggeeffamaa jiraachuu irra waraanaa sirnichaa fi poolisootaa Sirnicha keessatti argamaan gidduutti wal shakkii guddaan dhalachuun afaan qawwee walitti naanneessuun wal haleeluun kan eegalamee jiru ta’uun hubatamera. Poolisiin Federaalaa dhalootaan Afaar jedhamu tokkos poolisootaa ajjeechaaf barbaadu ,barbaadee waan dhabeef haadha manaa isaatti dhukaasuun haalaan madooftee hospitaalaa jiraachuu maddeen gabaasaan. poolisoota dhukaasa wal irratti banaan keessaan kanneen wareegaman keessa1. Poolisii Tasfaayee Bahaaruu dhalootaan Oromoo, Bakki Dhaloota isaa Baalee, Agaarfaa ta’uun mirkanaa’era.
2.Poolisiin 2ffaan kan ajjeefame dhalootaan uummata kibbaa Sidaamaa yoo ta’uu, yeroof maqaa isaa kan hin arganne ta’uun ibasame jira.
3.Poolisootni Ergamtuu wayyaanee dhalootaa tigree ta’an lamaa olitti lakka’aman kanneen dhukaasaa poolisoota Oromoo waliin wal irratti bananiin ajjeefaman yeroof maqaan isaanii kan gargar hin baane ta’uun ibsamera.
4. Poolisootni hedduun kanneen madeeffaman jiraachuun ibsamera!!
Haaluma kanaan Magaalaan Amboocaalmaattigara Dirree waraanaatti jijjiiramtee jiraachuun raafama guddaa keessa galtee kan jirtu ta’uun hubatamera!! Suuraa poolisii Federaalaa Keessa kan hojjetu ilma Oromoo kan maqaan isaa ‘Tasfaayee Bahaaruu’; attach goone jirra.


